Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 8


Boqonnaa 8

Yaaqoob Isaayaas irraa dubbisuu itti in fufe: Guyyoota boodaa keessatti, Gooftichi Xiyooniin in jajjabeessa, akkasumas Israa’elin walitti in qaba—Warri furaman gammachuu guddaadhaan marfamanii gara Xiyooniin in dhufu—Isaayaas 51 fi 52:1–2 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, na dhaggeeffadhaa. Gara kattaa isa irraa argamtanii, akkasumas gara boolla bishaanii isa keessaa ol baafamtaniis ilaalaa.

2 Gara abbaa keessan Abrahaamiin, akkasumas gara Saaraa ishee isin deessees ilaalaa; ani qofaa isaan isa waame, akkasumas isa nan eebbise.

3 Sababni isaa Gooftichi Xiyooniin ni jajjabeessa, inni iddoowwan ishee warra duraa diigaman hundumaafis in mijeessa; lafa onaa ishee akka iddoo jannata Eeden, akkasumas gammoojjii ishees akka iddoo dhaaba Gooftichaa ni godha. Gammachuu fi ililleen achi keessatti ni argamu, galannii fi sagaleen faarfannaa achi keessaa ni dhaga’amu.

4 Yaa sabakoo, na dhaga’aa; akkasumas saba koo na dhaggeeffadhu; sababni isaa seerri ana biraa ni ba’a, akkasumas ani firdiin koos sabaaf ifa ta’ee akka jiraatu nan godha.

5 Qajeelummaan koo dhi’aateera, fayyisuun koos as ba’aa jira, akkasumas irreen koo namootatti ni farada. Lafoonni galaanaan marfaman anaan ni eeggatu, akkasumas isaan irree koos ni amanatu.

6 Ol jedhaatii gara bantiiwwan waaqaa ilaalaa, akkasumas gadi jedhaatii lafas ilaalaa; sababni isaa bantiiwwan waaqaa akka aaraatti bittinnaa’anii in badu, akkasumas laftis akka uffataa ni dulloomti; akkasumas warri ishee irra jiraatanis akkasumatti ni du’u. Fayyisuun koo garuu bara baraan ni jiraata, akkasumas qajeelummaan koos raawwatee hin dhaabbatu.

7 Isin warri qajeelummaa beektanna dhaga’aa; namoonni warri ani seera koo garaa keessan keessatti barreesses na dhaggeeffadhaa, isin arrabsoo namootaa hin sodaatinaa, yommuu isaan isinitti qoosanis hin na’inaa.

8 Sababni isaa biliin akka uffataatti isaan ni nyaatti, akkasumas raammoonis akka rifeensa hoolaatti isaan ni nyaatti. Qajeelummaan koo garuu bara baraan, akkasumas fayyisuun koos dhalootaa hamma dhalootaatti ni jiraata.

9 Yaa irree Waaqayyoo ka’i, humna keetiin ka’i; akka bara duriitti ka’i. Ati isa Rahaab, akkasumas jawwicha isa guddicha kan waraane si mitiiree?

10 Ati isa akka warri furaman keessa darbanitti, isa galaana gogsee; isa qilee galaana keessa karaa baase mitiiree?

11 Kanaafuu, warri Waaqayyo isaan fure deebi’anii, akkasumas faarfannaadhaan gara xiyoonitti ol ni ba’u; akkasumas gammachuu, fi qulqullummaan bara baraan mataa isaanii irraa ni ta’a; akkasumas isaan gammachuu fi ilillee ni qabaatu; akkasumas gaddii fi dhiphinni isaan irraa ni fagaata.

12 Ani isa; eeyyee, ani isa isin jajjabeessudha. Kunoo, ati eenyu, kan namoota warra du’uuf jiran, akkasumas ilmaan namootaa, warra akka margaa darbuuf jiran kan sodaattuu?

13 Akkasumas ana Waaqayyoon isa isin uume, isa bantiiwwan Waaqaa diriirsee hundee lafaa jabeessee dhaabe in irraanfattanii, akkasumas maaliif guyyaa hundumaa dheekkamsa warra isin cunqursanii, akkasumas warra isin balleessuudhaaf qophaa’anii taa’anii, sodaachaa jiraattuu? Akkasumas egaa dheekkamsi warra isin cunqursanii meerreree?

14 Inni boji’amee jiru, mana hidhaa keessatti akka hin duunetti, akkasumas inni buddeena nyaatus akka hin dhabnetti, inni dafee ni hiikama.

15 Garuu ani Waaqayyo Gooftaan keessan, isa dambaliin isaa akka huursu godhuudha; maqaan koos Waaqayyo Gooftaa Maccaati.

16 Akkasumas ani bantiiwwan waaqaa diriirsee, akkasumas hundee lafaas jabeessee nan dhaabe; akkasumas Xiyooniin akkas nan jedhe, ati saba kooti, dubbii koos afaan kee keessa nan kaa’a, akkasumas gaaddisa harka kootiinis sin haguuga nan jedhe.

17 Ka’i, yaa Yerusaalem, ati xoofoo dheekkamsa harka Waaqayyoo keessaa dhugdeetta—siicoo isaa isa mataa nama naannessus xuruurfatteetta; kanaafis ka’ii dhaabadhu—

18 Akkasumas, ilmaan isheen deesse hundumaa keessaa kan ishee qajeelchu tokkoyyuu hin jiru; ilmaan isheen guddifte hundumaa keessaas tokko illee, kan harka ishee qabe hin jiru.

19 Ilmaan kun lamaan gara kee in dhufu, warri siif gaddan eenyuu—diigamuu fi badiisi, akkasumas beellii fi billaan yommuu sitti dhufan—akkasumas ani eenyuudhaan si jajjabeessuree?

20 Ilmaan kee lamaanii kanneen irraan kan hafe, isaan dheekkamsaa fi, ifannaa Gooftaa fi Waaqayyoo keetiin guutamaniiru; ilmaan kee akka borofa kiyyoodhaan qabamee, isaan dadhabanii karaa hundumaa irra in ciciisu.

21 Kanaafuu amma ati isheen, daadhii wayniitiin utuu hin ta’in, akkasumas dhiphinaan machoofte, kana dhaga’i:

22 Gooftaan kee akkas jedha, Waaqayyo akkasumas Gooftaan kee si’iin saba isaa in gargaara; kunoo, ani xoofoo dhugaatii isa mataa namaa naannessu, siicoo dhekkamsa kootis harka kee keessaa nan fuudha; ati deebitees kana caalaa isa hin dhugdu.

23 Garuu ani isa harka warra si dhiphisanii, warra si cunqursanii keessas nan kaa’a; warra lubbuu keetiin; gad jedhi, nuyi si irra in adeemnaa siin jedhan—akkasumas ati akka lafaatti akka karaa namni irra yaa’uutti akkasumas dugda kee irra akka adeeman goote sanatti nan kenna.

24 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi, humna godhadhuutii ka’i; Yaa Yerusaalem, mandara qulqulluu nana, uffata miidhagina keetii uffadhu; sababni isaas, kana booda warri dhaqna hin qabannee fi warri xuraa’oonni kana caalaa si keessa hin lixan.

25 Yaa Yerusaalem ka’i, taa’i, Awwaaras of irraa hurgufi; Yaa intala Xiyoon ishee booji’amtee, hidhaa morma kee irraa hiiki.