Caaffata qulqullaa’aa
Enoos 1


Macaafa Enoos

Boqonnaa 1

Enoos humnaan in kadhate, akkasumas cubbuuwwan isaatiif dhiifama in argate—Sagaleen Gooftichaa gara sammuu isaa in dhufe, guyyaa dhufu keessatti warra Laamaaniif fayyina in abdachiise—Warri Nefii warra Lamaaniin deebisuuf in yaalan—Enoos Furee isaatti in gammade. Naannoo bara 420 Dh.K.D.

1 Kunoo, kun erga ta’ee booddee ani, Enoos, abbaan koo nama qajeelaa ta’uu isaa waanan beekuuf—inni afaan isaatiin, akkasumas immoo kunuunsaa fi gorsa Gooftaa keessattis na barsiiseera—akkasumas maqaan Waaqayyo kootiis sababa kanaaf kan eebbifame haa ta’u—

2 Akkasumas, ani dhiifama cubbuuwwan kootiif utuun hin argatin dura, ani wal’aansoon Waaqayyo duratti godhe isinitti nan hima.

3 Kunoo, ani bineensota adamsuuf bosona keessa nan deeme; akkasumas dubbiiwwan abbaan koo waa’ee jireenya bara baraa, akkasumas waa’ee gammachuu warra qulqullootaa yeroo dubbatu inni ani yeroo baay’ee dhaga’ee tures, garaa koo keessa gadi fageenyaan in lixe.

4 Akkasumas, lubbuun koos in beelofte; akkasumas ani fuula Uumaa koo dura nan jilbeenfadhe, akkasumas lubbuu kootiif kadhannaa fi himata guddaadhaan gara isaatti nan iyyadhe; akkasumas ani guyyaa guutuus gara isaatti nan iyye; eeyyee, akkasumas yommuu halkan ga’us amma iyyuu sagalee koo ol kaase waaqa bira akka ga’u nan godhe.

5 Akkasumas, sagaleen tokko akkas jechuudhaan gara koo in dhufe: Enoos, cubbuuwwan kee siif dhiifamaniiru, akkasumas ati in eebbifamta.

6 Akkasumas ani, Enoos, Waaqayyo sobuu akka hin dandeenye nan beeka; kanaafuu, yakki koo haqamee ture.

7 Akkasumas ani akkas nan jedhe: Gooftaa kun akkamitti ta’aa?

8 Akkasumas inni akkas nan in jedhe: Kun sababii ati Kiristoos isa kanaan dura gonkumaa dhageessee, argitees hin beeknetti amanteefiidha. Akkasumas, inni qaama fooniin ofii isaa mul’isuu dura waggoonni baay’een in darbu; kanaafuu, amantiin kee si fayyiseera, deemi.

9 Amma, kun erga ta’ee booddee, ani yommuun dubbiiwwan kana dhaga’etti ani nageenya obbooloota koo, warra Nefiif hawwuun natti dhaga’amuu in jalqabe; kanaafuu, ani lubbuu koo guutuu isaaniif gara Waaqayyootti nan dhangalaase.

10 Akksumas, yommuu ani akkasittiin hafuuran wal’aansootti jirutti, kunoo, sagaleen Gooftichaa ammas gara sammuu kootii akkas jechuun, in dhufe: Ani akka cimina obboloonni kee abboommota koo eeguuf qabaniitti isaan nan daawwadha. Ani biyya kana isaaniif kenneera, akkasumas biyyi kunis kan qulqulloofteedha; akkasumas ani sababii jal’inaaf yoo ta’e malee hin abaaru; kanaafuu, ani akkuman dubbadhee turetti ani obboolota kee nan daawwadha; akkasumas ani irra daddarbaawwan isaaniitiin gadda mataadhuma isaanii irratti nan buusa.

11 Akkasumas ani, Enoos, dubbiiwwan kana ergan dhaga’een booda, amantiin koo Gooftaa irratti kan hin raafamne ta’uu in jalqabe; akkasumas ani obboloota koo warra Laamaaniif, wal’aansoo baay’ee dheeraadhaan isa nan kadhadhe.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani ergan kadhadhee fi cimina hundumaan dhama’ee booda, Gooftichi akkas naan in jedhe: Ani amantii kee irraa kan ka’e, akka fedha keetiitti siif nan kenna.

13 Akkasumas amma kunoo, kun fedhii isa ani isa irraa barbaaduun ture—sabni koo, warri Nefii, irra daddarbaa isaanii keessatti kufuun yoo irra jiraate, akkasumas karaa kamiin iyyuu baduun yoo irra jiraates, akkasumas warri Laamaan baduun yoo irra hin jiraanne, akka Waaqayyo Gooftaan galmee saba kootii, isa kan warra Nefii eeguufiidha; humna irree qulqulluu isaatiitiin yoo ta’e illee, isaan kunis guyyaa gara fuul-duraatti warri Laamaaniif akka fidamaniif, akka, tarii, isaan gara fayyinaatti dhufaniifiidha—

14 Yeroo ammaa kana isaaniin gara amantii dhugaatti deebisuu keessatti wal’aansoon keenya akkasumaan ture. Akkasumas, isaan galmeewwan keenyaa fi nuyiin, akkasumas immoo aadaa abbootii keenyaa, kan danda’amu yoo ta’e dheekkamsa isaaniitiin akka balleessan kakataniiru.

15 Kanaafuu, Waaqayyo Gooftaan galmeewwan keenya eeguu akka danda’u ani waanan beekuuf, innis: waanta isin amantiidhaan gaafattan kamiyyuu maqaa Kiristoosiin akka fudhattan amantaniiyoo gaafattan, isin isa in fudhattu, waan naan jedheef, ani itti fufee gara isaatti nan iyye.

16 Akkasumas, ani amantii qaban ture, akkasumas ani akka inni galmeewwan eeguuf gara Waaqayyootti nan iyye; akkasumas inni yeroo ofii isaatitti isaaniin gara warra Laamaaniitti akka fidu anaa wajjin kakuu in gale.

17 Akkasumas akkaataa kakuu inni galeetiin akka ta’u ani, Enoos, beekeera; kanaafuu lubbuun koo boqonnaa in argatte.

18 Akkasumas, Gooftaan akkas naan jedhe: Abbootiin kees immoo waan kana na irraa barbaadaniiru; akkasumas kun akka amantii isaaniittis isaaniif in raawwatamaafi; sababni isaa amantiin isaanii akka isa kan keetii fakkaata ture.

19 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, ani, Enoos, waa’ee waantota dhufuuf jiranii saba Nefii gidduu naanna’ee raajii nan dubbadhe, akkasumas waa’ee waantota ani dhaga’ee fi isan argee turee dhugaa nan ba’e.

20 Akkasumas, sabni Nefiis warra Laamaaniin gara amantii dhugaa isa kan Waaqayyotti deebisuuf itti dhimmanii akka barbaadan ani dhugaa nan ba’a. Hojiiwwan keenya garuu akkasumaan turan; jibbi isaanii dhaabbataa ture, akkasumas isaan amala uumamaa isaanii isa hamaadhaan akka bineensaatti geggeeffamanii turan, akkasumas gara-jabeeyyii, akkasumas saba dhiiga dheebotan, warra guutummaatti waaqa tolfamaa waaqessanii fi warra xuraa’oodha; bineensota adamfaman soorachuudhaan; dunkaana keessa jiraachuudhaan, akkasumas gogaa gabaabaa mudhii isaaniitti hidhatanii rifeensa isaaniis haaddatanii lafa onaa keessa naannaa’an; akkasumas ogummaan isaaniis xiyya, eeboo, akkasumas qottoodhaan ture. Akkasumas, baay’een isaanii foon dheedhii irraa kan hafe homaa hin nyaanne; akkasumas isaan utuu addaan hin kutin nu balleessuu barbaadanii turan.

21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni Nefii lafa qotanii, akkasumas midhaan gosa hundumaa fi kuduraa, akkasumas tuuta hoolaa fi tuta horii gosa hundumaa, akkasumas re’ootaa fi re’oota bosonaa, akkasumas immoo fardeen baay’ee in horsiisan.

22 Akkasumas, raajonni garmalee baay’een gidduu keenya in jiru turan. Akkasumas, sabichis saba boqu-jabeessa, akkasumas warra hubachuun itti ulfaatu turan.

23 Akkasumas, waa’ee gara-jabina hammaataa, waa’ee lolaa, walitti bu’iinsaa fi badiisa lallabuu fi raajii dubbachuu, akkasumas du’awaa’ee yeroo isa bara baraa, firdii fi humna Waaqayyoo, akkasumas waa’ee waantota kana hundumaa yeroo hundumaa isaan yaadachiisuu malee waanti tokko illee hin turre—sodaa Gooftaa keessa akka isaan turaniif yeroo hundumaa isaan nan kakaasa. Waantota kanaa fi dubbicha isa gar-malee ifa ta’e irraa kan hafe ariitiidhaan gara badiisaatti deemuu irraa kan isaan eegu waanti tokko illee hin turre nan jedha. Akkasumas, ani waa’ee isaanii haala kanaan nan barreessa.

24 Akkasumas, baroota guyyoota kootii keessatti lola warra Nefii fi warra Laamaaniin gidduutti nan arge.

25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani dulloomuu nan jalqabe, akkasumas yeroo abbaan keenya Lehiin Yerusaalem keessaa ba’e irraa kaasee waggoonni dhibbaa fi torbaatamii sagal darbaniiru.

26 Akksumas, ani yeroo dhiyootti gara awwaala kootiitti gadi bu’uu akkan qabu nan arge, saba kanatti lallabuu fi raajii dubbachuu akkasumas akka dhugaa Kiristoos keessa jiruutti dubbicha akkan labsuuf humni Waaqayyoo na irratti hojjetee ture. Akkasumas, ani baroota koo hundumaattis isa nan labse, akkasumas kan biyya lafaa caalaas itti nan gammade.

27 Akkasumas, ani yeroo muraasa boodas gara iddoo boqonnaa koo isa Furee koo wajjin jiruutti nan adeema; sababni isaa isaan akkan boqodhu ani nan beeka. Akkasumas, ani guyyaa qaamni koo inni du’u isa hin duune uffatee, akkasumas fuula isaa dura dhaabbatu sanatti nan gammada; yommuu sanatti ani fuula isaa gammachuudhaan nan arga, akkasumas innis akkas naan in jedha: Gara koo kottu, ati eebbifamteetta, mana Abbaa koo keessa iddoon jireenyaa siif qophaa’e jira. Ameen.