Macaafa Jaarom
Boqonnaa 1
Warri Nefii seera Musee in eegan, dhufaatii Kiristoosiinis in eeggatan, akkasumas biyyicha keessattis in badhaadhan—Raajonni baay’een sabicha karaa isa dhugaa irratti eeguuf in dhama’u. Naannoo bara 399–361 Dh.K.D.
1 Amma kunoo, ani, Jaarom, hiddi dhaloota keenyaa akka eegamuuf akkaataa abboommii abbaa koo, Enoositti, dubbiiwwan muraasa nan barreessa.
2 Akkasumas, gabateewwan kun xiqqoo waan ta’aniif akkasumas waantonni kun faayidaa obboloota keenya warra Laamaaniif barreeffamaniiru, kanaafuu, ani xiqqoo barreessuun koo kun barbaachisaadha; garuu ani waantota raajiiwwan kootii ta’aniis ta’e, mul’ata kootiis hin barreessu. Sababni isaa isa abbootiin koo barreessan caalaa ani maal barreessuun danda’aree? Sababni isaas isaan karoora fayyinaa hin mul’isneeree? Ani akkas isiniin nan jedha, Eeyyee; akkasumas kun anaaf ga’aadha.
3 Kunoo, sababii garaan isaanii jabaateef, akkasumas duudummaa gurra isaaniitiif, akkasumas yaada isaanii jaamsaniif, akkasumas boqu-jabina isaaniitiif jecha saba kana gidduutti waanti baay’een hojjetamuun isaa barbaachisaadha; haa ta’u malee, Waaqayyo isaaniif gar-malee araara qabeessa waan ta’eef, akkasumas hamma ammatti biyya lafaa irraa isaan hin balleessine.
4 Akkasumas, hundumti isaanii boqu-jabeeyyi waan hin ta’iniif, warri mul’ata baay’ee qaban gidduu keenya baay’een isaanii jiru, Akkasumas, warri boqu-jabeeyyii hin taanee fi amantii qaban baay’ee waan a’aniif akkasumas akka amantii isaanitti Hafuura Qulqulluu isa ilmaan namaatti of mul’isu wajjin walitti dhufeenya qabu.
5 Akkasumas amma, kunoo, waggoonni dhibba lama darbaniiru, akkasumas sabni Nefii biyyattii keessatti jabaatanii baay’atanii turan. Isaan warra seera Musee fi guyyaa sanbataa Gooftichaaf qulqullinatti warra eegan turan. Akkasumas, isaanis dubbii xuraa’aa hin dubbanne; isaan Waaqayyoo irratti ka’anii dubbii tuffii hin dubbanne. Akkasumas seeronni biyyattiis gar-malee cimaa turan.
6 Akkasumas isaanii fi warri Laamaan baay’inaan biyya lafaa irra faffaca’anii turan. Akkasumas, isaan warra Nefii caalaa gar-malee baay’ee turan; akkasumas isaan ajjeechaa jaal’atu turan, akkasumas dhiiga bineensotaas in dhugu turan.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan yeroo baay’eedhaaf nuyiin, warra Nefii, irratti ka’anii loluuf in dhufan. Garuu mootonni keenya fi geggeessitoonnii keenya garuu amantii Gooftaaratti qabanii jajjaboo turan, akkasumas isaan karaawwan Gooftaas sabicha in barsiisan; kanaafuu, nuyi warra Laamaaniin mo’annee biyya keenya keessaa isaan in balleessine, akkasumas tika magaalota keenya yookiin iddoo dhaala keenyaa kamiin iyyuu jabeessuu in jalqabne.
8 Akkasumas, nuyi garmaleewal horree in baay’anne, akkasumas biyya lafaa irrattis in babal’anne, akkasumas warqeedhaan, akkasumas meetiidhaan, akkasumas waantota gati-jabeeyyiidhaan, akkasumas hojii mukaa isa harkaan tolfamee bareedeen, gamoowwaniin, akkasumas mashiinootaan, akkasumas immoo sibiila boorrajjii fi sibiilaan, akkasumas sibiila diimaa fi sibiila gurraachaan, meeshaalee gosa hundumaa lafa ittiin qotuuf oolan, akkasumas meeshaalee lolaa—eeyyee, xiyya qara qabu, akkasumas mann’ee xiyyaa, akkasumas bodeedhaan, akkasumas eeboodhaan, akkasumas qophii lolaa hundumaa gochuudhaanis garmalee in sooromne.
9 Akkasumas, akkasittiin warra Laamaanii wajjin wal-arguuf utuu qophaa’aa jirruu, isaan nu irratti hin milkoofne. Garuu dubbiin Gooftaan abboota keenyatti akkas jechuun dubbate ture in mirkanaa’ee: Isin hammuma abboommota koo eegdan isin biyyicha keessatti in badhaatu.
10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abboommota hin eegan yoo ta’ee fi isaan irra daddarbaatiin yoo kufan, akka sagalee Waaqayyootti biyya lafaa irraa akka balleefaman raajonni Gooftaa saba Nefii in doorsisan.
11 Kanaafuu, raajonni, luboonnii fi barsiisonni obsa hundumaan namoonni akka cimaniif jajjabeessuudhaan, itti dhama’anii in hojjetan; seera Musee, akkasumas kaayyoo inni itti kennamee ture barsiisaa turan; Masihicha hawwiidhaan gara fuul-duraatti akka eeggataniif, akkasumas akka waan inni duraan tureettis akka amananiif isaan amansiisaniiru. Akkasumas, isaan akkaataa kanaan isaaniin barsiisaniiru.
12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan akkas gochuudhaanis biyya lafaa irraa akka isaan hin balleeffamneef isaan in eegan; dubbichaanis garaan isaanii waan baqaqeef, yeroo hundumaas gara yaada garaa geeddarannaatti isaan kakaasaniiru.
13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, haala walitti bu’iinsaa, akkasumas lolaa, akkasumas gargar ba’uun yeroo baay’ee tureera—haala kanaan waggoonni dhibba lamaa fi soddomii saddeet darbaniiru.
14 Akkasumas ani, Jaarom, gabateewwan kun xiqqoo waan ta’aniif kana caala hin barreessu, Garuu kunoo, obboolota koo, isin gara gabateewwan Nefii warra kan biroo deemuu in dandeessu; sababni isaas kunoo, galmeewwan lola keenyaa akka barreeffamoota moototaatti yookiin kanneen isaan akka barreeffaman godhanitti bocamanii jiru.
15 Akkasumas, ani gabateewwan kanas akka abboommota abboota kootiitti akka eegamaniif, harka ilma koo Oomniitti dabarsee isaan nan kenna.