Caaffata qulqullaa’aa
Dubbiiwwan Mormoon 1


Dubbiiwwan Mormoon

Boqonnaa 1

Mormoon gabateewwan gurguddaa isa kan Nefii in gabaabse—Inni gabateewwan warra xixiqqoo gabateewwan warra kaanii wajjin in kaa’e—Mootichi Biniyaam biyyicha keessatti nagaa in hundeesse. Naannoo bara 385 Dh.K.B.

1 Akkasumas amma ani, Mormoon, galmee isa ani hojjedhee ture sana harka ilma koo Morooniitti dabarsee kennuudhaaf utuu jedhuu, kunoo ani badiisa saba kootii, warra Nefii, guutummaatti argeera.

2 Akkasumas dhufaatii Kiristoosiin booda waggoota dhibba baay’ee booda ani galmeewwan kana harka ilma kootiitti nan dabarsa; akkasumas inni badiisa saba koo hundumaas waan argu natti in fakkaata. Tarii guyyaa tokko akka isaan fayyaduuf, inni waa’ee isaanii hamma tokko, akkasumas waa’ee kiristoos hamma tokko akka barreesuuf Waaqayyo isaan akka oolchu garuu nan hawwa.

3 Akkasumas amma, ani waa’ee waantan barreesse sana ilaalchisee ani hamma tokko nan dubbadha; sababni isaas ani gabateewwan isa kan Nefii kanan gabaabsee barreesse irraa kaasee hamma bara bulchiinsa mooticha Biniyaam kan Amaaleq waa’ee isaa dubbateetti, gabateewwan natti kennaman keessa nan barbaade, akkasumas gabateewwan kanneen kan seenaa xixiqqaa raajotaa Yaaqoobii kaasee dubbiiwwan Nefii hedduu dabalatee hamma bulchiinsa mootii Biniyaamitti seenessan nan argadhe.

4 Akkasumas, waantonni gabateewwan kana irra jiran, sababa raajiiwwan waa’ee dhufaatii Kiristoosiin ta’aniif na gammachiisu; akkasumas abbootiin koo baay’een isaanii akka raawwataman in beeku; eeyyee, akkasumas ani immoo waantonni hamma har’aatti waa’ee keenya ilaalchisee raajiidhaan dubbataman baay’een isaanii akka raawwataman, akkasumas warri guyyaa kana irra darbanis dhugaadhumatti akka raawwatamu qaban nan beeka—

5 Kanaafuu, ani galmee koo isaan irratti xumuruuf waantota kana nan filadhe: galmee koo isa hafe immoo gabateewwan Nefii irraa nan fudhadha, akkasumas ani waatota saba koo keessaas kutaa dhibbaffaa barreessuu hin danda’u.

6 Garuu kunoo, ani gabateewwan warra raajiiwwanii fi mul’ata kana of keessa qaban kana nan fudhadha, akkasumas galmee koo isa hafee wajjin isaan nan kaa’a, sababni isaas isaan anaaf filatamoodha; akkasumas ani akka isaan obboloota kootiif filatamoo ta’an nan beeka.

7 Akkasumas, ani akkaataa hojii Hafuura Gooftichaa isa ana keessa jiru, waan natti hasaasuu isaan kana kaayyoo ogummaatiif nan hojjedha. Akkasumas amma, ani waantota hundumaa hin beeku; garuu Gooftaan waantota dhufuuf jiran hundumaa in beeka; kanaafuu, inni ana keessatti akkaataa fedhii isaatti in hojjeta.

8 Akkasumas, eeyyee, gara Waaqayyoon beekuutti, eeyyee, oolchuu Kiristoositti dhufanii amma illee isaan al-tokko saba gammadoo akka ta’aniif waa’ee obboloota kootiif Waaqayyoon nan kadhadha.

9 Akkasumas amma ani, Mormoon, galmee koo isa ani gabatee isa kan Nefii irraa fudhadhe galmeessuu xumuruuf itti nan fufa; akkasumas ani akkaataa beekumsaa fi hubannoo Waaqayyo naaf kennetti kana nan godha.

10 Kanaafuu, kun erga ta’ee booddee Amaaleeqiin gabateewwan kana harka mooticha Biniyaamitti erga dabarsee kenneen booda, inni isaaniin fuudhee galmeewwan mootonni dhalootaa dhalootatti hamma bara mooticha Biniyaamitti dabarsaa turan of keessaa isa qabuu wajjin in kaa’e.

11 Akkasumas, isaan hamma harka koo keessatti kufanitti mooticha Biniyaam irraa kaasee dhaloota irraa gara dhalootatti daddabarfamaniiru. Akkasumas, yeroo ammaa kana irra jalqabanii akka isaan eeggamanii turfamaniif ani, Mormoon, Waaqayyoon nan kadhadha. Akkasumas, waantonni gurguddaan akka dubbii Waaqayyoo isa barraa’etti kanakkaataa guyyaa isa guddaa fi isa dhumaa sanatti saba koo fi obboloota isaanii irrattiittiin faradamu isaan irratti waan barreeffameef isaan akka eegamanii tursiifaman nan beeka.

12 Akkasumas amma, mooticha Biniyaamiin kana ilaalchisee—inni saba ofii isaatii gidduutti hamma tokko walitti bu’iinsa qaba ture.

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee immoo, loltoonni warra Laamaan saba isaa loluuf biyya Nefiii keessaa ba’anii gadi in dhufan. Garuu kunoo, mootichi Biniyaam loltoota isaa walitti qabatee, akkasumas inni isaan irratti ka’ee dura in dhaabbate; akkasumas inni irree jabina ofii isaatiin, billaa Laabaaniini in lole.

14 Akkasumas, isaan jabina Gooftaatiin hamma warra Laamaaniin kumaatama baay’ee ajjeesanitti, diinota isaanii wajjin wal in falman. Akkasumas, kun erga ta’e booddee biyya dhaala isaanii hundumaa keessaa hamma isaaniin ari’anii baasanitti warra Laamaanii wajjin wal in falman.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Kiristoosiinsobaa erga dhufee booda, akkasumas afaan isaanii in cufame, akkasumas isaan akka yakka isaanitti in adabaman;

16 Akkasumas, raajonni sobaa, akkasumas lallabdoonni sobaa fi barsiisonni sobaa namoota gidduu erga turanii booda, akkasumas hundumti isaaniis akkaataa yakka isaaniitti erga adabamanii; akkasumas erga walitti bu’iinsa baay’ee fi baay’een isaaniis addaan cabanii gara warra Laamaaniin deemanii booda, kunoo, kun erga ta’ee booddee mootichi Biniyaam gargaarsa raajota qulqulloota warra saba isaa gidduu turaniin—

17 Sababiin isaas kunoo, mootichi Biniyaam nama qulqulluu ture, akkasumas inni qajeelummaadhaan saba isa irratti in mo’e; akkasumas biyyattii keessa namoonni qulqulluun baay’ee turan, akkasumas isaanis humnaa fi aangoodhaan dubbii Waaqayyoo in dubbatu; akkasumas isaan sababii boqu-jabina sabichaa irraan kan ka’e ifannaa cimaa ta’an baay’ee fayyadamanii turan—

18 Kanaafuu, gargaarsa warra kanaatiin, mootichi Biniyaam, lubbuu isaa guutuu akkasumas humna qaama isaa guutuudhaan, akkasumas immoo raajotaa wajjin hojjechuudhaan, ammas deebisee biyyattii keessatti nagaa in buuse.