Caaffata qulqullaa’aa
Oomnii 1


Macaafa Oomnii

Boqonnaa 1

Oomnii, Amaaroon, Keemish, Abinadomii, fi Amaaleeqiin, tokkoon tokkoon isaanii dabareedhaan galmeewwan in eegu—Mozaayyaan saba Zarahemlaa kan warra bara Zedeqiyaasiin Yerusaalem irraa dhufanii in bare—Mozaayyaan isaan irratti mootii godhame—sanyiiwwan Muleek Zarahemelaatti argaman Kooriyaantumurin, warra Yareedii keessaa isa dhumaa argataniiru—Mootichi Biniyaam iddoo Mozaayyaa in bu’a—Namoonni lubbuu isaanii akka aarsaatti Kiristoosiif dhiyeessuu qabu. Naannoo bara 323–130 Dh.K.D.

1 Kunoo, kun erga ta’ee booddee ani, Oomniin abbaa koo, Jaaromiin, hidda sanyii keenyaa eeguuf gabateewwan kana irratti hamma tokko akkan barreessuuf abboomameen ture—

2 Kanaafuu, guyyoota kootti sabni koo, warri Nefii, harka diinota isaanii, warra Laamaanitti, akka isaan hin kufneef eeguudhaaf, ani billaadhaan baay’ee akkan lole akka isin beektan nan barbaada. Garuu kunoo, ani ofii kootii nama jal’aadha, akkasumas ani akkan gochuu qabutti seerrataa fi abboommota Gooftaa hin eegne.

3 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, waggoonni dhibba lamaa fi torbaatamii ja’a darbaniiru, akkasumas nuyi yeroo nagaa baay’ee qabaannee turre; akkasumas nuyi yeroo lolaa hamaa fi dhangala’uu dhiigaa baay’ee dabarsiinee turre. Eeyyee, akkasumas dhuma irratti, waggoonni dhibba lamaa fi saddeettamii lama darbaniiru, akkasumas ani akka abboommota abbootii kootiitti gabateewwan kana eegeera; akkasumas ani ilma koo Amaaroonittis dabarsee isaan kenneera. Akkasumas ani xumureera.

4 Akkasumas amma ani, Amaaroon, waantota ani barreessu kamiin iyyuu, warra muraasa ta’an macaafa abbaa kootii keessatti barreessa.

5 Kunoo, kun erga ta’ee booddee waggoonni dhibba sadii fi digdamni darbaniiru, akkasumas warra Nefii keessaa kutaan inni caalaatti jal’aa ta’e balleeffamee ture.

6 Sababni isaa Gooftaan biyya Yerusaalem keessaa erga isaan baasee, erga isaan eegee fi isaan kunuunsee booda, akka isaan harka diinota isaanitti kufaniif, inni hin hayyamu ture, eeyyee, dubbiiwwan inni akkas jechuun, abbootii keenyatti dubbatee ture akka hin mirkanoofneef, hin hayyamu ture: isin abboommota koo hamma hin eegnetti isin biyyicha keessatti hin badhaatan.

7 Kanaafuu, Gooftichi firdii guddaadhaan isaan daawwateera; haa ta’u malee, qajeelonni akka hin badneef inni isaan in oolche, garuu harka diinota isaanii jalaa isaan baaseera.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani gabateewwan obbooleessa koo Keemiishitti dabarse nan kenne.

9 Amma ani, Keemiish, waantota muraasa ani barreessu obboleessa koo wajjin macaafa tokko keessatti nan barreessa; sababni isaas kunoo, ani isa xumuraa isa inni barreessee, inni harka ofii isaatiin akka barreesse ani argeera; akkasumas inni guyyaa itti dabarsee isaaniin natti kenne sanatti inni isaan barreesseera. Akkasumas, akkaataa abboommota abbootii keenyaatti nuyis haala kanaan galmeewwan kana in eeganna. Akkasumas ani xumura nan godha.

10 Kunoo, ani, Abinaadoom, ilma Keemishidha. Kunoo, kun erga ta’ee booddee, lolaa fi walitti bu’iinsa baay’ee saba koo, warra Nefii fi warra Laamaaniin gidduutti nan arge; akkasumas ani, billaa ofii kootiitiin obboloota koo irraa ittisuuf lubbuu warra Laamaan baay’ee balleesseera.

11 Akkasumas kunoo, seenaan saba kanaa akkaataa dhalootichaatti isaaniitti, gabateewwan mootootaa irratti bocamanii jiru; akkasumas ani isa barreeffameen yoo ta’een malee, raajiis ta’e mul’ata hin beekun ture; kanaafuu, waanti ga’aa ta’e barreeffameera. Akkasumas ani xumura nan godha.

12 Kunoo, ani ilma Abinaadoom, Amaaleqiidha. Kunoo, ani waa’ee Mozaayyaa, isa biyya Zarahemlaa irratti mootii ta’ee turee, hamma tokko isinitti nan dubbadha; sababni isaas kunoo, inni biyya Nefii keessaa akka baqatuuf Gooftaadhaan akeekkachiifameera, akkasumas warri sagalee Gooftichaa dhaggeeffatan baay’eenis immoo isaa wajjin, biyya sana keessaa gara lafa onaatti ba’aniiru—

13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni akkaataa Gooftaan isa abboommetti in raawwate. Akkasumas, warri sagalee Waaqayyoo dhaggeeffatan baay’een isaanii, biyya sana keessaa gara lafa onaatti in ba’an; akkasumas isaan lallabaa fi raajii baay’eedhaan gaggeefamanii turan. Akkasumas, isaan yeroo hundumaa sagalee Waaqayyotiin gorfamaa turan; akkasumas lafa onaa keessa darbanii hamma gara biyya Zarahemlaa jedhamee waamamutti gadi darbanitti humna irree isaatiin in gaggeeffaman.

14 Akkasumas, isaan saba warra Zarahemlaa jedhamanii waamaman isaan saba tokko argatanii turan. Amma, saba Zarahemlaa gidduutti gammachuu guddaatu ture; akkasumas immoo Zarahemlaan gar-malee gammaddee turte, sababni isaas Gooftaan gabateewwan sibiila diimaa kan galmee warra Yihuudotaa of keessaa qabu sana saba Mozaayyaa wajjin ergee ture.

15 Kunoo, kun erga ta’ee booddee Mozaayyaan yeroo mootiin Yihudaa Zedeqiyaas booji’amee gara Baabilonnitti fudhatame sanatti namoonni Zarahemlaa Yerusaalem keessaa akka isaan ba’an in bare.

16 Akkasumas, isaan lafa onaa keessa deemanii, akkasumas harka Gooftaatiin bishaan gurguddaa sana ce’anii, isaan gara biyya isa Mozaayyaan argateetti fidamanii turan; akkasumas isaan yeroo sanaa irraa jalqabanii achi jiraachaa turan.

17 Akkasumas, yeroo Mozaayyaan isaanargetti, isaan lakkoobsaan garmalee baay’atanii turan. Haa ta’u malee, isaan lola baay’ee fi walitti bu’iinsa hamaa qabu turan, akkasumas isaan yeroodhaa gara yerootti billaadhaan kufaniiru; akkasumas afaan isaan dubbatanis kan hubatamuu hin dandeenye ta’ee ture; akkasumas isaan galmeewwan isaanii tokoyyuu hin fidne turan; akkasumas isaan akka Uumaan isaanii jirus gananiiru; akkasumas Mozaayyaanis ta’e sabni Mozaayyaa isaaniin hubachuu hin dandeenyeen turan.

18 Garuu kun erga ta’ee booddee, Mozaayyaanis akka isaan afaan isaatiin barsiifaman in godhe. Akkasumas kun erga ta’ee booda, isaan afaan Mozaayyaan erga barsiifamanii booda, Zarahemlaan akka yaadannoo isaatti hidda dhaloota abbootii isaa in kenne; akkasumas isaanis barreeffamaniiru, garuu gabateewwan kanneen keessatti miti.

19 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee sabni Zarahemlaa, akkasumas sabni Mozaayyaa, walii wajjin in tokkooman; akkasumas Mozaayyaan mootii isaanii akka ta’uuf muudamee ture.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, bara Mozaayyaa keessa dhagaan guddaan boca ofirraa qabu tokko isaatti fidamee ture; akkasumas innis isa irratti bocamee ture sana kennaa fi humna Waaqayyootiin in hiike.

21 Akkasumas, isaan waa’ee seenaa Kooriyantumar tokko fi saba isaa warra ajjeefamanii turanii in dubbatan. Akkasumas, Kooriyaantumaris saba Zarahemlaatiin argamee ture; akkasumas inni turtii ji’oota sagaliitiif isaanii wajjin in jiraate.

22 Inni immoo waa’ee abbootii isaa dubbiiwwan muraasa dubbateera. Akkasumas, yeroo Gooftaan afaan sabichaa waliin makeetti maatiin isaa warri jalqabaa masaraa sana keessaa in ba’an; akkasumas jabinni Gooftichaas akka firdii isaa, isa qajeelaa ta’etti isaan irratti bu’ee ture; akkasumas lafeen isaaniis gara kaabaatti lafa keessa faca’ee ciisee ture.

23 Kunoo, ani, Amaaleeqi, bara Mozaayyaa keessan dhaladhe; akkasumas ani du’a isaa arguufis jiraadheera; akkasumas ilmi isaa, Biniyaam, iddoo isaa in mo’e.

24 Akkasumas kunoo, lola hamaa fi dhangala’uu dhiigaa, warra Nefii fi warra Laamaaniin gidduutti bara mooticha Biniyaam ture ani argeera. Hamma mootichi Biniyaam biyya Zarahemlaa keessaa ari’ee isaan baasutti, garuu kunoo, warri Nefii isaan irratti olaantummaa guddaa in argatan.

25 Akksumas kun erga ta’ee booddee, ani dulloomuu nan jalqabe; akkasumas, sanyii waanan hin qabneef, akkasumas mootiichi Biniyaam Gooftaa duratti nama qajeelaa ta’uu isaa waanan beekuuf, kanaafuu, namoonni hundinuu gara Waaqayyoo, isa Qulqulluu kan Israa’elitti akka dhufaniif nan jajjabeessa, akkasumas raajii dubbachuutti, akkasumas mul’ataa, fi tajaajila ergamootaatti, akkasumas kennaa afaan haaraa dubbachuutti, akkasumas kennaa afaanota hiikuutti, akkasumas Gooftaa biraa kan dhufuun alatti waanti gaariin waan hin jirreef waantota gaarii ta’an hundumaattiakka amananiif, ani gabateewwan kana isaaf dabarsee nan kenna; akkasumas waanti hamaan daabiloosiin biraa in dhufa.

26 Akkasumas ammas, jaal’atamoo obboloota koo, ani akka isin gara Kiristoosiin isa Qulqulluu kan Israa’el ta’etti dhuftanii, fayyina isaa fi humna furuu isaa irraa akka hirmaattan nan barbaada. Eeyyee, gara isa kottaa, akkasumas lubbuu keessan guutummaatti aarsaa godhaatii isaaf dhiyeessaa, akkasumas soomaa fi kadhannaa keessan itti fufaa, akkasumas hamma dhumaattis jabaadhaa dhaabbadhaa; akkasumas dhugaa Waaqayyo isa jiraataati isin in fayyitu.

27 Akkasumas, amma ani waa’ee namoota murtaa’oo ta’anii warra gara biyya isa kan Nefiitti deebi’uuf gara lafa onaatti deemanii ilaalchisee hamma tokko nan dubbadha; sababiin isaas warri biyya dhaala isaanii dhaaluuf hawwan lakkoobsaan baay’ee turan.

28 Kanaafuu, isaan gara lafa onaatti in adeeman. Akkasumas, geggeessaan isaaniis nama cimaa fi jabaa, akkasumas boqu-jabeessa ture, kanaafuu inni akka walitti bu’iinsi isaan gidduu jiraatu in godhe; akkasumas warra shantama irraa kan hafe, hundumti isaanii lafa onaa keessatti, in ajjeeffamani, akkasumas isaan ammas gara biyya Zarahemlaatti deebi’aniiru.

29 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan immoo warra lakkoofsaan baay’ee ta’an biroo fudhatanii, akkasumas deebi’anii gara lafa onaatti adeemsa isaanii in jalqaban.

30 Akkasumas ani, Amaaleeqiin, isa isaanii wajjiniin adeemes immoo, obboolessa tokko qaban ture; akkasumas ani isaaniin ilaalchisee sana booda waa’ee isaanii hin beeku. Akkasumas, ani gara iddoo awaalcha kootiitti gadii bu’uufan jedha; akkasumas gabateewwan kun guutaniiru. Akkasumas, ani dubbachuu kootti xumura nan godha.