Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 1


Macaafa Nefii isa Lammaffaa

Seenaa akkaataa du’a Lehii. Obboloonni Nefii isa irratti ka’anii in lolani. Gooftaan Nefiin gara lafa onaa akka adeemuuf in akeekkachiise. Imaloota isaa lafa onaa keessaa, fi kan kana fakkaatan.

Boqonnaa 1

Lehiin waa’ee biyya birmadummaa raajii in dubbate—Sanyiin isaa Qulqulluu kan Israa’eliin fudhachuu yoo didan isaan in faffaca’u, akkasumas in rukutamu—Inni akka ilmaan isaa mi’a lolaa isa kan qajeelummaa uffataniif in gorse. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, obboloota koo barsiisuu ergan xumureen booda, abbaan keenya, Lehiinis, immoo waantota baay’ee isaanitti in dubbate, akkasumas Gooftaan biyya Yerusaalem keessaa isaan baasuu isaatiin, waantota gurguddaa akkamii akka isaaniif godhee ture isaaniin in yaadachiise.

2 Akkasumas inni waa’ee mormiiisaanii isa yommuu isaan galaana irra turanii, akkasumas isaan galaana keessatti akka hin liqimfamneef, araarri Waaqayyoo lubbuu isaanii oolchuu isaa isaanitti in dubbate.

3 Akkasumas, inni immoo waa’ee biyya isa abdachiifamee, isa isaan argatanii turanii—Gooftaan biyya Yerusaalemiin keessaa baqannee akka nuyi banuuf nu akeekkachiisuu isaatiif hammam araara qabeessa akka inni ture isaanitti in dubbate.

4 Kanaafis, kunoo, inni akkana jedhe, ani mul’ata argeera, isa keessattis Yerusaalem akka badde nan beeka; akkasumas nuyi osoo Yerusaalemiin keessatti hafneerra ta’ee nuyis immoo silaa in badna turre.

5 Garuu, inni akkas jedhe, rakkinoonni keenya yoo jiraatan iyyuu, nuyi biyya isa abdachifamee ture, biyya isa biyyoota warra kaan hundumaa caalaa filatame arganneerra; biyyichi inni Waaqayyo Gooftaan kakuu naaf gale sun biyya dhaala sanyiiwwan kootii in ta’a. Eeyyee, Gooftaan biyya kana anaaf, akkasumas ijoollee kootiifis bara baraan, akkasumas immoo warra harka Gooftaatiin biyyoota kan biroo keessaa geggeeffamanii ba’an hundumaaf kakuu galeera.

6 Kanaafuu, ani, Lehiin, akkaataa hojiiwwan Hafuuricha isa na keessa jiruun, warra harka Gooftaatiin geggeeffaman irraa kan hafe eenyu illee gara biyya kanaa akka hin dhufne raajii nan dubbadha.

7 Kanaafuu, biyyi kun nama inni fidu sanaaf kan qulqulloofteedha. Akkasumas isaan akkaataa abboommota inni kenneetti kan isa tajaajilan yoo ta’e, innis biyya birmadummaa isaaniif in ta’a; kanaafuu, isaan yoom iyyuu gara booji’amuutti gad hin bu’an; yoo akkas ta’e, kun sababa jal’ina isaanii irraa kan ka’e in ta’a, sababni isaa jal’inni yoo baay’ate lafti isaaniif jettee in abaaramti, warra qajeelotaaf garuu bara baraan kan eebbifamte in taati.

8 Akkasumas, kunoo, biyyi kun hamma ammaatti saboota kan biroo biratti osoo hin beekamin turuun ishee ogummaadha; sababni isaas, kunoo, saboonni baay’een biyyicha keessa in guutu, iddoon dhaalaaf ta’us hin jiraatu.

9 Kanaafuu, isaan warri Waaqayyo Gooftaan biyya Yerusaalem keessaa fidu hammuma abboommota isaa eegan, isaan fuula biyya lafaa kana irratti akka badhaadhan, ani, Lehiin, kakuu argadheera; akkasumas isaan biyya kana ofii isaaniitiif akka qabataniif, isaan saboota kan biroo hundumaa irraa in tikfamu. Akkasumas isaan abboommota isaa kan eegan yoo ta’e isaan biyya lafaa kana irratti kan eebbifaman in ta’u, akkasumas kan isaan miidhus ta’e, biyya dhaala isaanii kan fudhatus eenyu iyyuu hin jiraatu; akkasumas isaan bara baraan nagaadhaan ni jiraatu.

10 Garuu kunoo, isaan erga harka Gooftichaa irraa eebbota gurguddaa baay’ee fudhataniin booda, yeroo isaan itti amantii dhabuudhaan maman in dhufa—waa’ee uumamuu biyya lafaa akkasumas uumamuu namoota hundumaa osoo beekanii, uumamuu biyya lafaatii jalqabanii hojiiwwan Gooftaa isa guddaa akkasumas dinqisiisaa osoo beekanii, waantota hundumaa amantiidhaan akka godhaniif humni isaaniif kennamee; jalqabaa irraa kaasanii abboommota hundumaa osoo qabanii, akkasumas gaarummaa isaa isa dhuma hin qabneen gara biyya isa abdachiifamee isa gati-jabeessa ta’e kanaatti erga dhufaniin booda—kunoo, ani nan jedha, guyyaa isaan itti Qulqulluu kan Israa’eliin, Masihii isa dhugaa, Furee isaanii akkasumas Waaqa isaanii itti fudhachuu didan yoo dhufe, kunoo, firdiiwwan isaa inni haqa-qabeessi isaan irratti in dhufa.

11 Eeyyee, inni biyyoota kan biroo isaan irratti in fida, akkasumas inni humna isaaniif in kenna, akkasumas inni biyya isaan qabatan isaan irraa in fudhata, akkasumas inni akka isaan faffaca’an, akkasumas rukutaman in godha.

12 Eeyyee, dhaloonni tokko gara dhaloota isa kan biraatti yommuu darbu, isaan gidduutti dhiigni dhangala’uun, akkasumas badiisi guddaan in jiraata; kanaafuu, ilmaan koo, ani akka isin kana yaadattan nan barbaada; eeyyee, ani dubbiiwwan koos akka dhaggeeffattan nan barbaada.

13 Yaa isinii dammaqaa; hirriba ulfaataa keessaas ka’aa, eeyyee, hirriba si’ooliin keessaa illee, akkasumas funyoo sibilaa cunqursaa isa akka ilmaan namootaa, gara bowwaa dhiphinaa fi wawwannaa bara baraatti booji’amuun gadi bu’an godhu, funyoo sibiilaa isa ittiin hidhamtan sana of irraa baasaa.

14 Dammaqaa! akkasumas awwaara keessaas ka’aa, dubbii maatii hollatanii kan isin qaama isaanii yeroo dhiyootti iddoo awwaalchaa dilallaa’aa fi cal-jedhaa keessa kaa’uuf jirtan kan iddoo imalaan kamiyyuu deebi’uu hin dandeenye, akkasumas biyyi lafaa hundi dhaqu ani yeroo dhiyootti nan adeema.

15 Garuu, kunoo, Gooftichi lubbuu koo si’ool irraa oolcheera; ani ulfina isaa argeera, akkasumas bara baraan harka jaalala isaa keessatti marfameen jira.

16 Akkasumas, ani seerotaa fi firdiiwwan Gooftichaa eeguu akka isin yaadattan nan barbaada; kunoo, kun jalqaba irraa kaasee yaaddoo lubbuu kootii ta’ee tureera.

17 Garaan koo yeroodhaa gara yerootti gaddaan dhiphateera, Sababni isaa isin gara-jabina keessaniitiin adda cittanii baatanii akkasumas bara baraan akka hin badneef, Waaqayyo Gooftaan keessan guutummaan dheekkamsa isaa isinitti akka hin dhufneef ani sodaadheera.

18 Yookiin, turtii dhaloota baay’eetiif abaarsi isin irratti in dhufa; akkasumas isin billaadhaan, akkasumas beelaan in daawwatamtu, akkasumas in jibbamtu, akkasumas akkaataa fedhii fi boojii daabiloositti in geggeeffamtu.

19 Yaa ilmaan koo, waantonni kun akka isin irratti hin dhufneef, garuu isin warra Gooftaadhaan filatamanii fi saboota jaal’atamoo akka taatan nan barbaada. Garuu kunoo, karaawwan isaa bara baraan qajeelaa waan ta’aniif; jaalalli isaa haa raawwatamu.

20 Akkasumas, inni akkas jedheera: Isin abboommota koo hamma eegdanitti biyyicha keessatti isin in badhaatu; garuu isin hammuma abboommota koo hin eegne isin argama koo irraa adda in baatu.

21 Akkasumas amma lubbuun koo isinitti akka gammadduuf, akkasumas garaan koos sababa keessaniif gammachuudhaan biyya lafaa kana dhiiftee akka adeemtuuf, ani gaddaa fi dhiphinaan gara awwaalaatti akkan gadi hin buuneef, ilmaan koo, awwaara keessaa ka’aa, akkasumas namoota jajjaboo ta’aa, isin gara boojuutti akka gadi hin buuneef, warra yaada tokkoo fi garaa tokkoon walii galan ta’aa, akkasumas waantota hundumaa irrattis warra tokkooman ta’aa;

22 Isin abaarsa guddaadhaan akka hin abaaramneef; akkasumas immoo, isin hamma baddanitti, dheekkamsa Waaqayyoo isa qajeelaa akka of irratti hin fidneef, eeyyee, badiisa isa kan foonii akkasumas lubbuu isa kan bara baraas of irratti hin fidinaa.

23 Ilmaan koo, dammaqaa; mi’a lolaa isa kan qajeelummaa hidhadhaa. Funyoo sibiilaa isa ittiin hidhamtan of irraa baasaa, akkasumas dukkana keessaas as ba’aa, akkasumas biyyoo keessaas ka’aa.

24 Obboleessa keessan isa mul’anni isaa ulfina qabeessa ta’e, akkasumas isa yeroo nuyi Yerusaalem keessaa baanee jalqabee isa abboommota eege; akkasumas gara biyya isa abdachiifamee nu fiduudhaaf isa harka Waaqayyoo keessatti meeshaa ta’e irratti kana caalaa kaatanii hin lolinaa; sababni isaas osoo isaan hin taane ta’ee, nuyi silaa hundumti keenya lafa onaa keessatti beelaan in dhumna turre; eeyyee, akkasumas inni sababii keessaniif baay’ee dhiphateera, haa ta’u malee, isin lubbuu isaa balleessuu barbaaddanii turtan.

25 Akkasumas, ani inni sababa keessaniif ammas in dhiphata jedhee gar-malee nan sodaadha, akkasumas nan holladha; sababni isaa, kunoo, inni isin irratti humnaa fi aangoo barbaada jettanii himattaniittu; garuu, inni ulfina Waaqayyoo akkasumas fayyina keessan isa bara baraa barbaade malee, ani akka inni isin irratti aangoos ta’e humna hin barbaanne nan beeka.

26 Akkasumas, isin sababa inni ifatti isiniitti dubbateef gungumtaniittu. Isin inni nu ifateera jettaniittu; isin inni nutti dheekkameera jettaniittu, garuu kunoo, ifannaan isaa ifannaa humna dubbii Waaqayyoo, isa isa keessa jiruun ture; akkasumas waanti isin dheekkamsa jettan immoo dhugicha ture, akkaataa isa Waaqayyo keessa jiruutti, isa inni of irraa ittisuu hin dandeenyeen, waa’ee jal’ina keessanii ija jabinaan mul’iseera.

27 Akkasumas, isin waan inni isin abboomuuf hamma abboomamtanitti illee, humni Waaqayyoo isaa wajjin ta’uu qaba. Garuu kunoo, inni hamma callisuu dadhabutti afaan isaa banee, kan isa dubbachiise, isa utuu hin ta’in, garuu Hafuura Gooftaa isa isa keessa tureedha.

28 Akkasumas, amma ilma koo, Laamaan, akkasumas immoo Lemu’eel fi Saam, akkasumas immoo ilmaan koo warra ilmaan Ismaa’eel taataniif, kunoo, isin sagalee Nefii yoo dhageessan isin hin baddan. Akkasumas, isin yoo isa dhageessan eebba, eeyyee, eebba koo isa jalqabaa illee isiniif nan dhiisa.

29 Garuu isin yoo isa hin dhaggeessan ta’e, ani eebba koo isa jalqabaa isin irraa nan fudhadha, eeyyee, eebba koo illee, akkasumas inni isa irra inqubata.

30 Akkasumas ammas, Zoraam, ani sitti nan dubbadha: Kunoo, ati hojjetaa Laabaaniidha; haa ta’uu iyyuu malee, ati biyya Yerusaalemiin keessaa baafamteetta, akkasumas ati ilma koo, Nefiidhaaf, bara baraan michuu dhugaa akka ati taate nan beeka.

31 Kanaafuu, ati sababa amanamaa taateef sanyiin kee sanyii isaatii wajjin in eebbifamu, isaan yeroo dheeraadhaaf fuula biyya lafaa kana irratti badhaadhina keessa in jiraatu; akkasumas isaan gidduutti jal’ina yoo ta’e malee waanti tokko illee bara baraan biyya lafaa kanaa irraa badhaadhummaa isaanii hin miidhu yookiin hin jeequ.

32 Kanaafuu, ati yoo abboommota Gooftaa yoo eegde, Gooftaan biyya kana nageenya sanyii keetiitif sanyii ilma kootiitiin qulqulleesseera.