Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 13


Boqonnaa 13

Warri Yihudaa fi warri Yerusaalem sababa aboomamuu diduu isaaniitiif in adabamu—Gooftichi saba Isaatiif in kadhata, akkasumas isaanitti in farada—Intaloonni Xiyoon sababii biyya lafaa jaal’ataniif isaan in abaaramu, akkasumas in dhiphatu—Isaayaas 3 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Kanaafis kunoo, Waaqayyo, Gooftaan maccaa, deeggarsaa fi gaggeessummaaYerusaalemii fi Yihudaa harkaa in fuudha, akkasumas guutummaa gargaarsa buddeenaa fi bishaanii isaan ittiin jiraatan hundumaa isaan harkaa in fuudha—

2 Nama jabaa, akkasumas nama loltuu, abboota firdii, akkasumas raajii, ogeessa, akkasumas jaarsolii;

3 Ajajaa shantamaa, akkasumas nama ulfina qabeessa, akkasumas gorsituu, akkasumas ogeessota ogummaa harkaa qaban, akkasumas isa dandeettii dubbii gaarii dubbachuu qabu isaan irraa in fuudha.

4 Akkasumas, ani ijoolleen akka isaan bulchan, akkasumas mucooliinis akka isaan irratti mo’an nan godha.

5 Akkasumas, namni hundumtuu isa kan biraa irratti, akkasumas ollaan ollaa isaa irratti in ka’a, sabnis in cunqurfama; mucaan jaarsa irratti ofii isaa in jaja, akkasumas inni gadi deebi’aanis isa ulfina qabeessa irratti in ka’a.

6 Yeroo sanatti namni tokko obboleessa isaa isa mana abbaa isaa keessa jiru tokko qabee, akkasumas akkas in jedha: Ati uffata gaarii qabdaatii, ati bulchaa keenya nuuf ta’i, akkasumas badiin kuni harka kee jalatti nu irra hin ga’in—

7 Guyyaa sanatti inni, akkas jechuun in kakata: mana koo keessa buddeenni yookiin uffanni waan hin jirreef saba kana irratti bulchaa ana hin godhinaa; ani fayyisaa hin ta’u.

8 Sababii dubbii isaanii fi hojiin isaanii Waaqayyoon mormuun ija ulfina isaa waan kakaasaniifYerusaalem in diigamte, akkasumas Yihudaanis in kufte.

9 Fakkaatiin fuula isaanii isaaniin mormee dhugaa isaan irratti in ba’a; akkasumas cubbuun isaanii kan akka warra Sodoom ta’uuisaan bakkeetti in mul’isa, akkasumas isaan isa dhoksuu hin danda’aniLubbuu isaaniif wayyoo, sababni isaa isaan isa hamaa ofii isaanii waan badhaasaniif.

10 Isaan sababii ija hojii isaanii nyaataniif; warra qajeelotaan gaariin isiniif in ta’a jedhaa.

11 Warri jal’oonni waan badaniif, isaaniif wayyoo, sababni isaa gatiin hojii harka isaanii isaan irra ta’uuf!

12 Akkasumas, saba koo, ijoolleen cunqursitoota isaaniiti, akkasumas dubbartoonni isaan irratti in mo’u. Yaa saba koo, isaan warri si geggeessan karaa irraa si kaachisaniiru, akkasumas daandii adeemsa keetiis balleessaniiru.

13 Waaqayyo falmachuudhaaf ka’ee in dhaabbata, akkasumas sabatti faraduudhaafis in dhaabbata.

14 bsababni isaa isin iddoo dhaaba waynii in nyaattan, akkasumas inni isin hiyyeessota irraa saamtanis mana keessan keessa keessaniif Waaqayyo jaarsolii saba isaatii fi gaggeessitoota hawaasaa wajjin firdiitti in jalqaba.

15 Isin saba koo rukutudhaan caccabsuun keessan, akkasumas fuula hiyyeessotaas qaanessuun keessan kun maal jechuu keessaniree? Jedha Waaqayyo Gooftaan maccaa.

16 Kana malees, Gooftaan akkas jedha: Sababa intaloonni Xiyoon of gurguddisanii morma irra keessa qabatanii, ijaan nama hawwachaa, akkasumas yeroo adeemanis lafa dhidhiitaa adeemaniif, akkasumas faaya miilla isaanii sagalee akka dhageesisu waan godhaniif—

17 Kanaafuu, Gooftichi gubbee mataa intaloota Xiyoonii roobbiidhaan in rukuta, akkasumas Gooftichi qaama dhoksaa isaaniis in mul’isa.

18 Guyyaa sanatti Gooftichi faaya isaanii isa sagalee dhageessisu miilla isaanii irraa, akkasumas shaashii, akkasumas mi’a miidhaginaa isa addarratti naqatamu isa ji’a fakkaatus isaan irraa in fudhata;

19 Amartii gurraa fi bitawoo harkaa, akkasumas marata mormaas;

20 Waanta mataatti kaa’atan, akkasumas mi’a miidhagina miillaa, akkasumas lootiiwwan gurraa, akkasumas bilqaaxii urgooftuu, akkasumas marata mataa;

21 Qubeellaa, akkasumas amartii funyaanii;

22 Uffata miidhaginaa, akkasumas qoloo, akkasumas fooxaa mormaa, akkasumas faaya rifeensaa;

23 Golgaa ijaa, akkasumas uffata quncee talbaa irraa hojjetame, akkasumas isa ittiin mataa hagguuggatan, akkasumas shaashii.

24 Akkasumas, qooda foolii urgaa’uu, foolii ajaa’u, qooda teepha ittiin mudhii hidhatanii, funyoon, akkasumas qooda rifeensa mataa tolfachuu, haaddachuun, akkasumas qooda uffata gaarii, uffata gaddaa uffachuun, akkasumas qooda miidhagummaa, godaannisi isaanitti in dhufa.

25 Namoonni kee billaadhaan, akkasumas jajjabonni kees lola keessatti in dhumu.

26 Akkasumas, karraawwan ishee akkuma namaatti gaddanii akkasumas in boo’u, akkasumas isheen onaa in taati, akkasumas lafa irraas gadi in teessi.