Boqonnaa 21
Hiddi Iseeyi (Kiristoos) qajeelummaadhaan in farada—Beekumsi waa’ee Waaqayyoo bar-kumeetti biyya lafaa in haguuga—Gooftaan faajjii ol kaasee, akkasumas Israa’eliin walitti in qaba—Isaayaas 11 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Akkasumas, hidda Iseeyi keessaa latiin in ba’a, akkasumas hundeewwan isaa keessaas dameen ba’ee nii guddata.
2 Akkasumas, Hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaati, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaati, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyooti;
3 Akkasumas, Waaqayyoon sodaachuu dafee kan hubatu isa in godha; akkasumas inni ija isaatiin erga argee hin faradu, gurra isaatiinis erga dhaga’ee murtoo hin kennu.
4 Garuu inni warra hiyyeessaaf qajeelummaadhaan in farada, akkasumas warra garraamii lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna; akkasumas inni dubbii afaan isaa keessaa isa akka uleetiinis biyya lafaa inrukuta, akkasumas hafuura afaan isaa keessaa ba’uunis inni warra jal’oota in ajjeesa.
5 Akkasumas, qajeelummaan akka teepha mudhii isaatii, akkasumas amanamummaanis akka sabbata inni ittiin hidhatuuti.
6 Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata, akkasumas qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, akkasumas jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba’u; akkasumas mucaa xinnoonis isaan in tiksa.
7 Akkasumas, saawwii fi amaaketi walii wajjin in sooratu; ilmooleen isaaniis wal-bira in ciciisu; akkasumas leencis akka qotiyyoo cidii in nyaata.
8 Akkasumas, mucaan harma hodhu boolla bofa summaa’aaa bira in taphata, akkasumas mucaa inni harma gu’es harka isaa mann’ee buutii keessa in kaa’a.
9 Isaan gaara koo isa qulqullaa’aa hundumaa irratti hin miidhan yookiin hin balleessan, sababni isaa akkuma galaanni bishaaniin guutu, laftis beekumsa Waaqayyootiin in guuta.
10 Akkasumas, guyyaa sanatti sabaaf faajjii ta’ee kan dhaabbatu, hiddi Iseeyiin jiraata; warri Ormoonnis isa in barbaadu; akkasumas boqonnaan isaas ulfina qabeessa in ta’a.
11 Akkasumas, guyyaa sanatti akkas in ta’a Gooftichi si’a lammaffaa harka isaa diriirsee saba isaa warra biyya Asooritti, akkasumas biyya Gibxiitti, akkasumas biyya Faaxrositti, akkasumas biyya Kuushitti, akkasumas biyya Elaamitti, akkasumas biyya Shiinaaritti, akkasumas biyya Haamaatitti, akkasumas warra biyya biyya galaanaan marfame keesatti hafanis in fura.
12 Akkasumas, inni sabootaaf faajjii ol in kaasa, akkasumas warra Israa’el keessaa ari’atamanii ba’anis walitti in qaba; akkasumas warra Yihudaa keessaa faffaca’anis golee lafaa arfan irraa walitti in sassaaba.
13 Yommus hinaaffaan Efreem in bada, akkasumas diinonni Yihuudaas in dhumu, Efreem Yihuudaatti hin hinaafu, akkasumas Yihuudaanis Efreemin hin rakkisu.
14 Garuu isaan gateettii Filisxiyaa irraan gara lixa-biiftuutti ni balali’u; isaan warra baha biiftuu jiran wajjiin in saamu; Edoomiifi Mo’aabiin harkatti in galfatu, akkasumas ijoolleen warra Amoonis isaaniif in abboomamu.
15 Akkasumas, Waaqayyo arraba galaana Gibxii raawwatee in gogsa; akkasumas inni harka isaa lagicha irratti ol kaasee, akkasumas qilleensaan isa rukutee iddoo torbatti gargar in hira; akkasumas namoonnis akka kopheedhaan irra adeeman nii godha.
16 Akkasumas, yommuu warri Israa’el biyya Gibxii keessa ba’an akkuma karaan tolfameefii ture, akkasuma saba isaa warra Asooritti hafaniifis karaa guddaan in tolfama.