Boqonnaa 2
Furiin Masihii isa Qulqulluu keessaan dhufa—Filannoon bilisaa (kaka’umsa ofiitiin filachuun) jiraachuufi guddachuudhaaf barbaachisaadha—Namoonni akka jiraataniif Addaam in kufe—Namoonni birmadummaa fi jireenya bara baraa filachuudhaaf bilisadha. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, Yaaqoob, ani sitti nan dubbadha: Ati ilma koo isa angafaa isa guyyoota rakkina kootii isa lafa onaa keessaati. Akkasumas kunoo, sababii naamusa dhabuu obboloota keetiif, ati yeroo ijoollummaa keetiitti rakkinootaa fi gadda baay’eedhaan dhiphatteetta.
2 Haa ta’u malee, Yaaqoob, ilma kooo hangafaa isan lafa onaa keessatti dhalate, eati guddummaa Waaqayyoo beekta; akkasumas inni dhiphinoota kee faayidaa keetti siif in jijjiira.
3 Kanaafuu, lubbuun kee in eebbifamti, akkasumas ati obboleessa kee, Nefii, wajjin nagaatti in jiraatta; akkasumas guyyoota kee Waaqayyoo kee tajaajiluun in dabarsita. Kanaafuu, sababii qajeelummaa Furee keetiitiin akka ati fayyite nan beeka; sababni isaa yommuu yeroon gahuttiinni namootaaf fayyina fiduudhaaf akka dhufu argiteetta.
4 Akkasumas, ati yeroo dargaggummaa keetiitti ulfina isaa argiteetta; kanaafuu, ati akkuma warra inni fooniin isaan tajaajiluuf jiruutti illee kan eebbifamteedha; sababni isaa Hafuurichi kaleessa, har’as, akkasumas bara baraanis sanuma. Akkasumas kufaatii namaa irraa jalqabee karichi qophaa’eera, akkasumas fayyinnis bilisadha.
5 Akkasumas, namoonni gaarii hamaa irraa addaan baasanii akka beekaniif barsiisa ga’aa argataniiru. Akkasumas, seerri namootaaf kennameera. Akkasumas, seerichaan uumamni foon uffate kamiyyuu qajeelaa hin ta’u; yookiin, seerichaan namoonni adda ba’aniiru. Eeyyee, seera isa kan yerootiin isaan addaan ba’anii turan; akkasumas immoo, isaan seera isa kan hafuuraatiin waanta gaarii isa ta’e irraa badaniiru, akkasumas bara baraan warra gaddan in ta’u.
6 Kanaafuu, furiin Masihicha isa Qulqulluu keessaan akkasumas karaa isaa in dhufa; sababni isaas inni ayyaanaa fi dhugaadhaan kan guutameedha.
7 Kunoo, inni warra garaan isaanii cabee fiwarra hafuurri isaanii gadi deebi’e hundumaaf waanta isaan seeraan gaafataman guutuudhaaf, cubbuudhaaf ofii isaa aarsaaf in dhi’eessa; akkasumas waanta seerichi gaafateef namni biraa eenyu iyyuu dhuma itti gochuun deebisuu hin danda’u.
8 Kanaafuu, foon kan uffate kam iyyuu fuula Waaqayyoo dura jiraachuu akka hin dandeenye akka isaan beekaniif, hojii qajeelummaa keessaan yoo ta’e malee, akkasumas araaraan, akkasumas ayyaana Masiihichaa isa Qulqulluutiin, isa jireenya isaa foonii dabarsee kennuudhaan, akkasumas humna Hafuuraatiin isa deebi’ee ka’uudhaan, isa akka warri du’an ka’an godhe, warra obbaafatan keessaas isa jalqaba du’aa ka’e akka ta’e, waantota guddaa akkasii kana warra biyya lafaa irra jiraatanitti beeksisuun baay’ee barbaachisaadha.
9 Kanaafuu, inni ilmaan namaa hundumaaf gidduu galuun waan godhuuf, inni Waaqayyoof sanyii isa jalqabaati; akkasumas isaan warri isatti amanan in fayyu.
10 Akkasumas sababa inni nama hundumaaf kadhatuuf, gidduu waan galuuf namoonni hundinuu gara Waaqayyoo in dhufu; kanaafuu, isaan akkaata dhugaa fi qulqullummaa isa isa keessa jiruutti, karaa isaatiin firdii argachuuf fuula isaa dura in dhaabbatu. Kanaafuu, adabbii isa itti murame sanaaf, gatii kaffaltii cubbuu dhuma irratti guutuuf Qulqulluun inni Tokkichi seera isa barbaachisaa ta’e sana kenneera, adabbiin itti murame kunis gammachuu isa itti murame sanaa wajjin kan wal-faalleessuudha—
11 Sababni isaa, waantota hundumaa keessatti faallaan jiraachuun isaa barbaachisaadha. Yoo akkas hin taane, yaa ilma koo jalqabaa lafa onaa keessatti dhalattu qajeelummaanis ta’e, cubbuun, qulqullummaanis ta’e dhiphinni, gaariinis ta’e hamaan raawwatamuu hin danda’u ture. Kanaafuu, waantonni hundinuu iddoo tokkotti wal-faallessuutu irra jiraata; kanaafuu, qaama tokko qofa yoo ta’e, jireenyas ta’e du’a, tortoruus ta’e osoo hin tortorin hafuun, gammachuus ta’e dhiphina, hubachuus ta’e osoo hin hubatin hafuun, akkuma du’etti hafuutu irra jiraata.
12 Kanaafuu, waanti homaa hin buusne kun uumamuutu irra jiraata; kanaafuu dhuma uumamuu isaatiittis kaayyoo kan hin qabaanne ta’a ture. Kanaafuu, waanti kun ogummaa Waaqayyoo akkasumas kaayyoo isaa isa bara baraa, akkasumas immoo humna isaa, akkasumas araara isaa, akkasumas haqummaa Waaqayyoo kan balleessu ta’a ture.
13 Akkasumas, isin seerri hin jiru yoo jettan, isin cubbuunis immoo hin jiru in jettu. Isin cubbuun hin jiru yoo jettan, isin qajeelummaanis immoo hin jiru in jettu. Akkasumas, qajeelummaan yoo hin jiraanne gammachuunis hin jiraatu. Akkasumas, qajeelummaan yookiin gammachuun yoo hin jiraanne immoo adabbiinis ta’e dhiphinni hin jiraatu. Akkasumas waantonni kun yoo hin jiraanne Waaqayyo hin jiru. Akkasumas Waaqayyo hin jiru yoo ta’e nuyi hin jiraannu, laftis hin jiraatu; sababni isaa uumamuun waantota jiraachuu hin danda’u ture, kan dhiibbaa godhus ta’e kan dhiibbaan irratti godhamus hin jiraatu; kanaafuu, waantonni hundinuus baduutu irra ture.
14 Akkasumas amma, ilmaan koo, ani waantonni kun bu’aa fi barnoota keessaniif akka ta’aniif isinitti nan dubbadha; sababni isaa Waaqayyo jira, akkasumas waantota hundumaa, waaqaa fi lafa, akkasumas waantota isaan keessa jiran kan dhiibbaa godhanii fi waantota dhiibbaan irratti godhamus, hundumaa inni uumeera.
15 Akkasumas, kaayyoo isaa isa bara baraa dhuma bara namaatti fiduuf, inni maatiiwwan keenya warra jalqabaa, akkasumas bineensota bosonaa akkasumas simbirroota qilleensa keessa balali’an erga uumeen booda, akkasumas waantonni uumaman hundumtuu, fallaa waliif ta’uun isaanii barbaachisaa ture; akkasumas tokko miyaa’aa yommuu ta’u inni kan biraan immoo hadhaa’aa ta’uudhaan, iji muka inni dhorkame illee mukicha jireenyaatiif faallaa ture.
16 Kanaafuu, Waaqayyo Gooftaan namni ofii isaatiin akka inni filatee dalaguuf kenneeraaf. Kanaafuu, namni isa tokkoon yookiin isa kaaniin yoo qorameen malee ofii isaatiin gochuun hin danda’amuuf ture.
17 Akkasumas ani, Lehiin, akkaataa waantota isa ani dubbiseetti, akkaataa isa caafameetti, ergamaan Waaqayyoo tokko waaqa irraa akka gadi darbatame tilmaamuun barbaachisaadha; kanaafuu, inni Waaqayyoon duratti waanta hamaa gochuu yaalee waan tureef, inni daabiloosiin in ta’e.
18 Akkasumas, inni sababa waaqa irraa gadi darbatameef, akkasumas bara baraan gammachuu kan hin qabne in ta’e, inni dabalataan ilmaan nama hundumaas gammachuu akka hin qabaanne barbaadee ture. Kanaafuu, inni Hewwaaniin akkas in jedhe, eeyyee, bofti inni bara durii sun illee, inni daabiloosiin ta’e, inni abbaa soba hundumaa ta’e, kanaafuu inni akkas jedheen: Ija isa dhorkame sana irraa nyaadhaa, akkasumas isin hin duutani, garuu isin gaarii fi hamaa addaan baaftanii beekuudhaan, isin akka Waaqayyoo in taatu.
19 Akkasumas, Addaamii fi Hewwaan ija isa dhorkame sana irraa erga nyaatanii booda isaan lafa akka qotaniif isaan iddoo dhaabaa Eeden keessaa gadi ari’amanii turani.
20 Akkasumas, isaan ijoollee; eeyyee, maatiiwwan biyya lafaa kana hundumaa illee godhataniiru.
21 Akkasumas, akka fedha Waaqayyootti, isaan yeroo fooniin turanitti akka isaan yaada garaa geeddarataniif, guyyoonni ilmaan namootaa dheeraa ture; kanaafuu, haalli isaanii haala yeroo yaalii ta’e, akkasumas barri isaanii, akkaataa abboommota Waaqayyo Gooftaan ilmaan namaatiif kenneetti in dheerate. Inni namoonni hundinuu yaada garaa geeddarachuu akka qaban abboommii waan kenneef; inni, sababa irra daddarbaa maatiiwwan isaaniitiin namoonni hundumtuu badanii akka isaan turan isaan barsiiseera.
22 Akkasumas amma, kunoo, Addaam osoo irra hin daddarbine ta’ee inni silaa hin kufu ture, garuu inni iddoo GannaEdeniin keessatti in hafa ture. Akkasumas, waantonni uumaman hundinuus erga uumamanii booda isaan haala keessa turan sana keessa turuu qabu turan; akkasumas isaan bara baraan hafuutu isaan irra ture, akkasumas dhumas hin qabaatan.
23 Akkasumas, isaan silaa ijoollee hin godhatan turan; kanaafuu, isaan gidiraa waan hin beekneef gammachuu hin qabaatan; isaan namummaa cubbuuhin qabne keessattis in hafu; isaan cubbuu waan hin beekneef, waanta gaariis hin hojjettan.
24 Garuu kunoo, waantonni hundinuuogummaa isa waantota hundumaa beekuu sanaan hojjataman.
25 Namoonni akka jiraataniif Addaam in kufe; akkasumas namoonni warri jiraatanis, gammachuu akka isaan qabaataniifidha.
26 Akkasumas, Masiihichi ilmaan namaa kufaatii irraa oolchuuf inni yommuu yeroo gahutti in dhufa. Akkasumas sababa isaan kufaaticha irraa oolaniif isaan hamaa gaarii irraa addaan baasanii in beeku; guyyaa isa guddaa fiisa dhumaa sanatti adabbii seeraa irraa kan hafe, akkaataa abboommota isa Waaqayyo kenneetti, ofii isaaniitiif dhiibbaa gochuu fi kan biraadhaan dhiibbaan akka irratti hin godhamneef isaan bara baraan bilisa ta’aniiru.
27 Kanaafuu, namoonni yommuu fooniin jiranitti bilisadha; akkasumas waantonni barbaachisoo ta’an hundinuu namaaf kennamaniiru. Akkasumas, isaan karaa isa nama hundumaaf Giddugaleessa isa guddaa sana keessaan, bilisummaa yookiin jireenya bara baraa filachuuf yookiin akkaataa boojuu fi humna daabiloositti booji’amuuf, akkasumas du’a filachuuf bilisa in ta’u; sababni isaa inni, namoonni hundinuu akkuma isaa gammachuu kan hin qabne akka ta’an ni barbaada.
28 Akkasumas amma, ilmaan koo, isin gara isa Giddugaleessaguddichaa sana akka ilaaltan, akkasumas abboommota isaa warra gurguddaas akka dhaggeeffattan nan barbaada; akkasumas dubbiiwwan isaatiif amanamoo ta’aa, akkasumas akkaataa fedha Hafuura Qulqulluu isaatiittis jireenya bara baraa filadhaa;
29 Du’a bara baraa kan akkaataa fedha foonii fi hafuura badii isa keessa jiruu kan humna hafuura daabilosiin isin booji’uun gara si’ooliitti isin fudhachuun bara baraan isin irratti mo’uu barbaadu hin filatinaa.
30 Ani ilmaan koo, yeroo yaalii kootii isa ta’e dhumaa keessa dubbiiwwan muraasa kana hunduma keessanitti dubbadheera; akkasumas akka dubbiiwwan raajichaatti, ani kutaa qooda gaarii filadheera. Akkasumas, fayyina isa bara baraa lubbuu keessanyoo ta’e malee ani kaayyoo kan biraa hin qabu. Ameen.