Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 29


Boqonnaa 29

Warri Ormoonni baay’een Macaafa Mormooniin hin fudhatan—Isaan Macaafni Qulqulluun kan biraan nu hin barbaachisu, in jedhu—Gooftaan saboota baay’eetti in dubbata—Inni waantota macaaficha keessatti barreeffamaniin biyya lafaatti in farada. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Garuu kunoo—guyyaa ani itti isaan gidduutti hojii dinqisiisaa hojjechuuf itti fufu sanatti kakuuwwan koo isa ani ilmaan namaatiif gale akkan yaadadhuuf, yeroo lammataaf saba koo warra mana Israa’el keessaa ta’an baay’ee, fayyisuuf harka koo kanan ol kaasuuf baay’een in jiru;

2 Akkasumas immoo, ani sanyii kees akkan yaadadhuuf, si Nefiif, akkasumas immoo sanyii kee akkan yaadadhuuf kakuun isa ani abbaa keetiif gale, akkasumas; dubbiiwwan sanyii keetii afaan koo irraa gara sanyii keetiitti darbuu qabu; akkasumas saba koo mana Israa’eliin ta’aniif faajjii akka ta’uuf dubbiin koo gara andaara lafaatti siiquudhaan in darba;

3 Akkasumas, sababa dubbiiwwan koo siiquudhaan darbuuf—warri Ormootaa baay’een isaanii: Macaafa Qulqulluu! Macaafa qulqulluu! Nuyi Macaafa qulqulluu qabna, akkasumas kana booda Macaafni Qulqulluun kan biraan jiraachuu hin danda’u in jedhu.

4 Waaqayyoo Gooftaan garuu akkana jedha: Yaa gowwoota, isaan Macaafa Qulqulluu in qabaatu; akkasumas saba kakuu kootii warra durii, inni warra Yihuudota keessaa in ba’a. Akkasumas, Macaafa Qulqulluu isa warri Yihuudotaa isaan irraa argataniif isaan maal godhanii galateeffaturee? Eeyyee, warri Ormootaas maal jechuu isaaniitiiree? Isaan dhiphina isaan muudate, akkasumas hojii humnaa, akkasumas dhukkubbii warra Yihudootaa, isa isaan warra Ormootaaf fayyina fiduuf godhan, akkasumas naaf dhimmuu isaanii isaan in yaada tuuree?

5 Isin yaa warra Ormootaa, saba koo warra kakuu durii, warra Yihudootaa in yaadattuu? Lakki, isin garuu isaan abaartaniittu, akkasumas isaan jibbitaniittu, akkasumas isin isaan deebisuuf hin barbaanne, Garuu kunoo, ani waantota kana hundumaa mataa keessan irratti nan deebisa; sababni isaa ani Gooftichi saba koo hin irraanfanne.

6 Isin gowwootaa, akkas in jettu: Macaafa Qulqulluu, nuyi Macaafa Qulqulluu qabna, akkasumas kana booda Macaafni Qulqulluun kan biraa hin barbaachisu. Isin karaa warra Yihuudotaa malee Macaafa Qulqulluu argattaniit tuuree?

7 Isin saba tokko caalaa saboonni akka jiran hin beektaniiree? Ani, Waaqayyo Gooftaan keessan namoota hundumaa akkan uume, akkasumas ani warra lafa galaanaan marfame keessa jiraatanis nan yaadadha; akkasumas ani ol gubbaa bantiiwwan waaqaa irrattii fi gadi lafa jalatti akkan bulchu; akkasumas dubbii koo ilmaan namaatiif, eeyyee, saboota lafaa hundumaa irratti illee akkan fiduuf hin beektaniiree?

8 Kanaafuu isin, dubbii koo caalaatti waan fudhattaniif isin in gungumtuuree? Ani Waaqayyoon ta’uu koo saba tokko akkuma isa kaanii akkan yaadadhu dhuga-ba’umsi saboota lamaa isiniif ragaa ta’uu isaa hin beektaniiree? Kanaafuu, ani biyya tokkotti akkuman dubbadhu isa kaanittis dubbiidhuma tokko nan dubbadha. Akkasumas, saboonni lamaan yeroo wal-arganitti dhuga-ba’umsi saboota lamaaniis immoo wal in arga.

9 Akkasumas, ani kana kanan godhu ani kaleessas, har’a, akkasumas bara baraanis isuma ta’uu koo fidubbii koos akka fedha kootiitti akkan dubbadhu namoota hedduuf mirkaneessuufiidha. Akkasumas, dubbii tokko dubbachuu kootiif ani dubbii kan biraa dubbachuu hin danda’u jettanii yaaduun isin hin barbaachisu; sababni isaa; ammaa kaasee hamma dhuma namaattis ta’ee hamma bara baraattis hojiin koo waan hin xumuramneefiidha.

10 Kanaafuu, isin sababii Macaafa Qulqulluu qabdaniif dubbiiwwan koo hundumaa of keessatti qabatee jira jettanii yaaduun isin hin barbaachisu; kana caalaas akka barreeffamu ani akka hin goone yaaduun isin hin barbaachisu.

11 Ani bahaa fi lixaan, akkasumas kaabaan, akkasumas kibbaan, akkasumas lafaa galaanaan marfame keessaas, dubbiiwwan ani isaanitti dubbadhu akka isaan barreessaniif, namoota hundumaa nan abbooma; sababni isaa ani Macaafota keessatti warra barreeffamaniin, nama kamiin iyyuu akka hojii isaatiitti, akka isa barreeffametti ani biyya lafaatti nan farada.

12 Kanaafis kunoo, ani warra Yihuudotatti nan dubbadha, akkasumas isaan isa in barreessu; akkasumas ani immoo warra Nefiitti nan dubbadha, akkasumas isaan isa in barreessu; akkasumas immoo ani gosoota mana Israa’el, warra ani geggeesse warra kaaniittis nan dubbadha, akkasumas isaan isa in barreessu; akkasumas saboota biyya lafaa hundumaattis immoo nan dubbadha akkasumas isaan isa in barreessu.

13 Akkasumas akkas in ta’a; warri Yihuudotaa dubbiiwwan warra Nefii in qabaatu, akkasumas warri Nefiis dubbiiwwan warra Yihuudotaa in qabaatu; akkasumas warri Nefii fi warri Yihuudotaa dubbiiwwan Israa’el keessaa gosoota warra badanii in qabaatu; akkasumas Israa’el keessaa gosoonni warri badan dubbiiwwan warra Nefii fi warra Yihuudotaa in qabaatu.

14 Akkasumas, akkas in ta’a; sabni koo, warri mana Israa’el keessaa ta’an, gara biyyoota qabeenya isaanitti walitti in qabamu, akkasumas dubbiin koos immoo iddoo tokkotti walitti in qabama. Akkasumas, warra dubbii koo fi saba koo lolanitti, warra mana Israa’el keessaa ta’anitti, ani Waaqayyoon ta’uu koo, akkasumas Abraahamiif bara baraan sanyii isaa akkan yaadadhu, kakuu galuu koo isaanitti nan argiiisa.