Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 27


Boqonnaa 27

Dukkanni fi gantummaan guyyoota dhumaa keessatti biyya lafaa in haguuga—Macaafni Mormoon as in ba’a—Dhuga baatonni sadii waa’ee macaafichaa dhugaa in ba’u—Namni barate macaafichi chaappaadhaan waan cufamuuf dubbisuun hin danda’amu in jedha—Gooftaan hojii ajaa’ibsiisaa fi waan dinqisiisaa in hojjeta—Isaayaas 29 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Garuu, kunoo, guyyoota bara dhumaatti, yookiin bara warra Ormootaatti—eeyyee, kunoo saboonni warra Ormootaa fi warra Yihuudotaa hundumtuu innoo, warri biyya kana dhufan akkasumas warri biyyoota biroo keessa jiraatan, eeyyee, biyya lafaa hundumaa irraa illee, kunoo, jal’inaa fi xuraa’ummaa hundumaan in machaa’u—

2 Akkasumas, guyyaan sun yommuu dhufutti Gooftaan Maccaa, bakakkaa fi kirkira lafaatiin, akkasumas sagalee iyyaa guddaadhaan, akkasumas obonboleettii, akkasumas bubbee hamaadhaan, akkasumas arraba ibiddaa isa nama fixuunis isaan in adaba.

3 Akkasumas, biyyoonni Xiyooniin irratti lola kaasan, akkasumas kan ishee dhiphisan hundinuu, akka abjuu mul’ata halkanii in ta’u; eeyyee, isaan akka nama beela’ee abjuudhaan buddeena nyaatuu, akkasumas kunoo hirribaa yommuu ka’u immoo lubbuun isaa duwwaa ta’uu yookiin akka nama dheebotee abjuudhaan bishaan dhuguu, akkasumas kunoo hirribaa yommuu dammaqu, akkasumas kunoo inni dadhabaadha, akkasumas lubbuun isaa bishaan dharra’ee gaggabuu; eeyyee, sabni baay’een warri Tulluu Xiyoonitti duulan hundinuu illee akkasumas in ta’u.

4 Kanaafis kunoo, isin warri jal’ina hojjettan hundinuu, ofii keessan qusadhaa, akkasumas nahaa, sababni isaas isin iyyuuf jirtu, akkasumas in boossu, eeyyee, isin in machooftu garuu daadhii wayiniitiin miti: isin in gatantartu garuu dhugaatii cimaadhaan miti.

5 Kanaafis kunoo, Gooftaan hafuura hirriba cimaa isin irratti dhangalaaseera. Sababni isaa kunoo, isin ija keessan jinuunfattaniittu, akkasumas isin raajotaan mormitaniittu; akkasumas jal’ina keessan irraa kan ka’e bulchitoota keessan, akkasumas abbootiin mul’ataa keessanis haguugamaniiru.

6 Akkasumas akkas in ta’a; Waaqayyo Gooftaan jechoota macaafaa tokko isiniif in fida, akkasumas isaanis dubbiiwwan warra rafanii in ta’u.

7 Akkasumas, kunoo macaafichi chaappaadhaan in cufama; akkasumas macaaficha keessa kan jiru jalqaba biyya lafaa irraa kaasee hamma dhumaatti, mul’ata Waaqayyotu keessa jira.

8 Kanaafuu, sababa waantota chaappaadhaan cufamaniitiif, waantonni mallattoodhaan cufamanis guyyaa jal’inaa keessa fi xuraa’ummaa sabichaatti hin kennaman. Kanaafuu, macaafichi isaan irraa in eegama.

9 Garuu macaafichi nama tokkoof in kennama, akkasumas inni dubbiiwwan warra biyyoo keessa rafanii warra ta’an, dubbii macaafichaa in kenna, akkasumas inni dubbiiwwan kana kan biraatti in kenna.

10 Garuu inni dubbiiwwan warra chaappaadhaan cufaman hin kennu, inni macaafichas hin kennu, macaafichi mallattoodhaan kan cufame humna waaqayyootiin ta’uu isaa irraa kan ka’e, akkasumas mul’anni inni chaappeffame akka dhufuuf, hamma yeroon Gooftaadhaan murtaa’e ga’utti macaaficha keessatti in eegama; kunoo, isaan hundeeffamuu biyya lafaa irraa kaasanii hamma dhuma isheetiitti waantota hundumaa in mul’isu.

11 Akkasumas, guyyaan itti dubbiiwwan macaafichaa warri chaappaadhaan cufamanii turan yommuu inni itti irra manaa irratti dubbifamu in dhufa; akkasumas isaan humna Kiristoosiin in dubbifamu; akkasumas ilmaan namaa gidduu kan turan, hamma andaara lafaatti illee kan dhufan, waantonni hundinuu ilmaan namaatiif in mul’atu.

12 Kanaafuu, guyyaa sanatti macaafni sun nama ani waa’ee isaa dubbadheetti yommuu kennamu, machaafichi ija biyya lafaa jalaa in dhokfama, humna Waaqayyootiin, isa macaafichi itti kennamu sana irratti dabalatee, achiis dhuga-baatota sadan argan irraa kan hafe iji eenyuu illee hin argu; akkasumas isaanis waa’ee dhugummaa macaafichaa fi waa’ee waantota achi keessa jiraniitiif dhugaa in ba’u.

13 Akkasumas, ilmaan namaatiif dhuga-ba’umsa dubbii isaa akka kennaniif, akka fedha Waaqayyootti warra muraasa irraa kan hafe, eenyu illee kan argu hin jiru; sababni isaa dubbiiwwan amantootaa dubbii akka warra du’a keessaa dubbataniitti akka dubbatu, Waaqayyoo Gooftaan jedheera.

14 Kanaafuu, Waaqayyo Gooftaan dubbiiwwan macaafichaa fiduuf itti in fufa; akkasumas inni akka jaal’atetti afaan dhuga-baatota baay’eetiin dubbii isaa in mirkaneessa; akkasumas isa dubbii Waaqayyoo hin fudhanneef Wayyoo!

15 Garuu kunoo, akkas in ta’a Waaqayyo Gooftaan isa macaafichi itti kennamuun akkas in jedha: dubbiiwwan chaappaadhaan hin cufamne kana fuudhiitii inni warra baratetti akka argisiisuuf, akkasumas kana akka dubbiftuufis, ani sin kadhadha, akka jedhuuf: isa kan biraaf kenni. Akkasumas, inni barates akkas in jedha: Macaaficha as fidi, akkasumas ani isa nan dubbisaa.

16 Akkasumas amma, isaan kana kan jedhaniif sababii ulfina biyya lafaafiqabeenya argachuufis akkas jedhu malee, akkasumas ulfina Waaqayyootiif miti.

17 Akkasumas, namichi akkas in jedha: Chaappaadhaan waan cufameef, ani macaaficha fiduu hin danda’u.

18 Ergasii warri baratanis akkas in jedhu: Ani dubbisuu hin danda’u.

19 Kanaafuu akkas in ta’a, Waaqayyo Gooftaan macaafichaa fi dubbiiwwan achi keessa jiran nama hin baranneef deebisee in kenna; akkasumas namichi hin baranne sun: Ani hin baranne, in jedha.

20 Isa booda Waaqayyo Gooftaan akkas isaan in jedha: Warri baratan isaaniin hin dubbisan, sababni isaa isaan isaaniin waan hin fudhatiniif, akkasumas ani hojii mataa kootii hojjechuu nan danda’a; kanaafuu ati dubbiiwwan warra ani sitti kennu in dubbifta.

21 Waantota chaapppaadhaan cufaman hin tuqin, sababni isaa yeroo ofii kootiitti ani isaaniin nan fida; sababni isaa ani hojii mataa kootii hojjechuu akkan danda’u ilmaan namaatti nan argisiisa.

22 Kanaafuu, dubbiiwwan ani si abboome sana yommuu ati dubbiftu, akkasumas dhuga-ba’umsa ani si abdachiise sana yommuu ati argattu, sana booda macaaficha deebitee chaappaadhaan in cufta, akkasumas ogummaa kootiin waan hundumaa ilmaan namaatiif yeroon mul’isu hamma ga’utti dubbiiwwan ati hin dubbifne, akka ani eeguuf anaaf in dhoksita.

23 Kanaafis kunoo, ani Waaqayyoodha; akkasumas ani Waaqa dinqiiti; akkasumas ani kaleessas isuma, har’as, akkasumas bara baraanis isuma sana akkan ta’e biyya lafaatti nan argisiisa; akkasumas akka amantii isaaniitti yoo ta’e malee ani ilmaan namaa gidduutti hin hojjedhu.

24 Akkasumas, deebi’ee akkas in ta’a; isa dubbiiwwan isaaf kennaman isa dubbisuuf Gooftaan akkas in jedhaan:

25 Hammuma sabni kun afaan isaaniitiin gara kootti dhiyaatan, akkasumas hidhiiwwan isaaniitiinis ana in kabaju, garuu garaa isaanii na irraa fageessaniiru, akkasumas sodaa isaan ana irraa qaban abboommii namootaatiin warra barsiifaman hamma ta’anitti—

26 Kanaafuu, ani saba kana gidduutti hojii dinqisiisaa hojjechuu itti nan fufa, eeyyee, hojii dinqisiisaa fi ajaa’ibsiisaa, ogummaan ogeessota isaanii fi kan warra barataniis nan balleessa, akkasumas abshaalummaa abshaalota isaaniis in dhokfama.

27 Akkasumas, warra akeeka isaanii Gooftaa duraa fageessanii dhoksuuf yaalaniif wayyoo! Akkasumas, hojiin isaaniis dukkana keessa jira; akkasumas warra akkas jedhaniif: Eenyutu nu arga, akkasumas eenyutus nu beeka? Akkasumas, isaan dabalanii akkas in jedhu: dhugumaan, oliif gadi galagaggaluun keessan akka suphee dhooftuu sanatti in ilaalama. Garuu kunoo, hojii isaanii hundumaa akkan beeku, isaanitti nan argisiisa, jedha Gooftaan Maccaa. Sababni isaa hojiin isa isa hojjeteen, ati ana hin hojjenne jechuu in danda’aaree? Yookiin waanti tolchame waa’ee isa tolchee dubbachuu hin danda’aa, homaatuu hubachuu hin danda’uu, hubannoo homaatuu hin qabaatuureee?

28 Garuu kunoo, Gooftaan Maccaa akkas jedha: Yeroo muraasa booddee Libaanon iddoo dhaaba isa muka ija godhatu baasuu in ta’a; akkasumas iddoon dhaaba muka ija godhatuu sun bosona akka ta’u ani ilmaan namaatti nan argisiisa.

29 Akkasumas, guyyaa sanatti warri duudaan dubbiiwwan macaafichaa in dhaga’u, akkasumas iji jaamotaas burjaajjii fi dukkana keessaa ba’anii in argu.

30 Akkasumas, garraamonni immoo in baay’atu, akkasumas gammachuun isaanii Gooftaadhaan inta’a, akkasumas hiyyeessonni namoota gidduu jiranis Qulqulluu kan Israa’elitti in gammadu.

31 Dhugaa Gooftaa isa jiraataa isaan warri nama cunqursan in badu, akkasumas warri ga’iftuunis in dhumu, akkasumas warri jal’ina yaadan hundinuus in muramu;

32 Akkasumas, warri dubbii namni dubbateen yakkamaa nama taasisan, akkasumas warri balbala kellaa duratti nama dhugaadhaaf falmu dura kiyyoo kaa’an, warri sobaan dhugaa ba’anii firdii namaa duraa jal’isiisanis in dhumu.

33 Kanaafuu, Gooftaa inni Abrahaamiin fure, mana Yaaqoobiin ilaalchisee akkas jedha: Yaaqoob si’achi hin yeella’u, qaana’ees fuulli isaa hin coolagu.

34 Garuu inni hojii harka kootii kan ta’an ijoollota isaa gidduu isaatti yommuu argu, isaan maqaa koo in qulqulleessu, akkasumas Tokkicha Qulqulluu Yaaqoobiin in qulqulleessu, akkasumas Waaqayyo isa kan Israa’eliin in sodaatu.

35 Isaan warri hafuuraan dogoggoranis immoo in hubatu, akkasumas isaan warri gungumanis barsiisicha in baratu.