Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 15


Boqonnaa 15

Iddoon dhaabaa wayinii (Israa’el) Gooftaa in ona, akkasumas sabni isaas in faffaca’u—Rakkinni warra gatamanii faffaca’an irratti in dhufa—Gooftichi faajjii ol in kaasa, akkasumas warra Israa’eliin walitti in qaba—Isaayaas 5 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas, yommus, ani michuu koo isa jaal’atamaadhaaf waa’ee iddoo dhaaba wayinii isaatii weedduu jaalalaa nan weeddisa. Michuun koo tulluu baay’ee bu’a-qabeessa ta’e irraa iddoo dhaabaa wayinii in qaba.

2 Akkasumas, inni lafa isaa soqee, akkasumas dhagaa keessaa funaanee, akkasumas sanyii wayinii isa gaarii achi keessa in dhaabe; akkasumas riqaas keessatti in ijaare, akkasumas immoo iddoo ija wayinii itti cuunfatanis keessatti in ijaare; akkasumas inni wayinichi ija akka godhatuuf in abdate, akkasumas wayinichi garuu ija hadhaa’aa in godhate.

3 Akkasumas amma, isin Yaa warra Yerusaalemiin keessa jiraattanii, akkasumas isin namoonni Yihudaas, ani isiniin nan kadhadha, anaa fi iddoo dhaaba waynii koo gidduutti, firdii akka kennitan kabajaan isin gaafadha.

4 Kana caalaa iddoo dhaaba waynii kootiif maal gochuutu ana irra tureree? Kanaafuu, yommuu ani wayinichi ija miyaa’aa godhata jedhee abdadhetti wayinichi ija hadhaa’aa in godhate.

5 Akkasumas ani dhaqee; iddoo dhaaba wayinii koo maal akka ani godhu isinitti nan hima—ani dallaa isaa isa irraa nan fudhadha, akkasumas inni in nyaatama, akkasumas ani mandhaaba isaas nan diiga, akkasumas inni gadi in dhidhiitama.

6 Akkasumas, ani lafa akkasumaanii isa nan godha; dameen isaa isa irraa hin qeexxa’amu jalas hin qotamus; garuu kosorruuwwanii fi qoraattiiwwan achi keessatti in biqilu, ani bokkaan akka itti hin roobneefis immoo duumessa nan abbooma.

7 Sababni isaa iddoon dhaaba wayinii Waaqayyo Gooftaa maccaa kun mana Israa’eli, akkasumas biqiltuun wayinii inni itti gammadus namoota Yihudaati; akkasumas inni firdii abdatee ture, akkasumas wal-cunqursuu in arge; qajeelummaa in abdate, garuu bo’iichatu ta’e.

8 Isaan warra iddoo tokko illee utuu hin hambisinwarra mana tokko isa biraatti maxxansanii iaara niif wayyoo!

9 Dhugumaan manneen baay’een in onu, akkasumas magaalonni gurguddoonnii fi mimmiidhagoon jiraattota malee duwwaatti in hafu, jedhee Waaqayyoo Gooftaan maccaa, gurra kootti dubbateera.

10 Eeyyee, iddoon dhaaba wayinii meesaan kudhan baatihii tokko duwwaa in godhata, akkasumas sanyii omeeriin tokko facaafamee eefaa tokko duwwaa in ta’a.

11 Isaan warra dhugaatii barbaaduudhaaf ganameeffatanii ka’aniif, warra hamma wayinii jabaan isaan gubutti, akkasumas hamma halkaniitti taa’aniif wayyoo!

12 Akkasumas, isaan nyaataa fi dhugaatiitti yommuu taa’an, maseenqoo, kiraara, dibbee, ulullee, daadhii wayniis qabu; isaan garuu gochaa Waaqayyoof beekamtii hin kennan, hojii harka isaatiis hin hubatan.

13 Kanaafuu, sabni koo beekumsa tokkollee waan hin qabneef, isaan booji’amaniiru, akkasumas namoonni warri ulfina qabeeyyiin isaanii garmalee beela’aniiru, akkasumas tuuta isaaniis dheebuun gogseera.

14 Kanaafuu, si’ool ofii ishee bal’ifatteetti, akkasumas afaan ishees safara malee banteetti; akkasumas ulfinni isaanii, akkasumas tuutni isaanii, akkasumas of mul’isuun isaanii, akkasumas inni gammadu sunis, achitti gadi in bu’a.

15 Akkasumas, namni amala rakkisaa qabugadi in qabama, akkasumas namni jabaanis kan gadi deebi’e in ta’a, akkasumas iji warra of tuultuus kan gadi deebifame in ta’a.

16 Waaqayyo Gooftaan maccaa garuu firdiidhaani ol ol in jedha, akkasumas Waaqayyo inni qulqulluun qajeelummaa isaatiin inqulqullaa’a.

17 Sana booda hoolonni akkuma kaloo isaaniitti achi keessa in dheedu, akkasumas lafa onaa warra coccoomoo keessas ormiin nyaata.

18 Isaan warra funyoo waa’ee hin baafneen jal’ina harkisaniif, akkasumas warra akka hidhaa konkolaataatti cubbuu gototaniif wayyoo;

19 Isaan akkas in jedhu: Nuyi akka arginutti, mee Waaqayyo haa ariifatu, hojii isaas haa ariifachiisu; akkasumas nuyi akka beeknuttis, akeeki Qulqulluu kan Israa’el haa dhi’aatu akkasumas akka dafee dhufus haa godhu.

20 Isaan warra isa hamaadhaan gaariidha, akkasumas isa gaariidhaan hamaadha jedhanii waamaniif, akkasumas warra dukkana ifa fakkeessaniif, akkasumas ifa immoo dukkana fakkeessaniif, warra waanta dhangaggaa’aa miyaa’aa fakkeessaniif, akkasumas waanta miyaa’aa dhangaggaa’aa fakkeessaniif wayyoo!

21 Warra yaada ofii isaaniitti ogeessota of se’aniif, akkasumas warra abshaalota of se’aniif wayyoo!

22 Warra daadhii waynii dhuguutti jaboo ta’aniif, akkasumas namoota warra dhugaatii cimaa waliin makuutti beekamaniif wayyoo;

23 Warra isa yakke gabbarsuudhaaf jedhanii qajeelaa godhaaniif, akkasumas qajeelummaa nama isa qajeelaa balleessaniif wayyoo!

24 Kanaafuu, akkuma arrabni ibiddaa qaarmii gubu, akkasumas akkuma ibiddi cidii lafa irraa haxaa’u, akkasumas hundeen isaanii in tortoraa in ta’a, akkasumas daraaraan isaaniis akka awwaaraatti ol in ka’a, sababni isaa isaan seera Waaqayyo Gooftaa maccaa dhiisaniiru, akkasumas dubbii isa kan Qulqulluu kan Israa’eliinis tuffataniiru.

25 Kanaafuu, dheekkamsi Waaqayyyoo saba isaa irratti in boba’a, akkasumas inni harka isaa ol fudhatee isaan in rukuta; akkasumas tulloonnis in socho’u, akkasumas reeffi isaanii walakkaa karaa keessatti in kukkutama, kana hundumaa keessaa inni dheekkamsa isaa amma iyyuu isaan irraa hin deebifne, garuu harki isaas akka ol itti fuudhametti jira.

26 Akkasumas, inni fagoo irraas sabootaaf faajjii ol in kaasa, akkasumas daarii lafaatiis isaan in waama; akkasumas kunoo, isaan dafanii in dhufu; tokko illees isaan gidduutii hin dadhabu hin gufatus.

27 Isaan keessaa tokko illee kan mugus ta’e kan rafus hin jiru; teephi mudhii isaaniis hin laafu, hidhaan kophee isaaniis hin citu;

28 Xiyyoonni isaanii warra qara qaban in ta’u, akkasumas iddaan isaaniis dhifamaadha, akkasumas kotteen fardeen isaanii akka dhagaa almaasiitti in lakkaa’ama, akkasumas geengoon konkolaataa isaaniis akka bubbee in fiiga, isaanis akka leencaatti in aadu.

29 Isaan akka ilmoolee leencaatti in aaduu; eeyyee, isaan in aadu, akkasumas isaan isa adamsan jabeessanii in qabatu, akkasumas nagaadhaanis fudhatanii in adeemu, akkasumas kan isaan baasu tokko illee hin jiru.

30 Akkasumas, guyyaa sanatti isaan akka galaanni huursutti isaanitti irratti ka’anii in huursu, akkasumas isaan yoo gara biyyichaa ilaalan, kunoo, dukkanaa fi rakkina in argu; akkasumas ifnis bantiin waaqaa achi jiraniis keessatti in dukkanaa’a.