Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 25


Boqonnaa 25

Nefiin ifatti in gammada—Raajiiwwan Isaayaas bara dhumaatti in hubatamu—Yihuudonni Baabilon irraa in deebi’u, Masiihichas in fannisu, akkasumas in faffaca’u, akkasumas in rukutamus—Isaan yeroo Masihichatti amananitti iddoo isaaniitti in deebifamu—Lehiin Yerusaalem keessaa erga ba’ee waggoota dhibba ja’aan booda yeroo jalqabaaf inni in dhufa—Warri Nefii seera Musee in eegu, akkasumas Qulqulluu kan Israa’eliin isa ta’e, Kiristoosittiin amanu. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Amma ani, Nefiin, dubbiiwwan afaan Isaayaasiin dubbataman ilaalchisee, jechoota ani barreesse hamma tokko nan dubbadha. Sababni isaas kunoo, Isaayaas waantota baay’ee sabni koo baay’een hubachuun itti ulfaatee ture dubbateera; sababni isaa isaan waa’ee raajiiwwan Yihuudota gidduutti dubbatamanii hin beekan.

2 Sababni isaa ani, Nefiin, waa’ee warra Yihuudotaa ilaalchisee waantota baay’ee isaan hin barsiifne; sababni isaa hojiiwwan isaanii hojii dukkanaa turan, akkasumas gochi isaaniis hojii xuraa’ummaa ture.

3 Kanaafuu, warra kana booda waantota ani barreesse kana fudhatan hundumaafis, isaan firdiiwwan Waaqayyoo akka beekaniif, akka dubbii inni dubbateetti isaan biyyoota hundumaa irratti akka dhufan, ani saba kootti nan barreessa.

4 Kanaafuu, Yaa saba koo, warri mana Israa’el keessaa taatan, na dhaggeeffadhaa, akkasumas dubbiiwwan koof gurra keessan kennaa; sababni isaas dubbiiwwan Isaayaas ifa isiniif hin taane, haa ta’u malee isaan warra hafuura raajummaatiin guutaman hundumaaf ifoodha. Garuu ani akkaataa hafuura isa na keessa jiruutti, raajummaa isiniif nan kenna; kanaafuu ani yeroon abbaa koo wajjin Yerusaalem keessaa ba’ee kaasee iftoomina isa na bira tureen raajii nan dubbadha; sababiin isaas kunoo, sabni koo akka barataniif, lubbuun koo ifatti in gammaddi.

5 Eeyyee, akkasumas lubbuun koo dubbiiwwan Isaayaasitti in gammaddi, ani Yerusaalem keessaa waanan dhufeef, akkasumas iji koos waantota warra Yihuudotaa argeera, akkasumas Yihuudonni waantota raajotaa akka hubatan ani nan beeka, akkasumas akkaataa waantota warra Yihuudotaatti dubbatameetti yoo barsiifaman irraa kan hafe, kan akka isaanii hubatu sabni kan biraan hin jiru.

6 Garuu kunoo, ani, Nefiin, akka amala warra Yihuudotaatti ijoollee koo hin barsiisne; garuu kunoo, ani, ofii kootii, Yerusaalem keessa jiraadheera, kanaafuu ani waa’ee naannoolee naannawa sana jirranii nan beeka; akkasumas akkaataa isa Isaayaas dubbatee ture hundumaatti, waa’ee isa warra Yihuudota gidduutti dhufuuf jiruu, waa’ee firdii Waaqayyoos ani ijoollee kootiif kaaseera, akkasumas ani isaaniin hin barreessu.

7 Garuu kunoo, ani akkaataa iftoomina kootiitti, raajii mataa kootii ittan fufa; kanaanis namni tokko iyyuu dogoggora gochuu akka hin dandeenye nan beeka; haa ta’u malee, guyyaan itti raajiiwwan Isaayaas itti raawwatamanitti, akkasumas yommuu isaan raawwatamanii darbanitti, namoonni dhugummaa isaanii in beeku.

8 Kanaafuu, isaan ilmaan namaatiif gatii qabu, akkasumas kan isaaniif hin ta’an jedhee yaadu, ani addummaan isaaniitti nan dubbadha, akkasumas dubbicha warra saba koo ta’an qofatti nan dubbadha; sababni isaas ani guyyaa boodaatti isaan gatii guddaa akka isaaniif qabaatan nan beeka; sababni isaa guyyaa sanatti isaan isaaniin in hubatu; kanaafuu, ani faayidaa isaaniif jedhee isaan barreesseera.

9 Akkasumas, akkuma dhaloonni tokko sababa jal’ina isaatiin Yihuudota gidduudhaa balleefame, isaan akkaataa yakka isaaniittis dhalootaa hamma dhalootaatti illee balleefamaniiru; akkasumas karaa raajota Gooftichaatiin duraan dursee yoo dubbatame malee isaan keessaa gonkumaa tokko illee hin banne.

10 Kanaafuu, battaluma abbaan koo Yerusaalemiin gadi dhiisetti, badiisa isaanitti dhufuuf jiru ilaalchisee isaanitti himameera; haa ta’u malee, isaan garaa isaanii in jabeessan; akkasumas akkuma raajii ani dubbadhetti warra booji’amanii gara Baabiloonitti fudhatamanii deeman irraa kan hafe, warri kaan badaniiru.

11 Akkasumas, amma kana kanan dubbadhu sababa hafuura isa ana keessa jiruutiifi. Akkasumas, isaan yoo fudhataman iyyuu isaan in deebi’u, akkasumas Yerusaalemiinis in dhaalu; kanaafuu, ammas isaan gara biyya dhaala isaaniitti in deebi’u.

12 Garuu, kunoo, isaan lola, akkasumas oduu lolaa in qabaatu; akkasumas guyyaan itti Tokkichi ilmi Abbaa, eeyyee, Abbaa waaqaa fi lafaa inni ta’e illee, fooniin ofii isaa isaanitti of mul’isu in dhufa, kunoo, isaan sababa jal’ina isaaniitiif, akkasumas gara-jabina isaaniitiif, akkasumas boqu-jabina isaaniitiifis, isaan isa hin fudhatan.

13 Kunoo, isaan isa in fannisu; akkasumas inni guyyoota sadiif awwaala keessa erga ciiseen booda, inni fayyina koochota isaatiin qabee, du’aa in ka’a; akkasumas warri maqaa isaatti amanan hundinuu mootummaa Waaqayyoo keessatti in fayyu. Kanaafuu, lubbuun koo waa’ee isaa raajii dubbachuuf in gammaddi, sababni isaa ani guyyicha argeera, akkasumas garaan koo maqaa isaa isa qulqulluu in galateeffata.

14 Akkasumas, kunoo akkas in ta’a erga Masihichi du’aa ka’ee booda, akkasumas warra maqaa isaatti amanan hundumaatti, saba isaa baay’eetti erga of muli’seen booda, kunoo, Yerusaalem deebitee in diigamti; warra Waaqayyoo fi namoota waldaa isaa irratti ka’anii lolaniif wayyoo.

15 Kanaafuu, warri Yihuudotaa saba hundumaa gidduutti in bittinnaa’u; eeyyee, akkasumas immoo Baabiloon in balleeffamti; kanaafuu, warri Yihuudotaa karaa saboota biroottiin bittinnaa’u.

16 Akkasumas, erga faca’anii booda, akkasumas Waaqayyo Gooftaan turtii dhaloota baay’eedhaaf saba birootiin erga isaan adabeen booda, eeyyee, dhaloota irraa gara dhalootaattis hamma isaan Ilma Waaqayyoo Kiristoositti, akkasumas gatii kaffaltii cubbuu, isa ilmaan nama hundumaaf daangaa hin qabnetti amanuuf hamma dirqamsiifamanitti, akkasumas guyyaan sun yeroo dhufu isaan Kiristoositti in amanu, akkasumas garaa qulqulluu fi harka qulqulluudhaan, maqaa isaatiin Waaqayyo Abbaa in waaqessu, akkasumas kana booda Masihiin kan biraan in dhufa jedhanii hin eegan, sana booda, yeroo sanatti, waantoota kanneen amanuun guyyaa inni barbaachisaa itti isaaniif ta’uu in dhufa.

17 Akkasumas, saba isaa badiisaa fi haala kufaatii irraa deebisuuf Gooftaan yeroo lammaffaaf harka isaa in diriirsa. Kanaafuu, inni hojii ajaa’ibsiisaa fi hojii dinqisiisaa ilmaan namaa gidduutti hojjechuu itti in fufa.

18 Kanaafuu, inni dubbiiwwan isaa isaanitti in mul’isa, dubbiiwwan kanaanis guyyaa dhumaatti isaanitti in faradama, sababni isaa kaayyoo Masihii isa dhugaa isa isaan biratti fudhatama dhabee ture sanaa, isaan amansiisuuf isaaniif kennameera; akkasumas kana booda Masihiin in dhufa jedhanii eeguun akka isaan hin barbaachifne isaan amansiisuuf, sababni isaa isa sabicha gowwoomsu Masihii sobaa yoo ta’een malee, kan biraan eenyu illee dhufuu hin qabu; sababni isaa kan raajotaan waa’een isaa dubbatame Masiihiin tokko qofatu jira, akkasumas Masihichi isa Yihuudota biratti fudhatama dhabeedha.

19 Kunis akka dubbiiwwan raajotaatti, Masiihichi yeroo abbaan koo Yerusaalemiin gadi dhiisee ba’ee irraa jalqabee waggaa dhibba ja’a booda in dhufa; akkasumas akka dubbiiwwan raajotaatti, akkasumas immoo akka dubbii ergamaa Waaqayyootti, maqaan isaa Yesuus Kiristoos, Ilma Waaqayyoo in ta’a.

20 Akkasumas, amma, obboloota koo, ani akka isin dogongoruu hin dandeenyetti ifatti dubbadheera. Akkasumas, akkuma Waaqayyo Gooftaa inni jiraataan Israa’eliin biyya Gibxii keessaa ol baasee fide, akkasumas sabni bofa summii qabaniin erga hiddamaniin booda akka inni isaan fayyisuuf Museef humna kenne, isaan ija isaanii boficha isa inni fuula isaanii duratti ol fuudhee, sana irra yoo kaa’atan, akkasumas immoo inni katticha rukutee akka inni bishaan keessaa baasuuf humna isaaf in kenne; eeyyee, kunoo ani isiniin nan jedha, waantonni kun dhugaadha, akkasumas Waaqayyo Gooftaan jiraataa akkuma ta’e, kan ani dubbadheef, Yesuus Kiristoos kana malee, namni kan ittiin fayyuu danda’u, maqaa biraan waaqaa jalatti kenname hin jiru.

21 Kanaafuu, sababa kanaaf Waaqayyo Gooftaan waantonni ani barreessu kun akka eegaman, akkasumas akka ol kaa’aman, hamma biyyi lafaa jirtutti sanyiin isaa gonkumaa akka isaan hin badne, kakuu inni Yoseefiif gale sun akka raawwatamuuf, dhalootaa irraa gara dhalootaatti, akkasumas gara sanyii kootiitti akka dabarfaman kakuu naaf galeera.

22 Kanaafuu, waantonni kun hamma biyyi lafaa jirtutti dhalootaa irraa gara dhalootaatti in daddabarfamu; akkasumas isaan akka fedhaa fi jaalala Waaqayyootti in daddabarfamu; akkasumas saboonni warri isaan qabaatanis akka dubbiiwwan warra barreeffamaniitti isaanitti in faradama.

23 Ijoollee keenya amansiisuuf, akkasumas immoo obboloonni keenya, akka Kiristoositti amananiif, akkasumas akka Waaqayyoo wajjin araaramaniif cimnee barreessuuf in dhamaana; sababni isaas nuyi kan fayyinu ayyaanaan, nuyi waan gochuu dandeenyu hundumaa boodas akka ta’e nuyi in beekna.

24 Akkasumas, nuyi Kiristoositti yoo amanne iyyuu, nuyi seera Musee in eegna, akkasumas hamma seerichi raawwatamuttis, jabinaan gara fuulduraatti Kiristoosiin in eegganna.

25 Kanaafuu, kaayyoo kanaafis seerri kennamee ture; kanaafuu seerichi nuyiif du’aa ta’eera, akkasumas nuyi sababa amantii keenyaaf Kiristoosiin jiraatoo taaneerra; haa ta’u malee nuyi sababa abboommotaaf jecha seera in eegna.

26 Akkasumas, nuyi ijoolleen keenya dhiifama cubbuu isaaniif madda isa kam ilaaluun akka isaan irra jiru akka beekaniif, nuyi waa’ee Kiristoos in dubbanna, nuyi Kiristoositti in gammadna, nuyi waa’ee Kiristoosiin in lallabna, nuyi waa’ee Kiristoosiin raajii in dubbanna, akkasumas nuyi akkaataa raajii keenyaatti in barreessina.

27 Kanaafuu, nuyi ijoolleen keenya du’a seeraa akka beekaniif waa’ee seeraa dubbanna, akkasumas isaan, du’a seeraa beekuudhaan, jireenya isa Kiristoos keessa jiru sana hawwiidhaan eeggachuu, akkasumas seerri sun kaayyoo maaliif akka kenname beekuu in danda’u. Akkasumas seerichi Kiristoosiin erga raawwatameen booda, yeroo seerri dhabamsiifamuu qabutti garaa isaanii isa irratti jabeessanii isaan mormuun akka isaan hin barbaachifnes akka beekaniifiidha.

28 Akkasumas, amma kunoo, saba koo, isin saba boqu-jabeessotadha; kanaafuu, ani akka isin isiniif galutti ifatti isinitti dubbadheera. Akkasumas, dubbiiwwan ani dubbadhe kun akka dhuga-ba’umsaatti isin irratti in dhaabbatu; sababni isaas isaan nama kamiin iyyuu karaa isa sirrii ta’e barsiisuuf ga’aadha; karaa inni sirriin Kiristoositti amanuudha, akkasumas isa ganuu dhiisuudha; sababni isaa isa ganuudhaan isinis immoo raajota, akkasumas seericha in gantu.

29 Akkasumas amma kunoo, karaa inni sirrii ta’e Kiristoositti amanuu akka ta’e ani isinitti nan hima, akkasumas isa hin ganinaa, akkasumas Kiristoos Qulqulluu kan Israa’eliidha; kanaafuu isin isa duratti gadi qomma’uu qabdu, akkasumas humna keessan guutuudhaan, yaada, akkasumas jabina, akkasumas lubbuu keessan guutuudhaan isa waaqeffachuu qabdu; akkasumas isin kana yoo gootan haala kamiinuu hin gatamtan.

30 Akkasumas, hamma barbaachisaa ta’etti, seerri Museef kennamee ture hamma raawwatamutti fihojiiwwan Waaqayyoo fi sirnoota isaa isin eeguu qabdu.