Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 20


Boqonnaa 20

Badiisni Asoor fakkeenya badiisa jal’ootaa isa yeroo Dhufaatii isa Lammaffaati—Gooftaan deebi’ee erga dhufee booda namoonni muraasni in hafu—Hafteen Yaaqoob guyyaa sanatti in deebi’u—Isaayaas 10 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Warra seera qajeelaa hin taane baasaniif, akkasumas warra abboommii jal’aa isa barreessan ajajaniif wayyoo;

2 Isaan warra rakkatan irraa firdii garagalachuuf, akkasumas saba koo warra hiyyeessota irraa firdii qajeelaa fudhachuudhaaf, ijoollota abbaan irra hin jirre adamsanii in saamu, akkasumas isaan haadha hiyyeessaa harka jala in fudhatu!

3 Akkasumas, isin guyyaa daawwatamuu fi guyyaa badiisa keessanii, fagoo irraa dhufu maal gooturee? Isin gargaarsaaf gara eenyutti baqattu? Akkasumas isin ulfina keessanis eessatti dhiifturee?

4 Ana malee isaan warra hidhamaniif gadi in gugguufu, akkasumas isaan warra ajjeefaman jalatti inkukkufu. Kana hundumaa keessaa iyyuu dheekkamsi Waaqayyoo hin deebine; garuu harki isaas amma iyyuu ol fuudhamee jira.

5 Yaa warra Asoor, uleen dheekkamsa kootii, akkasumas meeshaan harka isaanii keessa jiru dheekkamsa isaaniiti.

6 Ani saba of tuultuu irratti isa nan erga, akkasumas saba ani aarii irraa qabus akka isaan saamuuf, akkasumas akka booji’uuf, akkasumas akka dhoqqee karaa keessa jiruuttis lafatti akka gadi isaan dhidhiituuf abboommii isaaf nan kenna.

7 Haa ta’u malee, inni akkas jechuu isaa mitii, garaan isaas akkasitti hin yaadu; saboota baay’ee in balleessuuf fi in kukkutuu garaan isaa hin barbaada.

8 Inni akkas jedhe: Angafoonni duulaa koo hundinuu mootota mitiiree?

9 Kaalnoon akkuma Karkemiishiin mitiiree? Haamaat akkuma Arphaaditiin mitiiree? Samaariyaanis akkuma Damaasqooti mitiiree?

10 Ani mootummoota warra waaqayyoliin tolfamoon keessa guutan, akkasumas warra bifni fakkeenya isaanii kan Yerusaalemii fi kan Samaariyaa irra caalu harki koo akkuma argate;

11 Samaariyaa fi waaqayyolii tolfamoo ishee irratti akkuman godhe, Yerusaalemii fi waaqayyolii tolfamoo ishee irrattis, ani akkasuma hin godhuuree?

12 Kanaafuu, akkas in ta’a Gooftaan tulluu Xiyoonii fi Yerusaalemiin irratti, hojii isaa hojjetee yommuu raawwatu, mootiin Asoor ija garaa isaatiin of bokoksee ol of qabuu isaatiif, akkasumas ulfina isaa isa inni ittiin dhaadatuuf ani isa nan adaba.

13 Sababni isaa inni akkas jedheera: Ani jabina irree kootii fi ogummaa kootiin waantota kana godheera; sababni isaa ani hubataadha; akkasumas ani daarii sabaa iddoo isaatii buqqiseera, akkasumas badhaadhummaa isaaniis saameera, akkasumas ani akkuma nama jabaa ta’ee warra jiraattota gadi buuseera;

14 Akkasumas, harki koo badhaadhummaa sabaa akka man’ee simbirrootti argateera, akkasumas akkuma namni tokko hanqaaquuwwan warra hafan walitti qabatutti anis lafa hundumaa irraa walitti nan qabadhe; akkasumas isaan keessaa koochoo isaa kan sochoose, yookiin kan afaan isaa bane, yookiin kan ilaales hin turre.

15 Qottoon namicha isumaa ittiin muka muru irratti in ka’aaree? Nyaat-muraanis namicha isumaa ittiin muka baqaqsu irratti of in jajaaree? Utuu kun in ta’a ta’ee akka waan uleen namicha isa qabatu sana mirmirsuuti; yookiin akka waan dhaabanni ani muka miti jedhuuti.

16 Kanaafuu, Waaqayyo Gooftaan Maccaa, warra coccoomoo isaa gidduutti, dhukkuba golgoleessu in erga; akkasumas ulfina isaa isa guddaa jalattis inni gubaa isa akka gubaa arraba ibiddaa in qabsiisa.

17 Akkasumas, ifni Israa’el abiddaaf waan ta’eef, akkasumas inni Qulqulluun Tokkichi arraba abiddaa in ta’a, akkasumas qoraattii isaa fi kosorruu isaa guyyaa tokkotti in guba akkasumas in nyaatas;

18 Akkasumas, ulfina bosona isaatii, akkasumas ija maasii isaatii isa cooma, foonii fi lubbuu isaas abidichi in guba; akkasumas isaanis akkuma yommuu namni faajjii baatu tokko dadhabee in ta’u.

19 Akkasumas, mukkeetiin bosonaa warri isa keessatti hafan muraasa waan ta’aniif, mucaan suni isaaniin barreessuu in danda’a.

20 Akkasumas, kun guyyaa sanatti akkas in ta’a, warri Israa’el keessaa hafan, akkasumas warri mana Yaaqoob keessaa oolanis, garuu isaan dhugumaan, Waaqayyo isa Qulqulluu kan Israa’elitti hirkatu malee, deebi’anii isa isaan rukutetti hin hirkatan.

21 Warri hafan, eeyyee, warri Yaaqoob keessaa hafan illee, gara Waaqayyo isa aango-qabeessatti in deebi’u.

22 Sanyiin kee akka cirracha qarqara galaanaa yoo baay’atan iyyuu, isaan keessaa warra hafan duwwaatu deebi’a; egaa badiisi labsame qajeelummaadhaan akka moo’atu hin taasisa.

23 Waaqayyo Gooftaan Maccaa, badiisa isa dur murtoo godhee ture sana, lafa hundumaa irratti illee in fida.

24 Kanaafuu, Waaqayyo Gooftaan Maccaa akkas jedha: Yaa saba koo isin warri Xiyooniin keessa jiraattan, warra Asooriin hin sodatinaa; inni uleedhaan isin in rukuta, akkuma warra Gibxii duraanii, akkasumas bokkuu isaa isin irratti ol in kaasa.

25 Erga isaan badanii booda dheekkamsii, akkasumas aariin koos yeroo baay’ee xiqqoodhaaf in dhaabbata.

26 Akkasumas Waaqayyo Gooftaan Maccaa kattaa Horeeb biratti warra Miidiyaaniin dha’ichaan akkuma rukute; akkasumas Gibxitti akkuma godhee ture inni ulee isaa galaana irratti ol nii fudhata.

27 Akkasumas kun guyyaa sanatti akkas in ta’a ba’aan isaa gateettii keessan irraa, akkasumas waanjoon isaas morma keessan irraa in fuudhama; akkasumas sababii dibatichaa irraa kan ka’es waanjoochi in balleeffama.

28 Inni gara Aayiin dhufeera, inni Miigroon gara darbeera; inni mi’a gaarii fardaa cisaas Miikmaashiin keessa kaa’eera.

29 Isaan ulaa qaxxaamuranii adeemaniiru; Isaan yeroodhaaf iddoo Giibe’aa qubataniiru; warri Raamaas sodaataniiru; Giibe’aan isheen kan Saa’olis baqatteetti.

30 Yaa intala Galiim, sagalee ol kaasi; Yaa hiyyeessa Anaatot, Laa’iishitti akka dhaga’amu godhi.

31 Warri Madmaanaa buqqa’aniiru; jiraattonni Gebiimis baqachuudhaaf walitti qabamaniiru.

32 Inni hamma guyyaa sanatti Nob keessatti in hafa; inni gaara intala Xiyoon irratti, tulluu Yerusaalemittis harka isaa in raasa.

33 Kunoo, Waaqayyo, Gooftaan Maccaa damoota isaanii humna sodaachisaadhaan irraa in mura; akkasumas warri dherinaan ol ka’anis in muramu; akkasumas warri ol jedhoonis gadi in deebifamu.

34 Akkasumas, inni bosona gobbuu sana sibiilaan in cira, akkasumas Liibaanonis harka isa aango-qabeessaan in kufti.