Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 30


Boqonnaa 30

Warri Ormoonni jijjiiraman saba kakuu warra ta’anii wajjin in lakkaa’amu—Warri Laamaanii b fi warri Yihuudotaa baay’een dubbicha in amanu, akkasumas warra nama gammachiisan in ta’u—Israa’el deebitee iddoo isheetti in deebiti, akkasumas warri jal’oonnis in balleeffamu. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, ani isinitti nan dubbadha; ani, Nefiin isin warra Ormootaa caalaa qajeelota akka taatanitti akka isin yaaddaniif hin hayyamu. Sababni isaa kunoo, isin abboommota Waaqayyoo yoo eeguudhaa baattan hundi keessan in baddu; akkasumas sababii dubbiiwwan dubbatamaniifis warri Ormootaa guutummaatti akka balleeffaman yaaduun isin hin barbaachisu.

2 Sababni isaa kunoo, warra Ormootaa keessaa warri yaada garaa geeddaratan saba kakuu Gooftaa akka ta’an isinitti nan hima, akkasumas warri Yihuudotaa baay’een kan yaada garaa hin geeddaranne in gatamu; sababni isaas Gooftaan warra yaada garaa geeddaratanii fi ilma isaa Qulqulluu kan Israa’eliin isa ta’etti amananii wajjin yoo ta’e malee eenyu wajjin iyyuu kakuu hin galle.

3 Akkasumas amma, warra Yihuudotaa fi warra Ormootaa ilaalchisee hamma tokko caalaatti ani raajii nan dubbadha. Macaafni ani waa’ee isaa dubbadhe erga dhufee booda, akkasumas warra Ormootaaf erga barreeffamee, akkasumas deebi’ee gara Gooftaatti erga chaappaadhaan cufamee booda, dubbiiwwan warra barreeffaman sanatti kan amanan baay’een in jiraatu; akkasumas isaanis gara warra haftee sanyii keenyaatti isaaniin in geessu.

4 Akkasumas kana booda, sanyii keenya keessaa warri hafan waa’ee keenya ilaalchisee, akkamitti Yerusaalem keessaa akka baane, akkasumas isaan akkamittiin sanyii warra Yihuudotaa akka ta’an in beeku.

5 Akkasumas, wangeelli Yesuus Kiristoos isaan gidduutti in labsama; kanaafuu, isaan gara beekumsa abbootii isaaniitti, akkasumas immoo gara beekumsa Yesuus Kiristoos isa abbootii isaanii gidduu tureettis in deebi’u.

6 Akkasumas kana booda, isaan in gammadu; sababni isaa kun eebba harka Waaqayyoo irraa isaaniif kenname ta’uu isaa isaan in beeku; akkasumas qolli dukkanaa ija isaanii irraa kufuu in jalqaba; akkasumas saba qulqulluu sfi saba nama gammachiisan hamma isaan ta’anitti, dhaloonni baay’eenis isaan gidduutii hin darbu.

7 Akkasumas akkas in ta’a; Yihuudonni warri faffaca’anis immoo Kiristoositti amanuu in jalqabu; akkasumas isaanis biyya lafaa sana irratti walitti qabamuu in jalqabu; akkasumas warri Kiristoositti amanan baay’eenis immoo saba gammachiisoo in ta’u.

8 Akkasumas akkas in ta’a; Waaqayyo Gooftaan biyya lafaa irratti saba isaa iddootti deebisee fiduuf biyyoota, firoota, afaanota, akkasumas saboota hundumaa gidduutti hojii isaa in jalqaba.

9 Akkasumas, Waaqayyo Gooftaan warra hiyyeesotaaf qajeelummaadhaan in farada, akkasumas warra garraamii biyya lafaas wal qixxummaadhaan in ifata. Akkasumas inni ulee afaan isaatiin biyya lafaa in rukuta; akkasumas hafuura hidhii isaatiitiinis inni warra jal’oota in ajjeesa.

10 Sababni isaa Waaqayyo Gooftaan namoota gidduutti qoqqoodamiinsa guddaa yeroo inni itti godhu ariifatee in dhufa; akkasumas inni warra jal’ootain balleessa; akkasumas inni warra jal’oota ibiddaan balleessuun yoo irra jiraate iyyuu, eeyyee, inni saba isaatiif in o’a.

11 Akkasumas, qajeelummaan akka teepha mudhii isaa in ta’a, akkasumas amanamummaanis akka sabbata inni mudhii ittiin hidhatuuti.

12 Akkasumas yommus, yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata; akkasumas qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, akkasumas jabbiin, akkasumas leenci saafilli, akkasumas jibichi walii wajjin in bobba’u; akkasumas mucaan xinnoon isaan in tiksa.

13 Akkasumas, saawwii fi amaaketi walii wajjin in sooratu; jabboonnii fi ilmooleen amaaketaa wal bira in ciciisu; akkasumas leencis akka qotiyyoo cidii in nyaata.

14 Akkasumas, daa’imni harma hodhu boolla mar’ataa bira in taphata, akkasumas mucaan inni harma gu’es harka isaa mann’ee buutii keessa in kaa’a.

15 Isaan gaara koo isa qulqullaa’aa hundumaa irratti nama hin miidhan yookiin hin balleessanis; sababni isaa akkuma galaanni bishaaniin guutu laftis beekumsa Waaqayyootiin in guuta.

16 Kanaafuu, waantonni biyyoota hundumaa in beeksifamu; eeyyee, waanti hudinuu ilmaan namaatti in beeksifamu.

17 Waanti dhoksaa ta’e hin jiru yoo mul’ateen malee; ifa keessatti ba’ee yoo mul’ateen malee hojiin dukkanaa hin jiru; akkasumas yoo hiikameen malee waanti chaappaadhaan lafa irratti cufamus hin jiru.

18 Kanaafuu, waantonni ilmaan namaatti mul’atanii turan hundinuu guyyaa sanatti in mul’ifamu; akkasumas sanaan booda Seexanni garaa ilmaan namaa irratti yeroo dheeraadhaaf kana caalaa aangoo hin qabaatu. Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, ani dubbii koo nan xumura.