Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 24


Boqonnaa 24

Israa’el walitti in qabamti, akkasumas boqonnaa waggoota kumaatti in gammaddi—Luusifer sababii lola kaaseef waaqa irraa gadi darbatamee ture—Israa’el Baabilon (biyya lafaa) irratti in injifatti—Isaayaas 14 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Waaqayyo Yaaqoobiif in oo’a, akkasumas ammas warra Israa’eloota in filata, akkasumas biyya isaanii keessa isaan in teessisa; akkasumas sabni ormaa isaanitti in dabalamu, akkasumas mana Yaaqoobittis in maxxanu.

2 Akkasumas, sabichi isaan fuudheegara iddoo isaaniitti isaaniin in fidu; eeyyee, fagoodhaas hamma dhuma andaara lafaatti; akkasumas isaan gara biyya ishee isaaniif abdachiifamteetti in deebi’u. Akkasumas, manni Israa’el isaan in qabatu, akkasumas biyyi Waaqayyoos garbichaa fi garbittiif in ta’a; akkasumas isaan warra isaan booji’anii turan gara boojutti deebisanii in fudhatu; akkasumas isaan cunqursitoota isaanii irrattis in mo’u.

3 Akkasumas, guyyaa sanatti akkas in ta’a, Waaqayyo gadda keessan irraa, akkasumas sodaa keessan irraa, akkasumas garbummaa isa isin ittin tajaajilaa turtan keessaa isin baasee boqonnaa isiniif in kenna.

4 Akkasumas, guyyaa sanatti akkas in ta’a, jjechama kana fuudhattanii mootii Baabiloniin irratti kaataanii, akkasumas akkas in jettu: Inni nama cunqursaa ture akkamitti dhuma argate, magaalaan isheen warqee taates dhuma argatte!

5 Waaqayyo ulee warra jal’ootaa, ulee mootummaa warra mo’aniis in hurreesse.

6 Inni dheekkamsa isaa irraa kan ka’e utuu gargar hin kutin saba rukute, inni saboota aariidhaan isaan bulche, adabameera, akkasumas eenyu illees isa hin oolchu.

7 Guutummaan biyya lafaa boqonnaa irra jira, akkasumas gabii argateera; isaanis faarfachuudhaafis ka’aniiru.

8 Eeyyee, mukoonni gaattiraa sitti in gammadu, akkasumas immoo birbirsi Liibaanon, akkas siin in jedhu: Erga ati gadi qabamtee namni nu irratti ka’ee nu muruudhaaf dhufu hin jiru.

9 Yommuu ati gara si’oolitti gadi buutu innis iddoo gadi fagoodhaa socho’ee si simata; sii jedhee ekeraa isaan lafa irratti geggeessitoota turan dabalatee hundinuus, siif jedh in unkura; mootonni saba lafa irraa hundinuus teessoo isaanii irraa kaaseera.

10 Hundumtii isaanii akkas siin jedhanii sitti dubbatu: Atis immoo akkuma keenya dadhabaa taateeree? Atis akkuma keenya taateeree?

11 Miidhaginni kee gara iddoo awwaalchaatti gadi in darbatame; sagaleen kiraara keetiis hin dhaga’amu; raammoon si jala hafameera, akkasumas raammoon si haaguugeera.

12 Yaa Luusifer, ilma isa ganamaa! Akkamitti bantiiwwan waaqaa irraa gadi darbatamtee! Ati inni saboota gadi dadhabsiisaa turte!

13 Ati garaa kee keessatti akkas in jette: Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba’a, ani urjoota Waaqayyoo gararraas teessoo koo nan godhadha; ani gaara iddoo walga’ii, isa gara kaabaa jiru irras immoo nan taa’a;

14 Ani duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba’a; ani akka isa Hundumaa Gararraa jiruus nan ta’a in jette.

15 Ati garuu gara si’oolitti gadi in darbatamta, gara cinaawwan boolla qilee keessas in buute.

16 Isaan warri achitti si argan dinqisiifatanii, akkasumas xiyyeeffannaadhaan si ilaalanii, akkasumas si hubatanii, akkasumas akkas siin in jedhu: Kun namicha isa lafa rom’isiisaa ture, isa mootummootas raasaa ture kanadhaa?

17 Akkasumas, isa biyya lafaa akka lafa onaa godhee, akkasumas isa magaaloota ishees balleesse, akkasumas isa warra hidhaman gadi hin dhiifneedha mitiiree?

18 Reeffi mootota saba lafa irraa hundinuu, eeyyee, hundumti isaanii, tokkoon tokkoon isaanii ulfinaan mana ofii isaanii keessa in kaa’amu.

19 Ati garuu akka damee isa jibbisiisaatti awwaala kee keessaa in baafamta, akkasumas warri hafaniis ajjeefamanii, warra gorra’amanii billaan isaan uree wajjinis, boolla dhagaa keessa in buufama, akka reeffaas miillaan gadi in dhidhiitama.

20 Ati biyya kee sababii balleessiteef, akkasumas saba kees gorraatee waan fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu; sanyiin warra hamaa godhanii bara baraan deebi’anii hin kabajamani.

21 Isaan ka’anii lafa qabatanii, biyya lafaas magaalootaan akka hin guunnettis, sababii yakka abboota isaaniitiif, ilmaan isaanii the lgorra‘uudhaaf qopheessaa.

22 Waaqayyo Gooftaan Maccaa akkas jedha: ani isaan irratti waanan ka’uuf, Baabiloon maqicha Baabiloon irraa adda nan kuta, akkasumas, hambaa, akkasumas ilma dhiiraa, akkasumas durbii nan balleessa, jedha Waaqayyo.

23 Ani immoo ishee iddoo dhaddeen itti galtu, akkasumas laga caffees nan godha, akkasumas ani harataadhaanis haree ishee nan balleessa, jedha Waaqayyo Gooftaan Maccaa.

24 Waaqayyo Gooftaan Maccaa, akkas jedhee kakateera: Dhugumaan akkuma ani yaade, akkasuma in ta’a; akkasumas akkuma ani karoorfadhe, inni in raawwatama.

25 Ani warra Asooriin gara biyya kootiitti nan fida, akkasumas gaarreen koo irrattis isaan miilla koo jalatti nan dhidhiita; yommus waanjoon isaanii isaan irraa in tka’a, akkasumas ba’aan isaaniis gatiittii isaanii irraa in bu’a.

26 Murtoon kun guutummaa biyya lafaa irratti isa murtaa’eedha; akkasumas harki saboota hundumaa irratti ol fuudhames isa kana.

27 Waaqayyo Gooftaan Maccaa karoorseera, akkasumas eenyutu isa hambisaree? Akkasumas, harki isaas ol fuudhameera, akkasumas eenyutu gadi isa deebisaree?

28 Bara mootichi Ahaaz du’etti ba’aan kuni tureera.

29 Yaa warra Filiisxiyaa hundumti keessan, uleen isin rukute waan cabeef, mee baay’ee hin gammadinaa; sababni isaa sanyii hidda bofaa keessaa mar’ataan inba’a, akkasumas ilmoon isaas bofa abiddaan balali’u in ta’a.

30 Akkasumas, angafni warra hiyyeessota in soora, akkasumas warri gadadamoonnis nagaadhaan in jiraatu; akkasumas ani hidda keessan beelaan nan ajjeessa, akkasumas inni warra si keessaa hafan in ajjeesa.

31 Yaa karrootaa, wawwaadhaa; Yaa magaaloota, iyyaa; Isin, Yaa warra Filisxiyaa, hundumti keessan sodaadhaa; akkasumas akka gagaa baqaa, sababni isaa gara kaabaatii aarri in dhufa, akkasumas yeroo beellama isaatiitti eenyu illee qophaa isaa hin ta’u.

32 Ergamoonni saboota sana biraa ergamanii dhufan deebii maalii kennuu? Gooftaan Xiyooniin jabeessee dhaabeera, akkasumas saboota isaa keessaa warri hiyyeeyyiin isatti in amanu.