Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 14


Boqonnaa 14

Bara barkumeetti, Xiyoonii fi intaloonni ishee in fayyu, akkasumas in qulqullaa’u—Isaayaas 4 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas guyyaa sanatti, dubartoonni torba dhiira tokko qabatanii, akkas in jedhu: Nuyi buddeena ofii keenyaa qabnu in nyaanna, akkasumas uffata ofii keenyaa qabnus in uffanna; keenya akka hafutti maqaa keetiin akka waamamnu duwwaa nuuf godhi.

2 Guyyaa sanatti dameen Gooftaa miidhagaa fi ulfina-qabeessa in ta’a; warra Israa’el keessaa miliqanii dhufaniif iji lafichaa dansaafi miidhagaa in ta’a.

3 Akkasumas akkas in ta’a, warri Xiyoon keessatti hambifaman akkasumas Yerusaalemiin keessatti hafan, tokkoon tokkoo maqaan isaanii warra Yerusaalemiin keessa jiraatan gidduutti kan barreefaman hundinuus, qulqulloota jedhamanii in waamamu—

4 Yommuus Gooftichi intaloota Xiyooniin irraa xuraa’ummaa nii dhiqa, akkasumas hafuura firdii fi hafuura gubuutiin Yerusaalemiin gidduu isheetii dhiiga dhiqee nii qulleessa.

5 Akkasumas, Gooftaan guutummaa iddoo jireenyaa gaara Xiyooniin irratti, akkasumas warra achi irratti walitti qabaman irrattis guyyaa duumessaa fi aara, akkasumas halkanis ifa ibidda boba’aa in uuma; sababni isaa iddoo ulfina Xiyoonii hunda irratti tikni in ta’a.

6 Akkasumas, guyyaa yeroo aduun gubu, iddoo gaaddisaa, akkasumas obonboleettiifi bokkaa jalaa immoo iddoo itti baqatan in ta’aaf.