Boqonnaa 28
Waldoonni sobaa baay’een baroota dhumaatti in ijaaramu—Isaan barsiisa sobaa, kan waa’ee hin baafne, akkasumas gowwummaa in barsiisu—Gantummaan sababa barsiisota sobaatiin in baay’ata—Daabiloos dheekkamsa garaa namootaa keessa in kaa’a—Inni barumsa sobaa gosa hundumaa in barsiisa. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, kunoo, obboloota koo, akkuma hafuurri na diriqisiisetti, ani isinitti dubbadheera; kanaafuu, dhugumaan akka isaan raawwataman ani nan beeka.
2 Akkasumas, waantonni macaaficha keessatti barreeffaman ilmaan namaatiif, akkasumas keessumattuu immoo sanyii keenya warra mana Israa’el keessaa haftee ta’aniif, gatii guddaa in qabaatu.
3 Guyyaa sanattis akkas in ta’a; waldoonni ijaaraman kan Gooftaa kan hin taane, akkasumas yommus inni tokko isa kaaniin akkas in jedha: Kunoo, anis, ani kan Gooftaati; akkasumas warri kaanis akkas in jedhu; anis, ani kan Gooftaati; akkasumas tokkoon tokkoo namoonni waldoota Gooftaa hin taane ijaaran hundumti isaanii akkasuma in jedhu.
4 Akkasumas, isaan walii isaanii wajjin wal in falmu, akkasumas luboonni isaaniis wal in falmu, akkasumas isaan barumsa ofii isaanii irraa ta’es in barsiisu, akkasumas isa dandeettii dubbachuu kennus, Hafuura Qulqulluu in ganu.
5 Akkasumas, isaan humna Waaqayyoo, Qulqulluu kan Israa’eliinis in ganu; akkasumas isaan sabichaan akkas in jedhu: Nu dhaggeeffadhaa, akkasumas isin abboommii keenyas dhaggeeffadhaa; kunoo Waaqayyo har’a hin jiru, sababni isaa Gooftaa fi Fureen hojii isaa hojjetee xumureera, akkasumas inni humna isaas namootaaf kenneera;
6 Kunoo, isin abboommii koo dhaggeeffadhaa; isaan dinqiin harka Gooftaan hojjetame jira yoo jedhan, isa hin amaninaa; sababni isaa guyyaa har’aatti inni Waaqayyo isa dinqii hojjetu miti; inni hojii isaa hojjetee raawwateera.
7 Eeyyee, akkasumas warri akkas jedhan baay’een in jiraatu: nyaadhaa, dhugaa, akkasumas warra gammaddan ta’aa, sababni isaa nuyi bor in duuna; akkasumas kun nuuf gaarii in ta’a.
8 Akkasumas, kan akkas jedhanis immoo baay’ee in ta’u: Nyaadhaa, dhugaa, akkasumas warra gammaddan ta’aa; haa ta’u malee, Waaqayyoon sodaadhaa—inni cubbuu xiqqoo yoo hojjanne inni qajeelaa nu godha; Eeyyee, xiqqoo sobaa, sababa dubbiiwwan isaatiin isa tokkotti fayyadamaa, ollaa keessaniifis boolla qotaa; kana keessa miidhaan tokko illee hin jiru; akkasumas waan kana hundumaa godhaa, sababni isaa nuyi bor in duuna; akkasumas hammam warra balleessaa qaban yoo taane iyyuu, Waaqayyoo xiqqoo nu rukuta, akkasumas nuyi dhuma irratti mootummaa Waaqayyoo keessatti in fayyina.
9 Eeyyee, akkasumas akkasitti barumsa sobaa fiisa waa’ee hin baafne, akkasumas barumsa gowwummaa warra barsiisan, akkasumas garaa isaanii keessatti warra of dhiiban, akkasumas gorsa isaanii gadi fageessanii Gooftaa duraa dhoksuu warri barbaadan baay’een in jiraatu; akkasumas hojiin isaaniis dukkana keessa in ta’a.
10 Akkasumas, dhiigni warra qulqullootaa lafa irraa isaan irratti ka’ee in iyya.
11 Eeyyee, hundi isaanii karaa irraa maqaniiru; isaan warra manca’anis ta’aniiru.
12 Sababa of tuulummaatiif, akkasumas sababa barsiisota sobaatiif, akkasumas barsiisa sobaa irraa kan ka’e, waldoonni isaanii warra manca’an ta’aniiru, akkasumas waldoonni isaaniis ol kaafamaniiru; sababa of tuulummaa isaaniitifis ol of dhiibaniiru.
13 Isaan sababii iddoowwan qulqulluu isaanii isa gaariif warra hiyyeesotain saamu; isaan sababii uffata isaanii isa gaariitiif isaan warra hiyyeessota in saamu, akkasumas isaan warra gadadamoo akkasumas warra garaan isaanii hiyyeeyyii in ari’atu, sababa of tuulummaa isaaniitiinis isaan ol of in dhiibu.
14 Isaan boqu-jabootaa fi warra mataa irra keessa qabataniidha; eeyyee, akkasumas warra duuka buutota Kiristoos warra gadi of deebisan irraa kan hafe, hundi isaanii sababa of tuulummaa, akkasumas jal’ina, akkasumas xuraa’ummaa, akkasumas ejjummaa isaanitiin karaa irraa maqaniiru; haa ta’u malee, yeroo baay’ee abboommii namootaatiin waan barsiifamaniif, isaan dogoggora akka hojjetaniif geggeeffamaniiru.
15 Yaa warra beektoota, akkasumas warra baratan, akkasumas dureeyyii, warra of tuulummaan boonanii garaa isaaniitiin of dhiibanii, akkasumas warra barsiisa sobaa lallabaniif, akkasumas warra ejjaniif, akkasumas karaa Gooftaa isa sirrii warra jal’isan hundumaaf, wayyoo, wayyoo, isaaniif wayyoo, isaan gara si’oolittis gad in darbatamu, jedha Waaqayyo Gooftaan inni hundumaa danda’u!
16 Warra waan gatii hin baafneefnama qajeelaa dhiibanii fi waanta gaarii irratti ka’anii hamaa dubbataniif akkasumas warra gatii hin qabu jedhaniif wayyoo! Sababni isaa Guyyaan Waaqayyo Gooftaan namoota lafa irra jiraatan dafee itti daawwatu in dhufa; akkasumas guyyaa sanatti jal’inaan guutummaatti warri bilchaatan in badu.
17 Garuu kunoo, warri biyya lafaa irra jiraatan jal’inaa fi xuraa’ummaa isaanii irraa yaada garaa isaanii yoo geeddaratan isaan hin badan, jedha Gooftaan Maccaa.
18 Garuu kunoo, waldaan isheen guddittii fi isheen xuraa’ummaadhaan guutte sun, isheen ejjituu biyya lafaa hundumaa taate, gara lafaatti gadi in kufti, akkasumas kufaatiin ishee guddaa in ta’a.
19 Sababni isaa mootummaan daabiloos raafamuu qaba, akkasumas warri kan ishee ta’an gara yaada garaa geeddarannaatti kakaafamuu qabu, yookiin daabiloos fuuncaa isaa isa kan bara baraatiin isaaniin in qaba, akkasumas isaan gara dheekkamsaatti in kakaafamu, akkasumas in badu;
20 Kanaafis kunoo, inni guyyaa sanatti garaa ilmaan namaa keessatti in dheekkama, akkasumas waanta gaarii isa ta’e irratti ka’ee aariidhaanisaan in kakaasa.
21 Akkasumas inni warra kan biroo in tasgabbeessa, akkasumas suuta jechuun gara nageenya fooniitti isaan in sossoba, isaanis akkas in jedhu: Xiyooniin keessatti waanti hundi gaariidha: eeyyee, Xiyoon in badhaati, hunduu gaariidha—akkasumas daabiloos akkasitti lubbuu isaanii in gowwomsa, akkasumas of eeggannoodhaan gara si’oolitti gadi isaan in geessa.
22 Akkasumas kunoo, inni kaan isaaniitti si’ool akka hin jirre itti himee, akkasumas in gowwomsa; akkasumas inni akkas isaaniin in jedha: Ani daabiloosiin miti, sababni isaa inni hin jiru—akkasumas hamma fuuncaa isaa isa hamaa jalaa ba’uun hin danda’amneen isaan hidhutti, akkasumas inni gurra isaaniitti in hasaasa.
23 Eeyyee, isaan du’aan, akkasumas si’ooliin qabamaniiru; akkasumas duuti, akkasumas si’ool, akkasumas daabiloos, akkasumas warri isaaniin qabaman hundinuu teessoo Waaqayyoo dura dhaabbachuu qabu, akkasumas akka hojii isaaniitti isaanitti in faradama, achi irraas gara iddoo isaaniif qophaa’eetti, gara galaana ibiddaa fi dhagaa boba’uutti illee, gara dhiphina isa dhuma hin qabneetti deemuu qabu.
24 Kanaafuu, isa yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraatuuf wayyoo!
25 Isa hunduu gaariidha: jedhee iyyuuf wayyoo!
26 Eeyyee, isa abboomota namootaa dhaggeeffatuuf, akkasumas humna Waaqayyoo, akkasumas kennaa Hafuura Qulqulluu ganuuf wayyoo!
27 Eeyyee, isa: nuyi fudhanneerra: Akkasumas, nuyi kan biraa hin barbaannu, jedhuuf wayyoo!
28 Akkasumas walumaa galatti, warra raafaman hundumaaf, akkasumas sababii dhugaa Waaqayyootiin warra dheekkamaniif wayyoo! Sababni isaa kunoo, inni kattaa irratti ijaarame gammachuudhaan in fudhata; akkasumas inni cirracha irratti bu’uurefamee ijaarame akka hin kufneef sodaatee in raafama.
29 Nuyi dubbii Waaqayyoo fudhanneerra, akkasumas dubbiin Waaqayyoo kana irratti dabalataan homaa nu hin barbaachisu, sababni isaa nuyi isa akka ga’aatti qabna: warra jedhaniif wayyoo!
30 Kanaafis kunoo, Waaqayyoo Gooftaan akkana jedha: Ani ilmaan namaatiif qajeelfama qajeelfama irratti, barsiisa barsiisairratti, asii xinnoo fi achii xinnoo nan kennaafi; akkasumas warri qajeelfama koodhaggeeffatan, akkasumas warri gurra isaanii gara gorsa kootiitti qabanii dhaggeeffatan kan eebbifamaniidha, sababni isaa isaan ogummaa in baratu; sababni isaa nama fudhatuuf ani dabalee nan kennaaf; akkasumas warra nu ga’a jedhan, waanti qaban iyyuu isaan irraa in fudhatama.
31 Inni amanannaa isaa nama irra godhatu, yookiin nama foon uffate irree isaa godhatu, yookiin abboommiin isaanii humna Hafuura Qalqulluutiin kan kenname yoo ta’e malee, inni abboommii namootaa dhaggeeffatu abaaramaadha.
32 Warra Ormootaaf wayyoo, jedha Waaqayyo Gooftaan Maccaa! Ani irree koo guyyaadhaa gara guyyaatti yoo ani isaaniif diriirse iyyuu, isaan anaan in ganu; haa ta’u malee, isaan yoo yaada garaa isaanii geeddaratanii fi yoo gara koo dhufan, ani isaaniif nan o’a jedha Waaqayyo Gooftaan; irreen koo guyyaa guutuu diriirfameeraaf, jedha Waaqayyo Gooftaan Maccaa.