Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 33


Boqonnaa 33

Dubbiiwwan Nefii dhugaadha—Isaan waa’ee Kiristoosiin dhugaa ba’u—Warri Kiristoositti amanan dubbii Nefii isa teessoo firdii duratti dhuga-baatuu ta’ee isa dhaabbatutti in amanu. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, ani, Nefiin, waantota saba koo gidduutti barsiifamanii turan hundumaa barreessuu hin danda’u; ani akkan dubbadhu kanatti barreessuutti jabaa miti; sababni isaas yeroo namni humna Hafuura Qulqulluutiin dubbatutti humni Hafuura Qulqulluu gara garaa ilmaan namaatti in geessa.

2 Garuu kunoo, warri Hafuura Qulqulluudhaan mormanii garaa isaanii jabeessan, innis isaan keessatti bakka kan hin qabne baay’een jiru; kanaafuu, isaan waantota barreeffamaniin gatii hin qabnee jedhanii tilmaamuun waan baay’ee in gatu.

3 Garuu ani, Nefiin, waanan barreessuu qabu ani bareesseera, akkasumas kun keessumattuu saba kootiif, akkasumas gatii guddaa qaba jedheen tilmaama. Sababa isaaniitiif osoo addaan hin kutin guyyaa hundumaa isaaniif nan kadhadha, akkasumas halkaniin imimmaan koo boraatii koo in jiisa; ani amantiidhaan gara Gooftaatti nan iyya, akkasumas inni iyya koos akka dhaga’u nan beeka.

4 Akkasumas, Waaqayyo Gooftaan kadhannaa koo bu’aa saba kootiif akka qulqulleessu ani nan beeka. Akkasumas, dubbiiwwan ani dadhabbiidhaan barreesses isaaniif jaboo in ta’u; sababni isaa inni waan gaarii akka hojjetaniif isaaniin in amansiisa; waa’ee abbootii isaanii isaan in beeksisa; akkasumas waa’ee Yesuusiin in dubbata, akkasumas jireenya bara baraa isa ta’e, isatti akka amananii fihamma dhumaatti akka dhaabbataniifis isaan in amansiisa.

5 Akkasumas, akka iftoomina dhugaatti, inni waa’ee cubbuu ija-jabinaan in dubbata; kanaafuu, hafuura daabiloosiin irraa yoo ta’e malee dubbiiwwan ani barreessetti kan aaru namni tokko illee hin jiru.

6 Ani ifatti nan gammada; ani dhugaatti nan gammada; ani Yesuus kootti nan gammada, sababni isaa inni lubbuu koo si’ooliin keessaa fureera.

7 Ani saba kootiif arjummaa nan qaba, akkasumas lubbuuwwan teessoo firdii isaa duratti mudaa hin qabne akkan qunnamuuf Kiristoos irratti Kiristoos irratti amantii guddaan qaba.

8 Ani warra Yihuudiif arjummaa nan qaba—ani Yihuudii nan jedha, sababni isaas saban keessaa dhufe isaan jechuu kooti.

9 Ani warra Ormootaafis immoo arjummaa nan qaba. Garuu kunoo, isaan Kiristoositti yoo araaramanii malee akkasumas karra isa dhiphaadhaan yoo ol-galanii, akkasumas, hamma guyyaa yaalii isaanii isa dhumaa sanatti karaa isa qal’aa gara jireenyaatti geessu irra akkasumas adeemsa isaanii yoo itti fufuu baatan, isaan keessaa eenyuun illee hin abdadhu.

10 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, akkasumas immoo warri Yihuudotaa, akkasumas isin warri dhuma biyya lafaa irraa jirtan hundumtuu, dubbiiwwan kana dhaggeeffadhaatii Kiristoositti amanaa; akkasumas isin dubbiiwwan kanatti yoo hin amanneyyuu Kiristoosiitti amanaa. Akkasumas isin yoo Kiristoositti amantan dubbiiwwan kanatti in amantu, isaan dubbiiwwan Kiristoosiin waan ta’aniif, akkasumas inni isaaniin anatti kenneera; akkasumas isaan namoonni hundinuu waan gaarii gochuu akka qaban in barsiisu.

11 Akkasumas, isaan dubbiiwwan Kiristoosiin yoo hin taane, isinumti faradaa—guyyoota dhumaattis dubbii isaa ta’uu isaanii, humnaan akkasumas ulfina guddaadhaan, Kiristoos isinitti inargisiisa; akkasumas anii fi isin fuulaaf fuulatti teessoo firdii isaa dura in dhaabanna; akkasumas dadhabbiin koo jiraatus, waantota kana akkan barreessuuf isaan akkan abboomame in beektu.

12 Akkasumas, hunduma keenya yoo ta’uu baate iyyuu, baay’een keenya guyyaa isa guddaa fi dhumaa sanatti mootummaa isaa keessatti akka fayyinuuf ani maqaa Kiristoosiin Abbaa nan kadhadha.

13 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, warra mana Israa’el hundumaa kan taatan, akkasumas isin warri dhuma biyya lafaa irra jirtan hundinuu, ani akka sagalee nama biyyoo keessaa iyyuutti isinitti nan dubbadha: Hamma guyyaa inni guddaan sun dhufutti nagaan isinii wajjin haa ta’u.

14 Akkasumas, isin warri gaarummaa Waaqayyoo irraa hin hirmaanne, akkasumas dubbiiwwan warra Yihuudotaa, akkasumas dubbiiwwan koo, akkasumas dubbiiwwan afaan Hoolicha Waaqayyoo keessaa ba’u kan hin kabajne, kunoo, ani bara baraan nagaa isiniif nan dhaama, sababni isaa dubbiiwwan kun guyyaa dhumaatti isinitti in faradu.

15 Sababni isaa waanta ani lafa irratti chaappaadhaan cufe, teessoo firdii duratti isin irratti in dhiyaata; sababni isaa Gooftaan akkasitti na abboomeera, akkasumas ani abboomamuun qaba. Ameen.