Boqonnaa 23
Badiisni Baabiloon fakkeenya badiisa Dhufaatii isa Lammaffaati—Guyyaa dheekkamsaa fi ijaa ba’uu in ta’a—Baabilon (biyyi lafaa) bara baraan in kufti—Isaayaas 13 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Ba’aa Baabilon kan ilmi Amoos, Isaayyaas, arge.
2 Isin gaara ol ka’aa irratti faajjii ol fuudhaa, sagalee ol isaaniif kaasaa, karra kellaa warra gurguddootaa keessa akka lixaniif, harkaan isaan argisiisaa.
3 Ani warra qulqulloota koo abboomeera, dheekkamsi koo isaan warra ol aantummaa kootti gammadan irratti waan hin jirreef, ani immoo warra jajjaboo koos waameera.
4 Sagaleen tuuta gaarreen gidduu akka namoota baay’eeti, hammaan ol wacuun mootota lafa irraas walitti qabameera, Waaqayyo Gooftaan Maccaa lolaaf loltuu isaa walitti in qabata.
5 Isaan biyya fagoodhaa, daarii waaqa irraas in dhufu, eeyyee, Waaqayyo, mi’a dheekkamsa isaatiin, akkasumas guutummaa biyya lafaa in balleessa.
6 Guyyaan Waaqayyoo dhi’aateera; innis isa Hundumaa danda’u biraa badiisa waan fiduuf, isin wawwaadhaa.
7 Kanaafuu, harki hundinuu in dadhaba, garaan nama hundumaas in baqa;
8 Akkasumas, isaan in sodaatu; dhukkubbii guddaanii fi dhiphinni isaaniin in qabata; isaan wal ilaalanii in rifatu; fuulli isaaniis akka barbadaa ibiddaa in diimata.
9 Kunoo, guyyaan Waaqayyoo inni hamaan, lafa onsuuf, akkasumas inni warra cubbamootas isa irraa balleessuuf; dheekkamsaa fi aarii boba’aadhaanis in dhufa.
10 Sababni isaa urjoonni waaqaa fi urjoonni sadee jedhaman ifa isaanii hin kennan; aduun ba’aa jirtus in dukkannoofti, akkasumas jiinis ifa ishee hin kennitu.
11 Akkasumas, ani biyya lafaa hammina isaatiif, akkasumas warra jal’ootas yakka isaaniitiif nan adaba; ani of jajuun warra of gurguddisaniis akka dhaabbatu nan godha, akkasumas ol ka’uu warra hamootaas gadi nan qaba.
12 Ani namni warqee isa gati-jabeessa irraa akka caalu; namni warqee Ofiir isa qullaa’aa irra illee akka caalu nan godha.
13 Kanaafuu, ani Waaqayyo Gooftaan Maccaa guyyaa dheekkamsa kootti, akkasumas guyyaa aarii kootii isa boba’aatti, bantiiwwan waaqaa nan rom’isiisa, akkasumas laftis iddoo isheetii akka sochootu nan godha.
14 Akkasumas, kunis akkuma kuruphee ari’amee, akkasumas akka hoolota nama walitti sassaabu hin qabnee in ta’a; akkasumas isaan namoonni hundinuu gara saba ofii isaaniitti in deebi’u, akkasumas hundumtii isaaniis gara biyya ofii isaaniitti in baqatu.
15 Inni of tuulu hundinuu in waraanama; eeyyee, akkasumas inni warra jal’ootatti makate hundinuus billaadhaan in kufa.
16 Ijoolleen isaaniis immoo ija isaanii duratti in cicciramu; manneen isaanii in saamamu, akkasumas dubartoota isaaniittis in gudeedamu.
17 Kunoo, ani warra Meedota, warra meetii fi warqee hin jaal’anne, warra isattis hin gammadne isaan irratti nan kaasa.
18 Iddaan isaanii immoo dargaggoota inciccira; akkasumas isaan firii gadameessaatiifis hin o’ani; ijoonni isaaniitiis ijoollota hin hambisan.
19 Akkasumas, Baabiloon, isheen ulfina mootummootaa taate, isheen warra Kaldootaaf hunduma caalaa miidhagduu taate, akkuma yeroo Waaqayyo warra Sodoomii fi Gomoraa balleessee ture sanaa in taati.
20 Innis kana booda gonkumaa keessa hin jiraatamu, dhalootaa hamma dhalootaattis keessa kan jiraatu hin argamu; warri Arabootaas achi keessa dunkaana hin dhaabbatan; tiksitoonnis hoolota isaanii achi keessa hin dheechifatan.
21 Garuu bineensonni bosonaa gamoojjii achi keessa in ciciisu; akkasumas manneen isaanii keessas umamni sodaachisoodhaan in guutamuu; akkasumas hurungoonni isaanii achi keessa in jiraatu, akkasumas korbeeyyiin reettiis achi keessa in burraaqu.
22 Akkasumas, bineensonni bosona sanaa mana isaanii isa diigamee lafa onaa ta’e keessatti, akkasumas jawwoonni masaraa isaanii isa gammachiisaa keessatti in iyyu; akkasumas yeroon ishee dhufuuf dhiyaateera, akkasumas guyyaan ishees hin dheeratu. Sababni isaa ani dafee ishee nan balleessa; eeyyee, ani saba kootiif nan o’a, garuu warri jal’oonni in badu.