Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 17


Boqonnaa 17

Efreemii fi Sooriyaan Yihudaa irratti lola in labsan—Kiristoos durba irraa in dhalata—Isaayaas 7 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas, kun erga ta’e booddee bara Ahaaz, ilma mootii Yihudaa Yotaam Uziyaan, Resiin, mootiin Sooriyaa, akkasumas Pheqaan, ilmi mootii Israa’el RemaaliyaanYerusaalemin loluudhaaf ol ba’an, garuu isaan irratti ka’anii mo’uu hin dandeenye.

2 Akkasumas: Warri Sooriyaa warra Efreem wajjin walii galaniiru, jechuun mana Daawititti himamee ture. Akkasumas, garaan isaa fi garaan saba isaatii akkuma muka bosona keessaa qilleensi raasutti in raafame.

3 Waaqayyo yommus: Atii fi ilmi kee She’aariyaashubii Ahaaziin qunnamuudhaafgara dhuma jal’isii kuufama bishaanii isa gara olii karaa maasii namicha uffata miicuu dhaqaa, Isaayyaasiin jedhe.

4 Akkasumas, iddoo jirtutti of eeggannoodhaan calluma jedhii dhaabbadhu malee, dheekkamsa Resiinii fi namoonni isaa, akkasumas kan ilma Remaaliyaas hin sodaatin, isaan gufuuwwan aaranii seeqan waan ta’aniifgaraan kee akka hin raafamnejedhiin.

5 Sababni isaas warri Sooriyaa, warri Efreem, akkasumas ilma Remaaliyaa wajjin akkas jechuun sirratti ka’uun koree hamaa godhaniiru:

6 Kottaa dhaqnee biyya Yihuudaa irratti ka’uudhaan dhiphifnaa akkasumas itti cabsinaa, akkasumas ilma Xaabe’elis, eeyyee, isa irratti in moosifnaa.

7 Waaqayyo Gooftaan akkas jedha: waanti kun hin ta’u, fiixaanis hin ba’u.

8 Mataan Sooriyaa Damaasqoo akkuma ta’e, akkasumas mataan Damaasqoo, Resiin; akkasumas waggoota jaatamii shanan kana keessatti Efreem in caccaba; saba ta’uun isaas in hafa.

9 Akkasumas, mataan Efreem Samaariyaa akkuma ta’e, akkasumas mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaati. Yoo isin dhugumaan amanuudhaa baattan isin dhaabachuu hin dandeessan.

10 Kana malees, Gooftaan ammas Ahaazitti, akkas jedhee in dubbate:

11 Qileegadi fagoo yookiin ol fagoo gararraatti yoo ta’e iyyuuWaaqayyo Gooftaa kee biraa mallattoo gaafadhu.

12 Garuu Ahaaz akkas in jedhe: Ani hin gaafadhu, ani Waaqayyoonis hin qoru.

13 Akkasumas, inni akkas in jedhe: Yaa mana Daawit; isin mee amma dhaga’aa, isin nama dadhabsiisuun isinitti xinnaannaan, garuu isin Waaqayyo koos immoo dadhabsiif tuuree?

14 Kanaafuu, Waaqayyo ofii isaatii mallattoo isiniif in kenna—Kunoo, durbi in ulfoofti, akkasumas ilma in deessi, akkasumas maqaa isaas Amaanu’el jettee in moggaafti.

15 Inni isa hamaa jibbuunisa gaarii fo’achuu akka baruuf dhadhaa fi damma in nyaata.

16 Mucichi hamaa jibbuu fi gaarii filachuu utuu hin barin dura, biyyattiin ati jibbitu suni mootota ishee lamaanuu hin lagatti.

17 Mootii Asor sitti kaasuudhaan, akkasumas Waaqayyo, guyyaa Efreem mootii Asor Yihudaatii gargar bahee jalqabee waanta ta’ee hin beekne si irratti, akkasumas saba kee irratti, mana abbaa kee irrattis in fida.

18 Akkasumas, guyyaa sanatti, akkasis in ta’a; Waaqayyo yommus titiisa qarqara laga Gibxii fi kanniisa biyya Asoriin guutummaatti siiquudhaan si irratti in waama.

19 Akkasumas, hundumti isaaniis dhufanii dachaa onaa keessa, akkasumas holqa dhagaa keessa, akkasumas huuxxii qoraatii hundumaa keessa, akkasumas iddoo lafa mukkeen gaggabaaboo hundumaa irra isaan in qubatu.

20 Guyyaa sanatti Gooftichi qarabaa isa laga Efraaxiis gamaa mootii Asor irraa bitateen rifeensa mataa, akkasumas rifeensa miillaa in haada; akkasumas immoo areedichas in guba.

21 Akkasumas, guyyaa sanatti akkasin ta’a, namni tokko goromsa tokkoo fi hoolotalama in soora;

22 Akkasumas akkas in ta’a, isaan aannan baay’ee waan qabaniif akka inni itittuu nyaatuuf isaaf in kennu; warri biyyatti hafan hundinuus itittuu fi damma in nyaatu.

23 Akkasumas, guyyaa sanatti akkas nii ta’a, iddoon hundinuu, iddoon mukkeetiin waynii kumatti lakkaa’aman gatiin isaaniis meetii kumatti lakkaa’amaa turani kan qoraattii fi kosorruu nii ta’u.

24 Biyyichi qoraattiidhaa fi kosorruudhaan waan guutuuf, namni achi adeemu xiyyaa fi iddaa qabatee dhaquutu irra jira.

25 Akkasumas, gaarota warra dur gasoodhaan soqamaa turan hundumaa qoraattii isaaniitii fi kosorruu isaaniitiif namni keessa ba’uu waan hin dandeenyeef, lafa saawwanii fi hoolota itti yaasanii dhidhiichisan in ta’u.