Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 31


Boqonnaa 31

Nefiin Kiristoos maaliif akka cuuphamee ture in hime—Namoonni fayyuudhaaf Kiristoosiin duukaa bu’uu, cuuphamuun, Hafuura Qulqulluu fudhachuun, akkasumas hamma dhumaatti dhaabbachuu qabu—Yaada garaa geeddarachuufi cuuphamuun karaa karra isa dhiphaa fi qal’aatiin ol galumsaati—Jireenyi bara baraa warra cuuphaa booda abboommota eeganiif in dhufa. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, ani, Nefiin, raajii isiniif dubbachuu koo nan xumura. Akkasumas, ani dhugumaan dhufuu qabu jedhee kanan beeku, waantota muraasa irraa kan hafe barreessuu hin danda’u; ani dubbiiwwan obboleessa koo Yaaqoob muraasa barreessuu hin danda’u.

2 Kanaafuu, ani barumsa Kiristoosiin ilaalchisee dubbiiwwan muraasa dubbachuun yoo na barbaachise irraa kan hafe waantonni ani barreesse anaaf ga’aadha; kanaafuu, ani akka iftoomina raajii kootiitti, ifatti isinitti nan dubbadha.

3 Sababni isaa lubbuun koo iftoominatti in gammaddi; Waaqayyo Gooftaanis ilmaan namaa gidduutti haala kanaan waan hojjetuuf. Sababni isaa Waaqayyo Gooftaan akka hubataniif ifa in kenna; sababiin isaa namootaafis akka isaan hubataniif, akkaataa afaan isaaniitti inni isaanitti in dubbata.

4 Kanaafuu, ani waa’e raajicha isa Gooftaan natti agarsiise sanaa ilaalchisee, Hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu akka cuuphamu qabu, ani akkan isinitti dubbadhee ture akka isin yaadattan nan barbaada.

5 Akkasumas amma, Hoolichi Waaqayyoo, inni qulqulluu ta’ee qajeelummaa hundumaa raawwachuuf bishaaniin cuuphamuun erga isa barbaachisee, yaa egaa, nuyi warri qulqulloota hin taane, eeyyee, bishaaniin illee, cuuphamuun kana caalaa hammam nu barbaachisaree!

6 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, ani isin nan gaafadha, Hoolichi Waaqayyoo bishaaniin cuuphamuu isaatiin akkamitti qajeelummaa hundumaa raawwateree?

7 Inni qulqulluu akka ture hin beektaniiree? Garuu inni qulqulluu ta’ee osoo jiruu, akkaataa fooniitti Abbaa duratti gadi of deebisuudhaan, inni ilmaan namaatti argisiiseera, akkasumas inni abboommota isaa eeguudhaan abboomamaa ta’uu isaa Abbaadhaaf dhugaa ba’eera.

8 Kanaafuu, inni bishaaniin erga cuuphamee booda Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin isa irra in bu’e.

9 Akkasumas ammas, inni isaan fuul-duratti fakkeenya ta’uudhaan, inni ilmaan namaatti karicha isa qajeelaa, akkasumas akka isaan sanaan ol-galuu qaban, akkasumas dhiphina karrichaa itti argisiiseera.

10 Akkasumas, inni ilmaan namaatiin akka jedhe: Isin na duukaa bu’aa. Kanaafuu, jaal’atamoo obboloota koo, abboomota Abbaa eeguuf fedha-qabeessota yoo taane malee Yesuusiin duukaa bu’uu in dandeenyaaree?

11 Akkasumas, Abbaanis akkas jedheera: Isin yaada garaa geeddaradhaa, isin yaada garaa geeddaradhaa, akkasumas maqaa Ilma Jaal’atamaa kootiin cuuphamaa.

12 Akkasumas immoo, sagaleen Ilmaa akkas jechuun, gara koo dhufe: Isa maqaa kootiin cuuphameef, Abbaan akkuma koo Hafuura Qulqulluu isaaf in kenna; kanaafuu, na duukkaa bu’aa, akkasumas waanta ani utuun hojjedhuu argitan hojjedhaa.

13 Kanaafuu, jaal’atamoo obboloota koo, ani nan beeka isin Ilma duukaa yoo buutan, kaayyoo garaa keessanii guutuudhaan, fuula Waaqayyoo duratti fakkeessummaa fi gowwoomsaa tokko malee hojjechuun, garuu fedhii dhugaadhaan, cubbuu keessan irraa yaada garaa geeddarachuudhaan, cuuphamuudhaan, maqaa Kiristoosiin of irratti fudhachuudhaaf fedha-qabeessota ta’uudhaan Abbaadhaaf yoo dhugaa baatan—eeyyee, Gooftaa fi Fayyisaa keessan gara bishaanichaatti yoo duukaa gadi buutan, akka dubbii isaatti, kunoo, isa booda isin Hafuura qulqulluu in fudhattu; eeyyee, isa booda cuuphaan ibiddaa fi Hafuura Qulqulluu in dhufa; akkasumas isa booddee afaan ergamtootatiin dubbachuu, akkasumas Qulqulluu kan Israa’eliin jajachuuf iyyuu in dandeessu.

14 Garuu, kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, sagaleen Ilmaa akkas jechuun gara koo dhufe: Cubbuu keessaniif erga yaada garaa geddarattanii, akkasumas bishaaniin cuuphamuudhaan, abboommota koo eeguudhaaf fedha-qabeessota akka taatan Abbaaf erga dhugaa baatanii booda, akkasumas cuuphaa ibiddaa fi Hafuuraa Qulqulluu fudhachuu keessaniin, akkasumas afaan haaraadhaan, eeyyee, afaan ergamootaatiin illee, dubbachuu erga dandeessanii booda, akkasumas kana booddee kan na gantan yoo ta’e, isin utuu na hin beekne ta’ee isiniif wayya ture.

15 Akkasumas, Abbaa biraa sagalee akkas jedhu nan dhaga’e: Eeyyee, dubbiiwwan Jaal’atamaa kootii dhugaadha akkasumas amanamoodha. Inni hamma dhumaatti dhaabbatu in fayya.

16 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, namni tokko fakkeenya ilma Waaqayyoo isa jiraataa duukaa bu’uudhaan, hamma dhumaatti kan hin dhaabbanne yoo ta’e, inni fayyuu akka hin dandeenye ani kanaan nan beeka.

17 Kanaafuu, Gooftaa fiFayyisaan keessan osoo hojjetuu akkan ani arge waantota ani isinitti hime godhaa; karra isa ittiin ol-galtan akka beektaniif, isaan kan natti argisiiiifaman sababa kanaafiidha. Sababni isaa karri inni isin ittiin ol-galtanis yaada garaa geeddarachuu fi cuuphamuudhaani; akkasumas isa booda dhiifamuun cubbuu keessanii ibiddaa fi Hafuura Qulqulluudhaan in dhufa.

18 Akkasumas, isin hoo karaa isa qal’aa fi isa gara jireenya bara baraatti geessu irra jirtu; eeyyee, isin karrichaan ol-galtaniittu; akka abboomota Abbaa fi Ilmaatti raawwattaniittu; akkasumas isin karra isa sirriidhaan yoo ol-galtan in fudhattu isa inni jedhe, abdii inni kenne raawwachuudhaan, waa’ee Abbaa fi Ilmaa isa dhugaa ba’u, akkasumas isin Hafuura Qulqulluu fudhattaniittu.

19 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, isin karaa isa qal’aa fi dhiphaadhaan erga ol-galtaniin booda, waanti hunduu raawwatameeraa jedhee isin nan gaafadha? Kunoo, ani isiniin nan jedha: lakki, sababni isaa dubbii Kiristoosiin isa irrattis amantii hin sochooneen fayyisuuf humna-qabeessa isa ta’e irratti, hojii gaariidhaan guutummaatti osoo irratti of-gatuudhaa baattanii hamma kanatti hin dhuftan turtan.

20 Kanaafuu, isin ifa abdii guutuu fi jaalala Waaqayyoo fi namoota hundumaa qabaachaa, Kiristoositti jabaachuun gara fuul-duraatti tarkaanfachuu qabdu. Kanaafuu, yoo gara fuul-duraatti tarkaanfattan, dubbii Kirstoosiin soorrachuudhaan, akkasumas hamma dhumaatti yoo dhaabbattan, kunoo, Abbaan akkana jedha: Isin jireenya bara baraa in qabaattu.

21 Akkasumas amma, kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, karichi isa kanadha; akkasumas namni mootummaa Waaqayyoo keessatti kan ittiin fayyuu danda’u, maqaas ta’e karaan waaqaa gaditti homaa hin kennamne. Akkasumas amma, kunoo, kun barsiisaKiristoosi, akkasumas barsiisatokkichaa fi dhugaa isa kan Abbaa fikan Ilmaa, akkasumas isa kan Hafuura Qulqulluu, isa kan Waaqa Tokkicha dhuma hin qabneeti. Ameen.