Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 6


Boqonnaa 6

Yaaqoob seenaa Yihudootaa: Warra Baabiloniin booji’amuu akkasumas deebi’uu; waa’ee tajaajilaa fi fannifamuu Qulqulluu kan Israa’eliin; gargaarsa warra Ormoota irraa fudhatamee; akkasumas Yihudoonni guyyaa boodaatti yeroo Masihichatti amananitti iddootti deebi’uu isaanii irra deebi’ee in dubbate. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Dubbiiwwan Yaaqoob, obboleessa Nefii, isa inni namoota Nefiitti in dubbate;

2 Kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, ani, Yaaqoob, Waaqayyoon kanan waamamee, akkasumas akkaataa sirna isaa isa qulqullaa’aa ta’eetti kanan muudamee, akkasumas isa isin akka mootii yookiin eegduutti ilaaltaniin, akkasumas isa isin nageenya keessaniif irratti of gattaniin, obboleessa koo Nefiidhaan kanan qulqullaa’ee ture, kunoo ani waantota gar-malee baay’ee akkan isinitti dubbadhee ture beektu.

3 Haa ta’u malee, ani ammas isinitti nan dubbadha; ani nageenya lubbuu keessaniif nan hawwa. Eeyyee, yaaddoon koo yoom iyyuu isiniif guddaadha; akkasumas akkas akka ture isin ofuma keessaniin beektu. Sababni isaa ani dhama’uu hundumaan isin gorseera; akkasumas ani dubbiiwwan abbaa kootii isin barsiiseera; akkasumas ani warra barreeffamanii turan waantota hundumaa ilaalchisee, uumamuu biyya lafaa irraa kaasee isinitti dubbadheera.

4 Akkasumas amma, kunoo, ani waa’ee waantota jiranii fi warra dhufuuf jiranii isinitti nan dubbadha; kanaafuu, ani dubbiiwwan Isaayaasiin isiniif nan dubbisa. Akkasumas, isaan dubbiiwwan obboleessi koo akka ani isinitti dubbadhuuf barbaadeedha. Akkasumas, isin maqaa Waaqayyo keessanii akka beektanii fi jajattaniif, ani bu’aa keessaniif isinitti nan dubbadha.

5 Akkasumas amma, dubbiiwwan warri ani dubbisu isa Isaayaas mana Israa’eliin warra ta’an hundumaa ilaalchisee dubbateedha; kanaafuu, isin warra mana Israa’eliin waan taataniif, isaan isinitti fakkeeffamuu danda’u. Akkasumas, isin mana Israa’eliin waan taataniif, waantonni Isaayaas dubbatee ture baay’een isinitti fakkeeffamu danda’u.

6 Akkasumas amma, isaan kun dubbiiwwan kanadha: Waaqayyo Gooftaan akkas jedha: Kunoo, ani harka koo gara warra Ormootaatti ol nan kaasa, akkasumas sabootaafis faajjii koo nan dhaaba; akkasumas isaan ilmaan kee kaasuutti, akkasumas intaloota kees gateettii isaanii irratti baatanii siif in fidu.

7 Akkasumas, mootonni abbaa guddisaa siif in ta’u, akkasumas dubartoonni warra moototaas warra harma siif hoosisan in ta’u; isaan fuula isaanii gara lafaatti gadi qabanii siif in qoomma’u, akkasumas awwaara miilla keetiis in arraabu; akkasumas ati yommus ani Gooftaa akkan ta’e; sababni isaan isaan warri na eeggatan akka hin yellaasifamne in beekta.

8 Akkasumas, amma ani, Yaaqoob, dubbiiwwan kana ilaalchisee hamma tokko nan dubbadha. Kunoo, warri Yerusaalem, warri iddoo nuyi irraa dhufne keessa turan, ajjeefamanii fibooji’amanii akka fudhatamanii deeman Gooftaan natti mul’iseera.

9 Haa ta’u malee, isaan ammas deebi’anii akka dhufan Gooftaan natti mul’iseera. Akkasumas immoo Waaqayyo Gooftaan, Qulqulluu kan Israa’el, akka inni fooniin ofii isaa isaanitti mul’isu natti agarsiiseera; akkasumas inni isaanitti erga of mul’iseen boodas akkaataa dubbiiwwan ergamichi natti dubbateetti isaan isa reebanii akkasumas isa in fannisu.

10 Akkasumas, isaan erga garaa isaanii jabeessanii fi boquu isaanii Qulqulluu kan Israa’eliin irratti ka’uun jabeessaniin booda, kunoo, firdiin inni kan Qulqulluu kan Israa’el isaan irratti in dhufa. Akkasumas guyyaa isaan itti rukutamanii fi itti dhiphatanis in dhufa.

11 Kanaafuu, isaan erga asii fi achi oofamaniin booda, baay’een fooniin ni dhiphatu, in faffaca’u, akkasumas, warra jibbaman in ta’u, akkasumas sababa kadhannaa warra amanamootiif jedhee akka isaan badan hin heyyamu, jedhee ergamichi akkasitti dubbateera; haa ta’u malee, yeroo isaan gara beekumsa Furee isaaniitti dhufanitti, Gooftaan isaaniif in o’a, isaan deebi’anii gara biyya dhaala isaaniittis walitti ni qabamu.

12 Akkasumas, warri Ormoonni warri raajichi waa’ee isaanii barreesse kan eebbifamaniidha; sababni isaa kunoo, isaan yoo yaada garaa isaanii geeddaratan, akkasumas Xiyooniin irratti ka’anii hin lolan ta’eef, akkasumas isaan waldaa ishee guddittii fi ishee xurooftuu taate sanatti ofii isaanii hin tokkoomsan ta’eef, isaan ni fayyu; sababni isaa Waaqayyo gooftaan kakuuwwan isaa isa inni ijoollee isaatiif galee ture ni raawwata; akkasumas sababa kanaafis raajichi waantota kana barreesseera.

13 Kanaafuu, isaan warri Xiyooniin akkasumas saba kakuu Gooftaa irratti ka’uun lolan biyyoo miilla isaanii ni arraabu; akkasumas sabni Gooftaas hin qaana’ani. Sabni Gooftichaa warra isa eeggataniidha; sababni isaas isaan warra hamma ammaatti dhufaatii Masiihichaa eeggachaa jiraniidha.

14 Kunoo, akkaataa dubbiiwwan raajichaatti, Masihichi ammas yeroo lammaffaaf isaaniin iddootti deebisuuf ofii isaan ni qopheessa; kanaafuu, inni hamma diinota isaanii balleessutti humnaa fi ulfina guddaadhaan isaanitti ofii isaa ni mul’isa, guyyaan inni isaan isatti amanan yommuu dhufu; akkasumas inni warra isatti amanan tokko iyyuu hin balleessu.

15 Akkasumas warri isatti hin amanne ibiddaan, akkasumas buubeedhaanis, akkasumas kirkira lafaatiin, akkasumas dhangala’uu dhiigaatiin, akkasumas dha’ichaan, akkasumas beelaan in badu. Akkasumas, isaan Waaqayyoo Gooftaan, Qulqulluu kan Israa’eliin ta’uu isaas ni beeku.

16 Namoota booji’aman yookiinhidhamtoota seeraa nama human qabeeessa harkaa bilisa baasuun in danda’amaauree?

17 Garuu Gooftaan akkas jedha: Waanti namni jabaan booji’e iyyuu irraa in fudhatama, akkasumas warri inni humna-qabeessi hidhates bilisa in baafama; sababni isaa Waaqayyo inni Hundumaa danda’u saba kakuu isaa ni oolcha. Sababni isaa Gooftaan akkas jedha: ani warra siin mormaniin nan morma—

18 Akkasumas ani warri si cunqursan foon ofii isaanii akka nyaatan; akkasumas isaan dhiiga ofii isaaniis akka daadhii waynii mi’aawaatti dhuganii akka machaa’an nan godha; akkasumas ani Gooftichi, Fayyisaa kee fi Furee kee, isa Hundumaa danda’u kan Yaaqoobiin akkan ta’e namoonni hundinuu ni beeku.