Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 4


Boqonnaa 4

Lehiin sanyii isaa in gorse, akkasumas in eebbise—Inni in du’e akkasumas in awwaalame—Nefiin gaarummaa Waaqayyoo in jaje—Nefiin amanannaa isaa bara baraan Gooftaa irra in kaa’ate. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, ani, Nefiin, waa’ee raajiiwwan isa abbaan koo waa’ee Yoseef isa gara Gibxiitti fudhatame turee dubbate nan dubbadha.

2 Kanaafis kunoo, inni dhugumaan sanyii isaa hundumaa ilaalchisee raajii dubbateera. Akkasumas, raajiiwwan inni barreesse, kana kan caalan baay’een hin jiran. Akkasumas, inni waa’ee keenya, akkasumas dhaloota keenya dhufu ilaalchisee raajii dubbateera; akkasumas isaan gabateewwan sibiila diimaa irratti barreeffamaniiru.

3 Kanaafuu, abbaan koo waa’ee raajiiwwan Yoseef dubbatee erga xumureen booda, inni ijoollee Laamaaniin, ilmaan isaa, akkasumas intaloota isaa waamee, akkasumas akkas isaaniin in jedhe: Kunoo, ilmaan koo, akkasumas intaloota koo, ilmaanii fi intaloota ilma koo isa angafaa kan taatan, ani akka isin dubbiiwwan kootiif gurra keessan akka kennitan nan barbaada.

4 Sababni isaa Waaqayyo Gooftaan akkas jedheera: Isin hammuma abboommoota koo eegdan biyyicha keessatti isin in badhaatu; akkasumas isin hammuma abboommoota koo hin eegne isin argama koo irraa adda in baatu.

5 Garuu kunoo, ilmaan koo fi intaloota koo, ani yoon isin eebbise malee gara awwaala kootiitti gad bu’uu hin danda’u; kanaafis kunoo, karaa irra deemuu qabdan irratti isin yoo guddattan karaa irraa akka isin hin maqne ani nan beeka.

6 Kanaafuu, isin yoo abaaramtan, kunoo, abaarsi sun akka inni isin irraa fuudhamee, akkasumas gara mataa maatiiwwan keessanii irratti deebi’uuf, ani eebba koo isin irratti nan dhiisa.

7 Kanaafuu, sababa eebba kootiitiif jecha Waaqayyo Gooftaan akka isin baddan hin heyyamu; kanaafuu, inni isiniif fisanyiiwwan keessaniif bara baraan araara-qabeessa in ta’a.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo ilmaanii fi intaloota Laamaanitti dubbatee erga xumureen booda, inni ilmaannii fi intaloonni Limu’eel fuul-dura isaatti akka dhiyeeffaman in godhe.

9 Akkasumas inni akkas jechuun, isaanitti in dubbate: Kunoo, ilmaan koo fiintaloota koo, ilmaanii fi intaloota ilma koo isa lammaffaa warri taatan; kunoo ani eebban ilmaanii fi intaloota Laamaaniif dhiisee wajjin kan wal-fakkaatu isiniifis nan dhiisa; kanaafuu, isin guutummaatti raawwattanii hin baddan; garuu dhuma irratti sanyiin keessan in eebbifamu.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abbaan koo isaanitti dubbachuu isaa yommuu xumuretti, kunoo, inni ilmaan Ishmaa’eelitti, eeyyee, akkasumas maatii isaa hundumaatti illee in dubbate.

11 Akkasumas, inni erga isaanitti dubbatee xumureen booda, inni akkas jechuun, Saamiitti in dubbate: atii, fi sanyiin kee kan eebbifamtaniiidha; sababni isaas ati akkuma obboleessa kee Nefiitti laficha in dhaalta. Akkasumas, sanyiin kee sanyii isaa wajjin in lakkaa’ama; akkasumas ati akka obboleessa keetii illee in taata, akkasumas sanyii kees akkuma sanyii isaa in ta’u; akkasumas ati bara kee hundumaatti in eebbifamta.

12 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee abbaan koo, Lehiin, maatii isaa hundumaatti, inni akka yaada garaa isaatiitti fi akka Hafuura Gooftaa isa isa keessa jiruutti erga dubbateen booda, inni dulloomee lafa in guure. Akkasumas, kun erga ta’ee booddee, inni in du’e, akkasumas in awwaalames.

13 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee inni du’ee guyyoota baay’ee osoo hin turin, isaan sababa akeekkachiisa Gooftaa irraa kan ka’e Laamaanii, Limu’eel fiilmaan Ishmaa’eel natti aaranii turan.

14 Ani, Nefiin, akka dubbii isaatti akkan isaaniitti dubbaadhuuf dirqameen ture; sababni isaas ani isaaniitti waantota baay’ee dubbadheen ture, akkasumas immoo du’uu isaatiin dura abbaa kootti waantota baay’ee dubbadheen ture; jechoonni kunneen baay’een isaanii gabateewwan koo warra kan biroo irratti barreeffamaniiru; sababni isaa kutaan seenaa garri caalu gabateewwan koo isa biroo irratti barreeffamaniiru.

15 Akkasumas, ani isaan kannneen irratti waantota lubbuu kootii, akkasumas caaffata qulqullaa’aa baay’ee gabatee sibiila diimaa warra bocaman irratti nan barreessa. Sababa lubbuun koo caaffata qulqullaa’ootti gammadduuf, akkasumas garaan koos isaaniin xiinxaluuf, akkasumas isaaniin barnoota fi bu’aa ijoollee kotiitiif nan barreessa.

16 Kunoo, lubbuun koo waantota Gooftaatti in gammaddi; akkasumas garaan koos yeroo hundumaa waantota ani argee fi dhaga’e irratti itti fufiinsaan in xiinxalti.

17 Haa ta’u malee, gaarummaan Gooftaa guddaa ta’us, garaan koon hojii isaa isa guddaa fi dinqisiisaa natti argisiisuu isaatiin, akkas jedhee in iyye: Yaa, ani, nama gadadamaa akkamiitii! Eeyyee, garaan koo sababa foon kootiif in gadditi; lubbuun koos sababa jal’inoota ofii kootiitiif in gadditi.

18 Sababa qormaatotaa fi cubbuuwwan akka salphaatti na rakkisaniin, ani marfameen jira.

19 Akkasumas, ani yommuun gammachuu barbaadutti, sababa cubbuuwwan kootiitiif garaan koo in aada; haa ta’uu malee, ani eenyuun akkan amanadhe nan beeka.

20 Waaqayyo gargaaraa koo ta’eera; inni rakkina koo isa lafa onaa keessatti na geggeesseera; akkasumas inni galaana gadi fagoo isa guddaa irrattis na eegeera.

21 Inni foon koo hamma gubatutti illee, jaalala isaatiin na guuteera.

22 Inni hamma isaan fuula koo duratti raafamanis diinota koo yeellaasiseera.

23 Kunoo, inni guyyaadhaan iyya koo dhaga’eera, akkasumas inni yeroo halkaniittis mul’ataan beekumsa naaf kenneera.

24 Akkasumas, ani guyyaadhaan immoo ija jabina cimaadhaan fuula isaa duratti kadhadheera; eeyyee, ani sagalee koos gararraatti ol ergeera; akkasumas ergamoonni gadi bu’anii, akkasumas na tajaajilaniiru.

25 Akkasumas, koochoo Hafuura isaatiitiin qaamni koo gaarreen gar-malee ol ka’oo ta’an irratti ol fudhatameera. Akkasumas, iji koos waantota gurguddaa argeera, eeyyee, waanta namaaf baay’ee guddaa ta’e illee; kanaafuu isaaniin akkan hin barreessineef ajajameen ture.

26 Yaa egaa, ani waantota baay’ee gurguddaa akkasii argeera yoo ta’e, Gooftaan ilmaan namaatiif gadi of deebisuu isaatiin araara baay’ee guddaadhaan namoota yoo daawwatee, garaan koo maaliif boo’aree, akkasumas lubbuun koo dachaa gaddaa keessa maaliif joora ree, akkasumas foon koos akkasumaan badaaree, akkasumas sababii dadhabina kootiif humni koos na laafaaree?

27 Akkasumas, ani maaliifan sababa foon kootiif jedhee, cubbuudhaaf bitamaree? Eeyyee, nagaa koo balleessuuf, akkasumas lubbuu koos dhiphisuuf, inni hamaan garaa koo keessatti bakka akka qabaatuuf, maaliifan qorumsaaf karaa bana ree? Ani sababa diina kootiif maaliifan aararee?

28 Lubbuu koo, dammaqi! Kanaan booda cubbuu keessatti hin kufin. Yaa garaa koo gammadi, akkasumas kanaan booda diina lubbuu kootii isa ta’eef iddoo hin kennin.

29 Sababa diinota kootiif deebitee hin aarin. Sababa dhiphina kootiinis humna koo hin laaffisin.

30 Yaa garaa koo, gammadi, akkasumas akkas jedhiitii, gara Gooftaatti iyyi: Yaa Gooftaa, ani bara baraan sin jajadha; eeyyee, lubbuun koo sitti in gammaddi, Waaqayyoo koo, akkasumas ati kattaa fayyina kooti.

31 Yaa Gooftaa, ati lubbuu koo in fayyiftaaree? Ati harka diinota kootii jalaas na baaftaaree? Ati akka ani iddoo cubbuun jirutti akkan holladhu in gootaaree?

32 Balbaloonni si’ool yeroo hundumaa fuula koo duraa haa cufaman, sababni isaa garaan koo kan cabee fi hafuurri koos kan gadi deebi’eedha! Yaa Gooftaa, ani karaa dachaa isa gadi fagoo sana keessa akkan adeemuuf, karaa isa diriiraa irratti akkan jabaadhuuf, ati balbaloota qajeelummaa keetii na duraa hin cufin!

33 Yaa Gooftaa, ati qoloo qajeelummaa keetiitiin na marsi! Yaa Gooftaa, ati fuula diinota kootii duraa karaan ittiin jalaa ba’u naaf qopheessi! Ati fuul-dura kootti karaa naaf qajeelchi! Ati gufuu karaa koo irra hin kaa’in—garuu ati fuul-dura kootti karaa koo naaf qulqulleessi, akkasumas karaa diinota kootii malee, garuu karaa koo hin cufin.

34 Yaa Gooftaa, ani siin amanadheera, akkasumas ani bara baraan siin nan amanadha. Ani amanannaa koo irree foonii irra hin kaa’adhu; sababni isaa inni irree foonii amanatu akka abaaramaa ta’e ani nan beeka. Eeyyee, inni amanannaa isaa nama irra kaa’atu yookiin foon uffataa irree isaa taasifatu abaaramaadha.

35 Eeyyee, Waaqayyo nama isa gaafatuuf harka guutee akka isaaf kennu ani nan beeka. Eeyyee, yoon waan dogongoraa hin kadhanne ta’e, Waaqayyoon koo naaf in kenna; kanaafuu ani sagalee koo gara keetti ol nan kaasa; eeyyee, Waaqayyoo koo, kattaa qajeelummaa koo, ani gara keetti nan iyya. Kunoo, kattaa koo fi Waaqayyo koo isa bara baraa, sagaleen koo bara baraan gara keetti ol in ba’a. Ameen.