Boqonnaa 26
Kiristoos warra Nefii in tajaajila—Nefiin badiisa saba isaa duraan dursee in arge—Isaan lafa keessaa in dubbatu—Warri Ormoonni waldoota sobaa fi marii dhoksaa in ijaaru—Gooftaan namoonni hojii lubummaa keessaan hamaa akka hin hojjenne in dhoorka. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Akkasumas ijoollee koo, akkasumas jaal’atamoo obboloota koo, Kiristoos erga warra du’an keessaa ka’ee booda inni ofii isaa isinitti in mul’isa; akkasumas dubbiiwwan inni isinitti dubbatus seera isin raawwattan isiniif in ta’a.
2 Kanaafis kunoo, ani isinitti nan hima; dhaloonni baay’een akka darban, akkasumas saba koo gidduutti lolli fi walitti bu’iinsonni gurguddaan akka jiraatan ani argeera.
3 Akkasumas, Masihichi erga dhufeen booda waa’ee du’a isaa, akkasumas kan du’aa ka’uu isaatiin walqabatee mallattoowwan saba kootiif in kennamu, akkasumas warra jal’ootaaf guyyaan sun guddaa fi sodaachisaa in ta’a; sababni isaa isaan in badu; akkasumas isaan raajota, akkasumas qulqulloota, waan gadi baasanii isaan gataniif, akkasumas waan dhagaadhaan isaan rukutaniif, akkasumas waan isaan ajjeesaniif isaan in badu; kanaafuu iyyi dhiiga qulqullootaa isaan irratti ka’ee lafa irraa gara Waaqayyootti ol in ba’a.
4 Kanaafuu, warri of tuulan hundumtuu, akkasumas warri waan jal’aa godhan, guyyaan dhufu sun isaan in guba, sababni isaas isaan akka habaqii in ta’u, jedha Gooftaan Maccaa.
5 Akkasumas, isaan warri raajota, akkasumas warra qulqulloota ajjeesan, gadi fageenyi lafaa isaan in liqimsa; akkasumas gaaronni isaan in awwaalu, akkasumas bubbeen hamaan isaaniin in fudhata, akkasumas gamoowwan isaan irratti in kufu, akkasumas isaan in caccabsu, akkasumas gara daakuuttis isaan in geeddara, jedha Gooftaan Maccaa.
6 Akkasumas, isaan qaqqawweedhaan, akkasumas balaqqeessaan, akkasumas kirkira lafaatiin, akkasumas badiisa gosa hundumaan in adabamu, sababni isaa abiddi dheekkamsa Gooftaa isaan irratti in boba’a, akkasumas isaan akka habaqii in ta’u, akkasumas guyyaan dhufu sun isaan in guba, jedha Gooftaan Maccaa.
7 Warra ajjeefaman saba koo dhabuu irraa ka’e, Yaa dhukkubii, akkasumas gadda lubbuu kootii! Sababni isaa ani, Nefiin, argeera, akkasumas kun fuula Gooftaa duraa hamma na balleessuutti dhiyaatutti ga’eera; garuu ani: Karaan kee qajeelaadha, jedhee gara Waaqa kootiitti iyyuun qaba.
8 Garuu kunoo, ari’atamuun gosa hundumaan dhiphinni yoo isaan irra ga’e iyyuu, warri qajeelonni dubbiiwwan raajotaa dhaggeeffatan, akkasumas isaan hin balleessine, garuu mallattoolee kennamaniif jabaatanii eeggachuudhaan Kiristoosiin gara fuul-duraatti warri ilaalan—kunoo, isaan warra hin badnedha.
9 Garuu Ilmi Qajeelummaa isaanitti in mul’ata; akkasumas inni isaan in fayyisa, akkasumas isaan isaa wajjin nagaa in qabaatu, hamma dhaloonni sadii dhufee darbutti, akkasumas dhaloota afuraffaa keessaa baay’een isaanii qajeelummaadhaan in darbu.
10 Akkasumas, waantonni kun yommuu darbanitti badiinsi ariifataan saba kootti in dhufa; sababni isaa, lubbuun koo yoo dhiphatte iyyuu, ani kana argeera; kanaafuu, ani akka inni raawwatamu nan beeka; akkasumas isaan ofii isaanii gatii malee in gurguru; sababni isaa of tuulummaa figowwummaa isaaniitiif badhaasaaf badiisa in haammatu; isaan sababa daabiloositti harka kennataniif, akkasumas ifa caalaa hojii dukkanaa filataniif, kanaafuu isaan gara si’oolitti gadi bu’uu qabu.
11 Sababni isaa Hafuurri Gooftaa yeroo hundumaa namaa wajjin hin hojjetu. Akkasumas yeroo Hafuurichi namaa wajjin hojjechuu dhaabutti achiin booda badiisni ariifataan in dhufa, akkasumas kun lubbuu koo in gaddisiisa.
12 Akkasumas, akkuma ani Yesuus Kiristoos isa dhugaa ta’uusaa waa’ee warra Yihuudotaa amansiisuuf dubbadhe, Yesuus Kiristoos isa dhugaa akka ta’e warri Ormootaas immoo Yesuus akka Kiristoos ta’e, akkasumas Waaqayyo isa Bara Baraa ta’uu isaa amansiifamuu qabu.
13 Akkasumas, inni warra isatti amanan hundumaatti ofii isaa, humna Hafuura Qulqulluu keessaan in mul’isa; eeyyee, biyya hundumaatti, gosootatti, afaanotatti, akkasumas sabatti, akka amantii isaaniitti ilmaan namaa gidduutti dinqiiwwan gurguddaa, mallattoolee, akkasumas waantota ajaa’ibsiisoo ta’an in hojjeta.
14 Garuu kunoo, ani guyyoota dhumaa ilaalchisee; guyyoota Waaqayyo Gooftaan waantota kana ilmaan namaatti yommuu fidu ilaalchisee raajii isiniif nan dubbadha.
15 Sanyiin koo fi sanyiin obboloota kootii amantii dhabanii erga mamanii booda, akkasumas warra Ormootaan in rukutamu; eeyyee, Waaqayyo Gooftaan naannoo isaanii buufatee erga isaaniin mormeen booda, akkasumas gaaraan isaan marsee erga isaaniin mormeen booda, akkasumas riqaa itti naanneessee erga ittiin mormeen booda; hamma isaan badanitti illee, akkasumas erga awwaara keessatti gadi isaan deebiseen booda, haa ta’u malee dubbiiwwan warra qajeelotaa in barreeffama, akkasumas kadhannaan warra amanamoos in dhaga’ama, akkasumas warri amantii dhabuun maman hundinuu hin irraanfataman.
16 Warri balleeffaman lafa keessaa isaanitti in dubbatu, akkasumas dubbiin isaanii awwaara keessa xiqqaatee in ba’a, akkasumas sagaleen isaaniis akka sagalee ekera dubbiftuu in ta’a; sababni isaa Waaqayyo Gooftaan isaaniin ilaalchisee, akka kan warra lafa keessaa ba’eetti illee, akka inni hasaasuuf humna isaaf in kenna; akkasumas haasaan isaaniis akka warra lafa keessaa hasaasaniis in ta’a.
17 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isaan waantota isaan gidduutti raawwataman in barreessu, akkasumas isaanis macaafa keessatti in barreeffamu, akkasumas mallattoodhaan in cufamu, akkasumas warri amantii dhabuun maman waantota Waaqayyoo balleessuu waan barbaadaniif isaan hin argatan.
18 Kanaafuu, warri balleeffaman ariitiidhaan balleeffamaniiru; akkasumas tuutni namoota warra sodaachisoo isaanii akka habaqiitti in darbu—eeyyee, Waaqayyo Gooftaan akkas jedha: kunis kan ta’u, battala liphsuu ijaatti—
19 Akkasumas akkas in ta’a, warri amantii dhabinaan maman harka warra Ormootaan in rukutamu.
20 Akkasumas, warri Ormoonni of tuulummaa ija isaaniitiin ol of qabuu isaanii irraa kan ka’e, akkasumas gufataniiru, sababii guddummaa gufannaa isaanii irraa kan ka’e waldoota baay’ee ijaaraniiru; haa ta’u malee, akka bu’aa itti argatanii fi fuula hiyyeessotaa irratti akka caccabsaniif, humnaa fi dinqii Waaqayyoo lafa kaa’aniiru, akkasumas ogummaa ofii isaanii fi barumsa ofii isaaniis ofitti lallabaniiru.
21 Akkasumas, waldoonni hinaaffaa, akkasumas wal-qocoluu, akkasumas hammina fidan baay’een ijaaramaniiru.
22 Akkasumas, immoo akkuma bara durii illee, mareewwan dhoksaatu jira, akka mareewwan daabiloositti, sababni isaa inni hundeessaa waantota kana hundumaati; eeyyee, akkasumas hundeessaa ajjeechaa, akkasumas hojiiwwan dukkanaa, eeyyee, akkasumas inni bara baraan funyoo isaa isa cimaadhaan hamma isaan hidhutti, funyoo talbaa morma isaaniitti hidhee isaaniin in harkisa.
23 Kanaafis kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, Waaqayyoo Gooftaan dukkana keessatti hin hojjetu, ani isiniin nan jedha.
24 Inni faayidaa biyya lafaaf yoo ta’e malee homaa hin godhu; sababni isaa namoota hundumaa gara isaatti harkisuuf jecha, hamma lubbuu isaa dabarsee kennutti biyya lafaa in jaal’ata. Kanaafuu, inni fayyina isaa irraa akka hin hirmaanneef eenyuun iyyuu hin abboomu.
25 Kunoo, inni eenyuun iyyuu: ana irraa fagaadhaa, jedhee iyyeeraaree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, lakki; garuu inni akkas jedha: Isin warri andaara lafaa hundinuu gara koo kottaa, horii utuu itti hin baasin, akkasumas gatii malee, dammaa fi aannan bitadhaa.
26 Kunoo, inni mana sagadaa keessaa yookiin mana waaqeffannaa, keessaa akka ba’aniif abboomeeraaree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, lakki.
27 Inni eenyuun iyyuu akka isaan fayyina isaa irraa hin hirmaanneef abboomeeraaree? Kunoo ani isiniin nan jedha, lakki; garuu inni nama hundumaaf tola kenneera; akkasumas inni sabni isaa namoota hundumaa gara yaada garaa geeddarannaatti akka amansiisaniif isaan abboomeera.
28 Kunoo, Gooftaan namni gaarummaa isaa irraa akka hin hirmaanne abboomeeraaree? Kunoo ani isiniin nan jedha, lakki; garuu namni hundinuu inni tokko akkuma isa kaanii carraa addaa qaba, akkasumas tokko illees hin dhorkamu.
29 Inni hojiin lubummaa inni hamaan akka jiraachuu hin qabne abboomeera; kunoos, hojiin lubummaa inni hamaan jajamuu biyya lafaa irraa akka argataniif, namoonni akka isaan lallabaniif, akkasumas ofii isaanii biyya lafaa keessa iddoo ifa keessa kan kaa’aniidha; isaan garuu nageenya Xiyooniin hin barbaadan.
30 Kunoo, Gooftichi waanta kana dhorkeera; kanaafuu, Waaqayyo Gooftaan namoonni hundinuu arjummaa akka qabaataniif abboommii kenneera, arjummaan kunis jaalaladha. Akkasumas, isaan arjummaa yoo qabatan malee akkasumaan in ta’u turan. Kanaafuu, utuu arjummaa qabaatanii hojjettoonni warra Xiyoon keessaa akka badan hin hayyaman turan.
31 Garuu hojjetoonni Xiyoon keessa jiran Xiyooniif in hojjetu; sababni isaa isaan horiif yoo hojjetan in badu.
32 Akkasumas amma, Waaqayyo Gooftaan namoota akka hin ajjeefne; akka isaan hin sobne; akka isaan hin hanne; isaan maqaa Waaqayyoo Gooftaa isaanii akkasumaan akka hin dhoofne; akka isaan hin hinaafne; akka isaan jibba hin qabaanne; akka isaan walii isaaniin walitti hin buuneef; akka isaan hin ejjine; akkasumas isaan waantota kana keessaa tokko illee akka hin hojjenneef isaan abboomeera; sababni isaa warri isaan kana raawwatan in badu.
33 Sababni isaa jal’inoota kana keessaa tokko illee Gooftaa biraa hin dhufan; sababni isaa inni ilmaan namaa gidduutti waanta gaarii ta’e in hojjeta; akkasumas inni ilmaan namaatiif waanta ifa ta’e irraa kan hafe homaa hin hojjetu; akkasumas inni hundumti isaaniis gara isaa dhufanii gaarummaa isaa irraa akka hirmaatan in affeera; akkasumas namni gara isaa dhufu, gurraacha fi adii, garbaa fi birmaduu, dhiira fi dubartii, akkasumas inni warra gara isaa dhufan tokko iyyuu hin ganu; akkasumas inni warra hin amannes in yaadata; akkasumas warra Yihuudotaas ta’ee warri Ormootaa hundinuu Waaqayyoof tokkumadha.