Boqonnaa 19
Isaayaas waa’ee Masihii in dubbata—Sabni dukkana keessa jiran ifa guddaa isaa in argu—Ilmi nuuf dhalateera—Innis Angafa Nagaa in ta’a, akkasumas teessoo Daawwit irrattis in mo’a—Isaayaas 9 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Haa ta’u malee, dukkanni sun akka dhiphina ishee keessatti ture hin ta’u, inni bara durii akka salphaatti biyya Zabiloonii fi biyya Niftaalemiin gad deebise, akkasumas bara dhufutti immoo biyya karaa Galaana Diimaa Yordaanos gamaa fi Galiilaa isa kan saba warra kaaniin caalchisee in rukuta.
2 Sabni dukkana keessa adeemuifa guddaa isaa argeera; isaan warra biyya gaaddidduu du’aa jala jiraataniif, ifni isaan irratti in ba’e.
3 Ati saba in baay’ifte, akkasumas gammachuu isaaniis guddifteetta—isaan akka nama midhaan makaruutti, si duratti in gammadu, akkasumas akka namoonni yommuu boojuu qooddataniittis sagalee gammachuu in dhageessisu.
4 Ati waanjoo isaa isa irratti fe’ame, loloosoo isa gatiittii isaa irraa ture, fi ulee nama isa cunqursuu caccabsiteetta.
5 Lolli loltuu hundinuu jeequmsaan kan guutame waan ta’eef, akkasumas qoloowwanis dhiiga keessa gangalfamaniiru; Garuu kun gubaa fi boba’aa abiddaatiin in ta’a.
6 Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; akkasumas humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra in ta’a; maqaan isaa, Gorsaa, Dinqii, Waaqayyo isa Jabaa, Abbaa bara baraa, Angafa Nagaa in jedhama.
7 Guddinni mootummaa isaatii finagaa isaa dhuma hin qabu, inni teessoo Daawwitii fi mootummaa isaa irratti ajuuf, akkasumas isa ijaaruuf firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraatti isa in eega. Hinaaffaan Waaqayyo Gooftaa Maccaas kana ingodha.
8 Gooftaan dubbii isaa Yaaqoobiif in erge, akkasumas innis Israa’eliin irra in bu’e.
9 Akkasumas, namoonnni Efreemii fi warri mandara Samaariyaa keessa jiraatan illee, of tuuluudhaaf, akkasumas gara jabinaan akka dubbatan sabni hundinuu in beeku:
10 Namoonnni Efreemii fi Samaariyaa kun, xuuphiin inni ijaarame in jige, nuyi garuu iddoo isaatti dhagaa soofamadhaan in ijaarra; harbuun in murame, nuyi garuu iddoo isaa muka gaattiraa in dhaabna.
11 Kanaafuu, Waaqayyo diinota Resiin isa irratti in kaasa, akkasumas diinota isaas iddoo tokkotti walitti in qaba;
12 Warri Sooriyaa karaa fulduraan, akkasumas warri Filiisxiyaa karaa duubaatiin dhufaniiru; akkasumas isaan warra Israa’eliin liqimsuudhaaf afaan bananiiru. Kana hundumaa irratti iyyuu inni dheekkamsa isaa isaan irraa hin deebifne, garuu harki isaa amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.
13 Sabni warri inni isaan rukutu gara Waaqayyo Gooftaa Maccaatti hin deebine, isas hin barbaaddanne.
14 Kanaafuu, Waaqayyo warra mataadhaa fi eegee, damee fi dhalaadduu guyyaa tokkotti biyya Israa’eliin keessaa in balleessa.
15 Inni jaarsaa, mataadha; akkasumas raajichi soba barsiisu immoo, inni eegeedha.
16 Warri saba kana geggeessan karaa irraa isaan maqasaniiru; akkasumas isaan warri isaaniin geggeeffamanis balleeffamaniiru.
17 Kanaafuu, Gooftichi dargaggoota isaaniitti hin gammadu, ijoollota abbaadhaa fi haadha hin qabneef, akkasumas haadha hiyyeessotaatiifis hin oo’u; sababni isaa isaan hundumti isaanii warra Waaqayyo malee jiraatanii fi warra hamootadha, akkasumas afaan hundinuus hamaa dubbata; sababii kana hundumaaf dheekkamsi isaa isaan irraa hin deebine, garuu harki isaa amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.
18 Jal’inni akka ibiddaatti waan in gubuuf; qoraattii fi kosorruu xaph in godha, akkasumas bosona gobbuus in qabata; akkasumas isaan akka aarri gara gaaratti ol ka’uutti ol in ba’u.
19 Dheekkamsa Waaqayyo Gooftaa Maccaa irraa kan ka’e lafti in dukkanoofti, akkasumas sabnis abiddichaaf akka boba’aa in ta’u; isaan keessaa namni tokko illee obboleessa isaa hin oolchu.
20 Akkasumas, harka mirgaatiin in muratu, akkasumas beela hin ba’an; akkasumas harka bitaatiinis in nyaatu, akkasumas isaan hin quufan; tokkon tokkon isaanii foon irree ofii isaanii in nyaatu—
21 Namoonni Minaasee, namoota Efreem irratti; akkasumas namoonni Efreemis namoota Minaasee irratti in ka’u; isaan lachuus walii wajjin Yihuudaa irratti in ka’u. kana hundumaa keessaa iyyuu dheekkamsi Waaqayyoo isaan irraa hin deebine; garuu harki isaa amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.