Boqonnaa 22
Guyyaa bar-kumeetti namoonni hundinuu Gooftaa in jajatu—Inni isaan gidduu in jiraata—Isaayaas 12 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Akkasumas, guyyaa sanatti ati akkas in jetta: Yaa Waaqayyo, ani sin jajadha; ati anatti dheekkamtee turte, amma garuu dheekkamsa kee ana irraa deebiftee, akkasumas ati na jajjabeessiteeta.
2 Kunoo, Waaqayyo fayyisaa kooti; ani isa nan amanadha, akkasumas homaas hin sodaadhu; sababni isaa Gooftichi Yaahiwween jabinaa fi farfaannaa kooti; inni fayyisaa koo anaaf ta’eera.
3 Kanaafuu, isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa bishaan in waraabbattu.
4 Guyyaa sanatti isin akkas in jettu: Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaas waammadhaa, gochaa isaa saba hundumaa gidduutti beeksisaa, maqaan isaa akka ol ka’u godhaa.
5 Inni waantota gurguddaa waan hojjeteef; Waaqayyoon faarfadhaa; waanti inni godhes guutummaa biyya lafaa irratti haa beekamu.
6 Warri Xiyoon keessa jiraattan hundinuu, sagalee guddaadhaan iyyaa akkasumas faarfadhaa; sababni isaa Qulqulluu kan Israa’el inni guddaan isin gidduu in jiraata.