Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 10


Boqonnaa 10

Yaaqoob warri Yihudootaa Waaqa isaanii akka fannisan in ibse—Isaan hamma isatti amanuu jalqabanitti isaan ni faffaca’u—Ameerikaan biyya birmaduu mootiin kam iyyuu hin bulchine ni taati—Waaqayyotti ofii keessan araarsaa akkasumas ayyaana isaa keessaan fayyina argadhaa. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo ani, Yaaqoob, waa’ee damee qajeelaa isa ani waa’ee isaa dubbadhe kanaa, ammas irra debiin isinitti nan dubbadha.

2 Kunoo, abdiiwwan nuyi arganne abdiiwwan akka fooniitti nuuf galameedha; kanaafuu, ijoolleen keenya baay’een sababa amantii dhabuutiin fooniin akka badan natti mul’ifamee ture, haa ta’uu malee, Waaqayyo baay’ee isaaniitiif araara qabeessa ni ta’a; akkasumas ijoolleen keenyas iddootti ni deebi’u, isaanis gara Furee isaanii isa beekumsa dhugaa isaaniif kennutti ni dhufu.

3 Kanaafuu, akkuma ani isiniin jedhe—halkan isa dhumaa ergamaan sun maqaan isaa Kiristoosiin, ta’uun akka barbaachisu natti dubbateera—warra Yihudoota gidduu, warra kutaa biyya lafaa keessaa caalaatti jal’oota ta’an gidduu in dhufa; akkasumas isaanis isa ni fannisu—akkas ta’uun Waaqayyo keenyaa barbaachisaa waan ta’eef, akkasumas saba biraa keessaa Waaqayyoo isaanii fannisuu kan barbaadu biyya lafaa kana irra hin jiru.

4 Sababni isaa dinqiin gurguddaan saboota biroo gidduutti yoo hojjetaman isaan yaada garaa geddaratanii, akkasumas inni Waaqayyoo isaanii ta’uu isaa in beeku.

5 Garuu sababa hoji lubummaa isa hamaa fi jal’ina isaanii irraa kan ka’e, isaan warri Yerusaalem keessa jiran akka inni fannifamuuf irratti ka’anii, boqu jabeeyyii ni ta’u.

6 Kanaafuu, sababii jal’inoota isaaniitiin, badiisi, beelli, dha’ichi, akkasumas dhangala’uun dhiigaa isaan irratti ni dhufa; akkasumas isaan warri hin balleeffamne saboota hundumaa gidduu ni faffaca’u.

7 Garuu kunoo, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Kiristosiin akkan ta’e, guyyaa isaan itti natti amanan yommuu dhufutti, isa booda isaan fooniin, biyya lafaa irratti, gara biyya dhaala isaaniitti akkan isaan deebisu ani abboota isaanii wajjiniin kakuu galeera.

8 Akkasumas akkas ni ta’a, faffaca’iinsa isaanii yeroo dheeraa irraa, lafa galaanaan marfame irraa, akkasumas kutaa lafaa afran irraa walitti ni qabamu; akkasumas Waaqayyo akkas jedha, isaaniin gara biyya dhaala isaaniitti isaan geessuudhaan, biyyoonni warra Ormootaa ija koo duratti guddaa ni ta’u.

9 Eeyyee, mootonni warra Ormootaa abbaa guddisaa isaaniif ni ta’uuf, akkasumas dubbartoonni warra moototaas warra harma isaaniif hoosisan ni ta’u; kanaafuu, abdiiwwan Gooftichaa warra Ormootaaf barbaachisaadha, sababni isaa inni dubbateera, akkasumas eenyutu falmuu danda’aree?

10 Kunoo garuu, biyyi kun, biyya dhaala keetii ni ta’a, akkasumas warri Ormoonnis biyyicha irratti ni eebbifamu jedha Waaqayyo.

11 Akkasumas, biyyi kun warra Ormootaaf biyya birmadumma ni ta’a, akkasumas mootonni biyyicha irraa, warra Ormootaa irratti ka’an hin jiraatan.

12 Akkasumas ani biyya kana saboota kan biroo hundumaa irratti nan jabeessa.

13 Akkasumas, inni Xiyooniin irratti ka’uun lolu ni bada, jedha Waaqayyo.

14 Inni mootii biraa na irratti kaasu waan baduuf, sababni isaa ani Gooftichi, mootiin inni waaqaa irraa, mootii isaanii nan ta’a, akkasumas warra dubbiiwwan koo dhaga’aniifis, bara baraan ibsaa isaaniif nan ta’a.

15 Kanaafuu, sababii kanaaf, kakuuwwan koo inni ani ilmaan namootaaf gale akka raawwatamuuf, ani utuu isaan fooniin jiranii akkanfiixaan isaaniif baasuuf, ani hojiiwwan isa dhoksaa dukkanaa, akkasumas kan ajjeechaa, akkasumas xuraa’ummaas, balleessuutu na barbaachisa.

16 Kanaafuu, inni warra Xiyooniin irratti ka’ee lolu, warra Yihuudii akkasumas warra Ormootaas ta’e, garbaa fi birmaduus ta’e, dhiiraa fi dubartiinis; isaan kun warra ejjitoota biyya lafaa hundumaa waan ta’aniif; sababni isaa isaan warri kan koo hin taane isaan warra na irratti ka’an waan ta’aniif, isaan in badu jedha Waaqayyoon keenya.

17 Sababni isaa ani abdiiwwan koo isa ani ilmaan namaaf kenne, ani utuu isaan fooniin jiranii isaaniif nan raawwadha—

18 Kanaafuu, jaal’atamoo obboloota koo, Waaqayyo keenya akkas jedha: Ani sanyiiwwan kee harka warra Ormootaatti nan dhiphisa, haa ta’u malee, isaan akka abbaa akka isaaniif ta’aniif, ani garaa warra Ormootaa nan laaffisa; kanaafuu, warri Ormoonni ni eebbifamu, akkasumas warra mana Israa’eliin gidduuttis ni lakkaa’amu.

19 Kanaafuu, ani biyya kana sanyii keetiif, akkasumas warra sanyii kee keessatti lakkaa’amaniif nan qulqulleessa, biyya dhaalaa isaanii bara baraa isaaniifnan godha; sababni isaa Waaqayyo biyya isa, biyyoota warra kaan hundumaa caalaas filatamaa in ta’a, jedhee natti dubbateera, kanaafuu ani namoonni achi keessa jiraatan hundumtuu akka isaan na waaqeffatan nan barbaada, jedha Waaqayyo.

20 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, Waaqayyo keenya araara qabeessa waan ta’eef waantota kana ilaalchisee beekumsa baay’ee guddaa akka nuuf kenne argineera, kottaa isa in yaadannaa, akkasumas cubbuuwwan keenyas in dhiifnaa, akkasumas nuyi waan hin gataminiif, mataa keenya gadi hin deebiifnuu; haa ta’u malee, nuyi biyya dhaala keenyaa keessaa oofamnee baafamnee turre; garuu nuyi gara biyya isa caaluutti geggeeffamneerra, sababni isaa Gooftichi galaanicha karaa keenya nuuf godheera, akkasumas nuyi lafa galaanaan marfame irra jirra.

21 Garuu abdiiwwan Gooftaan warra lafa galaanaan marfame keessa jiraniif kenne guddaadha; kanaafuu akkuma lafoota galaana gidduu jedhu, warri kana caalan jiru jechuudha, akkasumas isaan immoo iddoo obboloonni keenya irra jiraataniidha.

22 Sababni isaa kunoo, Waaqayyo Gooftaan akka fedha isaa fi akka isa gammachiisetti yeroodhaa gara yerootti mana Israa’elii keessaa saba isaa baaseera. Akkasumas amma kunoo, Gooftichi warra irraa addaan caban hundumaa in yaadata, kanaafuu inni nuyiinis immoo in yaadata.

23 Kanaafuu, garaa keessan gammachiisaa, akkasumas ofii keessaniin waan tokko gochuuf—isin karaa isa du’a bara baraa yookiin karaa isa jireenya bara baraatti geessu filachuudhaaf bilisa akka taatan yaadadhaa.

24 Kanaafuu, jaal’atamoo obboloota koo, ofii keessan fedha daabiloosii fi foonii wajjin utuu hin ta’in, fedha Waaqayyoo wajjin walitti araarsaa; akkasumas Waaqayyoo wajjinis erga walitti araaramtanii booda akkasumas isin kan fayyitan ayyaana Waaqayyoo keessaan akkasumas karaa isaatiin qofa akka ta’e yaadadhaa.

25 Kanaafuu, isin gara mootummaa Waaqayyoo isa bara baraatti akka galtaniif, akkasumas ayyaana waaqummaa isaatiinis akka isa galateeffattaniif, Waaqayyo humna du’aa ka’uutiin du’a keessaa, akkasumas immoo du’a isa bara baraa keessaa gatii kaffaltii cubbuutiin isin haa kaasu. Ameen.