Boqonnaa 16
Isaayaas Goofticha in arga—Cubbuuwwan Isaayaasis in dhiifameef—Inni raajii dubbachuuf waamameera—Inni warri Yihuudotaa barsiisa Kiristoosiin akka didan raajiiwwan in dubbate—Warri hafanis in deebi’u—Isaayyaas 6 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Bara Uziyaan mootichi du’e keessa, ani immoo Gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka’aa irra taa’ee, akkasumas andaarri uffata isaas mana qulqullummaa akka guutee nan arge.
2 Suraafelis isa gararraadhaan in dhaabbatan; tokkon tokkon isaaniii qoochoo ja’a ja’a qabu turan; isa lamaan fuula isaa golbobatee, akkasumas isa lamaan miilla isaa golbobatee, akkasumas lamaan immoo in balali’aa ture.
3 Akkasumas, inni tokko gara kan biraatti iyyee, akkasumas akkas in jedhe: Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluudha, Waaqayyo Gooftaan Maccaa; lafti hundinuus ulfina isaatiin guutuudha.
4 Akkasumas, sagalee iyyuu isaa irraa kan ka’es hundeen buusaa balbalaa in socho’e, akkasumas aarris manicha qulqullummaa keessa in guute.
5 Yommus ani akkas nan jedhe: Anaaf wayyoo kaa! Ani xuraa’aadha; sababni isaas ani nama arrabni isaa xuraa’edha; akkasumas namoota arrabni isaanii xuraa’e gidduun jiraadhu; iji koos Waaqayyoon Mooticha Gooftaa Maccaa argeera.
6 Yommus Suraafeliin keessaa tokkobarbadaa ibiddaa iddoo aarsaatii fuudhee qabduudhaan harkasaatti qabatee gara kootti in balali’e;
7 Akkasumas, inni isas afaan kootti buusee, akkasumas akkas jedhe: Kunoo, kun afaan keetti bu’eera; akkasumas yakki kee si irraa fuudhameera, akkasumas cubbuun kees siif dhiifameera.
8 Dabalataan ani sagalee Waaqayyoo isa eenyunan erga, akkasumas eenyutus ergaa nuuf dhaqa? jedhu nan dhaga’e: yommus ani akkas nan jedhe: kunoo, ani jira, ana ergi.
9 Akkasumas, inni akkas jedhe: Gara saba kanaa dhaqiitii—Isin dhaga’uu in dhageessu, garuu hin hubattan; akkasumas isin ilaaluu in ilaaltu, garuu hin argine jedhiitii itti himi.
10 Akka isaan ijaan hin agarre, akkasumas gurra isaatiin akka hin dhageenye, akkasumas yaada garaa isaanii hubatanii, akkasumas gara kootti akka hin deebinetti, akkasumas akka hin fayyifamnettis—yaada garaa saba kanaa ulfaataa godhi, akkasumas gurra isaa cuqqaali, akkasumas ija isaascufi.
11 Yommus ani akkas nan jedhe: Gooftaa, kun hamma yoomiitti? akkasumas inni akkas jedhe: Hamma magaalota keessa namni jiraatu dhabamutti, akkasumas hamma namnimanneen nama malee hafanii duwwaa ta’anitti, akkasumas hamma biyyichi guutummaatti onutti;
12 Akkasumas sababii Gooftaan namoota buqqisee fageessuuf, biyyicha gidduutti lafti duwwaan kan baay’ate in ta’a.
13 Biyyicha keessatti nama kudhan keessaa namni tokko yoo hafe iyyuu, akkasumas innis in balleeffama; garuu akkuma qilxuu guddaan yommuu muramu gufuun isaa lafa keessatti hafu akkasuma sanyii qulqullaa’aan biyyicha keessatti in hafa jedhe.