Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 18


Boqonnaa 18

Kiristoos akka dhagaa gufannaa fi kattaa isa nama kuffisuu in ta’a—Gooftaa malee, warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa—qajeelfama argachuuf gara dhugabaatii seerichaa fi gara dhugaa ba’umsaatti deebi’aa—Isaayaas 8 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Kana malees, dubbiin Gooftichaa akkas naan jedhe: Ati maraa macaafaa isa guddaa tokko fuudhi, akkasumas isa irrattis qalama namaatiin, waa’ee Maheer-shalaal-haash-baaz barreessi.

2 Akkasumas, ani dhuga-baatota warra amanamoo ta’an, Uriiyaa lubicha, akkasumas Zakaariyaas ilma Yebarekiyaa gara kootti nan fudhadhe.

3 Akkasumas ani raajittii bira nan ga’e; akkasumas isheen in ulfoofte, akkasumas ilma in deesse. Yommuus Waaqayyo: maqaa mucichaa, Maheer-shalaal-hash-baaz jedhii moggaasi jedhee anatti in dubbate.

4 Kunoo, badhaadhinni Damaasqoo fi saamichi Samaariyaa mootii Asoor duratti utuu hin fudhatamiin mucichi, abbaa koo, akkasumas haadha koo, jedhee iyyuuf beekumsa hin qabaatu.

5 Gooftichi immoo ammas akkas jedhee, anatti irra deebiin in dubbate:

6 Sabni kun bishaan silo’aam isa qalbiidhaan yaa’u tuffatee, Resiinii fi ilma Remaaliyaatti hamma gammadetti;

7 Amma kanaafuu, kunoo, Gooftaan mootii Asorii fi ulfina isaa hundumaa, bishaan lagaa isa humna-qabeessaa fi isa baay’ee, isaan irratti in fida; akkasumas inni yaa’a lagaa isaa hundumaa in guuta, akkasumas qarqara lagaa isaa hundumaa irras in dhangala’a.

8 Akkasumas inni Yiduudaa keessa in darba; inni bishaanichi guutee morma isaanii hamma ga’uttis in dhagala’a; akkasumas kara-karaas cabsatanii guutummaa biyya kee keessa inyaa’u, Yaa Amaanu’el.

9 Isin yaa sabaa, ofii keessan tokkoomsaa, akkasumas isin in caccabdu, akkasumas isin warri biyya fagoo jirtan hundinuu mee dhaggeeffadhaa, akkasumas mudhii hidhadhaa qophaa’aa, akkasumas isin addaanin caccabdu; akkasumas hidhadhaa qophaa’aa, akkasumas isin iddoo adda addaatti in caccabdu.

10 Waaqayyo nuu wajjin waan jiruuf, akkasumas akeeki isin qopheeffattan fiixaan isiniif hin ba’u; akkasumas dubbiin isin dubbattanis isiniif hin raawwatamu.

11 Waaqayyoo harka isaa isa jabaadhaan na qabee anatti dubbatee, akkasumas karaa sabni kun irra adeemu irra akka ani hin adeemne akkas jechuun, na gorseera:

12 Waanta sabni kun hamaa korachuudha jedhu hundumaa, atis hamaa korachuudha hin jedhin, waanta inni sodaatu hin sodaatin, waanti isa naasisus si hin naasisin.

13 Waaqayyo Gooftaa maccaa duwwaa qulqulleessaa, akkasumas waanti isin sodaachisu isa duwwaa haa ta’u, akkasumas waanti isin naasisus isa duwwaa haa ta’u.

14 Akkasumas, warra akkasiif inni iddoo baqannaa in ta’a; akkasumas mana Israa’el lamaanittis dhagaa nama gufachiisuu fi kattaa nama kuffisu in ta’a, warra Yerusaalem keessaa jiraatanittis kiyyoo fi futtaasaa in ta’a.

15 Akkasumas, isaan gidduudhaas baay’een isaanii in gufatu akkasumas in kufu, akkasumas kiyyoodhaan qabamanii, akkasumas in fudhatamu, akkasumas in caccabu.

16 Dhuga baatii fi seera koo bartoota koo gidduutti hidhaatii chaappeessaa.

17 Akkasumas, ani Waaqayyoo isa fuula isaa mana Yaaqoob duraa dhokse nan eeggadha, akkasumas ani isas nan barbaada.

18 Kunoo, ani fi ijoolleen koo warri Waaqayyo anaaf kenne, mallattoolee fi dinqiiwwan Waaqayyo Gooftaa maccaa inni gaarreen Xiyoon irra jiraatu Israa’eliif kenne in taana.

19 Akkasumas, yommuu isaan warra ekeraa dubbisan, warra qaalluu, akkasumas warra hasaasanii fi warra gunguman gaafadhaa: isiniin jedhan—isin immoo, sabni maaliif Waaqayyoon gaafachuu dhiisee waa’ee warra jiranii warra du’an gaafata? Jedhaa!

20 Seera fi dhugaa ba’umsaaf; akkasumas yoo isaan akka jecha kanatti hin dubbatan ta’eef, sababii ifni isaan keessa hin jirreedhaafi.

21 Akkasumas yommus isaan garmalee rakkatanii fibeela’aniis biyya keessa in darbu; akkasumas akkas in ta’a beela irraa kan ka’es isaan aaranii finiinanii, akkasumas ol ilaalanii, akkasumas mootii isaanii fi Waaqayyo isaanii in abaaru.

22 Akkasumas, isaan gara lafaas yommuu ilaalanii, kunoo rakkina, akkasumas dukkana, dimimmisa dhiphinaa in argu, akkasumas dukkanicha keessattis in darbatamu.