Boqonnaa 12
Isaayaas mana qulqullummaa guyyaa boodaa, walitti qabamuu warra Israa’el, akkasumas firdii bar-kumee fi nagaa in arge—Warri of tuulanii fi warri jal’oonni yeroo Dhufaatii isa Lammaffaa irratti in xiqqeeffamu—Isaayaas 2 wajjin waliin madaali. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.
1 Dubbiin Isaayaas, ilmi Amoos, waa’ee Yihuudaa fi Yerusaalemiin arge isaan kanadha.
2 Akkasumas, baroota booddeetti akkas nii ta’a, yeroo gaarri manni qulqullummaa Gooftaa gaarreewwan ol ka’oo irratti ijaaraman, akkasumas tulloota hundumaa gararraattis ol ol in ka’a; akkasumas sabni hundinuus gara isaatti in yaa’u.
3 Akkasumas, sabni baay’een in dhufu, akkasumas Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba’uuf, akkasumas karaawwan isaa akka inni nu barsiisuuf, akkasumas nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara gara mana Waaqayyootti, akkasumas, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa in jedhu.
4 Akkasumas, inni saboota gidduutti firdii in kenna, akkasumas saba baay’ees in ifata; akkasumas isaan billaa isaanii maarashaa, akkasumas eeboo isaaniis haamtuutti in tumatu, sabni saba irratti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis kanaan booda lola hin baran.
5 Isin yaa mana Yaaqoob, kottaa ifa Waaqayyoo keessa in adeemnaa; eeyyee, isin warri karaa irraa baddan hundumtuu, tokkoon tokkoon karaawwan isaa isa jal’aa irra jira.
6 Kanaafuu, Yaa Gooftaa, ati saba kee mana Yaaqoobiin, in gatte, sababni isaa warri baha-biiftuutii dhufan isaan keessa in guutan, akkasumas isaan akkuma warra Filisxeemotaa raagduuwaan dhaggeeffataniif, akkasumas isaan ijoollee warra ormaattis ofii isaanii in gammachiisu.
7 Biyya isaanii keessa immoo meetii fi warqeen guutuudha, qabeenyi isaaniis dhuma hin qabu; biyya isaanii keessas immoo fardeen guutuudha, konkolaatoonni fardeenii isaaniis dhuma hin qaban.
8 Biyyi isaanii immoo waaqayyolii tolfamoodhaan guutuudha: isaan hojii harka ofii isaanii, isa quba ofii isaaniitiin tolfatan in waaqeffatu.
9 Akkasumas, namni gadi aanaan gadi of hin qabu, akkasumas namni guddaanis ofii isaa gadi hin deebisu, kanaafuu, dhiifama isaaf hin godhin.
10 Isin yaa warra jal’ootaa, sodaachisuu Gooftaafi surraan ulfina isaa waan isini rukutuuf kattaa keessa seenaa, akkasumas kosii keessa of dhoksaa.
11 Akkasumas kana booda, kun in ta’anamni of tuululafa in ilaala, akkasumas warri nama tuffatan gadi in qabamu, akkasumas guyyaa sanatti Waaqayyo duwwaatu ol ol jedha.
12 Guyyaan Gooftaa maccaa yeroo dhiyootti saboota hundumaa irratti, eeyyee, tokkoo tokkoo irratti in dhufa; eeyyee, warra of tuulanii fi warra ol of kaasan irratti, akkasumas inni warroota hundumaa irratti ol kaafame, akkasumas inni gad in qabama.
13 Eeyyee, akkasumas gaattiraa Liibaanon isaan dheeraa fi ol jedhaa irratti; akkasumas qilxuu Baashaan hundumaa irrattis guyyaan Waaqayyoo in dhufa;
14 Akkasumas, gaarreen ol ka’oo hundumaa irratti, akkasumas tulluuwwan hundumaa irratti, akkasumas saboota warra ol ka’an hundumaa irrattis, akkasumas namoota hundumaa irrattis;
15 Akkasumas, gamoo dhedheeraa hundumaa irratti, akkasumas dallaa dhagaa dhedheeroo hundumaa irrattis;
16 Akkasumas, dooniiwwan galaanaa hundumaa irrattis, akkasumas dooniiwwan Tarshiish hundumaa irratti, akkasumas fakkiiwwan mimmiidhagoo hundumaa irrattis.
17 Akkasumas yommus of bokoksuun namaa gad in qabama, akkasumas of tuulummaan namootaas gad in deebi’a; akkasumas guyyaa sanatti Waaqayyo duwwaan ol ol in jedha.
18 Akkasumas, inni waaqayyolii tolfamoo raawwate in balleessa.
19 Akkasumas, yommuu Gooftaan biyya lafaa rom’isiisuudhaaf ka’u, sababii sodaachisuun Waaqayyoo isaan irratti dhufuuf fisurraa ulfina isaatiin isaan rukutuuf, isaan gara holqa kattaa fi boolla lafaatti in seenu.
20 Guyyaa sanatti namni waaqayyolii meetiidhaa fi warqee irraa waaqeffachuuf hojjechiifate hundumaa tuqaadhaa fi simbira halkanii duratti in gata.
21 Yommuu Gooftichi biyya lafaa rom’isiisuudhaaf ka’u, sababii inni sodaachisuu isaatiin akkasumas surraa ulfina isaatiitiin isaan rukutuuf, isaan gara holqa kattaa keessatti, akkasumas holqa dhagaa gararraatti in baqatu.
22 Nama funyaaniin hafuura baafatuu fi fudhatu akkamiin amanannaa keessan taasisuu dhaabaa. Namni akkamitti amanannaa ta’aree?