Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 5


Boqonnaa 5

Warri Nefii warra Laamaan irraa addaan of in baasan, seera Musees in eegan, akkasumas mana qulqullummaa in ijaaran—Sababii hir’ina amantii isaaniitiin warri Laamaan fuula Gooftaa duraa addan in ba’an, in abaaramanis, akkasumas warra Nefiitti dha’icha in ta’an. Naannoo bara 588–559 Dh.K.D.

1 Kunoo, kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, sababa aarii obboloota kootiitiif, gara Waaqayyo gooftaa kootiitti baay’isee nan iyye.

2 Garuu kunoo, isaan hamma na irratti ka’anii, lubbuu koo balleessuu barbaadanitti aariin isaanii in dabale.

3 Eeyyee, isaan ana irratti ka’anii akkas jechuun, in gunguman: Obboleessi keenya inni quxisuun nu bulchuuf in yaada; akkasumas sababa isaatiifis qorumsi baay’een nu mudateera; kanaafuu, nuyi amma sababa dubbiiwwan isaatiif kana caalaa akka hin dhiphanneef, amma kottaa nuyi isa in ajjeefnaa. Kunoo, nuyi akka inni bulchaa keenya ta’u hin barbaannu; sababni isaas saba kana bulchuuf kan malu nuyi obboloota isaa warra angafaadha.

4 Amma ani dubbiiwwan warra isaan ana irratti ka’uun guunguman hundumaa gabateewwan kana irratti hin barreessu. Garuu akka isaan lubbuu koo balleessuu barbaadan, dubbachuun qofti na ga’a.

5 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee Gooftichi, akka ani, Nefiin, warra anaa wajjin deeman hundumaa wajjin, akkasumas akkan isaan irraa addaan ba’ee, akkasumas gara lafa onaatti baqadhuuf Gooftaan na akeekkachiisee ture.

6 Kanaafuu, kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin maatii koo, akkasumas Zoraamiin akkasumas immoo maatii isaa, akkasumas Saam, obboleessa koo isa angafaa fi maatii isaa, akkasumas Yaaqoob fi Yoseef, obboloota koo warra quxusuu, akkasumas obboloota koo warra dubaraa, akkasumas warra ana waliin deemuu barbaadan hunduma isaanii nan fudhadhe. Warri anaa wajjin adeeman hundinuu warra akeekkachiisaa fi mul’ata Waaqayyootti amanan turan; kanaafuu, isaan dubbiiwwan koo dhaggeeffatanii turan.

7 Akkasumas, nuyi dunkaanota keenya fiwaantota nuuf danda’aman hundumaa in fudhanne, akkasumas turtii guyyoota baay’eetiif lafa onaa keessa in adeemne. Akkasumas nuyi turtii guyyoota baay’eetiif erga adeemnee booda nuyi dunkaanota keenya in dhaabbanne.

8 Akkasumas, sabni koo maqaa iddoo sanaa akka nuyi Nefii jennee waamnu in barbaadan; kanaafuu, nuyi Nefii jennee in waamne.

9 Akkasumas, warri anaa wajjin turan hundinuus namoota Nefii jedhanii ofii isaanii in waaman.

10 Akkasumas, nuyi firdii, akkasumas seerrata, akkasumas abboommota Gooftichaa wantoota hundumaa akkaataa seera Museettieegnee ture.

11 Akkasumas, Gooftaan nu wajjin ture; akkasumas nuyi warra gar-malee badhaadhan in taane; nuyi sanyii midhaanii facaafanneerra, akkasumas nuyi deebinee dachaadhaan sassaabbanneerra. Akkasumas, nuyi karra hoolotaa, akkasumas sa’aa, akkasumas bineeldotagosa hundumaa horsiisuu in jalqabne.

12 Akkasumas, ani, Nefiin, immoo galmeewwan gabateewwan sibiila diimaa irratti bocamanii turan; akkasumas immoo akkaataa isa barreeffamee sanatti, kubbaa yookiin koompaasii isa harka Gooftaatiin abbaa kootiif qophaa’ee ture sana fideen ture.

13 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee, nuyi gar-malee warra badhaadhan in taane, akkasumas biyyicha keessattis baay’achuu in jalqabne.

14 Akkasumas, karaa kamiin iyyuu namoonni amma warra Laamaan jedhaman kun nutti dhufanii, akkasumas akka nu hin balleessineef, ani, Nefiin, billaa Laabaaniin nan fudhadhe, akkasumas akka isaattis billoota baay’ee nan hojjedhe; sababni isaa ani akka isaan anaa fi ijoollee koo, akkasumas namoota saba koo jedhamanii waamaman jibban beekan ture.

15 Akkasumas, ani hojii mukaa gosa hundumaa akka hojjetaniif, akkasumas sibiila irraas, akkasumas caabii warqee irraa, akkasumas sibiila diimaa irraa, akkasumas sibiila boorrajjii irraa, akkasumas warqee irraa, akkasumas meetii irraa, akkasumas albuuda gati-jabeessa irraa, warra baay’inaan turan irraas, gamoowwan ijaaruu saba koo nan barsiise.

16 Akkasumas, ani, Nefiin, mana qulqullummaa nan ijaare; akkasumas ani mi’oota waantota gatii jabbeessa ta’an kan biyyicha keessatti hin argaman turanirraa kan hafe, akka mana qulqullummaa isa Solomoon ijaareetti fakkeessee nan ijaare, kanaafuu, akka mana qulqullummaa Solomoonitti ijaaramuu hin dandeenye. Garuu akkaataan ijaarsa isaa mana qulqullummaa Solomooniin in fakkaata ture; akkasumas hojiin isaan gar-malee gaarii ture.

17 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee, ani, Nefiin, sabni koo dhimmanii hojii akka hojjetan, akkasumas harka isaaniitiinis akka hojjetan nan godhe.

18 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee isaan akka ani mootii isaanii ta’uuf in barbaadan. Garuu ani, Nefiin, akka isaan mootii hin qabaanneef barbaadeen ture; haa ta’u malee, ani akkaataa humna dandeettii kootti isaaniif nan rhojjadhe.

19 Akkasumas, kunoo, dubbiiwwan Gooftaa, ani bulchaa isaanii fi barsiisaa isaanii akkan ta’uuf isa inni waa’ee isaanii dubbatee ture sun obboloota koo irratti in raawwatame. Kanaafuu, hamma yeroo isaan lubbuu koo balleessuu barbaadanitti, akkaataa abboommota Gooftichaatti, ani bulchaa isaanii fi barsiisaa isaanii ta’een ture.

20 Kanaafuu, Isaan hammuma dubbiiwwan kee dhaga’uu didan isaan fuula Gooftaa duraa addaan in ba’u, jechuun dubbiin Gooftaan anatti dubatee ture in raawwatame. Akkasumas, kunoo, isaan fuula isaa duraa addaan ba’anii turan.

21 Akkasumas, inni sababa cubbuu isaaniitiif, abaarsi, eeyyee, abaarsi cimaan illee akka isaan irratti dhufu in godhe. Kanaafis kunoo, isaan garaa isaanii isa irratti jabeessuunisaan akka dhagaa cillaata’aniiru; kanaafuu, isaan adii, akkasumas gar-malee bareeddoo, akkasumas warra nama gammachiisan turan, kanaafuu akka isaan qalbii saba kootii hin hawwanneef Waaqayyo Gooftaan gurraachinni gogaa akka isaan irratti dhufu in godhe.

22 Akkasumas, Waaqayyo Gooftaan akkas jedha: Isaan jal’inoota isaanii irraa yaada garaa isaanii yoo geeddaratan malee, ani saba kee biratti akka isaan warra jibbaman ta’an nan godha.

23 Akkasumas, sanyii isaa sanyii isaanii wajjin kan walitti makatu abaaramaa in ta’a; sababni isaa isaan abaarsa wal-fakkaatuun illee in abaaramu. Akkasumas, Gooftaan in dubbate, akkasumas raawwatamees ture.

24 Akkasumas, sababii abaarsa isaanii isa isaan irra tureetiif saba dhibaa’oo, akkasumas warra hammeenyaan, akkasumas haxxummaadhaan guutaman, akkasumas warra lafa onaa keessa nyaataaf bineensota adamsanis in ta’an.

25 Akkasumas, Waaqayyo Gooftaan akkas naan in jedhe: Isaan akka na yaadataniif kakaasuudhaaf, isaan sanyii keetti dha’icha in ta’u, akkasumas isaan hamma ana hin yaadannetti, akkasumas dubbiiwwan koos hin dhaggeeffannetti, isaan hamma badanitti illee isaan in adabu.

26 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee ani, Nefiin, Yaaqoobii fi Yoseefiin, biyya saba kootii irratti akka isaan lubootaa fibarsiisota ta’aniif dibeen ture.

27 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee, nuyi jireenya gammachiisaa ni jiraanne.

28 Akkasumas, yeroo nuyi Yerusaalemii baanee adeemne irraa kaasee waggoonni soddomni darbaniiru.

29 Akkasumas, ani, Nefiin, saba koo ilaalchisee, gabateewwan isa ani hojjedhe irratti seenaa hamma ammaatti ture barreessee nankaa’e.

30 Akkasumas, kun erga ta’ee booddee, Waaqayyo Gooftaan akkas naan in jedhe: Gabateewwan kan biraa hojjedhu; akkasumas ati bu’aa saba keetiif waantota baay’ee fuula koo duratti gaarii ta’an isaan irratti boci.

31 Kanaafuu, ani, Nefiin, abboommota Gooftaatiif abboomamaa ta’uuf, deemee akkasumas gabateewwan kana hojjedhee isaan irrattis waantota kana nan boce.

32 Akkasumas, ani waan Waaqayyoon gammachiisu nan boce. Akkasumas, sabni koo waantota Waaqayyootti kan gammadan yoo ta’e isaan barreeffamoota koo warra gabateewwan kana irratti argamanittis in gammadu.

33 Akkasumas, sabni koo yoo kutaa seenaa saba kootii isa caalaatti adda ta’e beekuu barbaadan isaan gabateewwan koo warra kan biroo qorachuu qabu.

34 Akkasumas, waggoonni afurtamni darbaniiru jechuun anaaf ga’aadha, akkasumas nuyi obboloota keenyaa wajjin lolaa fi walitti bu’iinsaan dabarsineera.