Boqonnaa 3
Yoseef Gibxii keessatti warra Nefii mul’ataan in arge—Inni waa’ee Yoseef Ismiiziin, abbaa mul’ataa guyyaa boodaa isa Museen warra Israa’eliin in oolcha jedhee; akkasumas dhufaatii Macaafa Mormooniin raajii in dubbate. Naannoo bara 588–570 Dh.K.D.
1 Akkasumas amma, ani Yoseef, ilma koo isa dhumarra dhalattee sitti nan dubbadha. Ati lafa onaa keessatti dhiphinoota koo keessatti in dhalatte; eeyyee, guyyoota gadda koo isa guddaattis haati kee si deesse.
2 Akkasumas yoo ati abboommoota Qulqulluu kan Israa’eliin eegdeef, Gooftaan biyya caalaatti gati-jabeessa ta’e kana sanyii keetiif dhaala, akkasumas sanyii obboloota keetiitiif dhaala akka ta’uuf, Gooftaan biyya kana immoo akka qulqulleessuuf siif nan hawwa.
3 Akkasumas ammas, Yoseef, ilma koo isa dhumaa, isa sanyiin kee guutummaatti akka hin badneef ani yeroo rakkinoota kootiitti lafa onaa keessaa baase, Gooftaan bara baraan si haa eebbisu.
4 Kanaafis, kunoo, ati sanyii mudhii kootiiti; akkasumas ani hidda sanyii Yooseef isa booji’amee gara Gibxiitti geeffamee tureeti. Akkasumas, kakuuwwan Gooftaan Yoseefiif gales guddaa ture.
5 Kanaafuu, Yoseef dhugumaan bara keenya argeera. Akkasumas, Waaqayyo Gooftaan sanyii mudhii isaa keessaa damee qajeelaa isa ta’e mana warra Israa’eliif akka kaasu inni Goofticha irraa abdii argateera; Masiihicha osoo hin taane, garuu damee isa addaan cabee ture irraa, haa ta’u malee, kakuuwwan Gooftaatiin akka yaadatamuuf, guyyaa boodaatti Masihichi ofii isaatii humna hafuuraatiin dukkana keessaa gara ifaatti—eeyyee, dukkana isa dhokataa fi boojuu keessaa gara birmaadummaatti isaaniin fiduudhaaf isaanitti in mul’ata.
6 Sababni isaasanyii mudhii kootiitiif isa filatame abbaa mul’ataa isa ta’u, Waaqayyo Gooftaan koo abbaa mul’ataa tokko in kaasa, jechuun Yoseef dhugumaan dhugaa baheera.
7 Eeyyee, Yoseef dhugumaan akkas jedheera: Gooftaan akkas naan jedhe: Abbaa mul’ataa sanyii mudhii keetii keessaa isa filatame tokko ani nan kaasa; akkasumas inni immoo sanyiiwwan mudhii keetii gidduudhaa kabaja guddaa in argata. Akkasumas, kakuuwwan isa ani abboota keetii wajjin gale gara beekuutti isaan fiduudhaaf, hojii isa bu’aa guddaa isaaniif qabu, obboloota isaatiif, akka hojjetuuf abboommii isaaf nan kenna.
8 Akkasumas inni hojii ani isa abboomu irraa kan hafe, hojii kan biraa akka hin hojjennef abboommii isaaf nan kenna. Akkasumas inni hojii koo waan hojjetuuf; ani fuula koo duratti guddaa isa nan godha.
9 Akkasumas, Yaa mana Israa’el, inni saba koo akka bilisa baasuuf, ani isa nan kaasa jedhee akkuman kanaan dura waa’ee isaa isinitti dubbadhee ture, inni akkuma Musee guddaa in ta’a.
10 Akkasumas, saba kee biyya Gibxii keessaa akka baasuuf, ani Musee nan kaasa.
11 Garuu ani abbaa mul’ataa sanyii mudhii kee keessaa nan kaasa; akkasumas inni dubbii koo sanyii mudhii keetiitiif akka fiduuf—akkasumas dubbii koo fiduu qofa osoo hin taane, jedha Gooftichi, garuu dubbii koo isa kanaan dura isaan gidduutti labsamee ture, hamma isaan amansiisutti, ani humna isaaf nan kenna.
12 Kanaafuu, sanyiin mudhii keetii in barreessu; akkasumas sanyiin mudhii Yihuudaas in barreessu; akkasumas barumsoota sobaatiin hamma mormanitti, akkasumas walitti bu’iinsa dhaabanitti, akkasumas sanyii mudhii keetii gidduutti nagaa buusanitti, akkasumas guyyaa boodaatti gara beekumsa abboota isaaniitti isaan fidanitti, akkasumas immoo gara beekumsa kakuu koo beekuuttis akka dhufaniif, akkasumas sanyiin mudhii keetii warri barreeffaman, akkasumas sanyii mudhii Yihuudaa warra barreeffamanii wajjin in guddatu, jedha Gooftaan.
13 Akkasumas, Gooftaan akkas jedha; Yaa mana Israa’el, isin akka deebitaniif yommuun hojii koo saba koo hundumaa gidduutti jalqabutti, inni dadhabbii irraa in jabaata.
14 Akkasumas, Yoseef akkas jechuun raajii in dubbate: Kunoo, abbaa mul’ataa sana Gooftaan in eebbisa; akkasumas warri isa balleessuu barbaadanis in yeella’u; sababni isaa ani sanyii mudhii kootiif abdii Gooftaa biraa argadheera; innis in raawwatama. Kunoo, abdiin kun akka inni raawwatamu ani nan amana;
15 Akkasumas, maqaan isaa maqaa kootiin in waamama; akkasumas kunis maqaan isa kan abbaa isaatii wajjin tokko in ta’a. Akkasumas, inni akka koo in ta’a; sababa kanaaf, waanti Gooftaan harka isaatiin fidu, humna Gooftaatiin saba koo gara fayyinaatti kan fidu in ta’a.
16 Eeyyee, Yoseef akkas jechuun raajii kana in dubbate: Sababii Gooftaan sanyii kee bara baraaf nan tiksa naan jedheef akkuma ani abdii Museen kenne amanee ture akkumasuma isa kanas nan amana.
17 Akkasumas, Gooftaan akkas jedhe: Ani Musee nan kaasa; akkasumas ani karaa uleetiin humna isaaf nan kenna; akkasumas ani barreeffamaan firdii isaaf nan kenna. Haa ta’u malee, ani akka inni baay’ee dubbatuuf arraba isaa hin hiikuuf, sababni isaa ani dubbiidhaan jabaa isa hin godhu. Garuu ani quba harka ofii kootiin seera koo isaaf nan barreessa, akkasumas ani nama isaaf dubbatu isaaf nan qopheessa.
18 Akkasumas immoo Gooftaan akkas naan jedhe: Ani sanyii mudhii keetiitiif nan kaasa, akkasumas ani nama isaaf dubbatu nan qopheessa. Akkasumas, ani, kunoo, akka inni barreefama sanyii mudhii keetii, gara sanyii mudhii keetiitti akka barreessuuf isaaf nan kenna, akkasumas namni sanyii mudhii keetiitiif dubbatus in labsa.
19 Akkasumas, jechoonni inni barreessus dubbiiwwan ogummaa koo keessatti kan faayidaa qaban ta’uun gara sanyii mudhii keetiitti in darbu, Akkasumas, kun sababii ani amantii isaanii beekuuf, akka waan sanyiin mudhii keetii lafa irraa ka’ee gara isaanitti iyyuu in ta’a.
20 Akkasumas, akkas in ta’a; isaan lafa keessaa in iyyu; Dhaloonni baay’een erga isaan irra darbee booda illee iyyi isaanii akkaataa dhugummaa dubbii isaaniitti darbee in dhaga’ama: eeyyee, obboloonni isaanii illee yaada garaa isaanii akkageeddaratan in taasisa.
21 Sababa amantii isaaniitiif dubbiiwwan isaanii afaan koo keessaa gara obboloota isaanii kan sanyii mudhii keetii warra ta’aniitti in ba’u, akkasumas kakuu isa ani abboota keetii wajjin gale hamma isaan yaadatanitti ani dadhabina dubbiiwwan isaanii illee amantii isaaniiiin nan jabeessa.
22 Akkasumas amma, kunoo, ilma koo Yooseef, abbaan koo durii akkasitti raajii dubbate.
23 Kanafuu, sababa kakuu kanaatiif ati kan eebbifamteedha; sababni isaa sanyiin kee dubbiiwwan macaafichaa waan dhaggeeffataniif, isaan hin badan.
24 Akkasumas, harka Waaqayyoo keessatti meeshaa ta’uudhaan, amantii guddaadhaan, dinqii gurguddaa dubbii fi gocha isaatiinwaan gaarii baay’ee kan hojjetu, akkasumas fuula Waaqayyoo duratti waanta guddaa ta’e hojjechuuf, gara mana Israa’eliitti, akkasumas gara sanyii obboloota keetiitti baay’ee isaanii kan deebisee isaanii dhaabu jabaan tokko isaan gidhuudha in ka’a.
25 Akkasumas amma, Yoseef, ati kan eebbifamteedha, Kunoo, ati xinnaadha; kanaafuu dubbiiwwan obboleessa kee, Nefii, dhaggeeffadhu, akkasumas kun akkaataa dubbiiwan ani sitti dubbadheetti illee siif in raawwatama. Dubbiiwwan abbaa kee isa du’uuf ka’ees yaadadhu. Ameen.