Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 32


Boqonnaa 32

Ergamoonni humna Hafuura Qulqulluutiin dubbatu—Namoonni kadhannaadhaan Hafuura Qulqulluu irraa ofii isaaniitiif beekumsa argachuu qabu. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas amma, kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, karichaan erga seentaniin booda waantota isin gochuu qabdan ilaachisee garaa keessan keessatti hamma tokko akka xiinxaltan nan tilmaama. Garuu, kunoo, isin maaliif garaa keessan keessatti waantota kana irratti xiinxalturee?

2 Isin Hafuura Qulqulluu erga fudhattanii booda afaan ergamootaatiin dubbachuu akka dandeessan isa ani isinitti himee ture isin hin yaadattaniiree? Akkasumas amma, isin Hafuura Qulqulluudhaan malee afaan ergamootaatiin akkamitti dubbachuu dandeessuree?

3 Ergamoonni humna Hafuura Qulqulluutiin dubbatu; kanaafuu, isaan dubbiiwwan Kiristoosiin dubbatu. Kanaafuu, ani akkas isiniin nan jedha, dubbiiwwan Kiristoosiin soorradhaa; sababni isaa kunoo, dubbiiwwan Kiristoos waan gochuu qabdan hundumaa isinitti in himu.

4 Kanaafuu, amma erga ani dubbiiwwan kana dubbadheen booda, isin yoo isaan hubachuu dadhabdan sababa hin gaafanneef ta’a yookiin isin waan hin rurrukunneefis ta’a; kanaafuu, isin gara ifichaatti hin fidamne, garuu dukkana keessatti baduu qabdu.

5 Kanaafis kunoo, ammas ani akkas isiniin na jedha: karichaan yoo ol-galtan, akkasumas Hafuura Qulqulluu yoo kan fudhattan ta’e, inni waan isin gochuu qabdan hundumaa isinitti in argisiisa.

6 Kunoo, kun barsiisa Kiristoosi, akkasumas hamma inni fooniin ofii isaa isinitti mul’sutti barsiisni kan biraa kennamu hin jiru. Akkasumas, yeroon inni fooniin ofii isaa isinitti mul’isutti, isin waantota inni isinitti himu hubattanii in gootu.

7 Akkasumas amma, ani, Nefiin, kana caalaa dubbachuu hin danda’u; Hafuurichis akkan hin dubbanneef na dhaabsise, akkasumas ani sababa amanuu dhabuun, akkasumas jal’inaa, akkasumas wallaalummaa, akkasumas boqu-jabina namootaaf nan gadda; sababni isaa jecha ifa ta’een iftoominaan isaanitti yeroo kennamu isaan beekumsa hin barbaanne, yookiin beekumsa guddaas hin hubanne.

8 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, isin ammas garaa keessan keessatti akka xiinxaltan ani nan hubadha; akkasumas waa’ee waantota kanaa ilaalchisee dubbachuun koo na gaddisiisa. Sababni isaa Hafuura isa kadhannaa nama barsiisu utuu dhaggeeffattanii, isin kadhachuu akka qabdan in beektu; sababni isaa hafuurri hamaan akka namni kadhatuuf hin barsiisu, garuu kadhachuu akka hin qabne isa in barsiisa.

9 Garuu kunoo, ani isin utuu hin dadhabin, akkasumas yeroo hundumaa kadhachuu akka qabdan; jalqaba irrattis maqaa Kiristoosiin gara Abbaatti yoo kadhattan malee waan tokko illee Gooftaadhaaf akka raawwachuu hin qabne, innis hojii keessan akka isiniif qulqulleessu, hojiin keessanis nageenya lubbuu keessaniif akka ta’u isinitti nan hima.