Caaffata qulqullaa’aa
2 Nefii 11


Boqonnaa 11

Yaaqoob Furee isaa in arge—Seerri Musee fakkeenyota dhufaatii Kiristoosiin kan agarsiisanii fi akka inni dhufus kan mirkaneessaniidha. Naannoo bara 559–545 Dh.K.D.

1 Akkasumas, amma Yaaqoob yeroo sanatti saba kootti waantota baay’ee itti dabalee in dubbate; haa ta’u malee, waanti ani barreesse kun na ga’aa waan ta’eef, ani waantonni kanneen qofti akka isaan barreeffaman nan godhe.

2 Akkasumas amma, ani, Nefiin, sababii lubbuun koo dubbiiwwan isaatiin gammadduuf, dubbiiwwan Isaayaasiin caalaatti nan barreessa. Dubbii isaa waan ani saba koo wajjin wal fakkeessuuf, akkasumas ani ijoollee koo hundumaattis isaanii nan erga, sababni isaa akkuma inni Furee koo arge illee, anis dhugumaan isa argeera.

3 Akkasumas, akkuma ani isa arge, obboleessi koo, Yaaqoobis immoo isa argeera; kanaafuu, ani dubbiiwwan koo dhugaa ta’uu isaa isaaniif mirkaneessuuf dubbiiwwan isaanii ijoollee kootti nan erga. Kanaafuu, Waaqayyo ani dubbii koo dubbiiwwan namoota sadii irra nan hundeessaa jedheera. Haa ta’u malee, Waaqayyo dhuga baatota dabalataa in erga, akkasumas inni dubbiiwwan isaa hundumaas in mirkaneessa.

4 Kunoo, lubbuun koo dhufaatiin Kiristoos dhugaa akka ta’e saba kootiif mirkaneessuutti in gammaddi; sababa kanaafis, seerri Musee kennameera; akkasumas waanti Waaqayyo jalqaba biyya lafaa irraa kaasee namaaf kenne hundinuuisa kan agarsiisaniidha.

5 Akkasumas immoo, lubbuun koo kakuuwwan Gooftichaa isa inni abboota keenyaaf galetti in gammaddi; eeyyee, lubbuun koo ayyaana isaatti, akkasumas haqummaa isaatti, akkasumas humna isaatti, akkasumas araara isaatiinis karoora isa guddaa isaatii fi isa bara baraa isaatiitti isa du’a irraa nama oolchuttis in gammaddi.

6 Akkasumas, Kiristoos yoo dhufeen malee namoonni hundinuu akka badan saba kootiif mirkaneessuu kootti lubbuun koo in gammaddi.

7 Sababni isaa Kiristoos yoo hin jiraanne Waaqayyos hin jiru; akkasumas Waaqayyo yoo hin jiraanne nus hin jirru, sababni isaa uumamni jiraachuu hin danda’u. Waaqayyo garuu jira, akkasumas inni Kiristoosiidha, akkasumas innis guutummaa yeroo ofii isaatitti in dhufa.

8 Akkasumas amma, saba koo keessaa namni dubbiiwwan kana argu garaa isaa ol kaasee nama hundumaaf akka gammaduuf, ani dubbiiwwan Isaayaasiin keessaa muraasa nan barreessa. Ammas isin dubbiiwwan kanneenniidha; isinis isaan ofii keessanitti, akkasumas namoota hundumaatti isaan fakkeessaa.