Dubbiiwwan Almaa, akkasumas immoo dubbiiwwan Amuleeq, isa isaan saba warra biyya Amoonihaa keessa turanitti labsamanii turan. Akkasumas, akka galmee Almaatti isaan immoo mana hidhaatti in darbataman, akkasumas humna Waaqayyoo isa dinqisiisaa isa isaan keessa tureen bilisa in ba’an.
Boqonnaa 9 hamma 14 kan of keessatti qabateedha.
Boqonnaa 9
Almaan sabni Amoonihaa akka yaada garaa isaanii geeddaratan in abboome—Gooftichi guyyaa dhumaatti warra Laamaaniif araara in godha—Warri Nefii ificha yoo dhiisan, warra Laamaaniin in balleeffamu—Ilmi Waaqayyoo yeroo dhiyootti in dhufa—Inni warra yaada garaa isaanii geeddaratan, warra cuuphaman, akkasumas warra maqaa isaatti amanan in fura. Naannoo bara 82 Dh.K.D.
1 Akkasumas ammas, ani, Almaan, akkan Amuleeqiin fudhachuudhaan gadi ba’ee saba kanatti, yookiin namoota magaalaa Amoonihaa keessa jiraatanitti, deebi’ee akkasumas akkan lallabuuf Waaqayyoon abboomameen ture, kun erga ta’ee booddee, yeroo ani isaanitti lallabuu jalqabetti isaan akkas jechuudhaan ana wajjin wal-loluu in jalqaban;
2 Ati lafti in darbiti jettee kan nutti lallabdu kun eenyuudharee? Ati nuyi dhugaa ba’umsa nama tokkootti in amanna jettee in tilmaamtaaree?
3 Amma isaan sababa lafti akka darbitu hin beekneef dubbiiwwan isa isaan dubbatan hin hubanneen.
4 Akkasumas immoo, isaan akkas in jedhan: Magaalaan guddittiin kun guyyaa tokkotti akka diigamtu ati raajii yoo dubbatte iyyuu nuyi dubbii kee hin amannu.
5 Amma isaan Waaqayyo hojii dinqisiisaa akkasii hojjechuu akka danda’u hin beekan turan, sababni isaa isaan saba gara-jabeessaa fi boqu-jabeessa turan.
6 Akkasumas, isaan akkas in jedhan: Dhugaa guddaa fi dinqisiisaa akkasii saba isaa gidduutti akka dubbatuuf nama tokko caalaadhaaf haboo kennee kan hin ergine kun Waaqayyo eenyuudharee?
7 Akkasumas, isaan harka isaanii narra kaa’uuf in dhaabbatan; garuu kunoo, isaan nan hin tuqne. Akkasumas, ani isaanitti labsuuf ija jabinaan nan dhaabbadhe, eeyyee, ani akkas jechuudhaan ija jabinaan isaaniif dhugaa nan ba’e:
8 Kunoo, isin yaa dhaloota hamaa fi jal’aa nana, aadaa abboota keessanii akkamittiin dagattaniree; eeyyee, isin abboommota Waaqayyoo akkamittiin daftanii dagattaniree.
9 Abbaan keenya Lehiin harka Waaqayyootiin Yerusaalem keessaa akka baafame isin hin yaadattaniiree? Hundumti isaanii lafa onaa keessa akka isaan gaggeefamanii turanis isin hin yaadattaniiree?
10 Akkasumas, inni yeroo meeqa abboota keenya harka diinaa jalaa akka isaan baase, akkasumas badiisa harka obboloota ofii isaanii jalaa illee akka isaan oolche daftanii irraanfattaniiree?
11 Eeyyee, akkasumas osoo humna isaa daangaa hin qabne fi araara isaatiin, akkasumas obsa guddaa inni nuuf qabu isa daangaa hin qabneen ta’uudhaa baatee, nuyi silaa yeroo dheeraa kana dura ajjeefamuun keenya hin hafu ture, akkasumas tarii haala gadadoo fi wayyoo isa dhuma hin qabneetti dabarfamnee in kennamna turre.
12 Kunoo, amma ani isiniin nan jedha inni akka yaada garaa keessanii geeddarattaniif isin in abbooma; akkasumas isin yoo yaada garaa keessanii geeddarattan malee, karaa kamiin iyyuu mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin dandeessan. Garuu kunoo, kana qofaa miti—inni akka isin yaada garaa keessanii geeddarattaniif isin abboomeera, yookiin immoo lafa irraa guutummaatti isin in balleessa; eeyyee, inni aarii isaatiin isin in daawwata, akkasumas aariin isaa inni jabaan isin irraa hin deebi’u.
13 Kunoo, isin hammuma abboommota koo eegdan, biyyicha keessatti in badhaatu, jedhee dubbiiwwan inni Lehiitti dubbate hin yaadattaniiree? Akkasumas ammas, akkas jedheera: Isin abboommota koo hamma hin eegne fuula Gooftaa duraa addaan in baatu.
14 Amma ani warri Laamaan abboommota Waaqayyoo hammuma hin eegne akka isaan fuula Gooftaa duraa akka addaan ba’an akka isin yaadattan nan barbaada. Amma waanta kana keessatti dhugummaan dubbii Gooftaa mirkanaa’uu isaa kanaan in argina, akkasumas warri Laamaan biyya sana keessatti irra daddarbuu yeroo itti jalqaban irraa kaasee fuula isaa duraa addaan ba’aniiru.
15 Haa ta’u malee, ani isiniin nan jedha, isin cubbuu keessaniin yoo itti fuftan, guyyaa firdiitti isin caalaa isaaniif in salphata, eeyyee, akkasumas isin yaada garaa keessanii yoo geeddarattan malee jireenya kana keessattis isin caalaa isaaniif in salphata.
16 Sababni isaas abdiiwwan baay’een warra Laamaaniif kennamaniiru; sababni isaas wallaalummaa isaanii keessatti akka isaan hafan kan godhe aadaa abbootii isaaniiti; kanaafuu Gooftaan araara-qabeessa isaaniif in ta’a, akkasumas biyyicha keessatti jireenya isaanii in dheeressa.
17 Akkasumas, isaan guyyaa tokko gara dubbii isaatti amanuutti, akkasumas aadaan abbootii isaaniis sirrii ta’uu dhiisuu isaa beekuutti in fidamu; akkasumas Gooftaan warra maqaa isaa waammatan hundumaaf araara-qabeessa waan ta’uuf baay’een isaanii in fayyu.
18 Garuu kunoo, isin jal’ina keessaniin kan itti fuftan yoo ta’e, warri Laamaan waan isin irratti ergamaniif guyyoonni isin biyyattii keessa turtan akka hin dheeranne isinitti nan hima; akkasumas isin yoo yaada garaa keessanii geeddarachuu diddan isaan yeroo isin hin beeknetti in dhufu, akkasumas isin badiisa guutuudhaan in daawwatamtu; akkasumas kun akka dheekkamsa jabaa Gooftaatti in ta’a.
19 Inni saba isaa balleessuuf jecha akka isin jal’ina keessan keessa jiraattaniif isiniif hin heyyamu. Ani isiniin nan jedha, lakki; Waaqayyo Gooftaa isaanii irraa ifni guddaa fi beekumsi baay’ee erga kennameefii booda cubbuudhaa fi irra daddarbaadhaan kufuudhaaf kan isaaniif danda’amu yoo ta’e, saba Nefii kan jedhaman hundumaa warri Laamaan akka balleessaniif yoo heyyame wayya.
20 Eeyyee, erga saba Gooftaadhaan sirriitti jaal’ataman ta’aniin booda, eeyyee, erga saba, gosa, yookiin namoota kaan hundumaa caalaa jaal’atamummaa argatanii booda; erga waanti hundinuu akka fedhii isaaniitti, akkasumas amantii fi kadhannaa isaaniitti, akkasumas waa’ee waanta ta’ee turee, akkasumas kan jiruu, akkasumas kan dhufuuf jiruu, akka isaan beekan erga godhamee booda;
21 Hafuura Waaqayyootiin erga daawwatamanii booda; ergamoonni isaan wajjin dubbatanii booda, akkasumas sagaleen Gooftaas erga isaanitti dubbateen booda; akkasumas hafuura raajii erga qabaatanii, akkasumas hafuura mul’ataa, akkasumas kennaa baay’ee, kennaa afaan haaraatiin dubbachuu, akkasumas kennaa lallabuu, akkasumas immoo kennaa Hafuura Qulqulluu, akkasumas kennaa hiikuu;
22 Eeyyee, akkasumas biyya Yerusaalem keessaa harka Waaqayyootiin erga bilisa baafamanii booda, akkasumas harka Gooftaatiin beela irraa, akkasumas dhukkuba irraa, akkasumas dhibee gosa hundumaa irraa erga fayyanii booda, akkasumas kana booddee isaan akka hin balleeffamneef lolatti erga jabeeffamanii, yeroodhaa gara yerootti garbummaa jalaa baafamanii, akkasumas hamma ammaatti akka eegamanii fi tursiifaman in ta’an; akkasumas hamma waantota gosa hundumaan dureeyyii ta’anitti in badhaadhan—
23 Akkasumas amma kunoo, ani isiniin nan jedha, sabni harka Gooftaa irraa eebba baay’ee argatan isaan ifaa fi beekumsa isa qaban haala faalleeessuun kan irra daddarban yoo ta’e, isaan irra daddarbaatti kan kufan yoo ta’e, isaan caalaa warra Laamaaniif baay’ee akka salphatu ani isinitti nan hima.
24 Sababni isaas kunoo, abdiin Gooftaa warra Laamaaniif kennameera, garuu isin kan irra daddarbitan yoo ta’e isaan isiniif hin ta’an; sababni isaas isin yoo isa irratti kan kaatan ta’e isin biyya lafaa irraa guutumaatti akka balleeffamtan Gooftaan ifatti kakuu hin galleeree, akkasumas cimsee hin labsineeree?
25 Akkasumas amma, sababa kanaaf isin akka hin badneef mootummaan waaqaa waan dhiyaateef qalbii geeddaradhaa, jechuun isaan gadi ba’anii cimsanii kadhannaa taasisuu akka qaban akka isaanitti labsuu fi saba isaa baay’ee akka daawwatuuf Gooftaan ergamaa isaa isaanitti ergeera.
26 Akkasumas, guyyaa itti Ilmi Waaqayyoo ulfina isaatiin dhufu fagoo miti; akkasumas ulfinni isaa ulfina Tokkicha Ilma abbaa inni ta’e iyya saba isaa kan dhaga’u, akkasumas kadhannaa isaaniis dafee akka deebisuuf ayyaana, haqummaa, akkasumas dhugaa, obsa guddaan kan guutame, araaraa, fi obsa guddaadhaan kan guutameedha.
27 Akkasumas kunoo, inni warra maqaa isaatti amananii yaada garaa geeddarachuudhaaf cuuphaman fayyisuudhaaf in dhufa.
28 Kanaafuu, isin Gooftichaaf karaa qopheessaa, sababni isaas yeroon namoonni hundinuu akkaataa hojii isaan hojjechaa turaniitti gatii dadhabbii isaanii itti haammatan dhi’aateera—isaan warra qajeelota yoo ta’an akka humnaa fi fayyisuu Yesuus Kiristoositti fayyina lubbuu isaanii in haammatu; akkasumas isaan yoo hamoota ta’an akka humnaa fi boojuu daabiloositti lubbuu isaaniitiif gadadoo in haammatu.
29 Amma kunoo, kun sagalee ergamaa isa namootatti iyyuudha.
30 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, isin obboloota koo waan taataniif, akkasumas isin jaal’atamtoota ta’uu qabdu, sababni isaa garaan keessan dubbii Waaqayyoo irratti akka malee jabaateera, akkasumas saba badee fi kufe ta’uun keessan waan argameef isin hojiiwwan yaada garaa geeddarannaadhaaf ragaa ta’anis agarsiisuu qabdu.
31 Amma kun erga ta’ee booddee, yeroo ani, Almaan, dubbiiwwan kana dubbadhetti, kunoo, sababa ani sabichaan isin warra garaa isaanii jabeessanii fi warra boqu-jabeeyyiidha jedhee itti himeef isaan natti aaranii turan.
32 Akkasumas immoo sababa ani isaan saba badee fi kufeedha jedheef isaan natti in aaranii turan, akkasumas mana hidhaatti na darbachuuf harka isaanii ana irra kaa’uu in barbaadan.
33 Garuu kun erga ta’ee booddee, yeroo sanatti akka na fuudhatanii mana hidhaatti na darbataniif Gooftaan isaaniif hin hayyamne ture.
34 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amuleeq deemee fuul-duratti ba’ee in dhaabbate, akkasumas isaanitti laallabuus in jalqabe. Akkasumas amma, dubbiiwwan Amuleeq hundinuu hin barreeffamne, haa ta’u malee dubbiiwwan isaa keessaa kutaan hammi tokko macaafa kana keessatti barreeffamaniiru.