Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 10


Boqonnaa 10

Lehiin hidda sanyii Minaasee irraati—Amuleek Almaaf eegumsa akka taasisu abboommii ergamaan dabarse irra deebi’ee in seenesse—Kadhannaan warra qajeelotaa sabni akka oolu godha—Abbootiin seeraa fi abbootiin firdii qajeeloota hin taane badiisa sabaaf bu’uura in kaa’an. Naannoo bara 82 Dh.K.D.

1 Amma isaan kun dubbiiwwan Amuleeq akkas jechuudhaan namoota warra biyya Amoonihaa keessa turanitti lallabeedha:

2 Ani Amuleeqiidha; ani ilma Gidoonaa isa hidda sanyii Aminaadii fi ilma Ismaa’eel tureedha; akkasumas Aminaadiin isuma barreefama mandhaaba mana qulqullummaa irratti quba Waaqayyootiin barreeffamee ture sana hiikeedha.

3 Akkasumas, Aminaadiin hidda sanyii Neefii, isa ilma Lehii turee kan ilma Yooseef isa hidda sanyii Minaasee kan harka obboleeyyan isaatiin gara Gibxiitti gurguramee tureeti.

4 Akkasumas kunoo, ani dabalataan namoota na beekan hundumaa biratti nama maqaa xiqqaa hin qabneedha; eeyyee, akkasumas kunoo, ani firootaa fi michoota baay’een qaba, akkasumas hojii ogummaa harka kootiitiinis qabeenya baay’ee horadheera.

5 Haa ta’u malee, kana hundumaa booda ani karaa Gooftaa, akkasumas dhoksaawwan isaa, akkasumas humna isaa isa dinqisiisaa baay’ee hin beekuun ture. Ani waantota kana keessaa baay’ee hin beekuun ture jedheera; garuu kunoo, ani dogoggoreera, sababni isaa lubbuu saba kanaa tiksuu keessatti illee, eeyyee, ani dhoksaawwan isaa fi humna isaa isa dinqisiisaa baay’ee argeera.

6 Haa ta’u malee, ani sababiin yeroo baay’ee waamameera, akkasumas dhaggeeffachuu diduu kootiin garaa koo jabeesseen ture; kanaafuu ani waa’ee waantota kanaa nan beekan ture, ta’us garuu ani beekuus hin barbaadne; kanaafuu ani jal’ina garaa kootiitiin abboonni firdii mo’anii hamma waggaa kurnaffaa ji’oota torban kanaattii fi guyyaa afuraffaa isaatiitti illee Waaqayyo irratti finciluu ittiin fufe.

7 Ani fira koo isa baay’ee dhiyoo jiru tokko arguuf osoon adeemaa jiruu, kunoo ergamaan Gooftaa tokko natti mul’atee akkas naan in jedhe: Amuleeq raajii Gooftaa tokko waan nyaachiftuuf ati gara mana keetiitti deebi’i, eeyyee, nama qulqulluu filatamaa Waaqayyoodha; sababni isaas cubbuu saba kanaa irraa kan ka’e guyyoota baay’eedhaaf soomeera, akkasumas inni beela’eera, akkasumas ati gara mana keetiitti isa simadhuutii isa nyaachisi, akkasumas inni si’ii fi mana kee in eebbisa; akkasumas eebbi Gooftaa si’ii fi mana kee irra in jiraata.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, ani sagalee ergamichaatiif nan abboomame, akkasumas gara mana kootiitti nan deebi’e. Akkasumas, yeroo ani achi deemaa turetti namicha isa ergamaan gara mana keetitti in simatta naan jedhee natti dubbatee ture sana nan arge—akkasumas kunoo, inni waa’ee waantoota Waaqayyoo inni sitti dubbachaa ture namichuma kana ture.

9 Akkasumas, ergamichi inni nama qulqulluudha naan in jedhe; kanaafuu ergamaan Waaqayyoo waan jedheef inni nama qulqulluu ta’uu isaa nan beeka.

10 Akkasumas ammas, ani waantonni inni dhugaa ba’e dhugaa ta’uu isaanii nan beeka; kunoo ani isiniin nan jedha, dhugaa Waaqayyo isa jiraataati, akkasumas inni waantota kana natti mul’isuudhaaf illee ergamaa isaa ergeera; akkasumas inni kana kan godhe utuu Almaan kuni mana koo keessa jiraataa jiruu ture.

11 Kanaafis kunoo, inni mana koo eebbiseera, inni na eebbiseera, akkasumas dubartoota koo, akkasumas ijoollee koo, akkasumas abbaa koo fi firoota koo, eeyyee, inni firoota koo hundumaa illee eebbiseera, akkasumas akka dubbiiwwan warra inni dubbatee tureetti eebbi Gooftaa nuuf ta’eera.

12 Akkasumas amma, yeroo Amuleeq dubbiiwwan kana dubbatetti, waa’ee waantota isaan ittiin himatamanii ragaan nama tokkoo ol akka jiruu fi akkaataa hafuura raajii isaan keessa jiruutiin waa’ee wantoota dhufuuf jiranii dubbachuu isaaniitiin namoonni dinqisiifachuu in jalqaban.

13 Haa ta’u malee, nama isaan irratti rageessu argachuuf akka seerichaattis akka firdii argataniif abbootii firdii isaaniitti dabarsanii isaan kennuuf, akkasumas akkaataa yakka isaan irratti dhiyaatu yookiin isaan irratti rageeffamuutti, akkasumas akka isaan ajjeefaman yookiin immoo mana hidhaatti darbatamaniif dubbiiwwan isaan dubbataniin kiyyoo keessa isaan galchuuf namoonni tooftaa haxxummaa isaaniitiin gaaffii isaan gaafachuu yaadan muraasni in jiru turan.

14 Amma namoonni isaan balleessuuf barbaadan kunneen abbootii seeraa kan yeroo himanni isaanii yookiin yeroo himanni yakka namootaa abbootii murtii duratti ilaalamutti abbootiin seeraa seera hojiitti hiikuuf ummataan qacaraman yookiin muudaman turaniidha.

15 Amma abbootiin seeraa ogummaa isaaniitti ga’umsa akka qabaataniif shiraa fi haxxummaa sabicha ittiin gowwomsan hundumaa warra baratanii turaniidha.

16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan Amuleeq dubbiin isaa akka wal faallessuu yookiin dubbiiwwan inni dubbatu kan wal hin simne taasisuuf gaaffii gaafachuu in jalqaban.

17 Amma isaan Amuleeq karoora isaanii beekuu akka danda’u hin beekne turan. Garuu kun erga ta’ee booddee, yeroo isaan gaaffii isa gaafachuu jalqabanitti, inni yaadota isaanii in hubate, akkasumas inni akkas isaaniin in jedhe: Isin yaa dhaloota hamaa fi jal’aa nana, isin abbootiin seeraatii fi isin fakkeessitoota nana, isin qulqulloota Waaqayyoo warra ta’an qabuuf kiyyoo fi futtaasaa diriirsaa waan jirtaniif isin hundee bu’uuraa isa kan daabiloosiin kaa’aa jirtu.

18 Isin karaa warra qajeelotaa jal’isuuf, akkasumas hamma sabni kun guutuummaatti badutti illee dheekkamsa Waaqayyoo mataa keessan irratti fiduudhaaf karoora baafachaa jirtu.

19 Eeyyee, mootii keenya isa dhumaa inni ture, Mozaayyaan, yeroo mootummicha dabarsee kennuuf jedhutti nama itti kennu tokko illee waan hin qabneef, sabni kun sagalee mataa isaatiin akka bulu yeroo godhetti, haala gaariidhaan akkas jedheera—Eeyyee, yeroo sagaleen saba kanaa itti jal’ina filatu yoo dhufe, kana jechuun, yeroon sun yeroo itti sabni kun irra daddarbaatti yoo kufe; yeroo sanatti isaan badiisaaf in bilchaatu.

20 Akkasumas amma ani isiniin nan jedha, Gooftaan yakka keessan irratti haala gaariitiin in farada; inni haala gaariitiinis saba kanatti sagalee ergamoota isaatiitiin: Mootummaan waaqaa waan waan dhiyaateef, isin yaada garaa keessanii geeddaradhaa, yaada garaa keessanii geeddaradhaa, jechuudhaan in iyya.

21 Ani saba koo gidduutti, haqummaa fi firdii harka kootti qabadhee nan dhufa, jedhee sagalee ergamoota isaatiin, eeyyee inni haala gaariidhaan in iyya.

22 Eeyyee, akkasumas ani akkas isiniin nan jedha utuu kadhannaa warra qajeelotaa yeroo ammaa biyyattii keessa jiraataniin ta’uudhaa baatee, inni silaa badiisa isaa isa guutuudhaan amma isin in daawwata; haa ta’u malee akkuma namoota bara Nohiin turanii lolaadhaan hin ta’u, garuu beelaan, akkasumas weerara dhibeetiin, akkasumas billaadhaan in ta’a.

23 Garuu isin amma kan haftan kadhannaa warra qajeelotaatiin, kanaafuu isin warra qajeelota of gidduudhaa baaftanii yoo darbitan isa booda Gooftaan harka isaa hin dhaabu; garuu dheekkamsa isaa isa hamaadhaan inni isin irratti in ka’a; isa booddee beelaan, akkasumas weerara dhibeetiin, akkasumas billaadhaanis in rukutamtu, akkasumas isin yoo yaada garaa keessanii geeddarattan malee yeroon isaa dhiyaateera.

24 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabichi caalaatti Amuleeqitti aaranii turan, akkasumas isaan akkas jechuudhaan, in iyyan: Namichi kun seera keenya isa qajeelaa irratti, akkasumas abbootii seeraa keenya warra beektota nuyi filanne irrattis ka’ee in arrabsa.

25 Garuu Amuleeq harka isaa in diriirse, akkasumas humnaan akkas jechuudhaan isaanitti in iyye; Isin yaa dhaloota hamaa fi jal’aa nana, maaliif Seexanni garaa keessan keessatti iddoo guddaa qabaataree? Maaliifis dubbiiwwan akka dhugummaa isaaniitti dubbataman akka isin hin hubanneef, ija keessan jaamsuuf inni humna isin irratti akka qabaatuuf isin maaliif ofii keessan laattuufiree?

26 Kanaafis kunoo, ani faallaa seera keessanii dhugaa ba’eeraaree? Isinis hin hubattan; isin ani faallaa seera keessanii dubbadheera jettu; garuu ani hin dubbanne, garuu ani seera keessan deeggaruudhaan, balleessaa keessaniif isinitti akkan faraduuf dubbaadheera.

27 Akkasumas amma kunoo, ani isiniin nan jedha, bu’uurri badiisa saba kanaa abbootii seeraa keessanii fi abboota firdii keessan warra qajeelota hin taaneen kaa’amuu eegaleera.

28 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, yeroo Amuleeq dubbiiwwan kana dubbatetti sabichi isa mormuun akkas jechuun in iyye: Amma namni kun mucaa daabiloosiin ta’uu isaa in beekna, sababni isaa inni nu sobeera; sababni isaa inni faallaa seera keenyaa dubbateera. Akkasumas amma, inni isa faallessee hin dubbanne jedha.

29 Akkasumas ammas, inni abbootii seeraa keenyaa fi abboota firdii keenya irratti ka’ee arrabseera.

30 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abbootiin seeraa akka yaadatanii isa irratti ka’anii isaan mormaniif waantota kana garaa isaanii keessa in kaa’atan.

31 Akkasumas, isaan keessaa tokko kan maqaa isaa Zeezrom jedhamutu ture. Amma inni kanneen ga’umsa olaanaaa qaban keessaa tooko ta’uu isaatiin, akkasumas namoota waliin hariiroo guddaa waan qabuuf, inni Amuleeqii fi Almaa himachuuf adda dureesssa ture.

32 Amma kaayyoon abbootii seeraa kanaa bu’aa argachuu ture; akkasumas isaan akka hojii isaan hojjetanitti bu’aa argataniiru.