Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 4


Boqonnaa 4

Almaan kumaatamaan kan lakkaa’aman warra jijjiiraman in cuuphe—Jal’inni Waldaa keessa in seene, akkasumas guddina Waldaattiis in danqame—Nefiiyaahaan abbaa firdii olaanaa ta’uun in mudame—Almaan, akka angafa lubaatti, tajaajilaaf of in kenne. Naannoo bara 86–83 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii waggaa ja’affaa isaatti, walitti bu’iinsas ta’e lolli biyya Zarahemlaa keessa hin turre;

2 Garuu sabichi dhiphatee ture, eeyyee, obboloonni isaanii waan duraa du’aniif, akkasumas immoo hoolota isaanii fi saawwan isaanii waan dhabaniif, akkasumas immoo maasiin midhaan isaaniis waan duraa badaniif, kanneen miilla warra Laamaanootaan gadi waan dhidhiitamanii fi badanii turaniif guddaa dhiphataniiru.

3 Akkasumas, dhiphinni isaanii baay’ee guddaa waan tureef, lubbuun hundinuu sababa gaddaniif qabu turan, akkasumas kunis firdiin Waaqayyoo sababa cubbuu isaaniitii fi xuraa’ummaa isaaniitiif dheekkamsa isaan irratti ergame akka ta’e amananii turan; kanaafuu isaan dirqama isaanii akka yaaadataniif dammaqfamanii turan.

4 Akkasumas, isaan caalaatti guutuummaadhaan waldaa hundeessuu in jalqaban, eeyyee, akkasumas baay’een bishaan Siidoon keessatti in cuuphaman, akkasumas waldaa Waaqayyottis makamanii turan; eeyyee, isaan harka Almaa isa abbaa isaa Almaatiin angafa lubaa ta’uun saba waldichaa irratti dibamee tureen in cuuphaman.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abboonni firdii mo’anii waggaa torbaffaa keessa lubbuuwwan gara kuma sadiif dhibba shan ofii isaaniitiin miseeensa waldaa Waaqayyoo kan ta’anii fi kan cuuphaman turan. Akkasumas, barri bulchiinsa abboota firdii inni isaan saba Nefii irratti mo’an waggaa inni torbaffaan akkasittiin in raawwate; akkasumas yeroo sana hundumaa keessa nagaa itti fufiinsa qabutu ture.

6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abboonni firdii mo’anii waggaa saddeettaffaa keessa sabni waldichaa sababa sooruma isaanii isa garmaleetiin, akkasumas uffata gaarii isaaniitiin, akkasumas uffata isa quncee talbaa irraa hojjetamee isaaniitiin, akkasumas baay’ina hoolotafi loowwan isaaniitiin, akkasumas warqee isaaniitii fi meetii isaaniitiin, akkasumas waantota gati-jabeessa ta’an hundumaan, isaan isa hojii isaaniitiin argataniin of tuuluu in jalqaban; akkasumas isaan sababii uffata baay’ee gati-jabeessa ta’e uffachuu jalqabaniif, waantota kana hundumaan of tuulummaa ija isaaniitiin ol of kaasanii turan.

7 Amma kun Almaadhaaf, eeyyee, akkasumas namoota baay’ee warra Almaan barsiisota, akkasumas luboota, akkasumas jaarsolii waldichaa akka ta’aniif warra inni dibe irratti sababa dhiphina guddaa ta’ee ture; eeyyee, baay’een isaanii saba isaanii gidduutti jal’iini raawwatamuu jalqabuu arguu isaaniitti baay’ee gaddanii turan.

8 Sababni isaas miseensoonni waldichaa ija of tuulummaa isaatiin kan ol kaafamanii, fi garaa isaaniis sooromaa fi waantota biyya lafaa isa bu’aa hin qabne irraa kan kaa’atan ta’uud, sababa inni tokko isa kaaniin tuffachuu jalqabuu isaanii, akkasumas isaan akka barbaadanii fi akka isaan fedhanitti warra hin amanin ari’achuu jalqabuu isaanii gadda guddaadhaan waan arganiifi waan ilaalaniifiidha.

9 Akkasumas akkasittiin, abboonni firdii mo’anii waggaa saddeettaffaa kana keessatti, walitti bu’iinsi guddaan saba waldichaa gidduu jiraachuu in jalqabe; eeyyee, hinaaffaan, akkasumas wal-qoccoluun, akkasumas hammeenyi, akkasumas ari’achuun, akkasumas of tuulummaan, of tuullummaa warra miseensa waldaa Waaqayyoo hin taane irra illee kan caaluudha.

10 Akkasumas, bulchiinsi abbootii firdii waggaa saddeettaffaan akkasittiin in xumurame; akkasumas jal’inni miseensota waldichaa warra miseensa waldichaa hin taaneetti gufannaa isa guddaa ta’ee ture; akkasumas guddinni waldichaas kufuu in jalqabe.

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, jalqaba waggaa salgaffaa keessatti, Almaan jal’ina waldaa in arge, akkasumas immoo inni fakkeenyummaan waldaa warra amantoota hin turre jal’ina tokko irraa gara isa kan biraatti geggeessuu akka jalqabe, akkasittiinis sabicha gara badiisaatti akka fidaa jiraachuu in arge.

12 Eeyyee, inni sabicha gidduutti garaagarummaa guddaa in arge, warri kaan of tuulummaa isaaniitiin ol of in qaban, kaanis warra kan biroo tuffachuudhaan, akkasumas isaaniis warra rakkatanitti, akkasumas warra qullaa ta’anitti, akkasumas warra beela’anitti, akkasumas warra dheebotanitti, akkasumas warra dhukkubsatanii turanii fi warra dhiphatanitti dugda isaanii in garagalfatan.

13 Amma kun sabicha gidduutti boo’icha isaaniitiif sababa guddaa ture, yeroo warri kaan gadi of qabanii, warra gargaarsa isaanii barbaadan gargaaruun waliin dhaabbachuudhaan, qabeenya isaaniis hiyyeessaa fi rakkataadhaaf qooduudhaan, warra beela’an nyaachisuudhaan isaan Kiristoos isa akka hafuura raajiitti dhufuuf jedhanii, akkasumas dhiphina gosa hundumaan in dhiphatan;

14 Guyyaa sana eeggachuudhaan, akkasittis cubbuu isaaniif araara argatan qabatanii; sababa du’aa ka’uu warra du’aniitiin, akka jaalalaa fi humna akkasumas Yesuus Kiristoosiitti hidhaa du’aa jalaa bilisa ba’uu isaatiin gammachuu guddaadhaan guutamanii turan.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan rakkina warra gadi of deebisanii Waaqayyoo duukaa bu’anii arguu isaatiin, akkasumas ari’atamuu namoota hafan birootiin isaan irra tuulame arguu isaatiin, akkasumas garaagarummaa hundumaa arguu isaatiin baay’ee gadduu in jalqabe; haa ta’u malee, Hafuurri Gooftaa isa irraa hin fagaanne ture.

16 Akkasumas, inni jaarsolii waldichaa gidduudhaa nama ogeessa kan ture tokko in filate, akkasumas akka sagalee sabichaattis, seera baasuufihojii irra oolchuuf aangoo akka qabaatuuf, akkasumas akka jal’inaa fi yakka sabaatti humnaan akka raawwachiisuuf aangoo isaaf in kenne.

17 Amma maqaan namicha kanaa Nefiyaa ture, akkasumas inni abbaa firdii ol aanaa ta’uun mudamee ture; akkasumas inni faraduu fi sabicha bulchuuf teessoo firdii irra in taa’e.

18 Amma Almaan waldicha irratti angafa lubaa akka inni ta’uuf aangoo hin kennine, garuu inni gita angafa lubummaa ofii isaatiif in qabate; garuu inni teessoo firdii Nefiiyaaf dabarsee kenneera.

19 Akkasumas, inni kanas kan godheef inni ofii isaa saba isaa gidduutti, yookaan saba Nefii gidduu adeemee, sagalee Waaqayyoo akka isaanitti lallabuuf, dirqama isaaniis akka yaadataniif akka isaan kakaasuuf, akkasumas of tuulummaa hundumaa akkasumas haxxummaa fi walitti bu’iinsa saba isaa gidduu ture hundumaa karaa sagalee Waaqayyootiin inni akka dhaabbatuuf ture, akkasumas isaan irratti dhugaba’umsa qulqulluudhaan dhiibbaa isaan irratti fiduudhaan malee inni karaa ittiin isaan karaa sirrii irratti ittiin deebisu hin arganne.

20 Akkasumas, abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii jalqaba waggaa sagalaffaakeessa, Almaan teessuma firdii Nefiiyaadhaaf dabarsee in kenne, akkasumas inni akka angafa lubummaa tartiiba Waaqayyoo isa qulqulluutti dhuga ba’umsa biyya lafaatiif akkaataa hafuura mul’ataa fi raajiitti jaal’atee guutummaatti of in kenne.