Boqonnaa 29
Almaan kutannoo ergamootaatiin yaada garaa geeddarannaa namootatti lallabuu in barbaade—Gooftaan saboota hundumaaf barsiisota nii kenna—Almaan hojii Gooftaatti akkasumas milkaa’ina Amoonii fi obboloota isaatiitiin of in jaje. Naannoo bara 76 Dh.K.D.
1 Egaa ani utuun ergamaa ta’ee, akkasumas hawwii garaa kootiis argachuu danda’ee, akka ani ba’ee, akkasumas malakata Waaqayyootiin dubbadhuuf, sagalee lafa raasuu wajjin, akkasumas saba hundumaatti yaada garaa geeddarannaa iyyee!
2 Eeyyee, ani akkuma sagalee qaqawweetti, akka isaan yaada garaa geeddaratanii fi gara Waaqa keenyatti dhufaniif yaada garaa geeddarannaa fi karoora furee kana caalaas gaddi biyya lafaa hundumaa irratti akka hin jiraanneef lubbuu hundumaatti nan labsa ture.
3 Kunoo garuu, ani namadha, akkasumas hawwii kootiin cubbuu nan hojjedha; sababni isaas waantota Gooftaan naaf kennetti gammaduun narra jiraata.
4 Ani inni namootaaf akkaata hawwii isaaniitti du’aattis ta’e gara jireenyaatti dabarsee akka kennu waanan beekuuf, abboommii cimaa Waaqayyo isa qajeelaa hawwii kootiin jijjiiruu hin qabu; eeyyee, jireenyas ta’ee yookiin du’a namootaaf akka ramadu nan beeka, eeyyee, labsii hin jijjiiramne, akkaataa fedha isaaniitti, fayyinaaf yookiin badiisaaf yoo ta’e akka isaaniif kennu nan beeka.
5 Eeyyee, akkasumas ani gaarii fi hamaan namoota hundumaa dura akka dhufee ture nan beeka; inni gaarii hamaa irraa adda baasee hin beekne mudaa hin qabu; inni gaarii fi hamaa beeku garuu, waan inni gaarii yookiin hamaa, jireenya yookiin du’a, gammachuu yookiin gaabbiin qalbii isaaf in kennama.
6 Ammas ani waantota kana waanan beekuuf, ani hojiin itti waamame caalaa raawwachuu maaliifan hawwaree?
7 Ani maaliifan ergamaa ta’ee gara dhuma biyya lafaa hundumaatti dubbachuu akkan danda’uuf hawwaaree?
8 Kanaafis kunoo, Gooftaan saboota hundumaaf, sabaa fi afaan ofii isaaniitiin, akka isaan dubbii isaa, eeyyee, ogummaadhaan, waan isaan qabaachuuuf isaaniif mala jedhu hundumaa akkabarsiisaniif kenneera; kanaafuu nuyi Gooftaan akkaataa waan sirrii fi dhugaa ta’etti, ogummaadhaan qajeelfama akka kennu in argina.
9 Ani waanta Gooftaan na abboomenan beeka, akkasumas ani ittiin nan gammada. Ani garuu waan Gooftaan na abboomeen nan of jaja malee, ani ofi kootiin of hin jaju; eeyyee, kunis ulfina kooti, tarii ani lubbuu muraasa gara yaada garaa geeddarannaatti fiduudhaaf harka Waaqayyoo keessatti meeshaa akkan ta’uuf; akkasumas kunis gammachuu kooti.
10 Akkasumas kunoo, ani yommuu obboloonni koo baay’een dhugumaan yaada garaa isaanii geddaratanii, akkasumas gara Waaqayyo Gooftaa isaaniitti dhufuu isaanii argutti, isa booda lubbuun koo gammachuudhaan in guutamti; sana booda waan Gooftaan naaf godhe nan yaadadha, eeyyee, inni kadhannaa koo akka dhaga’e illee; eeyyee, isa booda irree isaa isa araaraan guutuu isa inni gara kootti diriirse nan yaadadha.
11 Eeyyee, akkasumas ani dabalataan booji’amuu abbootii kootii nan yaadadha; sababni isaas Gooftaan garbummaa keessaa akka isaan baase, akkasumas kanaanis waldaa isaa akka hundeesse dhugumaan ani nan beeka; eeyyee, Waaqayyo Gooftaan, Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaaq, akkasumas Waaqayyo inni kan Yaaqoob, garbummaa jalaa isaan baaseera.
12 Eeyyee, ani yeroo hundumaa booji’amuu abbootii kootii yaadadheera; akkasumas Waaqayyo inni harka warra Gibxii jalaa isaan baase sun garbummaa jalaa isaan baaseera.
13 Eeyyee, akkasumas Waaqayyo sunis waldaa isaa isaan gidduutti hundeesseera; eeyyee, akkasumas Waaqayyo innumti sun waamicha qulqullu’aadhaan, saba kanatti dubbicha akkan lallabuuf na waameera, milkaa’ina baay’ees naaf kenneera, kunis isa gammachuun koo ittiin guutameedha.
14 Garuu ani milkaa’ina ofii kootii qofatti hin gammadu, garuu gammachuun koo caalaatti kan guutame milkaa’ina obboloota kootiitiini, isaanis warra gara biyya isa kan Nefiitti dhufaniidha.
15 Kunoo, isaan gar-malee itti dhimmanii hojjetaniiru, akkasumas ija baay’ees godhataniiru; akkasumas badhaasni isaaniis akkam guddaa ta’aree!
16 Amma ani yommuun milkaa’ina obboloota kootii kana yaadutti, lubbuun koo hamma qaama irraa adda baatuutti illee in fudhatamti, akkasuma dura tures, gammachuun koo baay’ee guddaadha.
17 Akkasumas amma, Waaqayyo warra obboloota koo kanaaf akka isaan mootummaa Waaqayyoo keessatti simatamaniif; eeyyee, akkasumas immoo warra bara baraan isa jajatan akka ta’an malee, warri ija dadhabbii isaanii ta’an hundinuu kana booda akka hin baaneef haa heyyamu. Akkasumas, akkuma ani dubbadhetti akka ta’uuf akka dubbii kootiitti akka raawwatamuuf Waaqayyo haa heyyamu. Ameen.