Boqonnaa 24
Warri Laamaan saba Waaqayyoo irratti ka’uuf in dhufan—Warri Anti-Nefii-Lehiin Kiristoositti in gammadan, akkasumas ergamootaanis in daawwataman—Isaan of irraa ittisuu caalaa du’aan dhiphachuu in filatan—Warri Laamaanii caalaatti in jijjiiraman. Naannoo bara 90–77 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Amaaleeqi, warri Amuloon fi warri Laamaan warri biyya isa kan Amulooniin, akkasumas immoo biyya isa kan Heelaamiin keessa turan, akkasumas warri biyya Yerusaalemiin keessa turan, akkasumas walumaa galatti, biyya naannoo sana jiru hundumaa keessatti, warri hin jijjiiramnee fi maqaa Anti-Nefii-Lehii ofii isaanii irratti hin fudhanne, obboloota isaanii irratti akka isaan aaranii ka’aniif warra Amaaleeqii fi warra Amulooniin xuxuqamuun kakaafamanii turan.
2 Akkasumas, jibbi isaanii hamma isaan mootii isaanii irratti ka’uu jalqabanitti illee, gar malee isaan irratti in hammaate, akka inni mootii isaanii ta’us hin barbaanne turan; kanaafuu, isaan namoota warra Anti-Nefii-Lehii irratti ka’uun meeshaalee lolaa isaanii in fudhatan.
3 Amma mootichi mootummicha dabarsee ilma isaatiif in kenne, akkasumas inni maqaa isaa Anti-Nefii-Lehii jedhee in moggaase.
4 Akkasumas, mootichis bara warri Laamaan saba Waaqayyoo irratti ka’anii loluuf qophii gochuu jalqaban sanatti in du’e.
5 Amma Amoonii fi obboloonni isaa akkasumas warri isaa wajjin ol ba’anii turan hundinuu qophii warri Laamaan obboloota isaanii balleessuuf godhan yommuu arganitti, isaan gara biyya Miidiyaanitti in dhufan, akkasumas achittis Amoon obboloota isaa hundumaa wajjin wal in arge; akkasumas achittis gara biyya isa kan Ishmaa’eeliin kan dhufaniif warri Laamoonii fi obboleessa isaa wajjin warra Anti-Nefii-Lehii wajjin warra Laamaanii of irraa ittisuuf maal gochuu akka qaban marii in gaggeessan.
6 Amma namoota gidduu isaaniitii gara Gooftaatti jijjiiraman hundumaa keessaa lubbuun tokko illee obboloota isaanii irratti meeshaa lolaa kan ol kaase hin turre; lakki, isaan lolaaf qophii tokko illee hin goone turan; eeyyee, akkasumas immoo mootiin isaanii akka isaan hin gooneef in abboomeen.
7 Amma isaan kun dubbiiwwan inni dhimmicha ilaalchisee namootatti dubbateedha: Saba koo jaal’atamoo, ani Waaqa koo, Waaqayyo keenya inni guddaan gaarummaa isaatiin obboloota keenya, warra Nefii kana, akka isaan nutti lallabaniif, akkasumas aadaalee abbootii keenya isa hamaa akka isaan nu amansiisaniif inni gara keenyatti waan isaan ergeef nan galateeffadha.
8 Akkasumas kunoo, obboloota kana warra Nefii kanaa wajjin, akka nuyi michummaa jalqabnuuf, Waaqayyoo koo isa guddaa isa akka garaan keenya laafaa ta’uuf, kutaa Hafuura isaatii nuuf kenne ani nan galateeffadha.
9 Akkasumas kunoo, walitti michoomuu kana jalqabuudhaan nuyi cubbuuwwan keenya, akkasumas ajjeechaa baay’ee kana akka raawwanne waan amanneefis ani dabalataan Waaqayyoo koo nan galateeffadha.
10 Akkasumas, ani immoo Waaqayyo koo, eeyyee, Waaqayyoo koo isa guddaa, inni waantota kana irraa akka nuyi yaada garaa geeddarannuuf waan nuuf heyyameef, akkasumas immoo inni cubbuuwwanii fi ajjeechaawwan keenya baay’ee isa nuyi hojjenneef dhiifama waan nuuf godheef, akkasumas balleessaa keenya karaa hojii gaarii Ilma isaatiin garaa keenya irraa waan fuudheef nan galateeffadha.
11 Akkasumas amma kunoo, obboloota koo, (nuyi sanyii namaa hundumaa caalaa warra badne ta’uu keenyaan) cubbuuwwan keenya hundumaa fi ajjeechaa baay’ee raawwanne irraa yaada garaa geeddarachuuf, akkasumas isaan kana Waaqayyo garaa keenya irraa akka isaan nuuf balleessu gochuudha, sababni isaas fuula Waaqayyoo duratti haala ga’aa ta’een yaada garaa keenya geeddarannee balleessaa keenya akka inni nu irraa fuudhuuf, waanti nuyi hundumti gochuu dandeenyu kana qofa ture—
12 Amma, jaal’atamoo obboloota koo, erga Waaqayyo mudaa keenya nu irraa fuudhee, akkasumas billaawwan keenyas erga ibsee, kottaa kana booda billaa keenya dhiiga obboloota keenyaatiin hin xureessinuu.
13 Kunoo, ani isiniin nan jedha, lakki, kottaa nuyi billaawwan keenya dhiiga obboloota keenyaatiin akka isaan hin xuroofneef haa eeggaannuutii; tariis, nuyi yoo billaawwan keenya deebifnee xureessine isaan dhiiga Ilma Waaqayyo keenya isa guddaa keessaan gatii kaffaltii cubbuuwwan keenyaaf isa dhangala’uuf jiruun kana booda addaatanii miicamuuhin danda’an ta’a.
14 Akkasumas, Waaqayyo inni guddaan araara nu irratti qabaachuudhaan, akkasumas akka nuyi hin badneefis waantota kana nutti beeksiseera, eeyyee, sababni isaa inni akkuma ijoollee keenya jaal’atu inni lubbuuwwan keenya waan jaal’atuuf, akkasumas inni waantota kana duraan dursee nutti beeksiseera, kanaafuu, inni akka karoorri fayyinaa nuyii fi dhaloota dhufutti beeksifamuuf inni araara isaatiin ergamoota isaatiin nu in daawwata.
15 Yaa, Waaqayyo keenyaa akkam gara laafessadhaa! Akkasumas amma kunoo, nuyi balleessaa keenya ofii keenya irraa balleessuuf kana qofa gochuu danda’uu keenyaan, billaawwan keenyas akka ifan taasifamuu isaaniitiin, akka dhuga ba’umsa Waaqayyo keenyaatti guyyaa isa dhumaatti, yookiin guyyaa itti firdii argachuuf fuula isaa dura dhaabbannutti, erga inni dubbii isaa nuuf kennee akkasumas kanaanis erga warra qulqullaa’an nu godheen booda billaawwan keenya dhiiga obboloota keenyaatiin akka hin xureessineef, utuu isaan addaatanii akka eegnuuf kottaa haa dhoksinuu.
16 Akkasumas amma, obboloota koo, obboloonni keenya yoo nu balleessuu barbaadan, kunoo, nuyi billaawwan keenya in dhoksina, eeyyee, akka isaan adii ta’aniif eegamaniif, nuyi guyyaa isa dhumaa sanatti, gonkumaa isaanitti akka hin fayyadamne akka dhugaa ba’umsa nuuf ta’aniif, nuyi akka isaan ibsaniif gadi fageessinee lafa keessa in awwaallaanii; akkasumas obboloonni keenya yoo nu balleessan, kunoo, nuyi gara Waaqayyo keenyaa in deemna, akkasumas in fayyinas.
17 Akkasumas ammas kun erga ta’ee booddee, mootichi dubbiiwwan kana dubbatee yommuu xumuretti, akkasumas namoonni hundinuu walitti in qabaman, isaan billaawwan isaanii, akkasumas meeshaalee lolaa dhiiga namaa dhangalaasuuf oolan hundumaa fuudhanii, akkasumas isaanis lafa keessa gadi fageessanii in awwaalan.
18 Akkasumas, isaan kana kan godhaniif kana booda meeshaalee lolaa isaanii dhiiga ilmaan namaa dhangalaasuuf gonkumaa akka itti hin fayyadamne, akka ilaalcha isaaniitti Waaqayyoof, akkasumas immoo namootaaf dhuga ba’umsa akka ta’uufis ture; akkasumas isaan kana kan godhaniif, dhiiga obboloota isaanii dhangalaasuu irra lubbuu ofii isaanii dabarsanii kennuudhaaf ture; akkasumas obboleessa tokko irraa fudhachuu caalaa isaaf kennuun in wayyaaf ture; akkasumas guyyaa isaanii hojii malee dabarsuu caalaa isaan harka isaaniitiin hojii baay’ee akka hojjetan mirkaneessuudhaaf, akkasumas akka hubannoo isaanitti Waaqayyoo wajjin kakuu galuudhaaf ture.
19 Akkasumas, nuyi akkasittiin warri Laamaan kun yeroo gara amanuu fi dhugaa beekuutti dhufanitti, isaan warra hin sochoone akka turan, akkasumas cubbuu hojjechuu caalaa hamma du’aatti illee dhiphachuun akka wayyuuf argineerra; akkasumas nuyi akkasitti meeshaalee nagaa isaanii akka isaan awwaalan, yookiin nagaadhaaf jedhanii, meeshaalee lolaa isaanii awwaaluu isaanii kana in argina.
20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, obboloonni isaanii, warri Laamaan, lolaaf qophii godhanii, akkasumas mooticha ajjeesuuf karoorfatanii, akkasumas iddoo isaa kan biraa kaa’uuf gara biyya isa kan Nefiitti ol in ba’an, akkasumas immoo namoota warra Anti-Nefii-Lehii ta’an biyya sana keessaa balleessuuf turan.
21 Amma sabichi warri Laamaan isaan loluudhaaf isaan irratti dhufuu isaanii yommuu arganitti isaan isaanii wajjin qunnamuudhaaf in ba’an, akkasumas lafa irratti fuula isaanii duratti gadi jedhanii in sagadan, akkasumas isaan maqaa Gooftichaa waamuu in jalqabani; akkasumas yeroo warri Laamaan isaan haleeluu jalqaban, akkasumas billaadhaan isaan ajjeesuu jalqabanitti isaan haala akkasii kana keessa turan.
22 Akkasumas, kan isaan dura dhaabbatu tokko illee utuu hin argamin akkasittiinisaan isaaniin keessaa namoota kuma tokkoo fi shan in ajjeesan; akkasumas isaan Waaqayyo isaanii wajjin jiraachuuf waan deemaniifis, nuyi akka isaan eebbifamoo ta’an in beekna.
23 Amma warri Laamaan obboloonni isaanii billaa jalaa akka isaan hin baqanne, isaan gara mirgaattis ta’e yookiin gara bitaatti goruu in dhiisan, garuu isaan akka kufan akkasumas akka badan, akkasumas billaa jalatti baduu keessatti illee Waaqayyoon akka isaan galateeffatan yommuu arganitti—
24 Amma warri Laamaan kana yommuu argan isaan isaaniin ajjeesuu irraa of in qusatan; akkasumas obboloota isaanii warra billaadhaan kufaniif isaan keessaa warri garaa isaanii keessatti gaddan baay’eetu ture, sababni isaa isaan waantota hojjetanii turanittii yaada garaa isaanii geeddaratanii turan.
25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan ajjeechaa raawwatanii turaniif waan gaabbaniif, akkasumas isaan meeshaalee lolaa isaanii gadi in darbatan, isaan deebi’anii fudhachuus hin barbaanne; akkasumas isaan akkuma obboloota isaaniitti illee araara warra isaan ajjeesuuf irree isaanii isaan irratti kaasanii turaniitti hirkatanii gadi in bu’an.
26 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni warri kan Waaqayyoo ta’anitti lakkoobsaan warra guyyaa sana ajjeefamanii turan kan caalan isaanitti makamanii turan; akkasumas warri ajjeefamanis namoota qajeelota turan, kanaafuu nuyi isaan akka fayyan shakkii hin qabnu.
27 Akkasumas, isaan gidduudha namni jal’aan tokko illee hin ajjeefamne; garuu namoonni kuma tokko caalan gara dhugaa beekuutti fidamanii turan; nuyi akkasittiin Gooftaan fayyina saba isaatiif karaa baay’eedhaan akka hojjetu in argina.
28 Amma warra Laamaan warra obboloota isaanii ajjeesan keessaa lakkoofsaan baay’een warra Amaaleeqii fi warra Amulooniin turan, isaan keessaa baay’een isaanii warra sirna isa kan Nehoriin duukaa bu’an turan.
29 Amma namoota warra Gooftaatti makaman keessaa warra Amaaleeq yookiin warra Amuloon, yookiin warri sirna Nehoriin ta’an hin turre, garuu isaan dhuguma sanyii warra Laamaanii fi Lemu’eeliin turan.
30 Akkasumas, nuyi akkasittiin ifatti addaan baafnee hubachuu in dandeenya, sabni tokko al-tokko Hafuura Waaqayyootiin erga ibsameefii booda, akkasumas waantota qajeelummaatiin wal-qabatan ilaalchisee beekumsa guddaa erga qabaatanii boodas, akkasumas achiis cubbuu fi irra daddarbaatti kufuu isaaniitiin, isaan warra caalaatti garaa kan jabaatan in ta’u, akkasumas haalli isaaniis warra waantota kana gonkumaa hin beekne fakkaatan caalaa hammaataa ta’uu isaa nuyi ifatti hubachuu in dandeenya.