Boqonnaa 25
Weerarri warra Laamaan in babal’ate—Akkuma Abinaadiin raajetti sanyiin luboota Nohii in badan—Warri Laamaan baay’een in jijjiiraman, akkasumas namoota warra Anti-Nefii-Lehiitti in makaman—Isaan Kiristoositti in amanan akkasumas seera Musees in eegan. Naannoo bara 90–77 Dh.K.D.
1 Akkasumas kunoo, amma kun erga ta’ee booddee, isaan obboloota isaanii ajjeesuu isaaniitiif warri Laamaan caalchisanii aaranii turan; kanaafuu isaan warra Nefii irratti ijaa ba’uuf in kakatan; akkasumas isaan yeroo sanatti namoota Anti-Nefii-Lehii ajjeesuuf kana caalaa yaalii hin goone turan.
2 Isaan garuu loltoota isaanii fudhatanii gara daangaawwan biyya isa kan Zarahemlaatti in ce’an, akkasumas namoota biyya Amonihaa keessa turan haleeluuun isaan in ajjeesan.
3 Akkasumas sana booda, isaan lola baay’ee warra Nefii wajjin in godhanis, loloota kanneen keessatti isaan in ari’aman, akkasumas in ajjeefaman.
4 Akkasumas, warra Laamaan gidduudhaa warri ajjeefaman hundinuu, sanyii Amuloonii fi obboloota isaa, warra luboota Nohiin turan hundumaati, akkasumas isaan warra harka warra Nefiitiin ajjeefamanii turan;
5 Akkasumas, warri hafan gara lafa onaa irraan kallattii bahaatti erga baqatanii boodahumnaa fi aangoo warri Laamaan qaban humnaan dhuunfachuu isaaniitiin warra Laamaan keessaa baay’een isaanii sababa amantii isaaniitiif akka isaan ibiddaan du’an in godhan—
6 Baay’ee isaaniitiif, erga badiisi baay’een isaan irra ga’ee fi baay’ees dhiphataniin booda, dubbiiwwan Aaroonii fi obboloonni isaa biyya isaanii keessatti isaanitti lallaban yaadachuudhaan raafamuu in jalqaban; kanaafuu isaan aadaalee abbootii isaanii amanuu in dhiisan, akkasumas Gooftaattis amanuu in jalqaban, akkasumas inni humna guddaa warra Nefiitiif in kenne; akkasumas akkasittiin baay’een isaanii lafa onaa keessatti jijjiiramanii turan.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, bulchitoonni ijoollee Amuloon irraa hafanii turan, eeyyee, warri waantota kanatti amanan hundinuu akka isaan ajjeefaman in godhan.
8 Amma wareegamni kun akka obboloonni isaanii baay’een dheekkamsaaf xuxuqanii isaan kakaasan taasiseera; akkasumas lafa onaa keessattis walitti bu’iinsi uumamuu in jalqabe; akkasumas warri Laamaanis sanyii Amuloonii fi kan obboloota isaatii adamsanii isaan ajjeesuu in jalqaban; akkasumas isaanis kallattii bahaatiin gara lafa onaatti in baqatan.
9 Akkasumas kunoo, isaan guyyaa kanatti warra Laamaaniin in adamfaman. Akkasittiinis dubbiiwwan Abinaadiin dubbatee ture, isa inni sanyiin warra luboota akka inni abiddaan du’u godhan ilaalchisee dubbate in raawwatame.
10 Sababni isaa inni akkas isaaniin in jedhe: Waanti isin ana irratti gootan waantota dhufuuf jiraniif fakkeenyain ta’u.
11 Akkasumas ammas, Abinaadiin sababii Waaqayyotti amanuu isaatiif jalqaba irrattis abiddaan dhiphachuudhaan du’eera; amma inni kana jechuu barbaadee ture, baay’een akkuma inni dhiphatetti abiddaan dhiphachuuf jiru.
12 Akkasumas, sanyii isaanii akkuma isa irratti godhanii turan akkasumatti baay’een akka ajjeefaman in godhu, akkuma hoolaan tiksee hin qabne bineensota bosonaan ari’atamanii akkumaajjeefaman, akkasumas isaan faffaca’anii akkasumas akka isaan ajjeefaman inni luboota Nohiitti in dubbate; akkasumas amma kunoo, dubbiiwwan kun isaan sababii isaan warra Laamaaniin ari’atamaniif, akkasumas isaan adamfamanii turaniif, akkasumas isaan rukutamuu isaaniitiin mirkanaa’aniiru.
13 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan warra Nefii mo’uu akka hin dandeenye yommuu arganitti deebi’anii gara biyya ofii isaaniitti in deebi’an; akkasumas isaan keessaa baay’een isaanii biyya isa kan Ishmaa’eelii fi biyya isa kan Nefii keessa jiraachuuf in dhufan, akkasumas isaan namoota Waaqayyootti, namoota warra Anti-Nefii-Lehiitti makamanii turan.
14 Akkasumas, isaan akkuma obboloonni isaanii godhan, meeshaalee lolaa isaaniis immoo in awwaalan, akkasumas isaanis saba qajeelaa ta’uu in jalqaban; akkasumas isaan karaa Gooftiaa irra in adeeman, akkasumas abboommota isaa fi seerota isaa in eegu turan.
15 Eeyyee, akkasumas isaan seera Musee eeganiiru; sababni isaa seerri Musee hundinuu waan hin raawwataminiif, amma iyyuu eeguun isaanii barbaachisaa ture. Garuu seerri Musee jiraatus, seerri Musee mallattoo dhufaatii isaati jedhanii waan yaadaniif, akkasumas hamma yeroo inni isaanitti mul’atuutti raawwiiwwan ifa ta’an sana eeguu akka qaban amanuudhaan dhufaatii Kiristoosiin eeggachaa turan.
16 Amma isaan fayyinni karaa seera Museetiin akka dhufu hin tilmaamne; garuu seerri Musee amantii isaan Kiristoosiin irraa qaban cimsaaf ture; akkasumas akkasittiin isaan hafuura raajii, isa waantonni kun in dhufu jedhee dubbate sana irratti hirkachuudhaan, kanaafuu amantii qabatanii fayyina bara baraa abdii godhatanii turan.
17 Akkasumas amma kunoo, Amoon, Aaroon, Omneer, Hiimnii, fi obboloonni isaanii isaan moo’icha warra Laamaaniin gidduutti sababii argatanii turaniif, Gooftaan akka kadhannoota isaaniitti waan isaaniif kenneef, akkasumas inni immoo akka dubbii isaatiitti akka isaaniif kenne waan arganiif garmalee in gammadan.