Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 1


Macaafa Almaa
iIsa Ilma Almaa

Seenaa Almaa, isa ilma Almaa ture, isa saba Nefii irratti abbaa firdii olaanaa fi isa jalqabaa kan ta’e, akkasumas immoo isa Waldicha irratti angafa lubaa ta’ee. Seenaa bara bulchiiinsa abboota firdii, akkasumas lolootaa fi walitti bu’iinsa saba gidduutti raawwatamee. Akkasumas immoo, seenaa lola isa warra Nefii fi warra Laamaaniin gidduutti raawwatame akkaataa Almaa inni abbaa firdii olaanaa fi jalqabaa ta’e galmeesseetti.

Boqonnaa 1

Nehoor barsiisa sobaa in barsiise, waldaa in hundeesse, shira lubummaas in jalqabsiise, akkasumas Giidewooniinis in ajjeese—Nehoor yakkoota isaatiif jecha kan inni ajjeefameef—Shirri lubummaa fi ari’atamuun sabicha gidduutti in babal’ate—Luboonnis ofii isaanii in gargaaru, sabnis hiyyeessa in kunuunsa, akkasumas Waldattiin in badhaate. Naannoo bara 91–88 Dh.K.D.

1 Amma kun erga ta’ee booddee, abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii waggaa isa jalqabaatti, yeroo kana irraa jalqabee, mootichi Mozaayyaanis, lola gaarii loluudhaan, fuula Waaqayyoo dura qajeelummaadhaan deddeebi’uudhaan; haa ta’u malee inni seerota baaseera, akkasumas isaan sabicha birattis fudhatama argatanii turan; kanaafuu isaan seerota inni baasee ture sanaaf bitamuuf dirqisiifamanii haa turan malee bakka isaa eenyuu illee akka mo’u utuu hin goone.

2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan mo’ee teessoo firdii irra taa’ee waggaa tokkoffaa isaatti namni tokko akka itti faradamuuf gara teessoo firdii isaatitti fidanii turan, namichis qaamaan guddaa ture, akkasumas baay’ina jabina isaatiin kan beekamu ture.

3 Akkasumas, innis sabicha gidduu naanna’ee adeemuudhaan, inni dubbii Waaqayyooti jedhee isa waamu isaanitti lallabuudhaan, faallaa waldichaas in ta’e; luboonnii fi barsiisonni hundinuu beekamoo ta’uu akka qaban; akkasumas isaan harka isaaniitiin hojjechuu akka hin qabne, garuu isaan sabichaan akka deggaramuu akka qaban sabichatti labsaa ture.

4 Akkasumas immoo, inni sanyiin namaa hundinuu guyyaa isa dhumaatti akka fayyu, akkasumas isaan sodaachuus ta’e raafamuu akka hin qabne, garuu Gooftaan nama hundumaa waan uumeef, akkasumas immoo nama hundumaa fayyisuu isaatiin mataa isaanii akka ol qabatanii fi akka gammadan; akkasumas, dhuma irratti, namni hundinuu jireenya bara baraa in argata jechuudhaan dhugaa ba’e.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni waantoota kana baay’isee isaan in barsiise, kanaafuu namoonni baay’een dubbii isaatti in amanan; baay’een isaanii illee isa deggaruu fi qarshii isaaf kennuu in jalqaban.

6 Akkasumas, inni of tuulummaa garaa isaatiin ol of qabuu in jalqabe, akkasumas uffata baay’ee gati-jabeessa ta’anis uffachuu in jalqabe, eeyyee, akkasumas akkaataa lallaba isaatiin illee isa booda waldaa hundeessuu in jalqabe.

7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni warra dubbii isaatti amananitti lallabuudhaaf osoo adeemaa jiruu inni nama miseensa waldaa Waaqayyoo ta’e, eeyyee, barsiisota isaanii keessaa isa tokkoo wajjin illee wal in arge; akkasumas inni immoo namoota waldaa sanaa dogoggorsiisuu danda’us, garuu namichi dubbii Waaqayyootiin isa mormuun isa in injifate.

8 Amma maqaan namichaa Gidewoon jedhama ture; akkasumas inni saba Limhii garbummaa jalaa bilisa baasuuf isa harka Waaqayyoo keessatti meeshaa ta’ee turee dha.

9 Amma sababa Gidewoon dubbii Waaqayyootiin isa mormeef inni Gidewoonitti aaree ture, akkasumas billaa isaa baafachuun isa rukutuu in jalqabe. Amma Gidewoon dulloomaa waan tureef, kanaafuu inni rukuttaa isaa dandamachuu hin dandeenye, kanaafuu inni billaadhaan in ajjeefame.

10 Akkasumas, namichi isa ajjeese sunis namoota waldichaatiin in fudhatame, akkasumas akka yakka inni raawwateettis akka inni itti faraduuf fuula Almaa duratti geeffamee ture.

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni fuula Almaa dura dhaabbatee akkasumas ija jabina guddaadhaan ofii isaatiif in falmate.

12 Garuu Almaan akkas isaan in jedhe: Kunoo, hojiin shira lubummaa kun yeroo jalqabaaf saba kana gidduutti jalqabe. Akkasumas kunoo, ati yakka hojii shira lubummaa qofaan miti, garuu kana billaadhaan dirqisiisuuf carraaqqii gooteetta; akkasumas shirri lubummaa saba kana gidduutti dirqamaan kan godhamu yoo ta’e kun badiisa isaanii isa waliigalaa in qaqqabsiisa.

13 Akkasumas, ati dhiiga nama qajeelaa dhangalaafteetta, eeyyee, nama isa waan gaarii baay’ee saba kana gidduutti hojjete; akkasumas nuyi akka ati ooltuu yoo goone dhiigni isaa ijaa ba’umsaaf nu irratti in dhufa.

14 Kanaafuu, akkaataa seera mootii keenya isa dhumaa isa ta’een karaa Mozaayyaatiin nuuf kennameetti ati akka duutuuf sitti faradameera; akkasumas seerichi saba kanaan fudhatama argateera; kanaafuu sabni kun seerichaan buluu qaba.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan isa fuudhanii; akkasumas maqaan isaa Nehoor ture; akkasumas isaan gara fiixee gaara Maantii isa jedhamuutti ol isa baasanii, akkasumas achitti waanti inni sabicha barsiisee ture dubbii Waaqayyoo wajjin faallaa akka ture akka amanu erga dirqisiifamee yookiin ofii isaatii erga amanee booda, waaqaa fi lafa gidduutti ol kaafamee, akkasumas inni du’a yeellaasisaadhaan in dhiphate.

16 Haa ta’u malee, hojiin shira lubummaa kun biyyicha keessatti akka hin babal’anne hin dhaabsifne; sababni isaa warri waantota biyya lafaa isa bu’aa hin qabne kan jaal’atan baay’ee waan turaniif, akkasumas isaan barsiisota sobaa lallabuudhaaf adeemaniiru; akkasumas isaan kana kan godhaniif sooromaa fi ulfina argachuudhaafiidha.

17 Haa ta’u malee, isaan seericha sodaachuudhaan sobuuf ija hin jabaannee turan, sababni isaa kun utuu beekameera ta’ee warri sobdoonni in adabamu waan tureef; kanaafuu isaan akkaataa amantii isaaniitti fakkeessuudhaan in lallaban; akkasumas amma seerichi sababa amantii isaatiif nama kami irratti iyyuu aangoo qabaachuu hin dandeenye.

18 Akkasumas, isaan seericha waan sodaataniif hatuuf ija hin jabaanne; isaan gochaa akkasii raawwatan adabamanii waan turaniif; isaan saamuufis ta’ee, ajjeesuuf ija hin jabaanne, sababni isaa inni ajjeese hanga du’aatti waan adabamee tureef.

19 Garuu kun erga ta’ee booddee, warri miseensa waldaa Waaqayyoo hin taane warra miseensa waldaa Waaqayyoo ta’an, akkasumas warra maqaa Kiristoosiin of irratti fudhatanii turan ari’achuu in jalqaban.

20 Eeyyee, isaan isaaniin ari’ataniiru, akkasumas dubbii gosa hundumaanis isaan dhiphisaniiru, akkasumas kunis sababa isaan gadi of deebisaniif; sababa isaan ija isaanii duratti warra kooran waan hin turreef, akkasumas sababa isaan dubbii Waaqayyoo, tokkoon isaanii, qarshii malee fi gatii malee waliif hiraa turaniifiidha.

21 Amma namoota miseensa waldichaa ta’e kamiyyuu warra miseensa waldichaa hin taane irratti akka hin kaanee fi akka hin ari’anneef, akkasumas walii isaanii gidduuttis wal ari’achuun akka hin jiraanneef seerri cimaan namoota waldichaa gidduu ture.

22 Haa ta’u malee, isaan gidduudhaa kan of tuuluu jalqaban baay’een jiru turan, akkasumas diinota isaanii wajjin aariidhaan wal loluu in jalqaban, hamma wal-rukutanitti illee; eeyyee, isaan haboottee isaaniin illee walii isaanii in rukutu turan.

23 Amma kun Almaan mo’ee waggaa isa lammaffaa keessa ture, akkasumas inni waldichaaf sababa dhiphina baay’eef ta’ee ture; eeyyee, inni waldaa keessatti qormaata baay’eedhaaf sababa ture.

24 Garaan baay’ee isaanii jabaatee waan tureef, akkasumas isaan sana booda saba Waaqayyoo gidduutti deebi’anii akka hin yaadatamneef maqaan isaanii haqamee ture. Akkasumas immoo, baay’een ofii isaanii isaan gidduudhaa of in baasan.

25 Kunoo kun warra amantii isaaniitti jabaatanii dhaabbatanii turaniif qorumsa guddaa ture; haa ta’u malee, isaan abboommota Waaqayyoo eeguudhaan warra jabaatanii dhaabbatanii fi hin sochoone turan, akkasumas isaan ari’atama isaan irra tuulamee tures obsaan in baatan.

26 Akkasumas, yeroo luboonni sabichaatti sagalee Waaqayyoo dubbachuuf hojii isaanii dhiisanitti, namoonnis immoo sagalee Waaqayyoo dhaga’uuf hojii isaanii in dhiisan. Akkasumas, erga lubichi sagalee Waaqayyoo isaaniitti dubbatanii booda hundumti isaanii deebi’anii itti dhimmuudhaan gara hojii isaaniitti in deebi’an; akkasumas lubichi, dhaggeeffattoota isaa gararraatti caalchisee ofii isaa hin ilaalle, sababni isaa lallabaan dhaggeeffatoota isaa irra kan wayyu, yookiin barsiisaanis barataa isaa irra kan wayyu hin turre; akkasumas akkasittihundi isaanii wal-qixxee turan, akkasumas namni kamiyyuu akkaataa jabina isaatitti, hojii isaanii in hojjetu turan.

27 Akkasumas namni hundinuu akkaataa qabeenya isa inni qabuutti hiyyeessaaf, akkasumas rakkataaf, akkasumas dhukkubsataaf, akkasumas warra gidirfamaniif, isaan hamma waan qabanii irraa qoodaafii turan; akkasumas isaan uffata gati-jabeessas hin uffanne ture, haa ta’u malee isaan qulqulluu fi babbareedoo turan.

28 Akkasumas, akkasittiin isaan dhimmoota waldaa in hundeessan; akkasumas akkasittiin ari’atamuun isaan irra yoo ga’e iyyuu, deebi’anii nagaa itti fufiinsaqabu argachuu in jalqaban.

29 Akkasumas amma, sababa tasgabbii waldichaa irraa kan ka’e isaan gar-malee sooromuu in jalqaban, waan isaan barbaachisu kamiyyuu irraa hafaa qabaachuudhaan—karra hoolotaa baay’ee fi kan saawwanii, akkasumas horii coccoomoo gosa hundumaa, akkasumas immoo midhaan baay’inaan, akkasumas warqeen, akkasumas meetiin, akkasumas waantota gati-jabeeyyii, akkasumas haarrii fi uffata quncee talbaa irraa hojjetaman, akkasumas uffata gaarii ta’an gosa hundumaa irraa hafaa in qabu turan.

30 Akkasumas kanaafuu, haala badhaadhina isaanii keessatti, isaan warra qullaa ta’anii turan, yookiin warra beela’anii turan, yookiin warra dheebotanii turan, yookiin warra dhukkubsatanii turan, yookiin warra nyaata hin nyaatin jiran yoo ta’es eenyuun iyyuu hin ari’anne; akkasumas garaa isaanii badhaadhina irra hin godhanne; kanaafuu, warra jaarsolii fi dargaggoota lachuuf, warra hidhamanii fi warra bilisa ta’an lachuuf, dhiiraa fi durbartii lachuuf, warra waldaa keessaas ta’e yookiin warra waldaan ala ta’aniif, namoota warra rakkataniif loogii malee isaan hundumaaf arjoomaa turan.

31 Akkasumas kanaafuu, isaan in badhaadhan, akkasumas isaan keessaa warri miseensa waldaa isaanii hin taane caalatti sooreyyii ta’an.

32 Warri miseensa waldaa isaanii hin taane gochaa qoricha nama irratti tolchuu keessatti hirmaatan, akkasumas waaqa tolfamaa waaqeffachuu yookiin dhibaa’ummaatti, akkasumas dubbii hiikaa hin qabne, akkasumas hinaaffaa fi waldhabdee; uffata gati-jabeessa uffachuudhaan, of tuulummaa ija isaaniitiin ol of kaasuudhaan, ari’achuudhaan, sobuudhaan, hatuudhaan, saamuudhaan, sagaagalummaa raawwachuudhaan, akkasumas ajjeesuudhaan, akkasumas cubbuu gosa hundumaa gochuudhaan of in gammachiisan, haa ta’u malee, seerichi warra irra daddarban hundumaa irra hamma danda’ametti humnaan irra in kaa’ame.

33 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, akkasitti seericha isaan irratti hojjechisuudhaan, namni hundinuu akka hojii isaatitti adabamaa, isaan caalatti tasgabaa’an, akkasumas yoo kan beekamuture ta’e jal’ina kamiyyuu hojjechuuf ija hin jabaanne; kanaafuu, abboonni firdii mo’anii hamma waggaa shanaffaatti saba Nefii gidduutti nagaa guddaatu ture.