Boqonnaa 27
Saba warra Anti-Nefii-Lehii gara nageenyaatti akka geggeessuuf Gooftaan Amooniin inabboome—Almaa wajjin yommuu wal-argetti gammachuun Amoon humna isaa in dadhabsiise—Warri Nefii warra Anti-Nefii-Lehiif biyya Jershooniin in kennan—Isaan saba Amoon jedhamu. Naannoo bara 90–77 Dh.K.D.
1 Amma kun erga ta’ee booddee, warri Laamaan kan warra Nefii loluuf adeemanii turan sun, isaan balleessuudhaaf wal’aansoo baay’ee erga godhaanii booda, badiisa isaanii barbaaduun isaanii akkasumaan akka ture erga baranii booda isaan ammas gara biyya isa kan Nefiitti in deebi’an.
2 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Amaleeqii sababa mo’amuu isaaniitiin gar-malee aaranii turan. Akkasumas, isaan yommuu warra Nefii irratti ijaa ba’uu akka hin dandeenye arganitti, isaan obboloota isaanii, saba warra Anti-Nefii-Lehii irratti aariidhaan namoota tuttuqanii kakaasuu jalqabanii turan; kanaafuu isaan ammas isaan ajjeesuu in jalqaban.
3 Ammas sabni kun deebi’ee meeshaalee lolaa isaanii fudhachuu warra in didan, akkasumas isaan akka fedhii diinota isaaniitti akka ajjeefamaniif dabarsanii of in kennan.
4 Amma Amoonii fi obboloonni isaa saba baay’ee kabajanii jaal’atan kana gidduutti hojii badiisaa kana yommuu arganitti, akkasumas warra akkasitti baay’ee isaan kabajanii jaal’atan gidduutti—isaan badiisa bara baraa irraa isaan oolchuuf akka ergamoota Waaqayyo biraa ergamaniitti sababa ilaalamaniif—kanaafuu, Amoonii fi obboloonni isaa hojii badiisaa guddaa kana yommuu arganitti, isaan gara-laafina guddaadhaan gara mootichaatti tuqamanii akkas in jedhan:
5 Kottaa nuyi kaanee saba Gooftaa kana walitti in sassaabnaa, akkasumas gara biyya Zarahemlaattis gara obboloota keenya warra Nefiittis gadi in buunaa, akkasumas nuyi akka isaan nu hin ajjeesneef, harka diinota keenyaa jalaa in baqannaa.
6 Mootichi garuu akkas isaaniin in jedhe: Kunoo, sababa ajjeechaawwanii fi cubbuuwwan baay’ee nuyi isaan irratti hojjenneef, warri Nefii nu in ajjeesu.
7 Akkasumas, Amoon akkas in jedhe: Ani dhaqee Gooftaa nan gaafadha, akkasumas yoo inni gara obboloota keenyaatti gadi bu’aa nuun jedhe, isin in deemtuuree?
8 Akkasumas, mootichi akkas isaan in jedhe: Eeyyee, yoo Gooftaan deemaa nuun jedhe nuyi gara obboloota keenyaatti gadi in buuna, akkasumas nuyi ajjeechaawwanii fi cubbuuwwan baay’ee isaan irratti hojjennee turre sanaaf beenyaa hamma kafallutti garboota isaaniis in taana.
9 Amoon garuu akkas isaan in jedhe: Garbichi kamiyyuu isaan gidduu jiraachuun, seera obboloota keenyaa isa abbaa kootiin tumamee ture in faalleessa; kanaafuu kottaa nuyi kaanee gadi buunee araara obboloota keenyaa irratti in hirkannaa.
10 Mootichi garuu akkas isaan in jedhe: Gooftaa gaafadhu, akkasumas yoo inni deemaa nuun jedheef in deemna; yoo kana hin taane nuyi biyyicha keessatti in duunaa.
11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoon dhaqee Gooftaa in gaafate, akkasumas Gooftaan akkas isaan in jedhe;
12 Sabni kun akka hin badneef, biyya kana keessaa isaan baasi; sababni obboloota isaanii warra Laamaanii akka ajjeesaniif Seexanni garaa warra Amaaleeqii keessatti iddoo guddaa waan qabuuf isaan warra Laamanii akka ajjeesaniif in kakaasa; kanaafuu ati biyya kana keessaa ba’i; akkasumas ani waan isaan tiksuufis sabni dhaloota kana keessa jiru eebbifamaadha.
13 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Amoon gara mootichaa dhaqee dubbiiwwan Gooftaan isatti hime hundumaa isatti in hime.
14 Akkasumas, isaan saba isaanii hundumaa walitti qabatanii, eeyyee, saba Gooftichaa hundumaa, akkasumas saawwanii fi karra holoota isaanii hundumaa walitti qabuun, akkasumas biyya sana keessaa gadi dhiisanii in ba’an, akkasumas gara lafa onaa isa kan biyya Nefii biyya Zarahemlaa irraa adda baasutti in dhufan, akkasumas naannoo daangaawwan biyyichaatti dhiyootti in dhufan.
15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoon akkas isaaniin in jedhe; Kunoo, anii fi obboloonni koo gara biyya Zarahemlaa in adeemna, akkasumas isin hamma nuyi deebinee dhufnuttis asitti hafuu qabdu; akkasumas nuyi gara biyya isaaniitti akka isin dhuftaniif, akka isaan fedhaniif garaa obboloota keenyaa in qorra.
16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoon gara biyyichaatti utuu adeemaa jiruu, inni fi obboloonni isaa, iddoo dubbatamee ture sanatti, Almaa wajjiniin wal in argan; akkasumas kunoo, kun wal argaa gammachiisaa ture.
17 Amma gammachuun Amoon hamma inni guutamutti illee baay’ee guddaa ture; eeyyee, inni hamma humni isaa dadhabutti illee, gammachuu Waaqayyoo isaatiin in liqimfame; akkasumas inni ammas lafatti in kufe.
18 Amma kun gammachuu guddaa mitiiree? Kunoo, kun isa dhugumaan yaada garaa isaa geeddaratee fi gadi of deebisuudhaan isa gammachuu barbaadu irraa kan hafe eenyu illee kan hin arganneedha.
19 Amma gammachuun Almaa obboloota isaa wajjin wal-arguu isaatiif, akkasumas immoo gammachuun Aaroon, kan Omneerii, akkasumas Himnii dhugumaan guddaa ture; garuu kunoo gammachuun isaanii kan humna isaanii caalu hin turre.
20 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, Almaan obboloota isaa gara biyya Zarahemlaatti; gara mana ofii isaatitti illee geggeessuudhaan in deebise. Akkasumas, isaanis dhaqanii biyya isa kan Nefii keessatti, obboloota isaanii warra Laamaaniin gidduutti, akkasumas waantota isaan mudate hundumaa abbaa firdii ol aanaa sanatti in himan.
21 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abbaan firdii olaanaan obboloota isaanii, saba warra Anti-Nefii-Lehii turaniif, biyyicha keessa akka isaan galan heyyamuu ilaalchisee sagalee sabichaa barbaaduun guutummaa biyyattii keessatti labsii in dabarse.
22 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sagaleen sabichaa akkas jechuudhaan in dhufe: Kunoo, nuyi biyya Jershoon, ishee kallattii bahaan galaana bira jirtu, ishee biyya isa Badhaadhinaatti makamtu, ishee gara kibbaan biyya ishee Badhadhinaa irraan argamtu in dhiifna; akkasumas biyyi Jershoon kun akka isaan dhaalaniif biya obboloota keenyaaf kenninuudha.
23 Akkasumas kunoo, nuyi obboloota keenya biyya Jershoon keessa jiran akka eegnuuf loltoota keenya biyya Jershoonii fi biyya isa kan Nefii gidduu in keenya; akkasumas nuyi kana obboloota keenyaaf in goona, sababa isaan cubbuu yoo hojjetan malee obboloota isaanii irratti meeshaa lolaa kaasuu sodaataniif; akkasumas sodaan isaanii inni guddaan kun sababa ajjeechaa baay’ee fi jal’ina isaanii isa suukanneessaa irraa yaada garaa geeddarannaa isaanii isa gaddisiisaa isaan qaban irraa kan dhufeedha.
24 Akkasumas amma kunoo, obboloonni keenya biyya Jershooniin akka isaan dhaalan kana in goona; akkasumas nuyi qabeenya loltoota keenya kunuunsuuf nu gargaaruyoo isaan nuuf kennan, nuyi loltoota keenyaa wajjin taanee diinota isaanii isaan irraa in eegna.
25 Amma kun erga ta’ee booddee, Amoon kana yommuu dhaga’etti, inni gara saba warra Anti-Nefii-Lehii, akkasumas immoo Almaan isaa wajjin gara lafa onaa iddoo isaan dunkaana isaanii itti dhaabbataniitti in deebi’an, waantota kana hundumaas isaan in beeksisan. Akkasumas, Almaanis Amoonii fi Aaroonii, fi obboloota isaatii wajjiniin ta’uun jijjiiramuu isaa isaanitti in hime.
26 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, kunis isaan gidduutti gammachuu guddaa in uume. Akkasumas, isaanis gara biyya Jershoonitti gadi in bu’an, akkasumas biyya Jershooniin in qabatan; akkasumas isaan warra Nefiitiin saba Amoon jedhamaniiwaamamanii turan; kanaafuu isaan yeroo sana booda maqaa kanaan adda baafamanii beekamu turan.
27 Akkasumas, isaan saba Nefii gidduu turan, akkasumas isaan namoota waldaa Waaqayyoo ta’an keessatti in lakkaa’aman. Akkasumas immoo, isaan Waaqayyoo fi namootaaf hinaaffaa qabaachuu isaaniitiin addaan baafamaniiru; sababni isaas isaan waan hundumaa irratti guutummaatti amanamoo fi qajeeloo turan; akkasumas isaan hamma dhumaatti illee, amantii isa kan Kiristoositti warra jabaatan turan.
28 Akkasumas, isaan jibba guddaadhaan dhangala’uu dhiiga obboloota isaanii in ilaalan; akkasumas isaan obboloota isaanii irratti meeshaalee lolaa ol fudhachuuf gonkumaa mo’amuu hin dandeenye; akkasumas isaan abdii fi ilaalchi isaanii Kiristoosii fi du’aa ka’uu irra waan tureef, du’a sadarkaa kamiin iyyuu sodaa guddaadhaan ilaalanii hin beekan; kanaafuu, duuti isaanii du’a Kiristoosiin moo’ameera.
29 Kanaafuu, isaan obboloota isaanii rukutuuf billaa yookiin eeboo utuu hin fudhatin dura, isaan du’a baay’ee hamaa fi dhiphisaa obboloota isaaniitiin isaan irra ga’uu danda’ukeessain darban.
30 Akkasumas akkasittiin isaan saba kutatoo fi jaal’atamoo, saba Gooftaadhaan baay’ee jaal’atamoos turan.