Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 20


Boqonnaa 20

Gooftaan obboloota isaa hidhaman akka inni hiiksisuuf Amoonii gara Midooniitti in erge—Amoonii fi Laamooniin abbaa Laamooniin, isa biyya hundumaa irratti mootii ta’ee wajjin wal in argan—Amoon obboloota isaa akka gadi dhiisuuf akka raggaasisuuf mooticha isa dulloome in dirqisiise. Naannoo bara 90 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yommuu isaan biyya sana keessatti waldaa hundeessanitti, mootichi Laamoon Amoon abbaa isaatti isa argisiisuuf akka inni isaa wajjin gara biyya warra Nefii akka dhaquuf barbaade ture.

2 Akkasumas, sagaleen Gooftaa gara Amooniin dhufee, akkasis in jedheen: Kunoo, mootichi lubbuu kee balleessuu waan barbaaduuf, ati gara biyya isa kan Nefii sana hin dhaqxu; garuu gara biyya Miidooniin dhaqi, sababni isaa kunoo obboleessi kee Aaroon, akkasumas immoo Mulooqiinii fi Ammaahaan mana hidhaa jiru.

3 Amma kun erga ta’ee booddee, Amoon yommuu kana dhaga’etti, inni Laamooniidhaan akkas in jedhe: Kunoo, obboleessi koo fi obboloonni koo Miidoonii mana hidhaa keessa jiru, akkasumas ani isaan bilisa baasuuf nan deema.

4 Amma Laamooniin Amooniin akkas in jedhe: Jabina Gooftaatiin waan hundumaa gochuu akka ati dandeessu nan beeka. Garuu kunoo, ani sii wajjin gara biyya Midoonii nan deema; sababni isaas, mootiin biyya Midoonii kan mqaan isaa Anti’omnoo jedhamu michuu kooti; kanaafuu ani mootii biyyichaa akkan sossobuuf gara biyya Midoonii nan deema, akkasumas innis obboloota kee mana hidhaa keessaa in baasa. Laamooniin amma akkas isaan in jedhe: Obboloonni kee mana hidhaa keessa akka jiran eenyutu sitti himeree?

5 Akkasumas, Amoon akkas isaan in jedhe: Waaqayyoo malee, namni tokko iyyuu natti hin himne; akkasumas inni akkas naan in jedhe—Dhaqiitii obboloota kee biyya Miidooniitti mana hidhaa keessatti argaman bilisa baasi.

6 Amma Laamooniin yommuu kana dhaga’etti hojjettoonni isaa fardootaa isaa fi konkolaataa fardaan harkifaamu isaa akka qopheessan in godhe.

7 Akkasumas, inni Amooniin akkas in jedhe: Kottu, ani si wajjin gara biyya Miidooniitti gadi nan bu’a, akkasumas mootichis obboloota kee mana hidhaatii akka inni baasuuf nan kadhadhaa.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, utuu Amoonii fi Laamooniin gara iddoo sanaatti adeemaa jiranii isaan abbaa Laamoonii isa guutummaa biyyicha irratti mootii ta’ee wajjin wal in argan.

9 Akkasumas kunoo, abbaan Laamoonii akkas isaan in jedhe: Guyyaa guddaa isa yeroo ani ilmaan koo fi saba kootiif nyaaachisa qopheessee ture sanaatti ati maaliif hin dhufinree?

10 Akkasumas, inni immoo akkas in jedhe: Ati Nefii isa ijoollee warra sobduu keessaa tokko ta’e kana wajjin garamitti deemaa jirtaree?

11 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Laamoon isa gaddisiisuu waan sodaateef garamitti akka adeemaa akka ture isatti in hime.

12 Akkasumas, inni immoo mootummaa ofii isaa keessatti akka inni turuuf sababa kan isatti ta’e hundumaa, nyaachisa inni qopheesse sana irratti gara abbaa isaatti maaliif akka hin dhaqin isatti in hime.

13 Akkasumas amma, yommuu Laamooniin waantota kana hundumaa isatti himetti, kunoo, ajaa’ibsiifannaa isaatiif, abbaan isaa isatti aaree ture, akkasumas akkas in jedheen: Laamoonii, ati warra Nefii ilmaan sobduu ta’an kana bilisa baasisuuf yaadaa jirta. Kunoo, inni abbootii keenya saameera; akkasumas amma ijoolleen isaas immoo isaan akka haxxummaa isaanii fi soba isaaniitiin nu gowwoomsuun, qabeenya keenya akka isaan ammas nu saamuuf nu gidduu dhufaniiru.

14 Amma inni billaadhaan Amoonii akka ajjeesu abbaan Laamoonii isa in abboome. Akkasumas immoo, inni gara biyya Miidoonii akka inni hin dhaqne, garuu isaa wajjiniin gara biyya Ishmaa’eelitti akka inni deebi’u isa in abboome.

15 Garuu Laamooniin akkas isaan in jedhe: Ani Amooniin hin ajjeesu, gara biyya Ishmaa’eelittis hin deebi’u, garuu ani obboloota Amooniin akkan hiiksisuuf gara biyya Miidoonii nan deema, sababni isaa isaan namoota qajeelotaa fi raajota qulqullaa’oo Waaqayyo isa dhugaas akka ta’an nan beeka.

16 Amma abbaan isaa yommuu dubbiiwwan kana dhaga’etti, inni isatti aaree ture, akkasumas rukutee lafa irratti kuffisuuf billaa isaa in baafate.

17 Garuu Amoon gara fuul-duraatti ba’ee dhaabbatee aakkas isaan in jedhe: Kunoo, ati ilma kee hin ajjeesin; haa ta’u malee, si irra inni yoo du’ee wayya ture, sababni isaa kunoo, inni cubbuuwwan isaa irraa yaada garaa geeddarateera; garuu ati yeroo kanatti, aarii kee keessatti yoo duute lubbuun kee fayyina hin argattu.

18 Akkasumas ammas, ati kana gochuu irraa yoo of dhoowwite gaariidha: sababni isaa ati ilma kee yoo ajjeefte, inni nama yakka hin qabne ta’uu isaatiin, dhiigni isaa lafa irraa gara Waaqayyo Gooftaa isaatiitti in iyya, sababni isaa ijaa baasuun si irratti in dhufa; akkasumas tariis ati lubbuu kee illee in dhabda ta’a.

19 Amma yommuu Amoon dubbiiwwan kana isatti dubbatetti, inni akkas jechuudhaan isaaf in deebise: Ani ilma koo yoon ajjeese, ani dhiiga nama qulqulluu akkan dhagalaase nan beeka; sababni isaa akkan isa ajjeesuuf yaalii kan godhe si’iidha.

20 Akkasumas, inni Amooniin ajjeesuufis harka isaa in diriirse. Garuu Amoon rukuttaa isaa in qolate, akkasumas immoo harka isaa akka inni itti hin fayyadamneef in rukute.

21 Amma mootichi Amoon isa ajjeesuu akka danda’u yommuu argetti, inni lubbuu isaa akka oolchuuf Amooniin kadhachuu in jalqabe.

22 Garuu Amoon billaa isaa in baafate, akkasumas akkas isaan in jedhe: Kunoo, ani yoo ati akka obboloonni koo mana hidhaa keessaa ba’an naaf heyyamte malee sin rukuta.

23 Amma mootichi, inni lubbuu isaa dhabuu akka danda’u waan sodaateef, akkas in jedhe: Ati yoo na oolchiteef waan ati gaafatte hundumaa, walakkaa mootummichaa illee siif nan kenna.

24 Amma Amoon akka fedhii isaatitti mooticha isa dulloomaa sana irratti dhiibbaa akka uume yommuu argetti, akkas isaan in jedhe: Ati yoo obboloonni koo mana hidhaa keessaa akka isaan ba’aniif yoo heyyamte, akkasumas immoo Laamooniin mootummaa isaa iddoo jirutti yoo itti fufsiifteef, akkasumas isaan kan hin mormine yoo ta’e, garuu inni waan yaade kamiiyyuu akka fedhii isaatiitti akka hojjetuuf kan heyyamtuuf yoo ta’e, ani sin oolcha; yoo kana ta’uudhaa baate, ani lafatti sin rukuta.

25 Amma yommuu Amoon dubbiiwwan kana dubbateetti, mootichi sababa lubbuu isaatiif jedhee baay’ee gammaduu in jalqabe.

26 Akkasumas, Amoon isa ajjeesuudhaaf fedhii akka hin qabne yommuu argetti, akkasumas jaalala guddaa inni ilma isaa Laamooniif qabu yommuu arge, inni gar-malee in dinqisiifate, akkasumas akkas in jedhe: Waanti ati barbaadde kana qofaa waan ta’eef, ani obboloota kee gadi nan dhiisa, akkasumas ilmi koo Laamooniin mootummaa isaa qabatee akka turuuf waan heyyamteef; kunoo, ani ilmi koo mootummaa isaa yeroo ammaa irraa kaasee akkasumas hamma bara baraatti akka qabatu siif nan heyyama; akkasumas ani kana booddee isas hintoo’adhu—

27 Akkasumas, obboloonni kee mana hidhaa keessaa akka ba’aniif nan heyyama, akkasumas ani isin arguuf guddisee waanan barbaaduuf atii fi obboloonni kee bulchiinsa koo keessatti gara koo dhufuu in dandeessu. Mootichi dubbiiwwan inni dubbatee fi dubbiiwwan ilmi isaa Laamooniin dubbatamaniin garmalee waan ajaa’ibsiifameef, kanaafuu inni isaaniin hubachuuf fedhee ture.

28 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoonii fi Laamooniin adeemsa isaanii gara biyya Miidoonitti godhan itti in fufan. Akkasumas, Laamooniin mootii biyyichaa duratti jaalatamummaa in argate; kanaafuu obboloonni Amoon mana hidhaa keessa in baafaman.

29 Akkasumas, Amoon yommuu isaan qunnameetti garmalee gaddee ture, sababin isaas kunoo isaan qullaa isaanii turan, akkasumas gogaan isaaniis funyoo cimaadhaan hidhamee waan tureef garmalee madaa’ee ture. Akkasumas immoo, isaan beelaan, dheebuudhaan, akkasumas rakkina gosa hundumaan dhiphatanii turan; haa ta’u malee isaan dhiphina isaanii hundumaa keessatti obsanii turan.

30 Akkasumas, kun akkuma ta’een, harka saba caalaatti gara-jabeessaa fi boqu-jabeessa keessatti kufuun isaanii carraa isaanii ture; kanaafuu isaan dubbiiwwan isaanii dhaggeeffachuu hin barbaanne turan, akkasumas isaaniin in reeban, akkasumas manaa gara manaatti in naannessan, akkasumashamma isaan biyya Miidoonii ga’anitti iddoodha gara iddootti; akkasumas isaan fudhatamanii turan, akkasumas mana hidhaatti in darbataman, akkasumas funyoo jabaadhaan in hidhaman, akkasumas mana hidhaa keessatti guyyoota baay’eedhaaf erga tursiifamanii booda, akkasumas Laamoonii fi Amooniin bilisa baafamanii turan.