Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 2


Boqonnaa 2

Amlikiin mootii ta’uu in barbaade, akkasumas sagalee sabichaatiin fudhatama in dhabe—Isa duukaa warri bu’an isa mootii in godhatan—Warri Amilikii warra Nefii irratti lola in kaasan, akkasumas in mo’amanis—Warri Laamaanii fi warri Amlikii humna isaanii walitti in dabalatan, akkasumas in mo’aman—Almaan Amlikiin in ajjeese. Naannoo bara 87 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan mo’anii jalqaba waggaa shanaffaatti sabicha gidduutti walitti bu’iinsi in jalqabe; sababiin isaas nama baay’ee haxxee ta’e tokko, eeyyee, ogummaa biyya lafaatiin ogeessa kan ta’e, akkuma namicha isa Gidewooniin billaadhaan ajjeesee innis akkaataa seerichaatti ajjeefamee turee sanaa kan ture Amlikii jedhamee waamamu tokkotu ture—

2 Ammas Amlikiin kun, haxxummaa isaatiin, namoonni baay’een akka isa duukaa bu’an in godhe; isaanis lakkoofsaan baay’ataniii humna guddaa qabaachuu illee in jalqaban; akkasumas isaan Amlikiin sabicha irratti mootii akka inni ta’uuf yaalii gochuu in jalqaban.

3 Amma kun namoota waldichaatiif, akkasumas immoo warra amansiisa Amlikiitiin hin harkifamne hundumaaf sodaachisaa ture; sababni isaas isaan akka seera isaaniitti waantonni akkasii kun akka sagalee sabichaatiin murtaa’uu akka qaban waan beekaniif.

4 Kanaafuu, Amlikiin sagalee sabichaa argachuun utuu kan danda’amuuf ta’ee inni nama jal’aa waan ta’eef mirgaa fi dantaa isaan waldicha keessatti qaban isaan in dhoorka ture; sababni isaas waldaa Waaqayyoo balleessuun yaada isaa ture.

5 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, tokkoon tokkoon namaa akkaataa fedhii isaatitti, Amlikii irratti ka’anii mormuus ta’e deeggaruu, garee adda addaa ta’uudhaan, inni tokko isa kaanii wajjin waldhabbii guddaa fi falmii dinqisiisaa gochuudhaaf guutummaa biyyichaa keessatti ummanni walitti in qabaman.

6 Akkasumas kanaafuu, isaan dhimmicha ilaalchisee sagalee isaanii kennuudhaaf walii isaanii wajjin walitti in qabaman; akkasumas isaan abboota firdii durattis dhi’aatanii turan.

7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sagaleen sabichaa Amlikiin in morme, innis sabicha irratti mootii hin taasifamne ture.

8 Amma kun immoo garaa warra isa mormani keessatti gammachuu guddaan akka ta’u in godhe; garuu Amlikiin warri deeggartoota isaa ta’an warra isa jibban akka aarsaniif tuttuqee irratti in kakaase.

9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan walitti in qabaman, akkasumas Amlikii mootii isaanii godhanii in muudan.

10 Amma yeroo Amlikiin mootii isaanii ta’ee mudametti isaan obboloota isaanii irratti meeshaa lolaa isaanii akka ol fudhatan isaan in abboome, akkasumas inni kana kan godhes isaaniin of jalatti galchuuf ture.

11 Amma namoonni Amlikii maqaa Amlikii jedhuun adda in baafaman, warra Amlikii jedhamanii waamamus, akkasumas warri hafan warra Nefii, yookiin namoota Waaqayyo jedhamu turan.

12 Kanaafuu, sabni warra Nefii kaayyoo warra Amlikii in beeku turan, akkasumas kanaafuu isaan isaanii wajjin wal arguuf in qophaa’an, eeyyee, isaan billaa, fi eeboo, akkasumas cuuphee, fi xiyya, akkasumas dhagaa, fi furrisa, akkasumas meeshaa lolaa gosa hundumaa wajjin, kan gosa hundumaa in hidhatan.

13 Akkasumas, isaan akkasitti yeroo warri Amlikii dhufanitti isaanii wajjin wal arguudhaaf qophaa’anii turan. Akkasumas, isaan akka lakkoofsa isaaniitti ajajoonni, akkasumas ajajoonni olaanoo, fi ajajoonni angafootaa muudamanii turan.

14 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amlikiin meeshaa waraanaa gosa hundumaa saba isaa in hidhachiise; akkasumas immoo inni obboloota isaanii wajjin lola taasifamu irratti akka isaan geggeessaniif, saba isaa irratti bulchitootaa fi geggeessitoota in muude.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Amlikii tulluu Amnihuu isa laga Siidooniin irraa gara bahaatti argamu, isa biyya Zerehemlaatti yaa’uu irra in dhufan, akkasumas isaan achittis warra Nefii wajjin lola in jalqaban.

16 Amma Almaanangafa abbaa firdii fi bulchaa saba Nefii waan ture, kanaafuu inni saba isaa wajjin ol in ba’e, eeyyee, ajajoota isaa wajjin, akkasumas ajajoota angafoota isaa wajjin, eeyyee, warra Amlikiin loluuf loltoota isaa dura in bu’e.

17 Akkasumas, isaani tulluu Siidoon irraa isa gara bahatti argamu irratti warra Amlikiin ajjeesuu in jalqaban. Akkasumas, warri Amlikiis humna guddaadhaan warra Nefiitiin in lolan, kanaafuu warri Nefii baay’een fuula warra Amlikiin duratti in kufan.

18 Haa ta’u malee, Gooftaan irree warra Nefii in jabeesse; isaanis Amilikii qalma guddaadhaan in ajjeesan, isaanis fuula isaanii duraa baqachuu in jalqaban.

19 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, warri Nefii guyyaa sana guutuu warra Amlikii in hordofan, akkasumas, isaan lubbuun warra Amlikii kuma kudha lamaa fi dhibba shanii fi soddomii lama hamma ajjeeffamanitti, qalma baay’ee guddaadhaan isaan ajjeesanii turan; akkasumas lubbuun warra Nefii kuma ja’aa fi dhibba shanii fi lamatu ajjeefamee ture.

20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan yeroo warra Amlikiin kana caalaa ari’uu hin dandeenyetti inni sabni isaa dunkaanota isaanii dachaa Gidewooniin keessatti akka dhaabbatan in godhe, dachaan sun maqaa Gidewoon isa harka Nahoriin billaadhaan ajjeefamee sanaan in waamame; akkasumas dachicha keessattis warri Nefii dunkaana isaanii halkan sanaaf in dhaabbatan.

21 Akkasumas, Almaan karooraa fi shira warra Amliikoota beekuuf, kanaanis inni ofii isaa akka eeguu fi inni saba isaa badiisa irraa akka eeguu danda’uuf, haftee isaanii akka hordofaniif basaastota in erge.

22 Amma namoonni bakka buufata warra Amliikii akka ilaalaniif inni erges Zeeraamii, Amnoor, Maantii, fi Limheer jedhamanii waamamu turan; isaan kunneen warra bakka buufata warra Amliikii akka ilaalaniif loltoota isaanii wajjiin ba’anii deemaniidha.

23 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, borumtaa isaa isaan ajaa’ibsifannaa guddaa fi sodaa guddaadhaan rukutamanii ariitii guddaadhaan gara bakka buufata loltuu warra Nefiitti akkas jechaa in deebi’an:

24 Kunoo, nuyi buufata loltuu warra Amlikii in hordofne, akkasumas ajaa’ibsiifannaan keenyas guddaa ture, biyya Miinoon keessaa, biyya Zarahemlaa gararraa isa jiru, karaa isa gara biyya Nefii geessu irratti, nuyi baay’ina macca loltoota warra Laamaanii arginee turre; akkasumas kunoo, warri Amliikii isaanitti makamaniiru.

25 Akkasumas, isaan obboloota keenya biyya sana keessa jiran waraanaa jiru; akkasumas isaanis hoolota isaanii, akkasumas haadholii manaa isaanii fi ijoollee isaanii wajjin, gara magaalaa keenyaatti fuula isaanii duraa baqachaa jiru; akkasumas yoo nuyi ariifannee malee isaan magaalaa keenya in fudhatu, akkasumas abbootiin keenya fi haadholii manaa keenyaa fi ijoolleen keenyas in ajjeefamu.

26 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sabni Nefii dunkaanota isaanii fudhatanii, akkasumas dachaa Gidewoon keessaa ba’uun gara magaalaa Zarahemlaa isa ture, gara magaalaa isaaniitti in adeeman.

27 Akkasumas kunoo, utuu isaan laga Sidooniin ce’aa jiranii, warri Lamaanii fi Amliikii kan lakkoofsi isaanii akka cirracha galaanaa baay’atu, isaan balleessuuf isaan waraanuu in eegalan.

28 Haa ta’u malee, warri Nefii irree diinotaa jalaa bilisa akka isaan baasuuf cichanii isa in kadhatan, kanaafuu inni boo’icha isaanii in dhaga’e, akkasumas isaan harka Gooftaatiin in jabeeffaman, akkasumas warri Laamanii fi warri Amliikiis fuula isaanii durattis in kufan.

29 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan fuulaa fuulatti Amlikii wajjin billaadhaan wal in lole; akkasumas isaan walii isaanii wajjin humnaan wal in lolan.

30 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaan nama Waaqayyoo waan ta’eef, amantii baay’eedhaan kan kakaafame ta’uu isaatiin, akkas jedhee in boo’e: Yaa Gooftaa, saba kana akkan oolchuu fi akkan eeguuf ani harka kee keessattis meeshaa akkan ta’uuf ati natti araaarami, akkasumas lubbuu koos naaf oolchi.

31 Amma Almaan jechoota kana yeroo dubbateetti inni ammas Amlikii wajjin wal in lole; akkasumas inni Amlikiin hamma billaadhaan ajjeesutti inni baay’ee jabeeffamee ture.

32 Akkasumas immoo, inni mootii warra Laamaanii wajjinis wal in lole; garuu mootiin warra Laamaanii fuula Almaa duraa gara boodaatti in baqate, akkasumas eegdonni isaa Almaa wajjin akka wal lolaniif in erge.

33 Garuu Almaan, eegdotaa isaatii wajjin, eegdota mootii warra Laamaanii wajjin inni hamma isaan ajjeesutti, akkasumas hamma ari’ee gara boodaatti deebisutti in lole.

34 Akkasumas immoo, inni laficha, yookiin immooqarqara lagaa isa laga Siidoon irraa isa gara dhihaatti argamutti reeffa warra Laamaan warra ajjeefamanii bishaan Siidoon keessatti in darbate, kanaanis sabni isaa karaa ittiin qaxxaamuranii warra Laamaanii fi warra Amlikiin kan laga Siidoon irraa gara lixaatti jiran lolanii akka isaan qabataniif in qulqulleesse.

35 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, erga hundi isaanii laga Siidoon ce’anii booda, baay’inni isaanii baay’ee ta’anii kan lakka’amuu hin dandeenye waan turaniif, warri Laamaanii fi warri Amlikii fuula isaanii duraa baqachuu in jalqaban.

36 Akkasumas, isaan fuula warra Nefii duraa daangaa biyyichaa bira darbanii, gara lafa onaa isa dhihaa fi kaabaatti in baqatan; akkasumas warri Nefii humna isaanii hundumaan isaan duukaa bu’anii in ari’an, akkasumas isaan in ajjeesan.

37 Eeyyee, isaan kallattii hundumaan marfamaniii turan, akkasumas ajjeefamanii akkasumas duubatti ari’amanii, hamma isaan gara dhihaa fi gara kaabaatti faffaca’anitti, hamma isaan lafa onaa isa kutaa lafa onaa isa bineensota hamoodhaa fi saamtotaan isa guutame ture kan Heermoont jedhamee waamamu ture bira ga’anitti.

38 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, baay’een isaanii madaa; anii waan tureef lafa onaa sana keessatti in du’an, akkasumas bineensota sanaan, akkasumas immoo allaattiiwwan qilleensa keessa balali’aniin in nyaataman, akkasumas lafeewwan isaaniis tuulamee, akkasumas lafa irrattis in argame.