Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 21


Seenaa lallaba isa kan Aaroon, Mulokii fi obboloota isaanii warra Laamaaniif.

Boqonnaa 21 hamma 25 kan of keessatti qabateedha.

Boqonnaa 21

Aaroon waa’ee Kiristoosii fi Gatii Kaffaltii Cubbuu Isaa warra Amaaleqii in barsiise—Aaroonii fi obboloonni isaa Midoonii keessatti in hidhaman—Erga bilisa bahanii booda, isaan mana sagadaa keessatti barsiisanii namoota baay’ee gara amantiitti in jijjiiran—Laamooniin namoota biyya Ishmaa’eel jiraniif bilisummaa amantii in kenne. Naannoo bara 90–77 Dh.K.D.

1 Amma Amoonii fi obboloonni isaa daangaawwan biyya warra Laamaanitti yommuu gargar ba’an, kunoo Aaroon gara biyya warra Laamaaniitiin Yerusaalem jedhamtee waamamtu, kan maqaa biyya abbootii isaanii irraa moggaafamte, akkasumas daangaa Mormoon waliin wal daangessituutti in imale.

2 Amma warri Laamaan, warri Amaaleqii fi sabni Amuloon magaalaa guddittii ishee Yerusaalem jedhamte waamamtu ijaaranii turan.

3 Amma warri Laamaan ofuma isaaniitii jabina ga’aa irra turan, garuu warri Amaaleqii fi warri Amuloon hamma ammaatti iyyuu jabaatanii turan; kanaafuu isaan warri Laamaaniis garaa isaanii akka jabeessaniif sababa in ta’an, akkasumas isaan jal’inaa fi xuraa’ummaa isaaniitiin akka caalaatti akka ciman in godhan.

4 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Aaroon gara magaalaa Yerusaalem in dhufe, akkasumas inni dursee warra Amaaleqitti lallabuu in jalqabe. Akkasumas, isaan akka warra Nehoritti mana sagadaa ijaaranii waan turaniif inni mana sagadaa isaanii keessatti isaanitti lallabuu in jalqabe; sababni isaas warri Amaaleqii fi warri Amuloon baay’een isaanii amantii warra Nehoriin duukaa warra bu’an turaniidha.

5 Kanaafuu, Aaroon namoota sanatti lallabuudhaaf mana Sagadaa isaanii tokko keessa yommuu seenu, akkasumas inni utuu isaanitti dubbachaa jiruu, kunoo Amaaleeqiin tokko ka’ee akkas jechuudhaan, isaan falmuu in jalqabe: Waanti Ati dhugaa baate kun maaliiree? Ati ergamaa argiteettaaree? Ergamoonni maaliif nutti hin mul’ataniree? Kunoo, sabni kun akkuma saba keetii saba qajeelaa mitiiree?

6 Kana malees, nuyi yoo yaada garaa geeddarannee malee in badna jetteetta. Ati yaadaa fi akeeka garaa keenyaa akkamitti beektaree? Ati yaada garaa geeddarachuuf nuyi sababa akka qabnu akkamitti beektaree? Ati akka nuyi saba qajeelaa hin taane akkamitti beektaree? Kunoo, nuyi iddoowwan qulqullaa’oo ijaarree jirra, akkasumas nuyi Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti in qabamna. Nuyi Waaqayyo namoota hundumaa akka fayyisus in amanna.

7 Amma Aaroon akkas isaan in jedhe: Ilmi Waaqayyoo dhala namaa hundumaa irraa cubbuuwwan isaanii furuuf akka dhufuuf jiru ati in amantaaree?

8 Akkasumas namichis akkas isaan in jedhe: Ati waan akkasii tokko illee beekta jennee nuyi hin amannu. Nuyi aadaawwan gowwomsmaa kanneenitti hin amannu. Atiwaa’ee waantota gara fuul-duratti dhufuuf jiranii in beektajennee hin amannu, abbootii kees ta’ee, akkasumas immoo abbootiin keenya waantota dhufuuf jiran ilaalchisanii isa isaan dubbatan, in beeku jennees hin amannu.

9 Amma Aaroon caaffata qulqullaa’oo waa’ee dhufaatii Kiristoos, akkasumas immoo waa’ee du’aa ka’uu warra du’anii, akkasumas du’aa fi dhiphinoota Kiristoos keessaan, akkasumas gatii kaffaltii cubbuu dhiiga isaatiin malee fayyinni dhala namaa akka hin jirre isaaniif ibsuu in jalqabe.

10 Akkasumas kun erga ta’ee booddee inni waantota kana isaaniif ibsuu yommuu jalqabetti isaan isatti aaranii turan, akkasumas isatti qoosuus in jalqaban; akkasumas isaan dubbiiwwan inni dubbate dhaggeeffachuu hin barbaanne.

11 Kanaafuu, inni akka isaan dubbiiwwan isaa dhageeffachuu hin barbaanne yommuu argetti, inni mana sagadaa isaanii keessaa ba’ee, akkasumas gara ganda Ani-Antii jedhamtu tokkootti in adeeme, akkasumas inni achitti Mulokiin dubbicha isaanitti utuu lallabuu; akkasumas immoo Ammaah fi obboloota isaas in arge. Akkasumas, isaanis waa’ee dubbii sanaaf namoota baay’ee wajjin wal in falman.

12 Akkasumas kun erga ta’e booddee, isaan namoonni garaa isaanii akka jabeessan in argan, kanaafuu, isaan irraa gargar ba’ani gara biyya Midooniitti in adeeman. Akkasumas, isaanis namoota baay’eetti dubbicha in lallaban, akkasumas namoonni muraaasni dubbiiwwan isaan barsiisanitti in amanan.

13 Haa ta’u malee, Aaronii fi obboloonni isaa lakkoobsaan muraasni qabamuun mana hidhaatti in darbataman, akkasumas warri hafan immoo biyya Midoonii keessaa gara naannolee naannawa sanatti argamaniittiin baqatan.

14 Akkasumas, warri mana hidhaatti darbataman immoo waantota baay’een dhiphataniiru, akkasumas isaan harka Laamooni fi Amooniin bilisa in baafaman, akkasumas isaan in nyaachifaman, akkasumas in uwwifaman.

15 Akkasumas, isaanis ammas dubbicha labsuuf in ba’an, akkasumas isaan akkasitti yeroo jalqabaatiif mana hidhaa keessaa ba’anii turan; akkasumas isaan akkasitti immoo rakkatanii turan.

16 Akkasumas, isaanis iddoo kamittuu Hafuura Gooftaatiin geggeeffamuudhaan mana sagadaa warra Amaaleqiin hundumaa keessatti, yookiin walga’ii warra Laamaan hundumaa keessatti iddoo galuu danda’an hundumaa keessatti dubbii Waaqayyoo lallabaa turan.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan namoota baay’ee gara dhugaa beekuutti hamma fidaniitti Gooftaan isaan eebbisuu in jalqabe; eeyyee, isaan cubbuuwwan isaaniifiaadaa abbootii isaaniisirrii akka hin taane namoota baay’ee amansiisanii turan.

18 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoonii fi Laamoon biyya isa kan Midoonii irraa gara biyya dhaala isaanii isa ture gara biyya Ishmaa’eelitti in deebi’an.

19 Akkasumas, mootichi Laamooniin Amoon akka isa tajaajiluufis ta’ee yookiin akka inni hojjetaa isaa ta’uufis hin heyyamne.

20 Inni garuu biyya isa kan Ishmaa’eeliin keessatti manneen sagadaa akka ijaaraman in godhe; akkasumas sabni isaa yookiin namoonni bulchiinsa isaa jala turan akka isaan walitti qabaman in godhe.

21 Akkasumas, inni isaanitti in gammade, akkasumas inni waantota baay’ee isaan in barsiise. Akkasumas, inni dabalee isaan saba warra isa jala turan, akkasumas saba bilisaa akka isaan turan, cunqursaa abbaa isaa, isa mootichaa irraa, akka isaan bilisa ba’aniif isaanitti labseera; sababni isaas abbaan isaa namoota biyya Ishmaa’eeliin keessa jiraatan irratti, akkasumas biyya naannoo sana jiran hundumaa irrattis akka inni mootii ta’uuf isaaf eeyyamee ture.

22 Akkasumas, biyya bulchiinsa mooticha Laamoonii jala turte keessatti, iddoo isaan keessa jiran kam iyyuu keessatti, akka fedhiiwwan isaaniitti Waaqayyo Gooftaa isaanii waaqeffachuuf bilisummaa akka qabaataniif isaaniif in labseen.

23 Akkasumas, Amoon namoota mooticha Laamoonitti in lallabe; akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni waa’ee waantota qajeelummaadhaan wal-qabatan hundumaa isaan in barsiise. Akkasumas, inni dhama’uu hundumaan guyyaadhaa gara guyyaatti isaan in gorse; akkasumas isaan dubbii isaa in dhaggeeffatan, akkasumas isaan abboommota Waaqayyoo eeguufis warra kutannoo qaban turan.