Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 18


Boqonnaa 18

Mootichi Laamooniin Hafuurri Amoon Guddaa akka ta’e in tilmaame—Amoon mooticha waa’ee Uumamaa, hariiroo Waaqayyoo namoota wajjin qabu, akkasumas furee karaa Kiristoosiin dhufus in barsiise—Laamoonis in amane, akkasumas akka waan du’eettis lafatti in kufe. Naannoo bara 90 Dh.K.D.

1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Laamooniin hojjettoonni isaa hundinuu akka isaan fuula isaa dura dhaabbatan, akkasumas waa’ee dhimmicha ilaalchisanii waan argan hundumaa akka dhugaa ba’an in godhe.

2 Akkasumas, isaan waantota argan hundumaa yommuu dhugaa ba’anitti, akkasumas inni amanamummaa Amoon karra hoolota isaa eeguu keessatti, akkasumas immoo humna isaa isa jabaadhaan warra isa lolan ajjeesuuf turan loluu isaa erga beekeen booda, garmalees in ajaa’ibsiifate, akkasumas akkas in jedhe: Dhugumaan kun nama in caala. Kunoo, kun sababa ajjeechaa isaaniitiin Hafuura isa Guddaa isa saba kana irratti adabbii guddaa akkasii ergu mitiiree?

3 Akkasumas, isaan mootichaaf deebisanii, akkas in jedhan: Inni Hafuura isa Guddaa yookiin namaas haa ta’u malee, nuyi hin beeknu; garuu nuyi hammanuma beekna, inni diinota mootichaatiin akka ajjeefamuu hin dandeenye; sababa ogummaa fi jabina guddaa isaatiitiif, yeroo inni nuu wajjin turetti isaan hoolota mootichaa addaan facaasuu hin dandeenye; kanaafuu, nuyi inni hiriyaa mootichaa akka ta’e in beekna. Akkasumas amma, yaa mootii, nuyi namni humna guddaa akkasii akka qabu hin amannu, sababni isaa inni ajjeefamuu akka hin dandeenye in beekna.

4 Akkasumas amma, mootichi yommuu dubbii kana dhaga’etti, inni akkas isaaniin jedhe: Amma ani kun Hafuura isa Guddaa akka ta’e nan beeka; akkasumas ani akka obboloota keessan irratti godhee ture akkan isin hin ajjeefneef inni lubbuu keessan oolchuudhaaf gadi bu’eera. Amma akkuma abboonni keenya dubbatanii turan kun Hafuura isa Guddaadha.

5 , Hafuurri inni Guddaan akka ture aadaa Laamooniin abbaa isaa irraa fudhateedha. Haa ta’u malee, isaan Hafuura isa Guddaa kanatti amananii turan, waanti isaan hojjetan hundinuu sirrii akka tures tilmaamanii turan; haa ta’u malee, Laamooniin hojjettoota isaa ajjeesuu isaatiin badii akka hojjete sodaachuudhaan garmalee sodaachuu in jalqabe.

6 Inni baay’ee isaanii sababa obboloonni isaanii hoolotaa sana iddoo bishaanii sanatti bittinneessanii turaniif ajjeesee ture; akkasumas akkasitti, sababa isaan hoolota isaanii bittineesanii turaniif isaan ajjeefamanii turan.

7 Amma bishaan Seebusiin bira dhaabbachuudhaan hoolotaa namootaa bittimsuun amala warra Laamaan kanaa ture, akka namoonni bittinaa’anii gara biyya isaaniitti deebi’aniif amalli saamichaas isaan gidduu ture.

8 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, mootichi Laamooniin hojjettoota isaa akkas jechuudhaan, in gaafate: Namichi humna guddaa akkasii qabu kun eessa jiraree?

9 Akkasumas, isaan akkas isaan in jedhan: Kunoo, inni fardoota kee nyaachisaa jira. Amma mootichis hojjettoota isaa, hoolotaa isaanii bishaan obaasuu isaaniitiin dura, akka isaan fardeen fi konkolaataa isa fardaan harkifamu isaa akka qopheessan, akkasumas gara biyya isa kan Nefiitti akka isa geessaniif in abboome; sababni isaas nyaachisni guddaan biyya isa kan Nefiitti, abbaa Laamooniin, isa guutummaa biyyattii irratti mootii tureen labsamee ture.

10 Amma Amoon fardeenii fi konkolaataa isa fardaan harkifamu qopheessaa jiraachuu isaa mootichi Laamooniin yommuu dhaga’etti caalmaatti ajaa’ibsiifatee ture, sababa amanamummaa Amooniifis, akkas in jedhe: Dhugumaan hojjettoota koo hundumaa keessaa kan akka nama kanaattiamanamaan hin turre; sababni isaa inni abboommota koo hundumaa illee hojii irra oolchuuf in yaadata.

11 Amma ani dhuguma kun Hafuura isa Guddaa akka ta’e nan beeka, akkasumas inni gara kootti akka inni dhufu nan barbaada, garuu ani ija hin jabaadhu.

12 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, yeroo Amoon farda isaa fi konkolaataa isa fardaan harkifamu mootichaa fi hojjettoota isaatiif qopheessee xumuretti, inni gara mootichaatti ol in gale, akkasumas inni fuulli mootichaa jijjiiramuu isaa argee ture; kanaafuu inni iddoo inni jiru irraa galagalee ba’uus barbaadee ture.

13 Akkasumas, hojjettoota mootichaa keessaa tokko akkas isaan in jedhe, Rabbaanah, jechuunis, kan itti hiikamu, jabaa yookiin mootii guddaa, mootiin isaanii jabaa akka ta’etti waan yaadaniif; akkasumas akkasittiin inni akkas isaan in jedhe: Rabbaanah, mootichi akka ati turtu barbaadeera.

14 Kanaafuu, Amoon ofii isaa gara mootichaatti gala in galche, akkasumas akkas isaan in jedhe: Maal akka ani siif godhu barbaaddaa, yaa mootii? Akkasumas, inni waan isaan jechuun irra jiru waan hin beekneef akka yeroo isaaniitti turtii sa’aatii tokkootiif mootichi deebii hin deebifneef ture.

15 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoon irra deebiin akkas isaan in jedhe: Ati maal ana irraa barbaaddaa? Mootichi garuu isaaf hin deebifne.

16 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Amoon, Hafuura Waaqayyoon waan guutameef, kanaafuu inni yaada mootichaa in hubate. Akkasumas, inni akkas isaan in jedhe: Kun sababa ani hojjettoota kee fi hoolotaa kee tikseef, akkasumas obboloota isaanii torban furrisaa fi billaadhaan, hojjettootaa fi hoolota kee oolchuudhaaf, akkasumas harka warra kaanii mureef jedhee isa ani ajjeese dhageesseetii; kunoo, ajaa’ibsiifannaa kee kan fide kanaaree?

17 Anis siin nan jedha, ajaa’ibsiiffannaan kee akkas guddachuun isaa maal inni? Kunoo, ani namadha, akkasumas ani hojjetaa keeti; kanaafuu, waanta sirrii kamiyyuu fedhii kee ta’e, ani sana nan raawwadha.

18 Amma mootichi dubbiiwwan kana yommuu dhaga’e, inni Amoon yaada isaa beekuu akka danda’u waan argeef deebi’ee in ajaa’ibsiifate; garuu kun ta’ee utuu jiruu, mootichi Laamooniin afaan isaa banachuun, akkasumas akkas isaan in jedhe: Ati eenyuudharee? Ati Hafuura isa Guddaa, isa waan hundumaa beeku sanadhaaree?

19 Amoonis deebisee akkas isaan in jedhe: Lakki ani isa miti.

20 Akkasumas, mootichi akkas in jedheen: Ati yaada garaa kootii akkamitti beektaree? Ati ifatti dubbadhu, akkasumas waa’ee waantota kanaas natti himi; akkasumas humna akkamiitiin obboloota koo warra hoolota bittiinneessan akka ajjeeftee fi rukuttee harka irraa murte natti himi—

21 Akkasumas amma, ati waa’ee waantota kanaa yoo natti himte, waan ati barbaadde kamiyyuu ani siif nan kenna; yoo barbaachisaa ta’es, loltootni koo akka si eegan nan godha; garuu ati hunduma isaanii caalaa jabaa akka ati taate nan beeka; haa ta’u malee, waanta ati ana irraa barbaaddu kamiyyuu siif nan kenna.

22 Amma Amoon ogeessa badii hin qabne waan ta’eefinni Laamooniin akkas in jedhe: Humna kamiin waantota kana akkan hojjedhu akka ani sitti himuuf, ati dubbiiwwan koo in dhaggeeffataaree? Akkasumas, waanti ani si irraa barbaadus kanumadha.

23 Akkasumas, mootichis akkas ejchuun isaaf in deebise: Eeyyee, ani dubbiiwwan kee hundumaa nan amana. Akkasumas, inni akkasitti tooftaadhaan qabamee ture.

24 Akkasumas, Amoon ija-jabinaan isatti dubbachuu in jalqabe, akkasumas akkas isaan in jedhe: Waaqayyo akka jiru in amantaaree?

25 Akkasumas, inni deebisee, akkasumas akkas isaan in jedhe: Kana jechuun maal akka ta’e ani hin beeku.

26 Akkasumas, sana booda Amoon akkas jedhe: Hafuurri inni Guddaan akka jiru ati in amantaaree?

27 Akkasumas, innis, Eeyyee, in jedhe.

28 Akkasumas, Amoon akkas in jedhe: Kun Waaqayyoodha. Akkasumas, ammas Amoon irra deebiin akkas isaan in jedhe: Ati Hafuura isa Guddaa, isa Waaqayyo ta’e, isa waantota hundumaa isa waaqa irraa fi lafa irra jiru uume kanatti in amantaaree?

29 Akkasumas, inni akkas in jedhe: Eeyyee, ani waantota lafa irra jiru hundumaa akka inni uume nan amana; garuu ani isa waaqa irraa hin beeku.

30 Akkasumas, Amoon akkas isaan in jedhe: Waaqa irra jechuun iddoo Waaqayyoo fi ergamoonni isaa warri qulqulloonni hundinuu jiraataniidha.

31 Akkasumas, mootichi Laamooniin akkas jedhe: Inni lafaa olitti argamaaree?

32 Akkasumas, Amoon akkas in jedhe: Eeyyee, akkasumas inni ilmaan namaa hundumaa gadi in ilaala; akkasumas inni yaadaa fi akeeka garaa hundumaa jalqaba irraa eegalee isaan hundinuu harka isaatiin waan uumamaniif in beeka.

33 Akkasumas, mootichi Laamooniin akkas in jedhe: Ani waantota ati dubbatte kanneen hundumaatti nan amana. Ati Waaqayyo biraa ergamteeree?

34 Amoonis akkas isaan in jedhe: Ani namadha, nama isa jalqabaa irratti akka bifa Waaqayyootti uumame, akkasumas ani waantota kana akkan saba isaa barsiisuuf gara beekumsa isa waanta qajeelaa fi dhugaa ta’etti akka isaan dhufaniif ani Hafuura Qulqulluu isaatiin waamameera;

35 Akkasumas, Hafuura sana keessaa hammi ta’e ana keessa in jiraata, innis beekumsa, akkasumas immoo akka amantii kootii fi fedhii koo isa Waaqayyoo keessa jiruutti humna naaf in kenna.

36 Amma yommuu Amoon dubbiiwwan kanneen dubbatetti, inni uumamuu biyya lafaa irraa jalqabee, akkasumas immoo uumama Addaam, akkasumas waa’ee kufaatii ilmaan namaa hundumaa, akkasumas galmee fi caaffata qulqullaa’oo sabichaakanneen raajotaan dubbataman kan yeroo abbaan isaanii, Lehiin, biyya Yerusaalemiin gadi dhiisee ba’ee irraa kaasee ture illee in seenesse, akkasumas isaanis isatti in beeksise.

37 Akkasumas immoo, inni seenaa imaloota abbootiin isaanii lafa onaa keessatti godhan hundumaa, akkasumas dhiphinoota beelaa fi dheebuu isaanii hundumaa, akkasumas dadhabbii hojii isaanii fi kan kana fakkaatan hundumaa isaanitti in hime (mootichaa fi hojjettoota isaatiif waan tureef).

38 Akkasumas immoo, inni waa’ee fincila Laamaanii fi Lemu’eel, akkasumas ilmaan Ishmaa’eeliin ilaalchisee isaanitti in seenesse, eeyyee, inni fincila isaanii humdumaa isaanii wajjin isaanitti in hime, akkasumas inni galmee isaanii hundumaa fi caaffata qulqullaa’oo isa yeroo Lehiin Yerusaalemiin gadi dhiisee ba’ee irraa kaasee hamma har’aatti isa jiru gadi fageenyaan isaaniif in ibse.

39 Garuu kun hunduma isaa miti; sababni isaas inni karoora fayyinaa uumamuu biyya lafaa irraa kaasee isa qophaa’es gadi fageenyaan isaaniif ibsee ture, akkasumas immoo inni waa’ee dhufaatii Kiristoosiin akka isaanitti in beeksise, akkasumas hojiiwwan Gooftaa hundumaas akka isaan beekan in godhe.

40 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni waantota kana hundumaa erga dubbatee fi mootichaaf ibsee booda, mootichis dubbiiwwan isaa hundumaa in amane.

41 Akkasumas, inni akkas jechuudhaan gara Gooftaatti iyyuu in jalqabe: Yaa Gooftaa, akka araara kee isa guddaa isa ati saba Nefii irra buufteetti natti araarami, anaa fi saba koo irrattis buusi.

42 Amma kunoo, yommuu inni kana dubbatetti, inni akka nama du’eetti lafa irratti in kufe.

43 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hojjettoonni isaa isa fuudhanii gara haadha manaa isaatti isa in geessan, akkasumas siree irras isa in ciibsan; akkasumas innis akka nama du’eetti guyyoota lamaa fi halkan lamaaf in ciise; akkasumas haati manaan isaa, akkasumas ilmaan isaa, akkasumas intaloonni isaa gadda isaaf in taa’an, akka aadaa warra Laamaanittis, isa dhabuu isaaniitiif guddisanii in boo’an.