Boqonnaa 14
Almaa fi Amuleeq in hidhaman, akkasumas in reebaman—Amantoonni fi caaffanni qulqullaa’oon isaanii ibiddaan in gubaman—Wareegamtoonni kunneen ulfinaan Gooftaadhaan in fudhataman—Dallaan mana hidhaa in caccabee in kufe—Almaa fi Amuleeq bilisa in baafaman, akkasumas warri isaan ari’atan in ajjeefaman. Naannoo bara 82–81 Dh.K.D.
1 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, erga inni sabichatti dubbatee xumureen booda baay’een isaanii dubbii isaatti in amanan, akkasumas yaada garaa geeddaratanii, akkasumas caaffata qulqullaa’oo qorachuu in jalqaban.
2 Garuu harki caalaan isaanii Almaa fi Amuleeqiin ajjeesuu barbaadanii turan, isaan Almaatti, sababa ifa ta’uu dubbii isaa isa inni Zeezroomitti dubbatee ture irraa kan ka’e isaan aaranii turan; akkasumas immoo Amuleeq akka isaan sobe in dubbatan, akkasumas seera isaanii, abbbootii seeraa isaanii fi abbootii firdii isaanii irratti ka’ee akka waan inni arrabsee turetti dubbataniiru.
3 Akkasumas, isaan Almaa fi Amuleeqitti aaranii turan; akkasumas sababni isaa isaan jal’ina isaanii irratti ifatti dhugaa waan ba’aniif; isaan dhoksaatti isaan ajjeessuuf barbaadanii turan.
4 Garuu kun erga ta’ee booddee, isaaan akkas hin goone; isaan garuu isaan fuudhatanii funyoo jabaadhaan in hidhan, akkasumas isaan abbaa firdii olaanaa biyyichaa duratti isaan in dhiyeessan.
5 Akkasumas, namoonni gara fuul-duraatti bahanii isaan irratti dhugaa in ba’an—seera, akkasumas abbootii seeraa isaanii, akkasumas abbootii firdii biyya sanaa, akkasumas namoota biyyattii keessa turan hundumaa akka isaan arrabsan dhugaa isaan irratti ba’aniiru; akkasumas immoo garuu Waaqayyo tokko qofti akka jiru, akkasumas inni Ilma isaa namoota gidduutti akka ergu, garuu isaan akka hin fayyifne dhugaa ba’aniiru; akkasumas namoonni waantota akkasii biroo baay’eetiin Almaa fi Amuleeqiin irratti dhugaa ba’aniiru. Amma kun abbaa firdii olaanaa biyyattii duratti raawwatamee ture.
6 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Zeezrom dubbiiwwan dubbatamanii turan kanaan ajaa’ibsiifamee ture; akkasumas inni sabicha gidduutti dubbiiwwan isaa isa sobaatiin, jaamummaa sammuu inni qaqqabsiise waan beekuuf; akkasumas lubbuun isaa balleessaa ofii isaa beekuu isaa irraa kan ka’e baay’ee dhiphachuu in jalqabde; eeyyee, inni dhukkubbii si’ooliin marfamuu in jalqabe.
7 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, inni akkas jechuun, sabichatti iyyuu in jalqabe: Kunoo, ani yakkamaadha, akkasumas namoonni kun warra Waaqayyoon duratti mudaa hin qabneedha. Akkasumas, inni yeroo sanaa kaasee isaaniif kadhachuu in jalqabe; isaan garuu akkas jechuudhaan, isa in arrabsan: Atis daabiloosiidhaan in qabamteeree? Akkasumas, isatti in tufan, akkasumas isaan gidduudhaa isa hin baasanii in gatan, akkasumas immoo warra dubbiiwwan Almaa fi Amuleeq dubbatanitti amanan hundumaa baasanii in gatan; akkasumas namoota dhagaa isaanitti darbatanis isaanitti in ergan.
8 Akkasumas, haadholii manaa fi ijoollota isaanii iddoo tokkotti in fidan, akkasumas namni dubbii Waaqayyoo amane yookiin akka amanuuf kan barsiifame kamiyyuu abiddatti akka gataman in godhan; akkasumas immoo isaan galmeewwan isaanii warra caaffata qulqullaa’oo of keessaa qaban in fidani, akka isaan gubatanii fi abiddaan balleeffamaniif; akkasumas isaanis immoo ibiddatti in gatan.
9 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan, akka isaan badiisa warra abiddaan gubamanii ilaalanii dhugaa ba’aniif, Almaa fi Amuleeqiin fuudhanii gara bakka namoonni amantii isaaniif jedhanii itti wareegamanitti isaan in geessan.
10 Akkasumas, Amuleeq yommuu dhukubbii dubartootaa fi daa’imman ibidda keessatti gubataa jiranii argetti, innis immoo dhukkubbiin itti dhaga’amee ture; akkasumas Almaadhaanis akkas in jedhe: Akkasumas nuyi akkamittiin gochaa suukaneessaa kana dhugaa ba’uu dandeenyaaree? Kanaafuu, kottu harka keenya haa diriirsuun, akkasumas humna Waaqayyoo isa nu keessa jirutti haa fayyadamuun, akkasumas abidda boba’aa kana irraas isaan haa oolchinuu.
11 Almaan garuu akkas isaan in jedhe: Harka koo akkan diriirsuu hin qabne Hafuurichi na dirqisiiseera; kunoo Gooftaan gara ofii isaatiitti ulfinaan, isaan in fudhata; akkasumas isaan waanta kana akka godhaniif, yookiin sabichi, akkaataa jabina garaa isaaniitti firdiiwwan inni dheekkamsa isaatiin isaan irratti raawwatu qajeelaa akka ta’uuf, akka isaan waan kana isaan irratti godhaniif in heyyama; akkasumas dhiigni warra qulqullootaa isaan irratti dhugaa baatuu ta’ee in dhaabbata, eeyyee, akkasumas guyyaa dhumaattis humnaan isaan irratti in iyya.
12 Amma Amuleeq Almaadhaan akkas in jedhe: Kunoo, tarii isaan nunis immoo nu gubuu danda’u.
13 Akkasumas, Almaanis akkas jedheen: Akka fedha Gooftaa haa ta’u. Garuu, kunoo, hojiin keenya hin xumuramne, kanaafuu isaan nu hin guban.
14 Amma kun erga ta’ee booddee, reeffi warra abiddatti darbatamanii, akkasumas galmeewwan isaanii wajjin gatamanii turan yommuu gubamanitti, angafni abbaan firdii biyyattii dhufee akkuma isaan hidhamanii turanitti, Almaa fi Amuleeqiin dura in dhaabbate; akkasumas harka isaatiin maddii isaanii irra isaan in rukute, akkasumas akkas isaaniin in jedhe; Isin waan kana erga argitanii booda, akka isaan galaana abiddaa fi dhagaa boba’uutti gadi akka darbataman erga argitanii booda deebitanii saba kanatti in lallabduuree?
15 Kunoo, isin warra abiddatti gataman fayyisuuf humna akka hin qabne argitaniittuu; yookiin Waaqayyo sababii isaan amantii keessan irraa ta’aniif isaaniin hin fayyifne. Akkasumas, abbaan firdii ammas maddii isaanii irra isaan rukutee, akkasumas akkas jechuun in gaafate: Isin ofii keessaniif maal jettu?
16 Abbaan firdii kun sirnaa fi amantii Nehoor isa kan Gidewooniin ajjeesee hordofa ture.
17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, Almaa fi Amuleeq homaa isaaf hin deebifne; akkasumas ammas isaan in rukute, akkasumas mana hidhaatti akka isaan darbataniif qondaaltotatti dabarsee isaan in kenne.
18 Akkasumas, isaan guyyoota sadiif mana hidhaatti darbatamanii erga turanii, abbootiin seeraa, akkasumas abbootiin firdii, akkasumas luboonni, barsiisonni, warra ogeessota Neehor turan baay’een in dhufan; akkasumas isaan arguuf gara mana hidhaa in seenan, akkasumas waa’ee dubbiiwwan baay’ee irrattis isaan in gaafatan; isaan garuu homaa isaaniif hin deebifne.
19 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, abbaan firdii fuula isaanii dura dhaabatee, akkasumas akkas jedheen: Isin maaliif gaaffiiwwan namoota kanaahin deebiftaniree? Ani isiniin abiddaatti dabarsee kennuudhaaf humna akkan qabu hin beektaniiree? Akkasumas, inni akka isaan dubbatan in abboome; isaan garuu homaa isaaniif hin deebifne.
20 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan ba’anii karaa isaanii in adeeman, borumtaas ammas deebi’anii in dhufan; akkasumas abbaan firdii ammas maddii isaanii irra isaan in rukuteen. Akkasumas, baay’eenis immoo dhufanii, akkasumas isaan in rukutan, akkasis in jedhaniin: Isin deebitanii dhaabbattanii saba kanatti in faradduu, akkasumas seera keenyas in qeeqxuuree? Isin humna guddaa akkasii yoo qabaattan maaliif of hin oolchitaniree?
21 Akkasumas, isaan waantota akkasii baay’ee isaaniin in jedhan, ilkaan isaanii isaan irratti cicciniinnachaa, akkasumas isaanitti tufuudhaan, akkasis in jedhaniin: Nuyi gaafa nutti faradamu maal fakkaannaree?
22 Akkasumas, waantota akkasii baay’ee, eeyyee, isaan waan akkasii hundumaa isaaniin in jedhan; akkasumas isaan akkasitti guyyoota baay’eedhaaf isaanitti in qoosan. Akkasumas, akka isaan beela’aniif nyaata, akkasumas akka isaan dheebotaniifis bishaan isaan in dhowwatan; akkasumas isaan dabalanii akka isaan qullaa ta’aniif uffata isaanii isaanii irraa in fudhatan; akkasumas isaan akkasittiin funyoo cimaadhaan, akkasumas mana hidhaa keessatti hidhamanii turan.
23 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan akkasitti guyyoota baay’eedhaaf erga dhiphatanii booda, akkasumas kun abboonni firdii saba Nefii irratti mo’anii, guyyaa kudha lammaffaa isaatti, ji’icha keessaas ji’a isa kurnaffaa keessa abbaan firdii olaanaa biyya Ammoonihaa fi barsiisonni isaanii baay’een, akkasumas abbootiin seeraa isaanii baay’een gara mana hidhaa isa Almaa fi Amuleeq funyoodhaan keessatti hidhamanii jiraniitti in deeman.
24 Akkasumas, abbaan firdii olaanaan fuula isaanii dura dhaabbatee, akkasumas ammas isaan in rukute, akkasumas akkas isaaniin in jedhe: Isin humna Waaqayyoo yoo qabaattan hidhaawwan kana jalaa of oolchaa, akkasumas sana booda nuyi akka dubbii keessaniitti Gooftaan saba kana akka balleessu in amanna.
25 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, hundumti isaanii hamma dhumaatti illee, dubbiima wal-fakkaataa dudubbachaa, gara fuul-duraatti ba’anii isaan in rukutan; akkasumas yeroo namni inni dhumaa isaanitti dubbatetti humni Waaqayyoo Almaa fi Amuleeqiin irra in ture, akkasumas isaan ka’anii miilla isaaniitiin in dhaabbatan.
26 Akkasumas, Almaan akkas jechuudhaan, in iyye: Yaa Gooftaa, Yaa Gooftaa, nuyi hamma yoomiitti dhiphinoota gurguddaa kanneeniin rakkannaa, akka amantii keenya isa nuyi Kiristoositti qabnuutti, hamma bilisa ba’uutti illee humna nuuf kenni. akkasumas funyoo ittiin hidhamanii turan in kutan; akkasumas namoonni yeroo kana arganitti, sodaan badiisaa waan isaan irratti dhufeef, isaan baqachuu in jalqaban.
27 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, sodaan isaanii baay’ee guddaa waan tureef isaan lafatti in kufan, akkasumas balbala mana hidhaa isa ittiin gadi ba’an hin arganneen ture; akkasumas lafti akka malee in kirkirte, akkasumas mandhaabni mana hidhichaas iddoo lamatti addaan in hirame, kanaafis isaan lafatti in kufan; akkasumas abbaan firdii, abbootiin seeraa, luboonni, akkasumas barsiisonni, warri Almaa fi Amuleeqiin rukutan, kufaatii achi tureen ajjeefamanii turan.
28 Akkasumas, Almaa fi Amuleeq mana hidhaa keessaa ba’anii in dhufan, akkasumas isaan hin miidhamne ture; sababni isaa akka amantii isaanii isa isaan Kiristoos irra tureetti, Gooftaan humna isaaniif kenneera. Akkasumas, isaan achumaanis mana hidhaa keessaa in ba’an; akkasumas isaan funyoo isa ittiin hidhamanii turan irraa hiikamaniiru, akkasumas manni hidhichaa diigamee lafatti kufee ture, akkasumas lubbuun hundinuu mandhaabni ishee keessa turan, Almaa fi Amuleeq irraa kan hafe ajjeefamanii turan; akkasumas isaan ariitiidhaan gara magaalattiitti in ba’an.
29 Amma namoonni iyya guddaa dhaga’an waanta ta’e sana beekuuf fiigichaan walitti qabamanii tuutaan in dhufan; akkasumas isaan yeroo Almaa fi Amuleeqiin mana hidhaa keessaa ba’uu arganitti, akkasumas mandhaabni isaa lafatti kufuu isaa yeroo arganitti, sodaa guddaadhaan in rukutaman, akkasumas, akkuma re’een ilmoo ishee wajjin leenca lama jalaa baqattuutti fuula Almaa fi Amuleeqiin duraa in baqatan; akkasumas isaan akkasitti fuula Almaa fi Amuleeqiin duraa in baqatan.