Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 7


Dubbiiwwan Almaan saba Gidewoon keessa jiraniif dabarse, akka galmee ofii isaatitti.

Boqonnaa 7 kan of keessatti qabateedha.

Boqonnaa 7

Kiristoos Maariyaam irraa in dhalata—Inni hidhaawwan du’aa in hiika, akkasumas cubbuu saba isaa in baata—Warri yaada garaa geeddaratan, warri cuuphaman, akkasumas warri abboommota eegan jireenya bara baraa in qabaatu—Xuraa’ummaan mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u—Gadi of deebisuun, amantiin, abdiin, akkasumas arjummaan in barbaadamu. Naannoo bara 83 Dh.K.D.

1 Kunoo, jaal’atamoo obboloota koo, ani gara keessan akkan dhufu naaf heyyamameera, kanaafuu ani dubbii afaan ofii kootiin isiniitti dubbachuuf nan yaala; eeyyee, anis sababa guutummaatti hojii teessoo firdii irra qofaa kaa’ameef, hojii baay’ees waanan qabadheef gara keessan dhufuu hin dandeenye, kanaafuu ani dubbii afaan kootiin isinitti dubbachuun koo yeroo jalqabaati.

2 Akkasumas ammas, namni biraa iddoo koo bu’ee teessoon firdii utuu hin kennamne ta’ee ani silaa yeroo kana dhufuudhaaf hin danda’un ture, akkasumas Gooftaan araara guddaadhaan gara keessan akkan dhufuuf naaf heyyameera.

3 Akkasumas kunoo, isin fuula Waaqayyoo duratti gadi akka of deebiftan akkasumas ayyaana isaa kadhachuu akka itti fuftan, fuula isaa duratti warra mudaa hin qabne taatanii fi akka obboloota keenya warra Zarahemlaa haala hamaa keessa akka isin hin jirre akkan argu ani abdii guddaa fi hawwii baay’ee qabadheen dhufe.

4 Inni akka isaan deebi’anii karaa qajeelummaa irra akka jiran akkan beekuu na godhe, akkasumas sababa kanaan garmalee akkan gammadu kan na taasise maqaan Waaqayyoo kan eebbifame haa ta’u.

5 Akkasumas, ani akka Hafuura Waaqayyoo isa na keessa jiruutti, isin irrattis immoo ani gammaachuu nan qabaadha; haa ta’u malee gammachuunani isin irratti qabu jiranii sababa dhiphinaa fi gidiraa baay’ee sababa obboloota Zarahemlaa jiranii na mudate irraa kan ka’e akka ta’u hin barbaadu sababni isaa kunoo, gammachuun koo inni ani isaan irraa dhufe erga isaan rakkinaa fi gidiraa baay’ee keessa darbanii boodadha.

6 Garuu kunoo, isin akka obboloota keessanii haala amantii dhabuu hamma kana keessa akka hin jirre ani nan amana; of tuulummaa garaa keessaniitiin akka isin ol of hin kaafamnes ani nan amana; eeyyee; ani garaa keessanis qabeenyaa fi waan bu’aa hin qabne isa biyya lafaa irra akka isin hin kaa’anne nan amana; eeyyee, ani waaqa tolfamaa akka isin hin waaqeffanne, garuu isin isa dhugaa fi Waaqayyo isa jiraataa akka waaqefattan, dhiifama cubbuu keessanii argachuuf isa dhufuuf jiru, amantii bara baraatiin akka eeggatan nan amana.

7 Kunoo, ani isiniin nan jedha, waantonni baay’een dhufuuf jiru; akkasumas kunoo, isaan kana hundumaa caalaa barbaachisaa kan ta’e waanta tokkotu jira—kunoo, yeroon Fayyisaan itti dhufuufi saba isaa gidduu itti jiraatu fagoo miti.

8 Kunoo, ani yeroo inni itti qaama foon isaatiin nu gidduu dunkaana isaa isa du’u keessa jiraatutti in dhufa hin jedhu; sababiin isaas kunoo, kuni akka ta’u Hafuurichi kana anatti hin himne. Amma waana kana ilaalchisee ani baay’ee hin beeku; garuu hamma kana nan beeka, Waaqayyo Gooftaan akka dubbii isaatiitti waan hundumaa raawwachuuf humna akka qabu nan beeka.

9 Garuu kunoo, Hafuurri akkas jechuun baay’isee akkas naan jedheera: Saba kanaatti akkas jechuun, iyyi—Isin yaada garaa geeddaradhaa, karaa Gooftaaf tottolchaa, akkasumas karaa isaa isa qajeelaa, ta’e irra adeemaa; sababiin isaas kunoo, mootummaan waaqaa dhihaateera, akkasumas Ilmi Waaqayyoos fuula lafaa irra in dhufa.

10 Akkasumas kunoo, inni Maariyaam irraa biyya abbootii keenyaa ishee jalqabaa kan taate Yerusaalemitti in dhalata, isheen durba ta’uudhaan, meeshaa gati-jabeessaa fi meeshaa filatamtuu taatee, humna Hafuura qulqulluutiin golgamtee akkasumas in ulfoofti, akkasumas Ilma Waaqayyoo illee, eeyyee, ilma in deessi.

11 Akkasumas, inni, dhukkubbii, dhiphinaa fi qormaata gosa hundumaa keessa in darba; akkasumas kunis kan ta’u dubbii inni dhukkubbii fi dhibee saba isaa of irratti in fudhata jedhu akka raawwatamuufiidha.

12 Akkasumas, inni hidhaa du’aa isa saba isaa hidhu akka hiikuuf, inni du’a of irratti in fudhata; akkasumas inni akka fooniitti, garaan isaa araaraan akka guutamuuf, akka fooniitti akkamittiin saba isaa dadhabina isaanii irraa gargaaruu akka danda’u akka beekuuf, inni dadhabbii isaanii of irratti in fudhata.

13 Amma Hafuurri waan hundumaa in beeka; haa ta’u malee Ilmi Waaqayyoo namoota humna fbilisa baasuu isaatiin irra daddarbaa isaanii haquuf, cubbuu saba isaaof irratti fudhachuun inni foon isaatiin in dhiphata; akkasumas amma kunoo, kun dhuga ba’umsa isa na keessa jiruudha.

14 Amma ani isiniin nan jedha yaada garaa keessanii geeddarachuu, akkasumas lammata dhalachuu qabdu; sababni isaa isin yoo lammata hin dhalattan ta’e mootummaa waaqaa dhaaluu hin dandeessan Hafuurichi in jedha; kanaafuu isin cubbuu keessan irraa akka dhiqamtaniif, Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhe, isa fayyisuu fi waan qulqulluu hin taane hundumaa irraa isa qulqulleessuuf humna guddaa qabutti amantii akka qabaattaniif, kottaa akkasumas yaada garaa geeddarachuudhaan cuuphamaa.

15 Eeyyee, ani isiniin nan jedha hin sodaatinaa kottaa, akkasumas cubbuu hundumaa isa salphaatti isin rakkisu, isa badiisatti isin geessu hundumaas cinaatti dhiisaa, eeyyee, kottaa fuula duraatti adeemaa, akkasumas isin cubbuu keessan irraa yaada garaa geeddarachuu fi isa wajjin kakuu seenuun abboommota isaa eeguuf fedha-qabeessota ta’uu keessan Waaqayyo keessanitti agarsiisaa, akkasumas guyyaa kana gara bishaan cuuphaatti seenuudhaan isaaf dhugaa ba’aa.

16 Akkasumas eenyu illee kana yoo godhe, akkasumas ammaa kaasee abboommota Waaqayyoo kan eegu, isan isatti dubbadhes in yaadata, eeyyee, inni akka Hafuura Qulqulluun, inni na keessa jiru, dhugaa naaf ba’eetti, inni jireenya bara baraa akka qabaatu, isa ani isatti dubbadhe in yaadata.

17 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, isin waantota kana in amantuuree? Kunoo, ani isiniin nan jedha, eeyyee, ani akka isin isaanitti amantan nan beeka; akkasumas karaan ani akka isin beektan hubadhes karaa mula’ta Hafuuraa isa ana keessa jiruuniidha. Akkasumas amma, waa’ee wantoota ani dubbadhee ilaalchisee amantiin keessan jabaa waan ta’eef, eeyyee, gammachuun koo guddaadha.

18 Akkuma ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime, hawwiin koo akka guutame haa beekuyyuu malee isin akka obboloota keessanii akka isin gaaga’ama keessa hin turre hawwii guddaan qaba ture.

19 Ani akka isin karaa qajeelummaa irra jirtan waanan hubadheef; ani karaa isa mootummaa Waaqayyootti geessu irra adeemuu keessan hubadheera; eeyyee, isin karaa isaa qajeelchaa akka jirtan ani hubadheera.

20 Inni karaa jal’aa irra adeemuu akka hin dandeenye, dhuga ba’umsa dubbii isaatiin akka isinitti beeksifame nan hubadha; akkasumas inni waan dubbate irraas akka hin jal’anne; mirga irraa gara bitaatti, yookiin isa sirrii irraa gara isa dogoggoraatti xiqqoo illee galagaluus hin qabu; kanaafuu, karaan isaa marsaa bara baraa tokkodha.

21 Akkasumas, inni mana qulqullummaa qulqulluu hin taane keessa hin jiraatu, waanti xuraa’es yookiin waanti hin qulqulloofne kamiyyuu mootummaa Waaqayyoo keessatti fudhatama hin qabaatu; kanaafuu ani isiniittan nan hima yerichi in dhufa, eeyyee, akkasumas kunis guyyaa dhumaatti akkas in ta’a, inni xuraa’ee jiru xuraa’ummaa isaa keessatti in hafa.

22 Akkasumas amma, jaal’atamoo obboloota koo, isin akkaataa sirna qulqulluu Waaqayyoo isa fudhataniitti akka deddeebitan, akkasumas mudaa malee isa dura akka deddeebitaniif miira itti gaafatamummaa isin Waaqayyoof qabdan akka isin yaadattaniif isin dammaqsuuf kanneen isinitti dubbadheera.

23 Akkasumas amma, ani akka isin gadi of deebiftan, akkasumas abboomamoo akka taatan fi tasgabbaa’oo; warra hundumaa simattanii fi qormaata dandamattan; fi; waan hundumaa irratti of to’achuun; yeroo hundumaas abboommoota Waaqayyoo eeguudhaan warra dhama’an; waantoota hafuuraa fi foonii, kan barbaaddan lamaanuu kamiiyyuu kadhachuudhaan; isin waan argattan hundumaafis warra Waaqayyoof galata kennitan akka taatan nan barbaada.

24 Akkasumas, amantii, abdii, fi arjummaa akka qabaattan ilaalaa, akkasumas yeroo hundumaa hojii gaarummaa baay’ee in qabaattu.

25 Akkasumas, Gooftaan isin haa eebbisu, akkasumas uffanni keessanis mudaa kan hin qabne haa taasisu, dhuma irrattis teessoo mootummaa waaqarraa irraa Abrahaam, Yisihaaq fi Yaaqoob, akkasumas raajota qulqulloota warra jalqaba uumamuu biyya lafaatii jalqabanii turanii wajjin akka teessaniif, isin deebitaniis achi keessaa akka gadi hin baaneef, uffata keessan akkuma uffata isaanii illee xurii tokko illee kan hin qabne godhaa.

26 Akkasumas, amma immoo jaal’atamoo obboloota koo, ani akka Hafuura isa ana keessatti dhugaa ba’etti dubbii kana isinitti dubbadheera; akkasumas sababiin isaas, dhamaatii guddaa fi xiyyeeffannaa isin dubbii kootiif kennitaniiflubbuun koo garmalee in gammaddi.

27 Akkasumas amma, nagaan Waaqayyoo isin irratti, akkasumas mannneen keessanii fi lafa keessan irratti, akkasumas hoolota fi, loowwan keessanii irratti, akkasumas qabeenya keessan hundumaa irratti, dubartoota keessanii fi ijoollee keessanii irratti, akka amantii keessanii fi gaarummaa hojii keessaniitti, yeroo ammaa jalqabee hamma bara baraatti isiniif haa ta’u. Akkasumas, ani akkasittidubbadheera. Ameen.