Caaffata qulqullaa’aa
Almaa 23


Boqonnaa 23

Bilisummaan amantii in labsame—Warri Laamaan warri biyyootaa fi magaalota torba keessa jiraatan in jijjiiraman—Isaan ofii isaanii Antii-Nefii-Lehii jedhanii in waaman, akkasumas abaarsicha jalaas bilisa in ba’an—Warri Amaaleeqii fi warri Amuloon dhugicha in didan. Naannoo bara 90–77 Dh.K.D.

1 Kunoo, amma kun erga ta’ee booddee mootiin warra Laamaan akka isaan, Amooniin, yookiin Aarooniin, yookiin Omneriin, Himnii yookiin obboloota isaanii irratti yommuu isaan dubbii Waaqayyoo lallabuuf adeemanitti, iddoo isaan ta’an kamitti illee, kutaa biyya isaanii kamiin keessatti illee, isaan keessaa tokko irratti illee harka isaanii akka irratti ol hin fudhanneef; saba isaa hundumaa gidduutti labsii in dabarse.

2 Eeyyee, inni isaan hidhuudhaaf harka isaanii akka isaan isaan irratti hin kaafneef, yookiin mana hidhaatti akka isaan isaaniin hin darbanneef; akka isaan isaan irratti hin tufneefis, akka isaan hin rukunneefis, mana sagadaa isaanii keessaas akka isaan isaaniin hin ari’inneef, akka isaan hin reebneefis; akka isaan dhagaa isaanitti hin darbanneefis, garuu gara mana isaaniitti, akkasumas immoo manneen qulqullummaa isaaniitti, akkasumas iddoowwan qulqullaa’oo isaaniittis seenuudhaafis, isaan heyyama bilisaa akka isaan qabaataniif gidduu isaaniitti labsii in dabarse.

3 Akkasumas, sababii mootichi, akkasumas maatiin isaa hundinuus gara Gooftaatti jijjiiramaniif, akkasittiin isaan akka fedhiiwwan isaaniitti adeemanii dubbicha lallabuu danda’aniiru; kanaafuu waanti dubbii Waaqayyootti gufuu ta’u akka hin jiraanneef, garuu guutummaa biyyattii keessa akka adeemuuf, sabni isaa waa’ee aadaalee abbootii isaanii isa hamaa akka amansiifamaniif, akkasumas isaan hundinuu obbolaa ta’uu isaanii akka amansiifamaniif, akkasumas isaan akka hin ajjeefneef, yookiin hin saamneef, yookiin hin hanneef, yookiin ejja hin raawwanneef, yookiin jal’ina gosa kamiin iyyuu raawwachuu akka hin qabne, inni guutummaa biyyichaa keessatti saba isaatiif labsii isaa in erge.

4 Akkasumas ammas kun erga ta’ee booddee, yeroo mootichi labsii kana ergetti, Aaroonii fi obboloonni isaa magaalaa irraa gara magaalaatti, akkasumas mana waaqeffannaa tokko irraa gara isa kan biraatti, waldoota hundeessuudhaan, akkasumas lubootaa fi barsiisota guutummaa biyyattii keessatti warra Laamaaniin gidduutti, akka isaan gidduu isaaniitti dubbii Waaqayyoo barsiisanii fi lallabaniif in muudan; akkasumas isaan akkasittiin milkaa’ina guddaa argachuu in jalqaban.

5 Akkasumas, kumaatamaan kan lakkaa’aman gara Gooftaa beekuutti fidamanii turan, eeyyee, kumaatamaan kan lakkaa’amanis aadaalee warra Nefii gara amanuuttis dhufanii turan; akkasumas isaan galmeewwanii fi raajiiwwan hamma ammaatti darban illee barsiifamanii turan.

6 Akkasumas, dhugaa Waaqayyo isa jiraataati, akkaataa hafuura raajii fi mul’ataa, akkasumas akka humna Waaqayyoo isa keessa isaaniitti hojii dinqisiisaa hojjetuun, lallaba Amoonii fi obboloota isaa keessa jiruun dhugumaan kan amanan hundumtuu yookiin kan gara dhugicha beekuutti fidamanii turan hundumtuu, eeyyee, anii isiniin nan jedha, dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, warri Laamaan lallaba isaaniitti amananii turan hundumtiisaanii gara Gooftaattis jijjiiramanii turan, akkasumas gonkumaas hin amantii isaanii hin dhiifne turan.

7 Isaan saba qajeelaa waan ta’aniif; isaan kana caalaa Waaqayyoo wajjinis ta’e, obboloota isaanii kamii wajjin iyyuu akka wal hin lolleef, isaan meeshaa lolaa isaanii lafa kaa’aniiru.

8 Amma, isaan kun warra gara Gooftaatti jijjiiramanii kan turaniidha.

9 Namoota warra Laamaanii warra biyya isa kan Ishmaa’eeliin keessa turan;

10 Akkasumas immoo namoota warra Laamaanii kan biyya Midoonii keessa turan;

11 Akkasumas immoo namoota Laamaan warra magaalaa isa kan Nefii keessa turan;

12 Akkasumas immoo, namoonni warra Laamaan warri biyya isa kan Shiloomiin keessa turan, akkasumas warra biyya isa kan Shemlooniin keessa turan, akkasumas magaalaa Lemu’eeliin keessa turan, akkasumas magaalaa Shimniloom keessa turan.

13 Akkasumas, isaan kun maqaalee magaalota warra Laamaanii gara Gooftaatti jijjiiramaniidha; akkasumas isaan kun warra meeshaa lolaa isaanii, eeyyee, meeshaalee lolaa isaanii hundumaa lafa kaa’aniidha; akkasumas hundumti isaanii warra Laamaaniin turan.

14 Akkasumas, warri Amaaleqiin keessaa tokko irraa kan hafe, hin jijjiiramneen turan; akkasumas warra Amulooniin keessaa tokko illee hin turre; garuu isaan garaa isaanii in jabeessan, akkasumas immoo garaan warra Laamaan warra kutaa biyyattii sanaa keessa jiraatanii hundinuu, eeyyee, akkasumas gandoota isaanii hundumaa fi magaalota isaanii hundumaa keessattis in jabeessan.

15 Kanaafuu, nuyi magaalota warra Laamaanii isa isaan keessatti yaada garaa isaanii geeddaratanii fi gara dhugaa beekuutti dhufanii turanii, akkasumas warra jijjiiramanii turan hundumaa maqaa dhoofneerra.

16 Akkasumas amma kun erga ta’ee booddee, mootichii fi warri jijjiiraman maqaa akka qabaataniif, isaan obboloota isaanii irraas adda akka baafamanii akka beekaman barbaadaanii turan; kanaafuu maqaa isaan of irratti fudhatan ilaalchisee isaan akka adda baafamaniif mootichi Aaroonii fi luboota isaanii baay’ee wajjin in mari’ate.

17 Akkasumas kun erga ta’ee booddee, isaan maqaa isaanii Anti-Nefii-Lehii jedhanii in moggaasan; akkasumas isaan maqaa kanaan in waamaman, akkasumas sana boodas warra Laamaanii jedhamanii hin waamamne ture.

18 Akkasumas, isaan saba warra baay’ee itti dhimmanii hojii hojjetan ta’uu in jalqaban; eeyyee, akkasumas isaan warra Nefii wajjin hirriyoomanii turan; kanaafuu, isaanis walii wajjin in michooman, akkasumas abaarsi Waaqayyoos kana booda isaan hin hordofne.